🌹Dπ™šπ™šπ™—π™žπ™ž 𝙒π™ͺπ™¨π™žπ™‘π™žπ™’π™€π™©π™–π™– π™›π™ž π™₯π™π™šπ™šπ™£π™­π™šπ™šβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆ
2.36K subscribers
43 photos
2 videos
9 files
113 links
β€œIyyesuus, β€˜Beekkadhaa raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa!’ isaaniin jedhe.” (Maat.16:6).

αŠ’α‹¨αˆ±αˆ΅αˆ ከፈαˆͺαˆ³α‹α‹«αŠ•αŠ“ αŠ¨αˆ°α‹±α‰ƒα‹α‹«αŠ• αŠ₯ርሾ α‰°αŒ αŠ•α‰€α‰αŠ“ α‰°αŒ α‰ α‰α‘ αŠ αˆ‹α‰Έα‹α’ (αˆ›α‰΄α‹Žαˆ΅ 16:6)
Download Telegram
🌺kuta-90-ffaa πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
      ➻gaafi fi Deebi
      ➻Musiliimota
πŸ“Gaaffii isaanii akkasii jedha.
β“΅βž»Dubartii magdala(magdalawit)Maariyaam kani jedhamtu Β« erga jalqabaa  Kiristoos argitee lamaaffaa maalif barbadi jedhuu.❓
Maatewos 28:9
Yeroo kanatti
#Iyyasuus isaanitti dhufee, β€œNagaan isiniif haataΚΌu!” jedhe. Isaanis isatti dhihaatanii #miilla isaa qabatanii isaaf sagadan.
Yohaannis 20:15
#Iyyaasuus,β€œDubartii nana maaliif #boossa? Eenyuun barbaadda?” jedheen. Ishiinis #nama_ashaakiltii #eeggu waan ishiitti fakkaateef, β€œYaa gooftaa, situ fudhate yoo taΚΌe, ani akkan isa fudhadhuuf eessa akka isa keesse natti himi” jetteen.
==========
✍Deebii keenyaπŸ‘‡
Sababa ishii Kiristoos jalqabaa argitee booda immoo yeroo lamaffaa barbaduufi.
➻jalqabaa dura kani maatewos irraa jiru osoo dubartoonni karaa deemaa jirani karaatti itti dhufe nagaa gaafatee. Isaa booda isaani miilla isaa qabani sagadaanif. garuuu Kiristoos akkasii jedhaniiπŸ‘‡
❢➻Maatewos 28:10
Achiis Iyyaasus β€œHin sodaatinaa! Gara Galiilaa dhaqanii achitti akka na
#argan obboloota kootti himaa” isaaniin jedhe.
➻Haata’u malee isaanii yaada kana barattootatti himanii jiruu.
❷➻Maatewos 28:16
Barattoonni isaa 11 garuu, gara gaara Galiilaa Iyyaasuus achitti wal-argina isaaniin jedhe sanaa
#dhaqan.
✍ hanga yeroo kanatti Kiristoos Gaaliila hin dhaqnee.Sababiin isaa namoonni tokko tokko wanta kana kani hin Amanee wani jiraniif.
❸➻Yohaannis 20:8
HaataΚΌu malee,
#isaan wanta #Kitaabni Qulqulluun inni duΚΌaa kaΚΌuu akka qabu dubbatu amma iyyuu #hin_hubanne turan.
❹➻Maarqoos 9:32
#Isaan garuu wanta inni dubbate hin hubanne; isa #gaafachuus ni sodaatan.
❺➻Maatewos 26:32
HaataΚΌu malee,
#ergan_duaa kaΚΌee booda, isin #dursee gara #Galiilaa nan dhaqa.”
✍Ergamoonni(Malakooni) kanuma jedhanii turani.
❻➻Maatewos 28:7
Kanaaf
#dafaa dhaqaatii, β€˜Inni duΚΌaa kaΚΌeera, isin #dursee gara #Galiilaa ni dhaqa, isin achitti isa ni argitu’ jedhaa barattoota isaatti himaa. Wanta ani isiniin jedhe kana hin #irraanfatinaa.”
❼➻Maarqoos 16:7
Kanaa mannaa dhaqaatii,
#Inni isin dursee gara Galiilaa ni dhaqa. #Akkuma inni isinitti himee #tures, isin achitti isa ni argitu’ jedhaa barattoota isaa fi Pheexirositti himaa.”
βž‘βž»Luqaas 24:6-7
Inni duΚΌaa kaΚΌeera, as hin jiru.
#Yommuu_Galiilaa turetti wanta inni isinitti dubbate yaadadhaa;  #Ilmi namaa cubbamootatti dabarfamee kennamuu, Fannoo jirratti fannifamuu fi guyyaa #sadaffaattis duΚΌaa kaΚΌuu akka qabu isinitti himee ture.”
πŸ‡ Walumaagalatti.
Dubartiin tunni jecha Kiristoos fi kani ergamoota sana hin fudhanne . Akkuma Kitaabni jedhuu wanti kuni jala dhokatee ture. Jecha.
βž’βž»Luqaas 9:44-45
Wanta ani isinitti himuuf jedhu kana xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa, akkasumas yaadadhaa; Ilmi namaa harka namootaatti
#dabarfamee ni kennama.”  #Isaan garuu wanta inni dubbachaa ture hin hubanne. #Dubbiin kun isaan jalaa waan #dhokateef, hubachuu hin dandeenye; waaΚΌee dubbii kanaas isa gaafachuu ni sodaatan.
🌺 dubartiin tuniis yeroo afurii deddeebitee jirti.Kiristoos jalqabaa dura karaa irratti argitee yeroo biraa immoo iddoo awaala deemtee osoo ishiin bo'aa jirtu, nama biqiltuu eeggu itti fakkatee Sababiin isaa yeroo kunis ganama wanii ta’ef, Β« akkuma eeggan tokko halkanii guutuu wanta isaa eeguu kuni iddoo kamittiyyuu irraa guddaan isaa haatuun halkanii wani haattuuf halkanii baay'ee ni eeggama, ture, ishin dubartiin sunis yaanni ishii iddoo biqiltuu wani jiruuf nama biqiltuu eeggu kana itti fakkatee Kanaafi,  sababa ishiin Kiristoos walate isaa kana turee.
βž“βž»Yohaannis 20:14
Erga kana dubbattee booda, duubatti garagaltee Iyyaasus akka achi dhaabate argite; haa taΚΌu malee ishiin inni Iyyaasus taΚΌuu isaa
#hin_hubanne.
11βž›Yohaannis 20:15
Iyyaasus immoo, β€œDubartii nana, maaliif boossa? Eenyuun barbaadda?” jedhee ishee gaafate; isheen illee, kun
#eegduu dha jettee, waan #yaadeef, β€œGooftaa ko, ati asii fuutee iddoo tokkotti isa geessiteetta yoo ta'e, eessa akka isa keesse anatti himi, ani dhaqee isa nan fida” ittiin jette
🌺 kuni rakkoo hubbanna ishee malee wanta biraa miti Eeyyee Kiristoos yeroo lama argitee jirti.
========
link waldaa xuqaaπŸ‘‡
https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha