๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
11.6K subscribers
562 photos
22 videos
24 files
1.99K links
๐šƒ๐™ฐ๐™ต๐™ฐ๐™บ๐™บ๐š„๐š/๐ŸŒ
ู‚ูŽู†ุงุฉูŒ ุชูุนู†ู‰ ุจุฎุฏู…ุฉ ุงู„ุณู†ู‘ุฉ ุงู„ู…ุญู…ู‘ุฏูŠู‘ุฉุŒ ุนู„ู‰ ุตุงุญุจู‡ุง ุฃูุถู„ู ุงู„ุตู‘ู„ุงุฉ ูˆุฃุชู…ู‘ู ุงู„ุณู‘ู„ุงู….
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf๐Ÿ‘‡
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
#Salphinna_Hanbisuuf_Ulfinna_Ajjeesan!
Seenaa
Guyyaa tokko jedhan Waraanni Ganda tokko seenee, dubartoota ganda san keessa jiran hundaa dirqamaan gudeede, dubartii takkattii wahii malee, isheen immoo loltuu san afoo dhaabattee harka kennachuu diddaaf mataa irraa gatte/Ajjeefte!.

Erga loltoonni hunduu haajaa isaanii geeffatanii gara kaampii waraana isaaniitti deebi'anii booda, intala san malee dubartoonni hunduu uffannaa isaanii kan isaan irratti ciccite harkaan walitti qabataa, imimmaan dhangalaasaa manaa gadi bahan. Isheen garuu mataa namichaa harkatti baadhattee, ija ishee ija leencaa fakkeessaa, dubartoota hafan xiqqeessaa manaa gadi baatee akkana jette:
"Yookaa ajjeesee yookaanii na ajjeesee jedha malee!, hanga inni na roorrisu waan ufitti dhiisu seetanii!."

Achumaa dubartoonni ganda sanaa hunduu ija keessa wal ilaalanii waa lamaaf intalattii tana ajjeesuu qabna jedhan, wnti lamaa sunis:

#1ffaa; Intalti tun injifannoo galmeessite kanaan nu caaltee akka hin argamne, nu salphannee isiin akkamitti kabajaa kanaan jiraatti!?
#2ffaa; Jaarsotiin teenya yoo duulaa dachaate, Dubbiin teenya isaan bira gahuu hin ooltu, isin intala san hanqattanii? nuun jedhanii hin salphannaa!, salphinna kana hundaa hanbisuuf intala tana ajjeesuu qabna jedhanii booda dubartoonni ganda sanaa hunduu itti waliigalanii osoo isiin hin beekin ajjeesan jedhan.

โžซ Kuni waan yeroo ammaa haawaasa keenya keessa jiruun seeraan walgala, dogoggora isaanii dhokfachuudhaaf kaan ni ajjeesan, kaan biyyaa baasan, kaan hidhatti darban, kaan immoo afoo dhaabatanii falman, kuni hunduu nu salphisa jechaa sodaataniiti!!
Namni isinitti tole #like$share godhaa.
Kitaaba Afaan Arabaa "Seenaa Lola Auropaa/ู‚ุตุต ุญุฑูˆุจ ุฃูˆุฑูˆุจุง/ jedhu irraa dubbise.
Join๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
#Namtichi_fokkataan_kuni_bu'aa_maal_nuu_buuse?
#Dubbisaa
โžพJechi isaa keessa keenya laalessus garuu kallattii tokkoon bu'aa nuuf buusee jira,keessaa;

#1ffaa; Jaalalli ilmi namaa Rasuula Isaatiif qabu(SAW) garmalee dabaluu.
#2ffaa; Tokkummaan muslimootaa cimaa akka deemu/muslimoonni akka dammaqan godheera.
#3ffaa; Muslimtoonni seenaa Hayyuduree fi Imaama Anbiyootaa, Sesnaa Nabiyyii keenyaa dubbisutti akka bobba'u godheera.
#4ffaa; Seenaan Nabiyyii keenyaa, Akhlaaqni isaanii fi sadarkaan isaanii miidiyaa hawaasaa irrattii fi masjidota hedduu irratti barsiifamuu eegalee jira.
#5ffaa; Namoonni asiin dura Islaamummaa maqaa qofa qaban Islaamummaa dhamaa fudhachuu eegalan.
#6ffaa; Jibbaa Yahuudaan Islaamummaadhaaf qaban...kan Rabbiin Qurโ€™aana keesatti nuuf himee ture san....namichi kun ifatti nuuf basee jira.
ูˆู…ุง ุชุฎููŠ ุตุฏูˆุฑู‡ู… ุฃูƒุจุฑ.
#Salawaata_Buusaa
Join๐Ÿ‘‰https://t.me/tafak_or
โœDawaan Qalbii waa shan (5) (jedhe Hayyuun tokko) :

โž› #1ffaa : Qurโ€™aana hubannaan qara'uudha.
โž› #2ffaa : Garaan qullaa ta'uudha (Soomana soomuu).
โž› #3ffaa : Dhaabbata halkanii ( Salaata Leylii ).
โž› #4ffaa : Yeroo obboroo/Suhuuraa sana Rabbitti warwaachuu.
โž› #5ffaa : Namoota gaggaarii wajjiin jiraachuu.

Join๐Ÿ‘‰@tafak_or
@tafak_or
#Cuunfaa_I'itikaafaa!

#1ffaa : I'itikaafa jechuun waan qabde tokko yeroo murtaa'eef irra turuudha (akka afaan Arabaaatti).
โž›Akka shariโ€™aa Islaamaatti : I'itikaafa jechuun Niyyaa Ibaadaatiin masjidatti galtee, masjida keessa turuudhaan jedhama!.
๐ŸŒน#2ffaa (#Maalummaa_Iitikaafaa)
โžซQalbiin tantee Rabbiin wajjiin turuudha, maqoo Rabbiin wajjiin bahuudha.
โžซRabbiin malee Uumaa biroo irraa fagaachuudha.
โžซIlma namaa dhiistee Rabbuma kankee qofa wajjiin busy ta'uudha.
โžซHanga Zikriin Rabbii, jaalalaa fi maqoon ati isa wajjiin baatu qalbii tantee moo'an takkatti isatti kalaahuu qabda.
โžฌKanaafuu namni ati yeroo hunda itti boohartu Rabbii kankee qofa ta'uu qaba jechuudha.
โžซKaayyoon kankee guddaan jaalala isaa horachuu fi Rabbii kankeetitti garmalee kalaa'uu ta'uu qaba.
(#3ffaa)....itti fufa.โœโœโœ

๐ŸŒฑ๐ŸŒฑ๐ŸŒฑ
Join๐Ÿ‘‰https://t.me/tafak_or
#Dogoggoroota_guyyaa_Iidaa kan shari'aa Islaamaa faallessan keessa :๐Ÿšซ๐Ÿšซ

โž›#1ffaa : Halkanii fi guyyaa Iidaa sana keessatti SunnaaTakbiiraa dagachuun adeemsa Islaamaa irraa miti.
Rabbiin Qurโ€™aana keessatti guyyaa sana akka Takbiiraadhaan dabarsinu nu ajajee jira :

๏ดฟ ูˆูŽู„ูุชููƒู…ูู„ููˆุง ุงู„ุนูุฏู‘ูŽุฉูŽ ูˆูŽู„ูุชููƒูŽุจู‘ูุฑููˆุง ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ูŽ ุนูŽู„ู‰ ู…ุง ู‡ูŽุฏุงูƒูู… ูˆูŽู„ูŽุนูŽู„ู‘ูŽูƒูู… ุชูŽุดูƒูุฑูˆู†ูŽ ๏ดพ [ุงู„ุจู‚ุฑุฉ:185]

โž›#2ffaa : Takbiiraa yeroo jedhan waliigalanii sagalee tokkoon jechuun, akkasuma nama tokko dhaggeeffataa jalaa qabuun, gosoota Takbiiraa kan guyyaa saniif jecha karaa hin godhamne fayyadamuun sirrii miti.
โœ@Ibroo

Join๐Ÿ‘‰https://t.me/tafak_or
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
Deebii๐Ÿ‘‡
#Xalhaa (Radiyallaahu anhu)

[kurnyan Jannataan gammachiifaman keessaa isa tokko ]
โž›Dubartoota 4 fuudhe, afranuu Obboleewwan ishee Ergamaa Aalamaattu uf jalaa qaba. Isaanis :

#1ffaa : Ummu Kulsuum intala Abii Bakrii (Obboleettiin ishee Aa'ishaa haadha manaa Rasuulaati).
#2ffaa : Hamnaa intala Jahshii [Obboleettii Zeynabaa binti Jajshii ] fuudhee uf jalaa qaba.
#3ffaa : Faari'aa [Obboleettii Ummu Habiibaa intala Abii Sufiyaan ] fuudhee uf jalaa qaba.
#4ffaa : Ruqayyaa intala Abii Umayyaa [ Ummu Salamaa : Hindi binti Abii Umayyaa ] fuudhee uf jalaa qaba.
Radiyallaahu anhum Ajma'iin.

โž› Namni deebii kana sirriitti argate, nama chaanaalii keenya yeroo dheeraaf hordofaa ture #Mubaarak_Zakaariyyaa jedhama, Mubee Jzk keyran, Rabbiin ilmii irraan ilmii siif haa dabalu siin jenna.

Follow me๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
Dhaamsa 10 tana narraa fudhaa mee nan tuffatinaa...

#1ffaa: Leenci hanga fedhe beelahus marga hin dheedu. hanga feete rakkattus; miidhamtus; dhiitamtus bakka Kee gadi hin dhiisin.
#2ffaa:Carraan si Jala dabre tokko durumaa carraa keetii miti waan ta'eef maaf ? akkamitti na jala dabre ? jettee mataa uf hin nyaatin...
#3ffaa: Iccitiin milkaa'innaa jabaatanii hojjachuu keessa jira waan ta'eef... hanga haasoftu caala, harkaan tattaafadhu...
#4ffaa: Jireenyi hammaatte dhiira gootee qartee si baasti... jireenyi quufaa sobdee fakkaataa dhiiraa gootee si hanbisti.
#5ffaa: Namoota milkaa'inna hedduu argamsiisan wajjiin ooluun... salphamatti yaaduma isaanii qofaan akka daftee milkooftuuf si qarqaara...
#6ffaa: Jalqaba kee irratti ijjannรณo kee bakkaa sochoofta taanaan... gaafa hamilee guddaa irra geettes akka salphaatti kuftu beeki...
#7ffaa: Hujiin ulfinna... namni hunduu bakkuma jirtutti hujii isaa qulqullinnaan haa raawwatuu...!
#8ffaa: Strategyn humna waan qabuuf jiraadha jedhu dogoggora. iccitiin jireenya keennaa humna qofaa miti waan ta'eef.
#9ffaa: Abjuun kankee hamma fedhes guddatu; hanga fedhes fagaatu uf hin tuffatin, daftees harka hin kennatin.
#10ffaa : furmaanni tokko namni duuba Kee akka hin haasofne yoo barbaadde... ati isaan hin dhaggeeffatin.. isaaniif bakka hin laatin....
โœ @Ibroo

share๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
#Seenaadhaaf....

โœ Intala jireenya ishee keessatti namoota 7 qofa jaalatte, garuu 7ffaan baay'ee garaa nama raasa.
Namoota akkanaa kanneen qaama qalbitu kabajaa isaaniitiif ka'ee nama dhaabbata. amma waan isheen jette isiniif haa dubbisuu mee...
โœ Jireenya koo keessatti namoota 7 kan itti hin saalfanneen walbare. Isaan sunneen dhugamatti namoota ulaagaa dhiirummaa guuttataniidha. namoota jaalalli isaanii onnee koo keessaa yoomuu hin banneedha.
Hunduu Seenaa mataa isaanii kan dubbatamee hin dhumnee fi kan dhageeffattee hin hifanne qaban.๐Ÿ‘‡

#1ffaa : Inni jalqabaa Kuni nama yeroo jalqabaa akka ija koo banadheen isa argeedha, nama harka isaatii nyaadhee guddadheedha; guyyaa Ani dhaladhee addunyaa haarawa arge irraa kaasee, Isa na baadhatu; na hammatuu fi na dhungatu qofa arge.
Chocolate ๐Ÿซ fi buskutii adda addaa akka ani gammaduuf jecha naaf bita. waan barbaade yoo gaafadhe takkaa isarraa dhabee hin beeku.
inni anaaf fakkeenya koo guddaadha. innis abbaa koo kan na wajjiin dhama'eedha. Inni anaaf bar jaalallee jalqabaati, ani isa dura nama tokkoo hin jaalanne....!
#2ffaa); Inni itti aanu nama ani Isa wajjiin daa'imaa guddadhe; wajjiin taphanna; wajjumaan gangalanna; gaddaa fi gadadoos wajjiin dabarsina.
Garaa tokkoo baane; algaa tokkotu nu horataa ture; mana tokko, teessoo tokko irra nama wajjiin jiraataa turreedha. Yeroo keenya guutuu wajjumaan dabarsina. yoo ani boohe, innis imimmaan koo laalee na wajjiin booha. Akka malee qashaanee wajjiin kofalla, nyaata arganne adda kutannee walumaan nyaanna ture.
Inni sun bar ilma haadhaa fi Abbaa kiyyaati. Inni sun bar anaaf obbolaa kootii... hiriyyaa jireenya kootii yoo jetteen ni dandeessa.
#3ffaa; Sadaffaan immoo asuma dhihoo kana dhufee, giifti duree mana isaa na godhate. kabajaa fi ulfinni inni naaf qabu jechaan hin ibsamu. Yaabbattuu fi goota, hamilee fi Abjuu koo guddaa nama tureedha.
Yaabbii isaa irra na kaahatee bakka yaade hunda naan deema ture. Isa bar jaalalaa fi Rahmata waliif qabnutu iddoo tokkotti walitti nu qabe. jaalalli nuti waliif qabnu nu bira kutee... naannoo keenyaaf gaaddisa tahee jiraata.
inni sun bar Abbaa manaa koo; Abbaa ijoollee koo kan ta'e; nama bakka isaa kan biraa buufachuu hin dandeenyee fi bakka jaalala isaa jaalala biraa buufachuu hin dandeenyeedha.

#4ffaa)Eennu_laata_?
Itti_fufa.... ๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
Dubartiin laguun jirtu qur'aana qara'uu dandeessii_____?
โœ Dubartiin laguudhaan jirtu qur'aana qara'uu dandeessi___?

Deebiin A)...
Garuu gaafii kana keessatti ulmaa'iin bakka lamatti wal qoodan. innis ;

#1ffaa) Warra laguudhaan qara'uu hin dandeessu jedhaniidha... (Mazhabni gurguddaan 3 karaa kanarra jira... Abuu Haniifaa; Shaafi'ii fi Ahmed)
Raggaan isaanii maali___?๐Ÿ‘‡

A) Hadiisa Ibnu Umar kan dubartiin heeydii qabduu fi namni Janaabaa qabus qur'aana hin qara'u jedhuudha...garuu hadiisni kun laafaadha/ุถุนูŠู.
B) Janaabaa fi heydiin akkuma tokko jedhan... erga Janaabaadhaan qur'aana qara'uu hin dandeenye heydiin inumaa San caala jabaata jedhu.

#2ffaa) Warra hin dandeessi jedhuudha... (Mazhaba Maalikii fi Sheykul Islaab IbnuTeymiyaa fi Ibnu Baazis karaa kanarra jiru..)
Ragaan isaanii maali____?
๐Ÿ‘‡
A) Ragaan qabatamaan hadiisaa fi qur'aanaa irraa, dubartiin laguu qabdu qur'aana hin qaraatu ykn zikrii hin gootu jedhu hin jiru... beekkamaadha dubartiin gadaa Rasuulaas inuma heydofti.
B) Yeroon heydiidhaa akka malee dheeratee qur'aana dagachuunis ni sodaataman.. kanaafuu qara'uu qabdi jedhu.
C) Aa'ishaan Radiyallaahu anhaa bakka hajjidhaaf harramattetti heydiin itti dhufnaan ergamaan Aalamaa akkana jedhaniin...
"Beeytii hin xawaafin malee waan warri hajjii dalagu hundaa dalagi...." hujjaajni qur'aanas ni qara'a....!
D) Hadiisni warra jalqabaas laafaa tahuu fi Janaabaa fi heydii walitti fakkeessuunis, waan fudhatama hin qabne....
Janaabaa yeroo barbaaddetti dhiqachuu dandeessa... heydiin ammoo yeroo dheeraa sirraa fudhaachuu danda'a.

kanaafuu deebiin A).
Share๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
โœ Irra milkaawaan namaa Ramadaana keessa nama waa 7n armaan gadii walitti qabateedha. Isaanis:

#1ffaa: Ramadaanni kaayyoo guddaadhaaf dhufe... kaayyoon Ramadaanni dhufeef tuni Rabbiin biratti waa hunda caalaa gatii qabdi... namni Ramadaana keessa kaayyoo tanatti gahe dhugaa milkaahee jira... kaayyoon tunis #Iklaasa jedhamti..
Ati Rabbiif jecha guyyoota 29/30 ni soomanta... Ramadaanni gochaa fi jecha kee keessattis akka uf madaaltu si godhร ...!
โœ Yoo dubbattu Rabbiif jecha dubbatta; yoo dalagdu Rabbiif jecha dalagda..
Ati gabricha Rabbiiti.. hanga yoomii lubbuu kankee sossobda...!, maaliif waan dalagdu isaaf qofa hin qulqulleessine...?
Ramadaanni akkamitti akka lubbuu kankee sirreesaituu fi uf leenjistu si barsiisa... hanga yoomii kijibaan; munaafiqummaan; gantummaa fi jireenya sobaa keessa jiraatta...?
Ramadaanni akkamitti akka Rabbiif qofa hojjattu.. akka fedhii nama tokkoo guutuuf jecha ati hin deemne si barsiisa...!
โœ
Namoonni Ramadaana iccitii guddaa kanaan banattan baga gammaddan... innis Rabbiin eeggachuudha.
ู„ุนู„ูƒู… ุชุชู‚ูˆู†......
#2ffaa....
Share๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
โœ Nyaataa fi dhugaatii dhiisuun akkamitti sodaa Rabbiitti nama geessa__?

Nyaataa fi dhugaatiin garmaleedhaa.... qalbii namaa miidhuu fi balleessuu keessatti gahee guddaa qaba...!
Garaan guutame, sammuu beelessa... quufni qalbii namaa jaamsa..!
Qalqalli sharrii tan garaa caaltu inuma hin jirre... garaan guutamnaan sharriin isa boodaan dhufu hedduu waan taheef...
" ู…ุง ู…ู„ุฃ ุขุฏู…ูŠู‘ูŒ ูˆุนุงุกู‹ ุดุฑู‘ุงู‹ ู…ู† ุจุทู†....."
๐Ÿ‘‰ Wantoota qalbii namaa balleessan keessaa inni tokko nyaata. innis gosa lama:
#1ffaa: Matama isaattu qalbii balleessa... (fkn: nyaata haraamaa nyaachuun)
#2ffaan: Nyaanni nuti nyaannu kuni yoo humnaa ol tahe qalbii keenyaa fi sammuu keenyas jaamsaa dhufa. Fkn: Haaluma daangaa dabrsinee nyaachuu fi quufa daangaa malee...

#Itti_fufa..๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
#Faatihaa_fi_Arkaana_islaamaa
โœ Faatihaa keessa Maqaan Rabbii keenyaa (Subhaanahu wata'ala) 5 jira. Shananuu Arkaana Islaamaatti qajeelcha.
1) Alhamdulillaah... (lillaahiin) mallattoo laa ilaaha Illallaah uf keessaa qaba...
2) Rabbil Aalmiin ..... (Rabbi) Salaataaf ...
3) Arrahmaan Zakaadhaaf..
4) Arrahiim Soomaaf...
5) Maaliki yoomiddiin.... Hajjiidhaaf....
Maqoonni Rabbii kunneen hunduu Arkaana islaamaatiin wal gala...

โœ Mee koottaa baldhinnaan haa ilaalluu...!
#1ffaa: Allaah....
๐Ÿ‘‰ Fakkeenyaaf namni islaamummaa seenuu barbaadu tokko... osoo laa ilaaha illa____? A) Rahmaan; B) Maalik, C) Rabb; D) Allaah... bakka duwwaa sana yoo qubee D guute malee islaamummaa seenuu hin danda'u...
Kanaafuu Alhamdulillaah jechi jalqabaa Laa ilaaha Illallaahu tahuu nuu ibsuuf dhufte...!
#2ffaa:Rabbil Aalmiin...
Hunduu Rabbiif salaata... Rabbiin qulqulleessa... ( Dhakaa fi mukni, namaa fi Jinniin... hanga malaa'ikaan baatuttuu...)
ูˆู„ูู„ู‡ ูŠุณุฌุฏ ู…ู† ููŠ ุงู„ุณู…ุงูˆุงุช ูˆุงู„ุฃุฑุถ...
Rabbiin iddoo biraatti Salaataan Tasbiiha jedhee moggaasee jira.... kanaafuu Salaanni (Rabbil Aalmiin) Wal gala.

#3ffaa...(#itti_fufa)๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
ุจู‘ูุณู’ู…ู ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ุงู„ุฑู‘ูŽุญู’ู…ูŽู†ู ุงู„ุฑู‘ูŽุญููŠู…ู

Hiikkaa #Suuratul_Qadrii...

ุฅูู†ู‘ูŽุง ุฃูŽู†ุฒูŽู„ู’ู†ูŽุงู‡ู ูููŠ ู„ูŽูŠู’ู„ูŽุฉู ุงู„ู’ู‚ูŽุฏู’ุฑู
1) Nuti buufnee jirra qur'aana kana, halkan leeylatulqadrii keessa
.

โœ Halkan tuni maaliif leeylatulqadri/ู„ูŠู„ุฉ ุงู„ู‚ุฏุฑ jedhamte___?
Mooggasa kana keessa ulmaa'iin sababni adda addaa akka jiru nuuf himanii jiru. innis:
#1ffaa: leeylatulqadri jechuun halkan guddinnaa jechuudha...
qadriin sadarkaa ykn guddinna.
kanaafuu Rabbiin qur'aana keessatti akkana jedha:
ูˆู…ุง ู‚ุฏุฑูˆุง ุงู„ู„ู‡ ุญู‚ ู‚ุฏุฑู‡...
"Rabbiin guddinna isaan malu guddisuu hin dandeenye..."
#2ffaa: Dhiphinna jechuudha...
Heddumminna Malaa'ikoota halkan sana keessa gara dachee gadi duudan irraa kan ka'e dacheen ni dhiphatti jechuudha.
๐Ÿ‘‰ Halkan isa keessa dacheen gabroottan isaatiin dhiphattu.
Ragaan kanaa qur'aana irraa๐Ÿ‘‡
ูˆู…ู† ู‚ุฏุฑ ุนู„ูŠู‡ ุฑุฒู‚ู‡...
"Nama Rizqiin isaa itti dhiphatte...."
#3ffaa: Qadrii jechuun murtii jechuudha..
halkan isa keessa murteen dabartuudha...
#4ffaa: Namni hiree hin qabne guyyaa sana keessa abbaa hiree ykn carraa taha.
#5ffaa: Halkan isa keessa qur'aanni kabajaa qabu buufame; Rahmanni kabajaa qabduu fi Malaa'ikoonni kabajaa qaban bu'an jechuudha...
#6ffaa: Halkan barakaa jechuus ni taha...
ุฅู†ุง ุฃู†ุฒู„ู†ุงู‡ ููŠ ู„ูŠู„ุฉ ู…ุจุงุฑูƒุฉ .....

#itti_fufa....
Share๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
๐Ÿซต Ibsa gabaabaa waa'ee dubartiin qur'aana laguudhaan osoo jirtu harkaan tuquu dandeessi moo hin dandeessu jedhu irratti .

ุจุณู… ุงู„ู„ู‡ ุงู„ุฑุญู…ู† ุงู„ุฑุญูŠู…
Assalamualaikum warahmatullaahi wabarakaatuh jechaa....
https://t.me/tafak_or
โœ Jalqabas akkuma isiniin jechaa ture... irra deebiidhaanis baga gammaddan ijoolleen shamarranii jechuu barbaada.
๐Ÿ‘‰ Dubartiin islaamaa takka yeroo xuriin laguu irra jirutti qur'aana tuquun ragaa qur'aanaa fi hadiisarraa qabsiifameen dhoorkaa akka hin taane isiniif ibsuu barbaada. Ragaan mataduree kanaan Wal qabatee haraamummaa ibsu Ragaa laafaa tahuu isiniif hima.
โœ Tafsiirri Aayata xahaaraan malee hin tuqan jettuu...
ู„ุง ูŠู…ุณู‡ ุฅู„ุง ุงู„ู…ุทู‡ุฑูˆู†
Tafsiirri inni dhugaa
akkuma Aayata salaatatti hin dhihaatinaa jettuuti...
#1ffaa:.... Qur'aana xahaaraadhaan qara'utu irra filatamaadha waan jedhuun wal qabsiisee...wal dhibdeen takkas hin jirtu... Qur'aana kalaama Rabbiitiinis kan malu xahaaraadhaan dubbisutuu irra bareedaadha...
Akka Rasuula irraa nu dhaqqabetti (Sallallaahu aleyhi wasallam) Rasuulli maqaa Rabbii "Salaam" kan jedhamu xahaaraa malee maqaa dhahuu
didanii jiru....
Rasuulli akkuma fakkeenya qullubbii nyaachuu hin jaalanne, kanas didan... qullubbii nyaachuu diduun isaanii haraamummaaf osoo hin taane.. hafuura saniin Rabbiin maqoo bahuu diddaadhaaf...!!
Kuni Istihbaabaaf... ykn waan jaalatamaa fi filatamaa wahii tahuu isaa ibsa malee waan biraa miti.
#2ffaa: Dubartii laguun jirtuu fi dhiiga dhalaatiin jirtuuf qur'aana harkaan tuquun Haraamaa ?! isa jedhuuf....
#Deebiin...
Haraamaa miti.. qur'aanaa fi hadiisarraa ragaan haraamummaa kennu hin jiru waan ta'eef....
Amma waa'ee qur'aana qara'uu osoo hin taane, harkaan tuquudhaati kan dubbataa jirru...
#3ffaa: Warroota Aayata qur'aanaa
ู„ุง ูŠู…ุณู‡ ุฅู„ุง ุงู„ู…ุทู‡ุฑูˆู†
Jettuun ragaa godhatanii, qur'aana heydiidhaan tuquun dhoorkaadha jedhaniin hoo maal jenna.

#Deebiin....
#1) Aayanni jalqabumarraahuu waa'ee qur'aana gidduu keenya jiruu tuquu fi tuquu dhabuu osoo hin taane... kitaabal-maknuun/ Kitaaba dhokfamaa ykn Rabbiin biratti tikfamaa, samii keessa jiruu sana haasahaa jirti..
ููŠ ูƒุชุงุจ ู…ูƒู†ูˆู†.....ู„ุง ูŠู…ุณู‡ ุฅู„ุง ุงู„ู…ุทู‡ุฑูˆู†
jedhaa jirti....
Kanaafuu aayanni qur'aana Rabbiin bira jiru san irraa haasawaa jirti....
Sahaabaan guddaan Abdallaa binu Abbaasis Kitaaba samii keessa jiru tahuu isaa nuuf hime.
ุนู† ุงุจู† ุนุจุงุณ : ( ู„ุง ูŠู…ุณู‡ ุฅู„ุง ุงู„ู…ุทู‡ุฑูˆู† ) ู‚ุงู„ : ุงู„ูƒุชุงุจ ุงู„ุฐูŠ ููŠ ุงู„ุณู…ุงุก .
#2) Qur'aana keessatti Muxahharuun/ู…ุทู‡ุฑูˆู† jechuun warroota wuduu'a qabanii fi hin qabne jechuu osoo hin taane... ummata qulqulluu #Malaa'ikaa jechuudha...
Kanas warroonni gurguddaan Abdallaa binu Abbaas irraa eegalee hiika kanatti hiikanii jiru..Akkuma sana Anas, Mujaahid, Ikrimaa, Sa'iid binu Jubeyri, Dahaak, Jaabir fi Abdurehmaan binu Zeydi binu Aslam fi fakkaattonni isaanii hedduun akkana jedhanii jiru.
ุนู† ุงุจู† ุนุจุงุณ : ( [ ู„ุง ูŠู…ุณู‡ ] ุฅู„ุง ุงู„ู…ุทู‡ุฑูˆู† ) ูŠุนู†ูŠ : ุงู„ู…ู„ุงุฆูƒุฉ . ูˆูƒุฐุง ู‚ุงู„ ุฃู†ุณ ุŒ ูˆู…ุฌุงู‡ุฏ ุŒ ูˆุนูƒุฑู…ุฉ ุŒ ูˆุณุนูŠุฏ ุจู† ุฌุจูŠุฑ ุŒ ูˆุงู„ุถุญุงูƒ ุŒ ูˆุฃุจูˆ ุงู„ุดุนุซุงุก ุฌุงุจุฑ ุจู† ุฒูŠุฏ ุŒ ูˆุฃุจูˆ ู†ู‡ูŠูƒ ุŒ ูˆุงู„ุณุฏูŠ ุŒ ูˆุนุจุฏ ุงู„ุฑุญู…ู† ุจู† ุฒูŠุฏ ุจู† ุฃุณู„ู… ุŒ ูˆุบูŠุฑู‡ู… .
Kanaafuu Mushafa Lowhal-mahfuuz keessa jiru san malaa'ikoota keessa warroota Rabbitti dhiheenya qaban qofatu tuqa jechuudha...!!
#3) Aayanni tun Kabariyya/ุฎุจุฑูŠุฉ jedhamti... Rabbiin murtee dabarsaa jira osoo hin taane... qabatama haala yeroo keessa jiran irraa haasahaa jira...
Hin tuqinaa jedhee murtee kennee osoo hin taane, ummata qulqulluu San malee namoonni biroo hin tuqanii bar jedhee nutti himaa jira.
hin tuqinaa jechuu miti... nama hedduu akkas itti fakkaatee dogongora keessa seeneera.
๐Ÿ‘‰ Rabbiin Aayata tanatti ilma namaa hin banne walumaagalatti...
Imaamu maalik akka gabaasanitti aayanni tuni akkasuma fakkeenya Aayata Suuraa #Abasaa keessa jirtuudha jedhan...
ูƒู„ุง ุฅู†ู‡ุง ุชุฐูƒุฑุฉ....ูู…ู† ุดุขุก ุฐูƒุฑู‡.....ุจุฃูŠุฏูŠ ุณูุฑุฉ...ูƒุฑุงู… ุจุฑุฑุฉ....
Safaraan bakka kanatti malaa'ikoota qulqulluu sana.. warroota Kitaaba San tuqaniidha jedhe...
@Ibroo

Share๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
#Shamarran_muslimaatiifโ€ฆ.

โœ๏ธ Yeroo tarkaanfii heerumaatiif imala eegaltu..dhiira ganaa diiniidhaaf nama isa sirreessu isa barbaachisu yoo argatte hin qeebalinโ€ฆ!
Wanti kana siin jedheef waa lamaaf beeki:
#1ffaa: Jajjabeenyaa fi humni bultii hoogganuudhaa harki caalu abbaa manaa kankee harka jira. Namni haadha manaa fi ijoollee isaa leenjisus abbaa manaatiโ€ฆ
Abbaa manaa jechuun fakkenya guddaa maatiin hordofu jechuudhaโ€ฆgaafa innuu nama isa leenjisu barbaaduโ€ฆbultiin garam deemtiin gaafiin qabu.
#2ffaa: Dhiirri dhalootaan dhaamsaa fi qajeelfama namarraa/dubartii irraa fudhachuu keessatti hanqinna qabaโ€ฆ
Isa karaa bade itti heerumee qajeelchaan tuni Baayโ€™ee ulfaattiโ€ฆ
Fuudhaaf heeruma jechuun buufata fayyaa ykn iddoo leenjiin itti kennamu wahii mitiโ€ฆbultii jechuunโ€ฆ.bultii jechuudha๐Ÿ˜
๐Ÿ–Š๏ธ@Anaa_keessan(Ibro)
Galatoomaaa

Share๐Ÿ‘‡๐Ÿป

https://t.me/tafak_or