𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
9.22K subscribers
546 photos
20 videos
20 files
1.76K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
Waa lamatu jireenya namaa balleessa. isaanis:
Waan dabreen dhiphatuu fi harka namaa eeggatuu.

Namni balbala waan dabree dhadhadhahe, balbala fuulduraattu jala dabra.
namni nama biraa harka eeggates, boqonnaa isaa harka caalu dhaba.

Kanaafuu nama biraatiin busy tahuu fi waan bira dabarreenis busy tahuun jireenya keenya balleessuu keessatti gahee guddaa qaba.

Share👇
https://t.me/tafak_or
Galoo/lolaa wallaalaa...., hidhaa/giddibii beekkumsaa qofatu nurraa dhaaba...


#Haa_barannuu... 👇
@tafak_or
Hanga wallaalaan biyya balleessu, waraanni biyya hin balleessu....

@Ibro
#Akkana_turre

Kaalid binu Waliid xalayaa kisraatti (Moggaasa mootummoota Persia/Furs) hundaafakkana jedhee barreesse:
“ Islaamummaa qabadhu nagaan jiraattaa, yoo didde garuu dhiira akka isin jiraachuu jaalattan du'uu jaalattu qabadhee sitti duulaa... ”
Kisraan xalayaa erga dubbisee booda... deeggarsaa fi birmaannaa barbaacha mootummaa biyya chaayinaatti xalayaa barreeffate...
Mootummaan chaayinaas akkana jedhee deebii deebiseef:

Yaa kisraa koo...!, Ani ummata osoo Gaara buqqisuu barbaadanii buqqisuu danda'an afoo dhaabachuuf humna itti hin qabu... ”

#Eessa_jirra_amma👇
https://t.me/tafak_or
Ani ballaas miti... maraattuus miti... garuu gaafuma gatiin nyaataa rakasee, gatiin ilma namaa dabalu arguuf hawwee dadhabe.... !
#Ramadaana_booda_hoo?

Ramadaanni keessaa bahee guyyaa muraasa lakkoofsisee jira. haala keenya kan Ramadaana keessaatiin Wal bira qabnee yoo ilaallu... mee Ramadaana booda akkam jirra ?

Aaah lubbuu koo...! guyyaa ajaa'ibaa keessa turte; salaata, dhaabbata, qaraatii qur'aanaa, sooma, zikrii, du'aa'ii, sadaqaa, tola ooltummaa fi firoottan koo jajjabeessuudhaan ibaadaa gaarii dabarsaa ture...!
Mi'aa Iimaanaa dhandhamnee, maalummaa soomaa hubannee, mi'aan imimmaanii nutti muldhatee, obboroo yeroo suhuuraa Rabbitti warwaachuun aadaa keenya tahee ture.
Salaanni keenya salaata nama gammachuun isaa fi jireenyi isaa hundi salaata keessa jirtuu fakkaata ture. Soomni keenya sooma nama gatii isaa beekee fi mi'aa isaa dhandhamee baree fakkaata. yeroo sadaqannu sadaqaa nama hiyyummaa hin sodaannee kennataa turre.... akkas turree... akkas turree....Ramadaana keessa akka hedduu turre.
akkasitti balbala keeyrii hunda keessa gangalachaa turre... hanga hedduun keenya... osoo duuti keenya Ramadaana booda taatee hoo jennee hawwinu takka ture.... 😢
Ramadaanni nurraa fe'atee jira... erga Ramadaanni nurraa fe'atee guyyaa xiqqoodha... baatii takkaahuu hin guunne... garuu namni qara hin salaanne kan Ramadaana keessa salaataa ture.. kan bakka durii sanatti deebi'ee meeqa...!
kan dhala nyaachaa ture, yeroof uf qusate amma dhala eegale meeqa...!, kan Haraama laaluu aadeffate, kan Ramadaanaaf irraa cite, amma eegale meeqa.. kan sigaaraa aarsuuf dhiise, Ramadaanni baanaan aarsaa jiru meeqa kam...!
Nuti akkuma yeroo Ramadaanaa turtan San, Ramadaana boodas addaan hin citinaa jechuu baannus... garuu yoo xiqqaate dalagaa gaggaarii tana: Sooma, dhaabbata halkanii, sadaqaa fii keeyrii dalagannu sana osoo itti jabaannee jechuu barbaade...

Join👇
https://t.me/tafak_or
✍️ Salaata keessatti dubartiin miila ufii muldhisuun taha moo hin tahu___?
Anonymous Poll
23%
A) Hin taha
79%
B) Hin tahu
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
✍️ Salaata keessatti dubartiin miila ufii muldhisuun taha moo hin tahu___?
Deebii erga filattee.... A) ykn B) Tuqxa... achi booda Jala gadi buutee
@Vote kan jedhu San cuqqaasta...
ykn Comment jalatti barreessita
Namoonni kufaatii hedduu booda lafaa ka'an hunduu, miila ufii jijjiiranii osoo hin taane sammuu isaanii jijjiiraniiti....!

@tafak_or
#Simaaf.....

Obboleetti islaamaa... hanguma uffanni kee dhiphataa dhufuun, qabriin teetis dhiphataa dhufti...
Rabbii kee sodaadhu... duuti tee guyyaa takkaa....

@tafak_or
#Yaadachiisa:

Akka tasaa kaleessa osoo garee Tafakkur jalatti nama seensisu... nama maqaan isaa "Allah is my best friend" jedhu arge.
Amma garuu keessaan dubbisa jedhee barbaadee dhabe.
inshallah asumaanuu isaafis namoota biraatiifis gorsa haa tahuufan barreesse. jechoota akkanaa hedduu kan nuti dogoggora tahuu isaa hin beekne, moggaafataa oollu fi itti fayyadamaa oollu heddutu jira.

#Cuunfaan_dubbii: jechoota akka
" Hiriyyaan muslimtootaa Rabbiin qofa, Rabbii koo malee hiriyyaa fi jaalalleehis hin qabu; Rabbii keetitti waahiloomi ykn hiriyyoomi... " jechoonni jedhaman dogongora guddaadha....
wanti Aqiidaan wal qabata waan taheef uf haa eeggannuu isiniin jedha.

Galatoomaa👇
https://t.me/tafak_or
Osoo kijibatti hin dirqamneen duratti karaalee armaan gadii kana dabruu yaali:

👉 Hin dubbatinii... caldhisuuf yaali..,
👉 Deebii deebisuu akka hin dandeenye rakkoo himadhu...!
👉 Hanga wahiis taatu dhugaa irraa dubbadhu.....,
👉 Gaafii sana gaafiidhaan deebisi....,
👉 Dhimma sana dagadhuu, mataduree/ajandaa haaraa eegali....

Rabbumaa jedhii hin kijibin🫵

Share👇
https://t.me/tafak_or
Muhaadaraan keenya ykn barnoonni Sanbata dhufuu... #laamiyaa Kutaa 6ffaan Wal qabatee:

1) Aqiidaa Howditti amanuu,
2) Baldhinna Howdii Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wasallam) ilaalchisee,
Bifaa fi hafuura bishaan kanaa ?
3) Baay'inna Makarajii/jookii fi kubbaayyaa Howdii Rasuulaa.
4) Howdiin iddoo itti argamu,
5) Nama yeroo jalqabaa Howdii irraa dhugu,
6) Nabiyyoonni hunduu Howdii mataa isaanii qaban moo Nabi Muhammad (Sallallaahu aleyhi wasallam) qofatu qaba ?
7) Namoota Howdii Rasuulaa dhuguu hin dandeenye ykn isaan irratti haraamaa,
8) Warroonni Howdii Rasuulaa irraa hammaaratan eennuun fa'a.
9) Aqiidaan Ahlussunnaa Wal jamaa'aa miizaana keessatti maal jetti ?
10) Howdiin Kuni waan amma jiraati moo hin jiru ?
11) Howdiin hin jiru warri jedhu eennu fa'i ?
12) Miizaanni guyyaa qiyaamaa jiraachuu Ragaan qur'aanaa fi Hadiisarraa maali ?
13) Miizaanni Gurraa fi arraba qabaan dhugaadhaa ?
14) Miizaana tokko qofa moo heddutu jira guyyaa sana ?
15) Guyyaa sana maaltu mazzanama ?
Abbaa dalagaati moo, dalagaa isaati moo, galmee dalagaa isaati ?
16) Kan mazzanamu ulfaatinna keeti moo, ulfaatinna kiiloo keetiiti ?
Ragaa qabdaa ?
17) Dalagaan Kuffaaraa mazzanamtii ?
18) Warri Miizaanni qiyaamaa hin jiru jedhu eennu ? maaf akkasitti mormo ?
19) Warra miizaanaan Wal qabatee si morman akkamitti keessummeessuu dandeessa ?

Kun hunduu 👇
وأقر بالميزان والحوض الذي
أرجوا بأني منه ريا أنهل.....
20) Waa'ee Siraaxaa irraa...

👉#Deebiif....Wal argaan keenya Sanabata dhufu galgala sa'aatii 3:00 irratti #Live haa tahu.

Share👇
https://t.me/tafak_or
﴿ولا طعام إلا من غسلين﴾
✍️ Rabbiin qur'aana keessatti, Ummanni kaafiraa azaaba keessatti nyaata
Gisliina jedhamu malee, nyaata biraa hin qaban jedha. Gisliina jechuun___?
Anonymous Poll
27%
A) Bishaan hafuurri hoo'a isaa qofti gogaa namaa quuncisu
40%
B) Malaa warra azaabaa...
39%
C) Muka qoree qabu nyaatan
Hanguma sadarkaan barnoota keetii guddataa dhufuun, beekkumsarraa waan xiqqoo wahii malee akka waan beekne sirritti siif galaa dhufa.
كلما تعلمت أكثر، أدركت أكثر أنك لا تعرف إلا قليلا......
Gaafa barnoota dhiiste beekaa uf seeta, garuu wallaalaan si gahe inuma hin jirre.

Share👇
@tafak_or
Yoo dhageetteef deebii kennuuf hin xaarin:
👇

🫵 waan garmalee furdatte fakkaatta... maaluma nyaatteeti garuu... 🫢
🫵 Nyaatatu hin jirre moo maaltu akkanatti si huqqise garuu siin jedhu.... 🫢
🫵 Qabxiin kankee waan si jalaa gadi bu'e fakkaatta.... 🙈
🫵 Hanga GM ykn spoortii dalaguu eegalte yeroo dheeraadha.... garuu hanga ammaa achumà jirtaa.... 🫢
🫵 Urga biyya ormaa deemtee waggaa hangana turte...hanga ammaa Makiinaa hin binnee...siin jedhu....waa hedduudha...!

Yeroo namoonni gaafii akkanaa si gaafatan ykn dudduuba kee haasahan dhageessu .. hanguma yeroo hunda deebii isaaniif laataa deemtuun keessi kee miidhamaa deema.
Gaafii gaafatamte kana hundaaf deebii kennaa deemta taanaan... ati kan ifaajaa jirtu isaaniif, jijjiiramni ati fiduuf deemtu isaaniif waan tahe namatti fakkaata.
kana jechuun ati kan jiraattu ufiif osoo hin taane namaaf jechuudha
Eennullee haala jireenya keetii hin beeku... eennullee waan ati dabarsitee fi waan ati milkeessite si caala hin beeku...!
Waan keessa jirtuu fi waan dabarsite Rabbii fi si qofatu beeka..kanaafuu gaafii kana hundaa uf duubatti darbuudhaan gara fuulduraatti tarkaanfadhu...!

@Ibro👇
https://t.me/tafak_or
Yoo osoo walin garre akka tasaa duuti na fudhatte... si arguudhaaf baay'ee akka hawwaa ture hin dagatin...!
@tafak_or