๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
11.6K subscribers
562 photos
22 videos
24 files
1.99K links
๐šƒ๐™ฐ๐™ต๐™ฐ๐™บ๐™บ๐š„๐š/๐ŸŒ
ู‚ูŽู†ุงุฉูŒ ุชูุนู†ู‰ ุจุฎุฏู…ุฉ ุงู„ุณู†ู‘ุฉ ุงู„ู…ุญู…ู‘ุฏูŠู‘ุฉุŒ ุนู„ู‰ ุตุงุญุจู‡ุง ุฃูุถู„ู ุงู„ุตู‘ู„ุงุฉ ูˆุฃุชู…ู‘ู ุงู„ุณู‘ู„ุงู….
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf๐Ÿ‘‡
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
#Namtichi_fokkataan_kuni_bu'aa_maal_nuu_buuse?
#Dubbisaa
โžพJechi isaa keessa keenya laalessus garuu kallattii tokkoon bu'aa nuuf buusee jira,keessaa;

#1ffaa; Jaalalli ilmi namaa Rasuula Isaatiif qabu(SAW) garmalee dabaluu.
#2ffaa; Tokkummaan muslimootaa cimaa akka deemu/muslimoonni akka dammaqan godheera.
#3ffaa; Muslimtoonni seenaa Hayyuduree fi Imaama Anbiyootaa, Sesnaa Nabiyyii keenyaa dubbisutti akka bobba'u godheera.
#4ffaa; Seenaan Nabiyyii keenyaa, Akhlaaqni isaanii fi sadarkaan isaanii miidiyaa hawaasaa irrattii fi masjidota hedduu irratti barsiifamuu eegalee jira.
#5ffaa; Namoonni asiin dura Islaamummaa maqaa qofa qaban Islaamummaa dhamaa fudhachuu eegalan.
#6ffaa; Jibbaa Yahuudaan Islaamummaadhaaf qaban...kan Rabbiin Qurโ€™aana keesatti nuuf himee ture san....namichi kun ifatti nuuf basee jira.
ูˆู…ุง ุชุฎููŠ ุตุฏูˆุฑู‡ู… ุฃูƒุจุฑ.
#Salawaata_Buusaa
Join๐Ÿ‘‰https://t.me/tafak_or
#Ibnu_Abbaas:

โœNama sadi galata isaanii deebisee hin danda'u :

โžพ#1ffaan : Nama salaama dursee na gaafate.
โžพ#2ffaan : Nama iddoo teessumaa naaf baldhise/mijeesse.
โžพ#3ffaan : nama salaama na gaafachuuf osoo deemu dhukkeen miila isaatti dhahe.
โžพIsa #4ffaa immoo Rabbiin malee ani galata deebiseefii hin danda'u. Innis :
Nama rakkoon wahii isa mudattee, halkan guutuu rakkoo tiyya tana eennutti haa himadhu!?, eennutu narraa baaata!? Jedhee erga yaadaa bulee booda namni sun ana ta'uu argatee dhufee natti himate...., galata isaa Rabbiin malee ani hin danda'u jedhe #Abdillaah_binu_Abbaas.
#tafak_or
โœDawaan Qalbii waa shan (5) (jedhe Hayyuun tokko) :

โž› #1ffaa : Qurโ€™aana hubannaan qara'uudha.
โž› #2ffaa : Garaan qullaa ta'uudha (Soomana soomuu).
โž› #3ffaa : Dhaabbata halkanii ( Salaata Leylii ).
โž› #4ffaa : Yeroo obboroo/Suhuuraa sana Rabbitti warwaachuu.
โž› #5ffaa : Namoota gaggaarii wajjiin jiraachuu.

Join๐Ÿ‘‰@tafak_or
@tafak_or
#Dogoggoroota_guyyaa_Iidaa

โœ#3ffaa ;Guyyaa Iidaa sagantaa ziyaaraa qabrii, namoota qabrii keessa jiran salaama gaafachuu aadeffachuun Islaamummaa keessatti hin dhufne.

โœ#4ffaa / waan halaalaa keessa garmalee babaldhachuu/daangaa dabruu, fkn : Uffata fi nyaataa dhugaatii fayyadamuu keessatti Israafa godhuu.
โž›Rabbiin Qurโ€™aana keessatti Israafa/daangaa dabruu irraa nu dhoorgee jira. Akkana jedha :

๏ดฟ ูˆูŽูƒูู„ููˆุง ูˆูŽุงุดู’ุฑูŽุจููˆุง ูˆูŽู„ูŽุง ุชูุณู’ุฑููููˆุง ุฅูู†ู‘ูŽู‡ู ู„ูŽุง ูŠูุญูุจู‘ู ุงู„ู’ู…ูุณู’ุฑููููŠู†ูŽ ๏ดพ (ุงู„ุฃุนุฑุงู:31).
โž›"Nyaadhaa dhugaa, garuu daangaa hin kitinaa, Rabbiin warra daangaa dabru hin jaalatuu...".
โœ@Ibroo

Follow ๐Ÿ‘‰https://t.me/tafak_or
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
Deebii๐Ÿ‘‡
#Xalhaa (Radiyallaahu anhu)

[kurnyan Jannataan gammachiifaman keessaa isa tokko ]
โž›Dubartoota 4 fuudhe, afranuu Obboleewwan ishee Ergamaa Aalamaattu uf jalaa qaba. Isaanis :

#1ffaa : Ummu Kulsuum intala Abii Bakrii (Obboleettiin ishee Aa'ishaa haadha manaa Rasuulaati).
#2ffaa : Hamnaa intala Jahshii [Obboleettii Zeynabaa binti Jajshii ] fuudhee uf jalaa qaba.
#3ffaa : Faari'aa [Obboleettii Ummu Habiibaa intala Abii Sufiyaan ] fuudhee uf jalaa qaba.
#4ffaa : Ruqayyaa intala Abii Umayyaa [ Ummu Salamaa : Hindi binti Abii Umayyaa ] fuudhee uf jalaa qaba.
Radiyallaahu anhum Ajma'iin.

โž› Namni deebii kana sirriitti argate, nama chaanaalii keenya yeroo dheeraaf hordofaa ture #Mubaarak_Zakaariyyaa jedhama, Mubee Jzk keyran, Rabbiin ilmii irraan ilmii siif haa dabalu siin jenna.

Follow me๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
Dhaamsa 10 tana narraa fudhaa mee nan tuffatinaa...

#1ffaa: Leenci hanga fedhe beelahus marga hin dheedu. hanga feete rakkattus; miidhamtus; dhiitamtus bakka Kee gadi hin dhiisin.
#2ffaa:Carraan si Jala dabre tokko durumaa carraa keetii miti waan ta'eef maaf ? akkamitti na jala dabre ? jettee mataa uf hin nyaatin...
#3ffaa: Iccitiin milkaa'innaa jabaatanii hojjachuu keessa jira waan ta'eef... hanga haasoftu caala, harkaan tattaafadhu...
#4ffaa: Jireenyi hammaatte dhiira gootee qartee si baasti... jireenyi quufaa sobdee fakkaataa dhiiraa gootee si hanbisti.
#5ffaa: Namoota milkaa'inna hedduu argamsiisan wajjiin ooluun... salphamatti yaaduma isaanii qofaan akka daftee milkooftuuf si qarqaara...
#6ffaa: Jalqaba kee irratti ijjannรณo kee bakkaa sochoofta taanaan... gaafa hamilee guddaa irra geettes akka salphaatti kuftu beeki...
#7ffaa: Hujiin ulfinna... namni hunduu bakkuma jirtutti hujii isaa qulqullinnaan haa raawwatuu...!
#8ffaa: Strategyn humna waan qabuuf jiraadha jedhu dogoggora. iccitiin jireenya keennaa humna qofaa miti waan ta'eef.
#9ffaa: Abjuun kankee hamma fedhes guddatu; hanga fedhes fagaatu uf hin tuffatin, daftees harka hin kennatin.
#10ffaa : furmaanni tokko namni duuba Kee akka hin haasofne yoo barbaadde... ati isaan hin dhaggeeffatin.. isaaniif bakka hin laatin....
โœ @Ibroo

share๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
#Seenaadhaaf....

โœ Intala jireenya ishee keessatti namoota 7 qofa jaalatte, garuu 7ffaan baay'ee garaa nama raasa.
Namoota akkanaa kanneen qaama qalbitu kabajaa isaaniitiif ka'ee nama dhaabbata. amma waan isheen jette isiniif haa dubbisuu mee...
โœ Jireenya koo keessatti namoota 7 kan itti hin saalfanneen walbare. Isaan sunneen dhugamatti namoota ulaagaa dhiirummaa guuttataniidha. namoota jaalalli isaanii onnee koo keessaa yoomuu hin banneedha.
Hunduu Seenaa mataa isaanii kan dubbatamee hin dhumnee fi kan dhageeffattee hin hifanne qaban.๐Ÿ‘‡

#1ffaa : Inni jalqabaa Kuni nama yeroo jalqabaa akka ija koo banadheen isa argeedha, nama harka isaatii nyaadhee guddadheedha; guyyaa Ani dhaladhee addunyaa haarawa arge irraa kaasee, Isa na baadhatu; na hammatuu fi na dhungatu qofa arge.
Chocolate ๐Ÿซ fi buskutii adda addaa akka ani gammaduuf jecha naaf bita. waan barbaade yoo gaafadhe takkaa isarraa dhabee hin beeku.
inni anaaf fakkeenya koo guddaadha. innis abbaa koo kan na wajjiin dhama'eedha. Inni anaaf bar jaalallee jalqabaati, ani isa dura nama tokkoo hin jaalanne....!
#2ffaa); Inni itti aanu nama ani Isa wajjiin daa'imaa guddadhe; wajjiin taphanna; wajjumaan gangalanna; gaddaa fi gadadoos wajjiin dabarsina.
Garaa tokkoo baane; algaa tokkotu nu horataa ture; mana tokko, teessoo tokko irra nama wajjiin jiraataa turreedha. Yeroo keenya guutuu wajjumaan dabarsina. yoo ani boohe, innis imimmaan koo laalee na wajjiin booha. Akka malee qashaanee wajjiin kofalla, nyaata arganne adda kutannee walumaan nyaanna ture.
Inni sun bar ilma haadhaa fi Abbaa kiyyaati. Inni sun bar anaaf obbolaa kootii... hiriyyaa jireenya kootii yoo jetteen ni dandeessa.
#3ffaa; Sadaffaan immoo asuma dhihoo kana dhufee, giifti duree mana isaa na godhate. kabajaa fi ulfinni inni naaf qabu jechaan hin ibsamu. Yaabbattuu fi goota, hamilee fi Abjuu koo guddaa nama tureedha.
Yaabbii isaa irra na kaahatee bakka yaade hunda naan deema ture. Isa bar jaalalaa fi Rahmata waliif qabnutu iddoo tokkotti walitti nu qabe. jaalalli nuti waliif qabnu nu bira kutee... naannoo keenyaaf gaaddisa tahee jiraata.
inni sun bar Abbaa manaa koo; Abbaa ijoollee koo kan ta'e; nama bakka isaa kan biraa buufachuu hin dandeenyee fi bakka jaalala isaa jaalala biraa buufachuu hin dandeenyeedha.

#4ffaa)Eennu_laata_?
Itti_fufa.... ๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
ุจู‘ูุณู’ู…ู ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ุงู„ุฑู‘ูŽุญู’ู…ูŽู†ู ุงู„ุฑู‘ูŽุญููŠู…ู

Hiikkaa #Suuratul_Qadrii...

ุฅูู†ู‘ูŽุง ุฃูŽู†ุฒูŽู„ู’ู†ูŽุงู‡ู ูููŠ ู„ูŽูŠู’ู„ูŽุฉู ุงู„ู’ู‚ูŽุฏู’ุฑู
1) Nuti buufnee jirra qur'aana kana, halkan leeylatulqadrii keessa
.

โœ Halkan tuni maaliif leeylatulqadri/ู„ูŠู„ุฉ ุงู„ู‚ุฏุฑ jedhamte___?
Mooggasa kana keessa ulmaa'iin sababni adda addaa akka jiru nuuf himanii jiru. innis:
#1ffaa: leeylatulqadri jechuun halkan guddinnaa jechuudha...
qadriin sadarkaa ykn guddinna.
kanaafuu Rabbiin qur'aana keessatti akkana jedha:
ูˆู…ุง ู‚ุฏุฑูˆุง ุงู„ู„ู‡ ุญู‚ ู‚ุฏุฑู‡...
"Rabbiin guddinna isaan malu guddisuu hin dandeenye..."
#2ffaa: Dhiphinna jechuudha...
Heddumminna Malaa'ikoota halkan sana keessa gara dachee gadi duudan irraa kan ka'e dacheen ni dhiphatti jechuudha.
๐Ÿ‘‰ Halkan isa keessa dacheen gabroottan isaatiin dhiphattu.
Ragaan kanaa qur'aana irraa๐Ÿ‘‡
ูˆู…ู† ู‚ุฏุฑ ุนู„ูŠู‡ ุฑุฒู‚ู‡...
"Nama Rizqiin isaa itti dhiphatte...."
#3ffaa: Qadrii jechuun murtii jechuudha..
halkan isa keessa murteen dabartuudha...
#4ffaa: Namni hiree hin qabne guyyaa sana keessa abbaa hiree ykn carraa taha.
#5ffaa: Halkan isa keessa qur'aanni kabajaa qabu buufame; Rahmanni kabajaa qabduu fi Malaa'ikoonni kabajaa qaban bu'an jechuudha...
#6ffaa: Halkan barakaa jechuus ni taha...
ุฅู†ุง ุฃู†ุฒู„ู†ุงู‡ ููŠ ู„ูŠู„ุฉ ู…ุจุงุฑูƒุฉ .....

#itti_fufa....
Share๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
โœ๏ธ Ilmi namaa erga salaata eegalee /salaata keessatti bakka 5tti qoodama. Isaanis:

1) Nama salaataan adabamu ykn Rabbiin salaata inni salaate saniif isa adabu jiraโ€ฆ!
2) Nama salaata salaateef qormaatamu jiraโ€ฆ
3) Nama Rabbiin salaata isaa sana mindeessuu baatus garuu irra darbuuftu jiraโ€ฆ!
4) Nama salaata saniin Rabbiin isa mindeessu ykn galateeffamu jiraโ€ฆ
5) Nama salaata saniin Rabbitti kalaahutu jiraโ€ฆ.
#1ffaan: Nama wuduuโ€™a keessatti, shuruuxa, waajibaataa fi sunana salaataa keessatti akkuma fedhe godhuโ€ฆnama seerota salaataatiif bakka hin kennine.. Kun salaata kanaan Rabbiin isa adabaโ€ฆ
#2ffaa: Nama arkaanallee, waajibaataa fi shuruuxa salaataallee sirritti guutee garuu erga salaatatti seenee boodaโ€ฆseensa salaataa irraa hanga xumura salaataa maal akka jedhee fi akkamitti akka salaate kan hin beekneโ€ฆhanga salaama baafatuuf kan onnee fi sammuun isaa Ethiophiaa kaatee hanga Amerikaa naannawaa turteedhaโ€ฆ
Salaata kanarratti Rabbiin isa qormaata jedhanโ€ฆ
#3ffaa: Nama salaata keessatti arkaanallee, waajibaataa fi shuruuxa salaataallee sirritti guutee garuu seensarraa hanga xumura salaataa lubbuu isaatii fi sheeyxaanaan wajjiin taaggalaa/ waldhaansoo bahaa tureโ€ฆnama salaata isaa tolchuuf hanga dhumaatti falmachaa tureโ€ฆ.nama akkanaa Rabbiin irra dabraafโ€ฆ.
#4ffaa: Nama arkaanallee, waajibaataa fi shuruuxa salaataallee sirritti guuteeโ€ฆdabalataan salaata kushuuโ€™a qabduโ€ฆsalaata rogaaโ€ฆsalaata tashwiisha hin qabne salaateโ€ฆkun Rabbiin biratti ni mindeeffamaโ€ฆ!
#5ffaa: Nama arkaanallee, waajibaataa fi shuruuxa salaataallee sirritti guuteeโ€ฆammas salaata kushuuโ€™a qabdu salaateeโ€ฆdabalataan akka Rabbiin wajjiin qofa jiru uf beekeโ€ฆ
Niyyaa isaa keessa namni ani maqoo itti bahe kuni Rabbiin tahuu kan hubateedhaโ€ฆRabbiin laalee na argaa jiraa kan beekeโ€ฆ
Garaagarummaan 4ffaa fi 5ffaadhaaโ€ฆ4ffaan, maqoo Rabbiin jiraachuu isaa dagateโ€ฆ
Namoota wayta salaata seenanโ€ฆosoo isaan biratti sagalee kee baastee waan feete haasoftee ykn dalagdee quba kee hin qabnetu jiraโ€ฆ.
Anaaf ati lakkoofsa meeqaffaa keessa Jirra laataโ€ฆ.๐Ÿฅฒ

Ibnul-Qayyim Rahimahullaah kitaaba ุงู„ูˆุงุจู„ ุงู„ุตูŠุจ jedhamu keessatti akkana nuun jedhan.
Share๐Ÿ‘‡๐Ÿป

https://t.me/tafak_or