🌹Dπ™šπ™šπ™—π™žπ™ž 𝙒π™ͺπ™¨π™žπ™‘π™žπ™’π™€π™©π™–π™– π™›π™ž π™₯π™π™šπ™šπ™£π™­π™šπ™šβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆ
2.37K subscribers
49 photos
2 videos
9 files
113 links
β€œIyyesuus, β€˜Beekkadhaa raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa!’ isaaniin jedhe.” (Maat.16:6).

αŠ’α‹¨αˆ±αˆ΅αˆ ከፈαˆͺαˆ³α‹α‹«αŠ•αŠ“ αŠ¨αˆ°α‹±α‰ƒα‹α‹«αŠ• αŠ₯ርሾ α‰°αŒ αŠ•α‰€α‰αŠ“ α‰°αŒ α‰ α‰α‘ αŠ αˆ‹α‰Έα‹α’ (αˆ›α‰΄α‹Žαˆ΅ 16:6)
Download Telegram
πŸ“πŸƒ kutaa _ 58 ffaa πŸƒπŸ“
  β–­β–­β–­β–­β–­β–­β–­β–­β–­β–­β–­
➩Gaaffii  fi Deebi
⚫️ musiliimota
✍ Yohaannis 14:1
Iyyaasus(Kiristoos) itti dabalee akkana jedhe: 
#Garaan keessan hin raafamin. #Waaqayyotti amanaa, #Anattis amanaa.
β–­β–­β–­β–­β–­β–­β–­β–­β–­β–­β–­
➩gaaffii isaani
A))* Abbaa akka Waaqayyotti
       itti Amanuudha jedhu
B))* Kiristoos immoo akka
      Raajitti itti Amanudha jedhu
βž–βž–βž–βž–βž–βž–βž–βž–βž–βž–
🌺Ragaa isaanii fidanii
➩Bara durii raajoota fi Waaqayyotti Amana kani jedhu jira jedhuu
πŸ‘‰Ser.Bau 14:31
Sabni Israa'eli Waaqayyo irree isaa isa guddaadhaan warra Gibxii irratti waan hojjete yommuu argan, isa in sodaatan;
#isaan_Waaqayyoon, #Musee garbicha isaa in amanan
πŸ…°βž©Deebii keenya iddoo
kana irratti
Dubbii kana kani dubbatee Musee moo, saba Israa'eli❓
Lakki museen yoomi Waaqayyo ofii qixeesse Ana fi Waaqayyotti Amana jedhe.

Garuu Israa'eloonni gochaa Waaqayyo gara Musee raawate arganii Waaqayyo karaa harka Musee dinqii wani hojjateef. Kuni dhugumaa jedhanii Waaqayyo fi museetti Amanani.
Malee isaan Waaqayyo fi museen Aangoo tokko qabanii jedhanii miti.❌

♨️Ragaa lammaffaa isaanii dhiyeessan
πŸ…±2seena bara 20:20
Isaanis guyyaa itti aanu
ganama barii kaanii gara lafa
onaa Teqoohaa dhaqan. Utuu
deemaa jiraniis
#Yoshaafaax
dhaabbatee, β€œYaa Yihudaa, isin
jiraattonni iyerusaalemis, na
dhagaaa! Jabaattanii dhaabbachuu akka dandeessaniif, Waaqa keessan
Waaqayyoti amanaa.
Raajota isaatti amanaa; milkaaina ni argattu.”
πŸ…±Deebi keenya iddoo
kana irratti
Yoshafaxi jedhee malee
warra yihudaa fi iyerusalemin.Waaqayyo fi raajoota Amana jedhee
Haata’u malee yoshafax mataa isaa iyyuu rajoota jedhee Waaqayyo irraa gargari basee jira,
➩Raajoota keessa immoo eenyu ree? Ana fi Waaqayyo Amana kani jedhee ❓lakki gonkumaa hin jiruu.❌
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
🌺Gara Deebi keenya

kallattiidhaan Yohaannis 14:1 irraa kan jiruu ilaala
#Lakkii Kitaabni iddoo kana irratti Abbaa akka Waaqayyotti ,ilma immoo akka raajiitii itti Amana hin jennee (Yohaannis 14:1)❌


πŸ…Ύ akkamitti Qaama lamani kanatti Amanama. Yeroo jette immoo
#jechi_Amana jedhuu Kiristoos fi Abbaadha wali qixadha.

πŸ…°βž©.Abbaan Waaqayyo jette yoo, amantee
πŸ…±βž©.Kiristoos illee Waaqayyo jettee itti Amanu qabda
πŸ…°βž©.Kiristoos fayyisaadha yoo, jettee amantee
πŸ…±βž©.Abbaan illee fayyisadha jetee Amanuu qabda.
β–­β–­β–­β–­β–­β–­β–­β–­β–­β–­
kanafuu Kiristoos,Abbaa fi Anati Amana Jedhee
✳️ Qabxiiwwan armaan gadii Kiristoos fi Abbaa qofa ilaalta

β“΅βž©Yohaannis 12:45
Namni
#Aa argu hundi, isa na erge Sanas ni arga
β“Άβž©Yohaannis 14:9
Iyyaasus(Kiristoos)akkana jedheen: β€œYaa Filiphoos, yeroo dheeraa hammanaatiif ergan isinii wajjin jiraadhee booda illee, isin amma iyyuu na hin beeknee? Namni Ana arge
#hundi Abbaas argeera. Maarree ati akkamitti, β€˜Abbaa nutti argisiisi’ jetta?
β“·βž©Yohaannis 5:17
#Inni(Kiristoos) garuu, #Abbaan koo hanga ammaatti hojjechaa jira; #Anis nan hojjedha” jedhee isaaniif deebise.
β“Έβž©Yohaannis 5:21
Akkuma
#Abbaan namoota #duan kaasee jireenya isaaniif kennu, #Ilmis nama barbaadeef #jireenya ni kenna.
β“Ήβž© 1Yohaannis 5:12
Namni Ilma sana
qabu jireenya kana qaba; namni
Ilma Waaqayyoo hin qabne jireenya
kana hin qabu.
β“Ίβž©2Yohaannis 1:9
Namni barumsa Kiristoos irra darbee deemuu fi
isatti hin jiraanne hundi Waaqayyoon hin qabu. Namni barumsa
kanaan jiraatu, inni Abbaa fi Ilmaqaba
β“»βž©Yohaannis 10:30
Anii fi Abbaan tokko dha.
β“Όβž©Yohaannis 14:21
Namni Ana jaallatu, isa ajajawwan koo fudhatuu fi eegu dha. Nama na jaallatu
hunda Abbaan koo ni jaallata, Anis isa nan jaalladha,
#isattis ifatti of nan mulisa.
β“½βž©Yohaannis 14:23
Kiristoos akkana jedhee deebiseef: β€œNamni na jaallatu
#hundi dubbii koo ni eega, #Abbaan koos isa jaallata, #nutis gara isaa dhufnee bakka jireenyaa keenya isaa wajjin godhanna.
β“Ύβž©Yohaannis 15:23
Namni na jibbu hundi Abbaa koos ni jibba
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
🌸🌼🌼🌸🌼🌼🌸🌼🌼
Link waldaa keenya xuqaπŸ‘‡
@haadha_Waaqa_naJaladha
@haadha_Waaqa_naJaladha
β–­β–­β–­β–­β–­β–­β–­β–­β–­β–­β–­β–­
✝ Dubbisaa gaarii isiniif Haata’u ✝ πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
πŸ…° Fakkeenyaaf
Ser.Bau 33:20. ➩Waaqayyoo ibidda ifa fakkatee yeroo mulatu hoomtuu hin arguu.
1 Xim 1:17* fi 1 Xim 6:16 ➩ifa Waaqayyo fi humna Waaqayyo namni arguu hin jiru jedhe.
⏯ kana jechuun Haaluma museen jedhee sana waliin tokkoo.

Yeroo Waaqayyo
#ibidda , #ifa, fi #humna/Aangoo, isaanii  guutuu dhufu namni arguu hin jiruu.
πŸ”³Sera Bau 24:17
Yeroo kanatti
#ulfinni_Waaqayyoo akka #ibidda xaph godhuutti, fiixee tulluu sanaa irraa saba Israa'el duratti in mul'ata ture.
πŸ”³Ibroota 12:29
Waaqayyo keenya
#ibiddaa gubee balleessuu dha.
πŸ‘‰ Fakkeenyaaf yero museen fuulli isaa ifa ibidda fakkatee dhufee sana nami isa argu hin dandeenye.
Seera.Bau 34:30
#Aaronii fi #namoonni Israa'el hundinuu gara Musee yommuu ilaalan, #fuulli isaa akka calaqqise arganii isatti dhi'aachuu in #sodaatan.

Seera. Bau 34:35
Yeroo sanattis namoonni Israa'el gara
#fuula_Musee ilaalanii, fuulli isaa akka #calaqqise argan; Museen hamma yeroo Waaqayyoo wajjin dubbachuudhaaf achi deebi'etti, fuula isaa in haguuggate*( 2Qor 3:7-18)
✍ akkuma museen yeroo fuula ifa ta’en dhufu namni arguu hin dandeenye , Waaqayyo illee akkuma kana turee namni isaa hin arguu.
✍ yeroo immoo fuuli Musee ifa hin ture namni arga turan , akkuma kana immoo yeroo inni ifa, ibidda ,humna/ Aangoo malee dhufee namni ni arga jechudha.

πŸ”³ Yaada musiliimota
1Yoh 4:12 irraa jiruu immoπŸ‘‡
⬇️ 1Yohaannis 4:12
#Namni tokko illee Waaqayyoon takkaa #hin_argine; yoo wal #jaallanne, Waaqayyo nu keessa in jiraata, jaalalli inni ittiin nu jaallatus nu keessatti fiixaan ba'uu isaa ti
πŸ”Ίβž©Deebi keenyaπŸ”Ί
iddoo kana irratti.
Sababa namni Waaqayyo hin argineef jalalaa wani hin qabneef jedhee Yohaannis , garuu namni jalala yoo, qabatee immoo fuula fulaatti Waaqayyo fi Kiristoos ni arga.
πŸ…°βž©Yohaannis 14:21
Namni Ana jaallatu, isa ajajawwan koo fudhatuu fi eegu dha. Nama na jaallatu
hunda Abbaan koo ni jaallata, Anis isa nan jaalladha,
#isattis #ifatti of nan #mulisa.
πŸ…± ➩Yohaannis 14:23
Kiristoos akkana jedhee deebiseef: β€œNamni na jaallatu
#hundi dubbii koo ni eega, #Abbaan koos isa #jaallata, #nutis gara isaa dhufnee #bakka jireenyaa keenya #isaa wajjin godhanna.
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
πŸ“ dubbii kiristoos Namni Ana Argee Abbaa Argee jedhuu immoo immoo hiika akkamii qaban .
πŸ…±πŸ›„ Lamaan isaanii iyyuu Aangoo/Humna, ifa,ibidda tokko  wanii qabaniif
Namni Ana arge Abba arge jedhee
A.))πŸ‘‰Yohaannis 1:18
#Homtinuu #takkaa_Waaqayyoon hin argine, #ilma tokkicha isa abbaa bukkee ture sanatu waa'ee isaa hiikee beeksise malee
=hoomtuu erga Waaqayyo hin arginee Ilmi isa qofati immoo akkamitti isa biraa ture yeroo jennuu ,Ilmi isa Abbaa waajin Aangoo tokko wani qabuuf.
B))πŸ‘‰Ibroota 1:3
Inni(kiristoos)
#ulfina Waaqayyoo ni calaqqisa, eenyummaa isaas #sirriitti #bakka bua, akkasumas waan
hundumaa humna dubbii isaatiin jiraachisa. Inni cubbuu keenya erga qulqulleessee booda, iddoo oli aanaan mirgaa isaan Suurra Qabeessa sanaa taae.
C.))πŸ‘‰ 2 Pheexiroos 1:16
#Nuti_humnaa fi argamuu #Gooftaa keenya Iyyaasuus Kiristoos kan isinitti beeksisne, #surraa isaa isa #guddaa ija keenyaan argineen malee,
oduu durii isa soba taee fi haxxummaadhaan uumame hordofnee miti.
D))πŸ‘‰Yohaannis 8:19
Isaanis, β€œAbbaan kee eessa jira? jedhaniin Iyyasus(Kiristoos) β€œIsin anas tae Abbaa koo hin beektan. Utuu ana beektaniittu taee, Abbaa koos ni beektu turtan” jedhee deebiseef.
E.))πŸ‘‰Maatewos 11:27
Abbaan koo wanta
hunda anaaf kenneera; Abbaa malee guutummaatti Ilma kan beeku tokko illee hin jiru; akkasumas Ilmaa
fi nama Ilmi
isatti mulisuu barbaadu qofa malee, guutummaatti Abbaa kan beeku tokko illee hin jiru.
F.))πŸ‘‰Yohaannis 16:15
Wanti Abbaan qabu
#hundi kan #koo ti. Inni wanta kan koo tae irraa #fudhatee isinitti beeksisa kanan jedhes kanumaafi.
G.))πŸ‘‰Yohaannis 17:10
#wanti kan koo tae hundi kan kee ti; wanti kan kee tae hundis kan koo ti; anis isaan gidduutti ulfina argadheera.
😜  Yoh 14:9 irraa kan jiruu kunoo kana fakkaata,hiika isa
➩kutaa_2ffΒͺΒͺ itti fufa.
Yoh 14:9irratti ammas hordofa.
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
πŸ“πŸ“πŸ“πŸ“πŸ“πŸ“πŸ“πŸ“πŸ“πŸ“
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
🌺Link waldaa keenya kana
Xuqa hordofaπŸ‘‡
@haadha_Waaqa_naJaladha
⚠️⚠️⚠️⚠️⚠️⚠️⚠️⚠️⚠️⚠️⚠️