𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
12K subscribers
585 photos
23 videos
32 files
2.07K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
#Salphinna_Hanbisuuf_Ulfinna_Ajjeesan!
Seenaa
Guyyaa tokko jedhan Waraanni Ganda tokko seenee, dubartoota ganda san keessa jiran hundaa dirqamaan gudeede, dubartii takkattii wahii malee, isheen immoo loltuu san afoo dhaabattee harka kennachuu diddaaf mataa irraa gatte/Ajjeefte!.

Erga loltoonni hunduu haajaa isaanii geeffatanii gara kaampii waraana isaaniitti deebi'anii booda, intala san malee dubartoonni hunduu uffannaa isaanii kan isaan irratti ciccite harkaan walitti qabataa, imimmaan dhangalaasaa manaa gadi bahan. Isheen garuu mataa namichaa harkatti baadhattee, ija ishee ija leencaa fakkeessaa, dubartoota hafan xiqqeessaa manaa gadi baatee akkana jette:
"Yookaa ajjeesee yookaanii na ajjeesee jedha malee!, hanga inni na roorrisu waan ufitti dhiisu seetanii!."

Achumaa dubartoonni ganda sanaa hunduu ija keessa wal ilaalanii waa lamaaf intalattii tana ajjeesuu qabna jedhan, wnti lamaa sunis:

#1ffaa; Intalti tun injifannoo galmeessite kanaan nu caaltee akka hin argamne, nu salphannee isiin akkamitti kabajaa kanaan jiraatti!?
#2ffaa; Jaarsotiin teenya yoo duulaa dachaate, Dubbiin teenya isaan bira gahuu hin ooltu, isin intala san hanqattanii? nuun jedhanii hin salphannaa!, salphinna kana hundaa hanbisuuf intala tana ajjeesuu qabna jedhanii booda dubartoonni ganda sanaa hunduu itti waliigalanii osoo isiin hin beekin ajjeesan jedhan.

➫ Kuni waan yeroo ammaa haawaasa keenya keessa jiruun seeraan walgala, dogoggora isaanii dhokfachuudhaaf kaan ni ajjeesan, kaan biyyaa baasan, kaan hidhatti darban, kaan immoo afoo dhaabatanii falman, kuni hunduu nu salphisa jechaa sodaataniiti!!
Namni isinitti tole #like$share godhaa.
Kitaaba Afaan Arabaa "Seenaa Lola Auropaa/قصص حروب أوروبا/ jedhu irraa dubbise.
Join👇
https://t.me/tafak_or
#Namtichi_fokkataan_kuni_bu'aa_maal_nuu_buuse?
#Dubbisaa
➾Jechi isaa keessa keenya laalessus garuu kallattii tokkoon bu'aa nuuf buusee jira,keessaa;

#1ffaa; Jaalalli ilmi namaa Rasuula Isaatiif qabu(SAW) garmalee dabaluu.
#2ffaa; Tokkummaan muslimootaa cimaa akka deemu/muslimoonni akka dammaqan godheera.
#3ffaa; Muslimtoonni seenaa Hayyuduree fi Imaama Anbiyootaa, Sesnaa Nabiyyii keenyaa dubbisutti akka bobba'u godheera.
#4ffaa; Seenaan Nabiyyii keenyaa, Akhlaaqni isaanii fi sadarkaan isaanii miidiyaa hawaasaa irrattii fi masjidota hedduu irratti barsiifamuu eegalee jira.
#5ffaa; Namoonni asiin dura Islaamummaa maqaa qofa qaban Islaamummaa dhamaa fudhachuu eegalan.
#6ffaa; Jibbaa Yahuudaan Islaamummaadhaaf qaban...kan Rabbiin Qur’aana keesatti nuuf himee ture san....namichi kun ifatti nuuf basee jira.
وما تخفي صدورهم أكبر.
#Salawaata_Buusaa
Join👉https://t.me/tafak_or
Dawaan Qalbii waa shan (5) (jedhe Hayyuun tokko) :

#1ffaa : Qur’aana hubannaan qara'uudha.
#2ffaa : Garaan qullaa ta'uudha (Soomana soomuu).
#3ffaa : Dhaabbata halkanii ( Salaata Leylii ).
#4ffaa : Yeroo obboroo/Suhuuraa sana Rabbitti warwaachuu.
#5ffaa : Namoota gaggaarii wajjiin jiraachuu.

Join👉@tafak_or
@tafak_or
#Cuunfaa_I'itikaafaa!

#1ffaa : I'itikaafa jechuun waan qabde tokko yeroo murtaa'eef irra turuudha (akka afaan Arabaaatti).
➛Akka shari’aa Islaamaatti : I'itikaafa jechuun Niyyaa Ibaadaatiin masjidatti galtee, masjida keessa turuudhaan jedhama!.
🌹#2ffaa (#Maalummaa_Iitikaafaa)
➫Qalbiin tantee Rabbiin wajjiin turuudha, maqoo Rabbiin wajjiin bahuudha.
➫Rabbiin malee Uumaa biroo irraa fagaachuudha.
➫Ilma namaa dhiistee Rabbuma kankee qofa wajjiin busy ta'uudha.
➫Hanga Zikriin Rabbii, jaalalaa fi maqoon ati isa wajjiin baatu qalbii tantee moo'an takkatti isatti kalaahuu qabda.
➬Kanaafuu namni ati yeroo hunda itti boohartu Rabbii kankee qofa ta'uu qaba jechuudha.
➫Kaayyoon kankee guddaan jaalala isaa horachuu fi Rabbii kankeetitti garmalee kalaa'uu ta'uu qaba.
(#3ffaa)....itti fufa.

🌱🌱🌱
Join👉https://t.me/tafak_or
#Dogoggoroota_guyyaa_Iidaa kan shari'aa Islaamaa faallessan keessa :🚫🚫

#1ffaa : Halkanii fi guyyaa Iidaa sana keessatti SunnaaTakbiiraa dagachuun adeemsa Islaamaa irraa miti.
Rabbiin Qur’aana keessatti guyyaa sana akka Takbiiraadhaan dabarsinu nu ajajee jira :

﴿ وَلِتُكمِلُوا العِدَّةَ وَلِتُكَبِّرُوا اللَّهَ عَلى ما هَداكُم وَلَعَلَّكُم تَشكُرونَ ﴾ [البقرة:185]

#2ffaa : Takbiiraa yeroo jedhan waliigalanii sagalee tokkoon jechuun, akkasuma nama tokko dhaggeeffataa jalaa qabuun, gosoota Takbiiraa kan guyyaa saniif jecha karaa hin godhamne fayyadamuun sirrii miti.
@Ibroo

Join👉https://t.me/tafak_or
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Deebii👇
#Xalhaa (Radiyallaahu anhu)

[kurnyan Jannataan gammachiifaman keessaa isa tokko ]
➛Dubartoota 4 fuudhe, afranuu Obboleewwan ishee Ergamaa Aalamaattu uf jalaa qaba. Isaanis :

#1ffaa : Ummu Kulsuum intala Abii Bakrii (Obboleettiin ishee Aa'ishaa haadha manaa Rasuulaati).
#2ffaa : Hamnaa intala Jahshii [Obboleettii Zeynabaa binti Jajshii ] fuudhee uf jalaa qaba.
#3ffaa : Faari'aa [Obboleettii Ummu Habiibaa intala Abii Sufiyaan ] fuudhee uf jalaa qaba.
#4ffaa : Ruqayyaa intala Abii Umayyaa [ Ummu Salamaa : Hindi binti Abii Umayyaa ] fuudhee uf jalaa qaba.
Radiyallaahu anhum Ajma'iin.

➛ Namni deebii kana sirriitti argate, nama chaanaalii keenya yeroo dheeraaf hordofaa ture #Mubaarak_Zakaariyyaa jedhama, Mubee Jzk keyran, Rabbiin ilmii irraan ilmii siif haa dabalu siin jenna.

Follow me👇
https://t.me/tafak_or
Dhaamsa 10 tana narraa fudhaa mee nan tuffatinaa...

#1ffaa: Leenci hanga fedhe beelahus marga hin dheedu. hanga feete rakkattus; miidhamtus; dhiitamtus bakka Kee gadi hin dhiisin.
#2ffaa:Carraan si Jala dabre tokko durumaa carraa keetii miti waan ta'eef maaf ? akkamitti na jala dabre ? jettee mataa uf hin nyaatin...
#3ffaa: Iccitiin milkaa'innaa jabaatanii hojjachuu keessa jira waan ta'eef... hanga haasoftu caala, harkaan tattaafadhu...
#4ffaa: Jireenyi hammaatte dhiira gootee qartee si baasti... jireenyi quufaa sobdee fakkaataa dhiiraa gootee si hanbisti.
#5ffaa: Namoota milkaa'inna hedduu argamsiisan wajjiin ooluun... salphamatti yaaduma isaanii qofaan akka daftee milkooftuuf si qarqaara...
#6ffaa: Jalqaba kee irratti ijjannóo kee bakkaa sochoofta taanaan... gaafa hamilee guddaa irra geettes akka salphaatti kuftu beeki...
#7ffaa: Hujiin ulfinna... namni hunduu bakkuma jirtutti hujii isaa qulqullinnaan haa raawwatuu...!
#8ffaa: Strategyn humna waan qabuuf jiraadha jedhu dogoggora. iccitiin jireenya keennaa humna qofaa miti waan ta'eef.
#9ffaa: Abjuun kankee hamma fedhes guddatu; hanga fedhes fagaatu uf hin tuffatin, daftees harka hin kennatin.
#10ffaa : furmaanni tokko namni duuba Kee akka hin haasofne yoo barbaadde... ati isaan hin dhaggeeffatin.. isaaniif bakka hin laatin....
@Ibroo

share👇
https://t.me/tafak_or
Wantoota obsarratti nama qarqaaran
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Kutaa.... #2ffaa.... qabxii 4ffaa irraa....
Wantoota Akka obsitee nama wajjiin jiraattuuf si qarqaaran irraa....
Du'a Rasuulaa... kutaa 2ffaa
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Kutaa....#2ffaa( xumuraa) ...

Rasuulli akkamitti addunyaa tanarraa galan..... 😭
#Seenaadhaaf....

Intala jireenya ishee keessatti namoota 7 qofa jaalatte, garuu 7ffaan baay'ee garaa nama raasa.
Namoota akkanaa kanneen qaama qalbitu kabajaa isaaniitiif ka'ee nama dhaabbata. amma waan isheen jette isiniif haa dubbisuu mee...
Jireenya koo keessatti namoota 7 kan itti hin saalfanneen walbare. Isaan sunneen dhugamatti namoota ulaagaa dhiirummaa guuttataniidha. namoota jaalalli isaanii onnee koo keessaa yoomuu hin banneedha.
Hunduu Seenaa mataa isaanii kan dubbatamee hin dhumnee fi kan dhageeffattee hin hifanne qaban.👇

#1ffaa : Inni jalqabaa Kuni nama yeroo jalqabaa akka ija koo banadheen isa argeedha, nama harka isaatii nyaadhee guddadheedha; guyyaa Ani dhaladhee addunyaa haarawa arge irraa kaasee, Isa na baadhatu; na hammatuu fi na dhungatu qofa arge.
Chocolate 🍫 fi buskutii adda addaa akka ani gammaduuf jecha naaf bita. waan barbaade yoo gaafadhe takkaa isarraa dhabee hin beeku.
inni anaaf fakkeenya koo guddaadha. innis abbaa koo kan na wajjiin dhama'eedha. Inni anaaf bar jaalallee jalqabaati, ani isa dura nama tokkoo hin jaalanne....!
#2ffaa); Inni itti aanu nama ani Isa wajjiin daa'imaa guddadhe; wajjiin taphanna; wajjumaan gangalanna; gaddaa fi gadadoos wajjiin dabarsina.
Garaa tokkoo baane; algaa tokkotu nu horataa ture; mana tokko, teessoo tokko irra nama wajjiin jiraataa turreedha. Yeroo keenya guutuu wajjumaan dabarsina. yoo ani boohe, innis imimmaan koo laalee na wajjiin booha. Akka malee qashaanee wajjiin kofalla, nyaata arganne adda kutannee walumaan nyaanna ture.
Inni sun bar ilma haadhaa fi Abbaa kiyyaati. Inni sun bar anaaf obbolaa kootii... hiriyyaa jireenya kootii yoo jetteen ni dandeessa.
#3ffaa; Sadaffaan immoo asuma dhihoo kana dhufee, giifti duree mana isaa na godhate. kabajaa fi ulfinni inni naaf qabu jechaan hin ibsamu. Yaabbattuu fi goota, hamilee fi Abjuu koo guddaa nama tureedha.
Yaabbii isaa irra na kaahatee bakka yaade hunda naan deema ture. Isa bar jaalalaa fi Rahmata waliif qabnutu iddoo tokkotti walitti nu qabe. jaalalli nuti waliif qabnu nu bira kutee... naannoo keenyaaf gaaddisa tahee jiraata.
inni sun bar Abbaa manaa koo; Abbaa ijoollee koo kan ta'e; nama bakka isaa kan biraa buufachuu hin dandeenyee fi bakka jaalala isaa jaalala biraa buufachuu hin dandeenyeedha.

#4ffaa)Eennu_laata_?
Itti_fufa.... 👇
https://t.me/tafak_or
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Dubartiin laguun jirtu qur'aana qara'uu dandeessii_____?
Dubartiin laguudhaan jirtu qur'aana qara'uu dandeessi___?

Deebiin A)...
Garuu gaafii kana keessatti ulmaa'iin bakka lamatti wal qoodan. innis ;

#1ffaa) Warra laguudhaan qara'uu hin dandeessu jedhaniidha... (Mazhabni gurguddaan 3 karaa kanarra jira... Abuu Haniifaa; Shaafi'ii fi Ahmed)
Raggaan isaanii maali___?👇

A) Hadiisa Ibnu Umar kan dubartiin heeydii qabduu fi namni Janaabaa qabus qur'aana hin qara'u jedhuudha...garuu hadiisni kun laafaadha/ضعيف.
B) Janaabaa fi heydiin akkuma tokko jedhan... erga Janaabaadhaan qur'aana qara'uu hin dandeenye heydiin inumaa San caala jabaata jedhu.

#2ffaa) Warra hin dandeessi jedhuudha... (Mazhaba Maalikii fi Sheykul Islaab IbnuTeymiyaa fi Ibnu Baazis karaa kanarra jiru..)
Ragaan isaanii maali____?
👇
A) Ragaan qabatamaan hadiisaa fi qur'aanaa irraa, dubartiin laguu qabdu qur'aana hin qaraatu ykn zikrii hin gootu jedhu hin jiru... beekkamaadha dubartiin gadaa Rasuulaas inuma heydofti.
B) Yeroon heydiidhaa akka malee dheeratee qur'aana dagachuunis ni sodaataman.. kanaafuu qara'uu qabdi jedhu.
C) Aa'ishaan Radiyallaahu anhaa bakka hajjidhaaf harramattetti heydiin itti dhufnaan ergamaan Aalamaa akkana jedhaniin...
"Beeytii hin xawaafin malee waan warri hajjii dalagu hundaa dalagi...." hujjaajni qur'aanas ni qara'a....!
D) Hadiisni warra jalqabaas laafaa tahuu fi Janaabaa fi heydii walitti fakkeessuunis, waan fudhatama hin qabne....
Janaabaa yeroo barbaaddetti dhiqachuu dandeessa... heydiin ammoo yeroo dheeraa sirraa fudhaachuu danda'a.

kanaafuu deebiin A).
Share👇
https://t.me/tafak_or
🌺 Simannaaa Ramaadaanaa ilaalchisee, qoqqoodamiinsa ilma namaa....:

💫 Namoonni gariin gabayaadhaan simatu.
👉 Baatiin Ramadaanaa yoo dhihaatte, namoonni waa bitan heddummachuu irraa gabayaan gabayaa Ramadaanaati jedhamti..
👉 Gosoota nyaataa hedduu bituudhaa fi nyaata hedduu Ramadaana keessa qopheessuuf baajanni isaan baasan gar malee guddaadha...
Bira dabree Irra hedduun isaanii Akka waan baatii nyaataa fi dhugaatii simataa jiraniitti, nyaataa fi dhugaatii mana keessatti qopheessuu irratti wal dorgoman....
👉 Heddumminna nama waa bituu irraa hanga meeshaan rakasaas, miskiinota waan qabne irratti qaalahu takka, gabaan seensa Ramadaanaa qaaliidha...
👉 Kanaafuu Ramadaana keessa namoota hedduu biratti nyaanni bifa addaatiin ka qophaahu garta... garuu gosoota nyaataa San hunda keessaa wanti irraa nyaatamu xiqqoodha... kan hafe Israafa...
#2ffaa: Namoota yeroo Ramadaanni seensaaf kalaahe, Meeshaa taphaa fi yeroo Ramadaanaa qaalii sana ittiin guban qopheeffatantu jira.
Ramadaana keessa dadhabbii fi beelli akka nutti hin dhagahamne jedhanii... Meeshaa taphaa kan yeroo ittiin guban, osoo Ramadaanni hin seenne dursanii qopheeffatu..!

3ffaa(#itti_fufa).... Share👇
https://t.me/tafak_or
Irra milkaawaan namaa Ramadaana keessa nama waa 7n armaan gadii walitti qabateedha. Isaanis:

#1ffaa: Ramadaanni kaayyoo guddaadhaaf dhufe... kaayyoon Ramadaanni dhufeef tuni Rabbiin biratti waa hunda caalaa gatii qabdi... namni Ramadaana keessa kaayyoo tanatti gahe dhugaa milkaahee jira... kaayyoon tunis #Iklaasa jedhamti..
Ati Rabbiif jecha guyyoota 29/30 ni soomanta... Ramadaanni gochaa fi jecha kee keessattis akka uf madaaltu si godhà...!
Yoo dubbattu Rabbiif jecha dubbatta; yoo dalagdu Rabbiif jecha dalagda..
Ati gabricha Rabbiiti.. hanga yoomii lubbuu kankee sossobda...!, maaliif waan dalagdu isaaf qofa hin qulqulleessine...?
Ramadaanni akkamitti akka lubbuu kankee sirreesaituu fi uf leenjistu si barsiisa... hanga yoomii kijibaan; munaafiqummaan; gantummaa fi jireenya sobaa keessa jiraatta...?
Ramadaanni akkamitti akka Rabbiif qofa hojjattu.. akka fedhii nama tokkoo guutuuf jecha ati hin deemne si barsiisa...!

Namoonni Ramadaana iccitii guddaa kanaan banattan baga gammaddan... innis Rabbiin eeggachuudha.
لعلكم تتقون......
#2ffaa....
Share👇
https://t.me/tafak_or
#Faatihaa_fi_Arkaana_islaamaa
Faatihaa keessa Maqaan Rabbii keenyaa (Subhaanahu wata'ala) 5 jira. Shananuu Arkaana Islaamaatti qajeelcha.
1) Alhamdulillaah... (lillaahiin) mallattoo laa ilaaha Illallaah uf keessaa qaba...
2) Rabbil Aalmiin ..... (Rabbi) Salaataaf ...
3) Arrahmaan Zakaadhaaf..
4) Arrahiim Soomaaf...
5) Maaliki yoomiddiin.... Hajjiidhaaf....
Maqoonni Rabbii kunneen hunduu Arkaana islaamaatiin wal gala...

Mee koottaa baldhinnaan haa ilaalluu...!
#1ffaa: Allaah....
👉 Fakkeenyaaf namni islaamummaa seenuu barbaadu tokko... osoo laa ilaaha illa____? A) Rahmaan; B) Maalik, C) Rabb; D) Allaah... bakka duwwaa sana yoo qubee D guute malee islaamummaa seenuu hin danda'u...
Kanaafuu Alhamdulillaah jechi jalqabaa Laa ilaaha Illallaahu tahuu nuu ibsuuf dhufte...!
#2ffaa:Rabbil Aalmiin...
Hunduu Rabbiif salaata... Rabbiin qulqulleessa... ( Dhakaa fi mukni, namaa fi Jinniin... hanga malaa'ikaan baatuttuu...)
ولِله يسجد من في السماوات والأرض...
Rabbiin iddoo biraatti Salaataan Tasbiiha jedhee moggaasee jira.... kanaafuu Salaanni (Rabbil Aalmiin) Wal gala.

#3ffaa...(#itti_fufa)👇
https://t.me/tafak_or
Du'aa'ii qur'aana keessaa tartiibaan.
#2ffaa
- ﺭﺑﻨﺎ ﻣﺎ ﺧﻠﻘﺖ ﻫﺬﺍ ﺑﺎﻃﻼ ﺳﺒﺤﺎﻧﻚ ﻓﻘﻨﺎ ﻋﺬﺍﺏ ﺍﻟﻨﺎﺭ.
- ﺭﺑﻨﺎ ﺇﻧﻚ ﻣﻦ ﺗﺪﺧﻞ ﺍﻟﻨﺎﺭ ﻓﻘﺪ ﺃﺧﺰﻳﺘﻪ ﻭﻣﺎ ﻟﻠﻈﺎﻟﻤﻴﻦ ﻣﻦ ﺃﻧﺼﺎﺭ.
- ﺭﺑﻨﺎ ﺇﻧﻨﺎ ﺳﻤﻌﻨﺎ ﻣﻨﺎﺩﻳﺎ ﻳﻨﺎﺩﻱ ﻟﻺﻳﻤﺎﻥ ﺃﻥ ﺍﻣﻨﻮﺍ ﺑﺮﺑﻜﻢ ﻓﺂﻣﻨﺎ، ﺭﺑﻨﺎ ﻓﺎﻏﻔﺮ ﻟﻨﺎ ﺫﻧﻮﺑﻨﺎ ﻭﻛﻔﺮ ﻋﻨﺎ ﺳﻴﺌﺎﺗﻨﺎ ﻭﺗﻮﻓﻨﺎ ﻣﻊ ﺍﻷﺑﺮﺍﺭ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﻭﺍﺗﻨﺎ ﻣﺎ ﻭﻋﺪﺗﻨﺎ ﻋﻠﻰ ﺭﺳﻠﻚ ﻭﻻ ﺗﺨﺰﻧﺎ ﻳﻮﻡ ﺍﻟﻘﻴﺎﻣﺔ ﺇﻧﻚ ﻻ ﺗﺨﻠﻒ ﺍﻟﻤﻴﻌﺎﺩ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﺃﺧﺮﺟﻨﺎ ﻣﻦ ﻫﺬﻩ ﺍﻟﻘﺮﻳﺔ ﺍﻟﻈﺎﻟﻢ ﺃﻫﻠﻬﺎ ﻭﺍﺟﻌﻞ ﻟﻨﺎ ﻣﻦ ﻟﺪﻧﻚ ﻭﻟﻴﺎ ﻭﺍﺟﻌﻞ ﻟﻨﺎ ﻣﻦ ﻟﺪﻧﻚ ﻧﺼﻴﺮﺍ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﻇﻠﻤﻨﺎ ﺃﻧﻔﺴﻨﺎ ﻭﺍﻥ ﻟﻢ ﺗﻐﻔﺮ ﻟﻨﺎ ﻭﺗﺮﺣﻤﻨﺎ ﻟﻨﻜﻮﻧﻦ ﻣﻦ ﺍﻟﺨﺎﺳﺮﻳﻦ

- ﺭﺑﻨﺎ ﺍﻓﺘﺢ ﺑﻴﻨﻨﺎ ﻭﺑﻴﻦ ﻗﻮﻣﻨﺎ ﺑﺎﻟﺤﻖ ﻭﺃﻧﺖ ﺧﻴﺮ ﺍﻟﻔﺎﺗﺤﻴﻦ.
- ﺭﺑﻨﺎ ﺍﻓﺮﻍ ﻋﻠﻴﻨﺎ ﺻﺒﺮﺍ ﻭﺗﻮﻓﻨﺎ ﻣﺴﻠﻤﻴﻦ، ﺃﻧﺖ ﻭﻟﻴﻨﺎ ﻓﺎﻏﻔﺮ ﻟﻨﺎ ﻭﺍﺭﺣﻤﻨﺎ ﻭﺃﻧﺖ ﺧﻴﺮ ﺍﻟﻐﺎﻓﺮﻳﻦ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﻻ ﺗﺠﻌﻠﻨﺎ ﻓﺘﻨﺔ ﻟﻠﻘﻮﻡ ﺍﻟﻈﺎﻟﻤﻴﻦ ﻭﻧﺠﻨﺎ ﺑﺮﺣﻤﺘﻚ ﻣﻦ ﺍﻟﻘﻮﻡ ﺍﻟﻜﺎﻓﺮﻳﻦ.

- ﺭﺏ ﺇﻧﻲ ﺃﻋﻮﺫ ﺑﻚ ﺃﻥ ﺃﺳﺎﻟﻚ ﻣﺎ ﻟﻴﺲ ﻟﻲ ﺑﻪ ﻋﻠﻢ ﻭﺇﻻ ﺗﻐﻔﺮ ﻟﻲ ﻭﺗﺮﺣﻤﻨﻲ ﺃﻛﻦ ﻣﻦ ﺍﻟﺨﺎﺳﺮﻳﻦ.
Share👇
https://t.me/tafak_or
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Namtichatu haadha warraa isaa dhaane. Si himadha jettee boohaa biraa baate... 👳‍♂ Abbaa manaa: Yoo karaa mana kanaa ittiin gadi baatu argatte kaa.. kan na himattu.. 🧕 Haadha warraa: Waan na dhoorkitee dandeettu sitti fakkaataa...!! 🧕 Abbaa manaa dinqisiifate…
@Seenaadha...

#2ffaa....
👳 Abbaan manaas ishee dhiisee, gara teessuma isaatti deebi'uun, afaaniin caldhisee, taa'ee yaaduu eegale...
🧕 isheenis salaatatti seente... sujuuda ishee garmalee dheeressite... yoo isiin salaata geessitee.. harka ishee lamaan gara Rabbiitti ol kaastu... 🤲,
👳 Abbaan manaa ishee lafaa utaalee, harka ishee erga qabee booda akkana jedheen:
" Ka sujuuda keessatti natti kadhatte siif xiqqaatee... ammas natti kadhachuuf moo.. mee sanumatti geeffadhu....
Yeroodhaaf aarii tasaati... yaadee osoon taane tasa na mudate.... jedheen.
🧕 Haati manaas akkana jetteen:
" Kanaafii bar anuu hanga ammaa hunda du'aa'ii siif godhaa jiru kan xumuruu dadhabeef.... "
Ani bar kan kadhataa ture sheeyxaana walitti nu buusetti malee...
Ani gowwaadhaa kan Abbaa manaa koo; gammachuu jireenya kootii irratti du'aa'ii kadhadhuuf....!!
👳‍♂ Abbaan manaas imimmaan dhangalaasaa... harka ishee lamaan dhungatee akkana jedheen:
" Hardha booda si dhaanuu mitii, akka sin aarsine waadaa siif gala...! "
Seenaa kanarraa akka barnoota argattan Abdii qaba... obboleetti too, abbaan manaa kankee ati gabrittii taanaaniif innis gabra dhugaa siif taha...!
Dubartiin amaanaadha ...

Share👇
https://t.me/tafak_or