🌹Dπ™šπ™šπ™—π™žπ™ž 𝙒π™ͺπ™¨π™žπ™‘π™žπ™’π™€π™©π™–π™– π™›π™ž π™₯π™π™šπ™šπ™£π™­π™šπ™šβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆ
2.37K subscribers
49 photos
2 videos
9 files
113 links
β€œIyyesuus, β€˜Beekkadhaa raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa!’ isaaniin jedhe.” (Maat.16:6).

αŠ’α‹¨αˆ±αˆ΅αˆ ከፈαˆͺαˆ³α‹α‹«αŠ•αŠ“ αŠ¨αˆ°α‹±α‰ƒα‹α‹«αŠ• αŠ₯ርሾ α‰°αŒ αŠ•α‰€α‰αŠ“ α‰°αŒ α‰ α‰α‘ αŠ αˆ‹α‰Έα‹α’ (αˆ›α‰΄α‹Žαˆ΅ 16:6)
Download Telegram
🌻 kutaa-79-ffaa 🌻
  β–£βž› gaaffii fi deebii
  β–£βž› Muslimoota
  β–£βž› skakitota bira irraa
β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰
πŸͺΉ Gaafii isaanii
πŸ‘‰β isaa kami sirriidha
jedhuu ❞ ❓❓
Iyyaasus Kiristoos barattoota isaa wajjin iddoo kami dhaqee jedhuu. Kitaabani wangeelaa walitti bu'ee jedhuu
#A)).Maatewos irratti akkasii jeche ~Getesemaanee
✍Maatewos 26:36πŸ‘‡
Sana booda Iyyaasus kiristoos
#isaanii wajjin gara bakka #Getesemaanee jedhamu dhufe; barattoota isaatiinis, β€œHamma ani achi dhaqee kadhadhutti isin asuma taaΚΌaa” jedhe.

#B )).Luqaas irratti akkasii jedhee ~Tulluu Ejersa jedhee
✍Luqaas 22:39πŸ‘‡
Achii baΚΌees akkuma amala isaa gara
#Gaara_Ejersaa deeme; barattoonni isaas isa duukaa buΚΌan.

#C)).Yohaannis irratti immoo akkasii jedhee ~ sululaa Qedroon jedhee
✍Yohaannis 18:1πŸ‘‡
Iyyaasus Kiristoos wantoota kana erga dubbatee booda,
#barattoota isaa wajjin bakka #ashaakiltii_Sulula_Qedroon gama jiru tokkoo dhaqe; innii fi barattoonni isaas achi keessa seenan.
=================
βš› Deebii keenyaa.
πŸ‘‰hundi isaanii siriidhaa
Akkuma Kiristoos dubbate.
πŸͺΊ Maatewos 22:29
Iyyaasus Kiristoos deebisee akkana isaaniin jedhe:  " isin
#Kitaabota_Qulqulluus taʼe #humna_Waaqayyoo waan hin beekneef ni #dogoggortu.❌

πŸ“gara mataa duree keenya yeroo deebinuu.
Kitaabni sadan isaan iyyuu tartiiba iddoo kuni itti argamuu ibsuuf
Fakkeenyaaf daandii tokko irratti iddoon wanti tokko argaman ibsuuf
πŸ‘‰fakki kana ilalaπŸ‘‡
Ejersaβž›Getesamaneβž›Qedroon

🌲 kanaafu
#Luqaas Kiristoos iddoo inni jalqabaa(-1ffΒͺΒͺ) dhaqee Tulluu ejersaa jedhe

🌲
#Maatewoos immoo iddoo inni lamaffaa(-2ffΒͺΒͺ) dhaqee ibsee ,geetesemaanii jedhe

🌲
#Yohaannis immoo iddoo sadaffa(-3ffΒͺΒͺ) ibse Kiristoos Tulluu ejersaa keessa darbee ,ammaa getesemaani keessa darbee ,sulula Qedroon dhaqee jedhe.
β–£β–£β–£β–£β–£β–£β–£β–£β–£β–£β–£β–£β–£β–£
πŸ…Ύ hiika jechoota ilaala

πŸ₯€
#Tuluu_EjersaaπŸ₯€
πŸ‘‰
#Tulluu jechuun lafa oli ka'a ,jechudha Afaan Giriikiitiin
Oros jedhama(ὄρος).
Ejersaa jechuun muka Ejersaa kani lafa biqiluu dha afaanii Giriikiitiin immoo Eliwoon jedhama (Ἐλαιῢν)
βž›Afaanii Ingiliffaatiin immoo
Olive tree jedhama
Fakkeenyaaf jedha
#olive jedhuu kana irraa qubee -ve yoo irraa kune jecha #oli jedhamuu argana.
πŸ“jechi oli jedhuu immoo zayitii jechudha.
βž›kanafi Tulluu Ejersaa jechuun Tulluu zayitii jechudha.
πŸ‘‰ yookiin immoo afaani Giriikiitiin
Ejersaa jechunβž›
#Ἐλαιῢν
zayiti jechunβž›
#ἔλαιον
QubeeπŸ‘‰ αΏΆβž›ΞΏπŸ‘ˆ
Qubee ❝ ῢ❞ yoo itti galchitee jecha ejersaa jedhuu argata
Qubee ❝ο❞ kana yoo itti galchite immo zayitii argata.
πŸ“Jechi zayitii jechuu immoo jalqabaa jecha
#Ibraayisxiitti irraa argamee shamani(שׁ֢מ֢ן)  kani jedhuu irra
🌹ragaa kitaaba Qulqulluu
❢.Luqaas 22:39
❷.Luqaas 16:6
❸.seera.Bau 29:40

πŸ₯€
#Geetesemaanii πŸ‚
Geetesemaani jechuun immoo
Afaanii Aramiki// Ibraayisxiitti irraa argamee innis
#gete fi #shamani kani jedhuu irraa " Hiikni isaa immoo zayitii cufamaa  jechudha.
Yookiin afaanii Ingiliffaatiin ❝
Oli press❞  jedhama
βž›iddoon argama geetesemaanii immoo Tulluu ejersaa fi sulula Qedron gidduutti argamatti.
❹.Maatewos 26:36
❺.Maarqoos 14:32
❻.Seera.lewwi 2:7

πŸ₯€
#Qedron πŸ₯€
Qedron jechuun immoo.
Afaanii Ibraayisxiitti irraa argame innis keedrooni kani jedhuu irraa. Hiikni isaa immoo qedroon jechuun wanta maka qabuu(bora'ee jiru ) fakkeenya bishaanii fi biyyee walitti yoo ,Bulbulaamee
Yookiin afaanii Ingiliffaatiin (turbid) isaa jedhamuu dha.
❼.Yohaannis 18:1

πŸ…Ύ Walumaagalatti Tulluu ejersaa ,Geetesemaanii, sulula qedroon, sadan isaanii iyyuu cinaa yookiin naannoo iyarusalemitti argamu.
πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€
Link waldaa kana argachuu yoo,barbade kana xuqiπŸ‘‡πŸ‘‡

https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha
β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰β—‰
🌹kutaa-80-ffΒͺΒͺ.🌾
     β—‰βž›gaaffii fi deebi
     β—‰βž›Muslimoota
     β—‰βž›shakitota bira irraa dhufu.
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
πŸ‘‰gaaffii isaanii
β“΅βžͺisaa kami sirriin jedhuu
Β«
#Yihuudaan Kiristoos #dhungatee moo❓hin dhungane Β» jedhu❓

#A))βž›Akka ~#Yohaannis jedhuutti Yihuudaan Kiristoos dhungachuu fi dhisuu isaa
hin ibsuu
πŸ‡Yohaannis 18:3πŸ‘‡
#Yihudaan garee loltootaa, eegdota mana qulqullummaa warra dura buutota lubootaa fi Fariisota biraa ergaman fidee #dhufe; isaanis guca, ibsaa fi meeshaa waraanaa qabatanii turan.

#B))βž›Akka ~#Maatewoos barreessetti immoo yihudaan Kiristoos dhungatee jira.
πŸ‡
Maatewoos 26:47-50
Utuma inni kana dubbachaa jiruu, kunoo,
#Yihudaan inni warra Kudha Lamaan keessaa tokko taΚΌe #ni_dhufe; namoonni hedduun dura buutota lubootaa fi maanguddoota sabaa biraa ergaman goraadee fi ulee qabatanii isaa wajjin dhufan. #Yeroo kanatti inni dabarsee isa kennu, β€œInni #Ani_dhungadhu isa; isa qabaa” jedhee #mallattoo isaaniif kennee ture.  Innis kallattiidhaan gara Iyyasus Kiristoos dhaqee,  #Rabbii, nagaan siif haa taΚΌu!” jedhee
#isa_dhungate. Iyyaasus Kiristoos garuu, β€œYaa michuu ko, #kaayyoo maaliitiif dhufte?” jedheen. Yeroo kanatti namoonni sun gara isaa dhufanii qabanii isa #hidhan.

#C))βž›Akka ~#Maarqoos barreessetti Yihuudaan Kiristoos dhungatee jira.
πŸ‡Maarqoos 14:43-45
Yeruma sana utuma inni kana dubbachaa jiruu,
#Yihudaan inni warra Kudha Lamaan keessaa tokko taΚΌe ni dhufe #namoonni hedduun dura buutota lubootaa, barsiisota seeraa fi maanguddoota biraa ergamanis goraadee fi ulee qabatanii isaa wajjin jiru turan.   Inni dabarsee isa kennus, β€œInni ani dhungadhu isa dha; qabaatii, of eeggannoodhaan isa geessaa” jedhee mallattoo isaaniif kennee ture. #Kallattiidhaan gara isaa dhufee itti dhihaatee, β€œRabbii!” jedhee #isa_dhungate

#D))βž›Akka ~#Luqaas barreessetti immoo yihudaan kiristoos ❝ dhunfachuuf itti siqee ❞
πŸ‡Luqaas 22:47-48
Utuma inni kana dubbachaa jiruu, kunoo,
#namoonni hedduun ni dhufan #namichi #Yihudaa jedhamuu fi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taΚΌe isaan dura buΚΌee dhufe; innis Iyyaasuus kiristoos #dhungachuuf gara isaatti #siqe. Kiristoos garuu, β€œYaa Yihudaa, #Ilma_namaa dhungachuudhaan dabarsitee kennitaa?” jedheen
================
πŸ‡Deebi keenyaa hundi
isaanii iyyuu sirriidha
kani jedhuu.
πŸ€ Fakkeenyaaf Yohaannis
#gonkumaa yihudaan Kiristoos hin dhunganne osoo jedhee jiratee yaanni musiliimota sirrii turee ," garuu Yohaannis akkasii hin jenne.
⏯ lakki yoo, jedhani immoo raga,nuuf fida❓
inni biraa wangellii maatewos namoota baay'ee jedhee dubbateera garuu Yohaannis hin dubbane.
⏯ loltootu gurri isaa irraa citee wangeeloonni sadan(3) maqaa isaa hin ibsine , garuu Yohaannis maqaa isaa ibsee jira.
🌷Walumaagalatti Amala kitaaba Qulqulluu beekuun
#dirqama.keenyadha.

πŸ’ Wangeeloonni arfan(4n) isaanii iyyuu jalqabaa yihudaan
#dhufee jedhani ibsanii jiruu
Mat 26:47 ⏯ Mar 14:43
Luq 22:47  ⏯ Yoh 18:3

βΆβž›Yihuudaan ni dhufee
  =Yohaannis 18:3
β·βž›isaa booda dhungachuuf gara Kiristoos siqee
=Luqaas22:47
βΈβž› Yihudaan Raabi nagaan siif Haata’u jedheeni
  =Maatewos 26:49
βΉβž›Yihuudaan ni dhungatee
    =Maatewos 26:49
βΊβž›β yeroo kana immoo Kiristoos yaa, michuu kiyyaa kaayyoo maalitti dhuftee  jedheen ❓
  =Maatewos 26:50)
β»βž› ilma nama dhungatee kennita jedheen ❞
  =Luqaas 22:48
βΌβž› Kiristoos gara fula durati bahe eenyu barbaduu jedheen lolotaani ❓
  =Yohaannis 18:4
βž‘βž›isaanii immoo Iyyaasus nama Naazreeti jedhani
  =Yohaannis 18:5
βž’βž›Inni Ana isaanii jedhee
   =Yohaannis 18:5
βž“βž›yeroo kana dubbati kufanii
   =Yohaannis 18:6
βžŠβžŠβž›yeroo lamaffaa eenyu barbaduu jedhanii
Yohaannis 18:7
βΆβ·βž›Iyyasus namaa Naazireeti jedhanii
=Yohaannis 18:7
βžŠβΈβž›inni Ana jedheen turee bari jedheen
=Yohaannis 18:8
βžŠβΉβž› isin Ana barbaduu yoo,  taee isaanii kana dhisa yaa, deemanii jedheeni
  =Yohaannis 18:8
βžŠβΊβž› ....itti fufa...........
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼

https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha
πŸ…± kutaa-87-ffΒͺΒͺ πŸ‘‡πŸ‘‡
       🫡 gaaffii fi Deebi
        🐀Musiliimota
----------------------
✍gaaffii isaanii akkasii ture
βΆβž› dhagaa guddaan tokko bolla awwaala irraa turee.
Yeroo Dubartoonni achii gahan sana eessaa dhaqee ❓jedhuu
✍ Ragaa isaanii immooπŸ‘‡
❢.Yohaannis 20:1
Maariyaam Magdalaan guyyaa jalqaba torban sanaatti ganama barii utuu lafti hin ifin, gara awwaalichaa dhuftee
#dhagichi_awwaalicha_irraa #kaafamuu_isaa_argite.
❷.Maarqoos 16:4
Yommuu oli jedhanii ilaalan garuu,
#dhagichi akka malee guddaa taΚΌus, #afaan_awwaalichaa_irraa
#gangalfamee_ture.
❸.Luqaas 24:2
HaataΚΌu malee,
#dhagichi_awwaala_sana_irraa #garagalfamee_argan
❹.Maatewos 28:2
Kunoo Ergamaan waaqayyo samii irraa waan gadii buΚΌeef kirkirri lafaa guddaan ni taΚΌe; Ergamaan sunis dhufee
#dhagicha_gangalchee_irra taaΚΌe.
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
πŸ“Deebi keenyaπŸ‘‡
πŸ‘‰hundi isaanii iyyuu sirriidha.
Dhagaan suni boolla awwaala irraa kaafamu isaatti.

β“΅βž›πŸ’ akka
#Yohaannis ibsaa jirtutti #Dubartii_tokko irratti hundae dubbate wanta ta’e sana, Innis dhagichi awwaalicha irraa kaafamuu isaa argitee(Yohaannis 20:1)

β“Άβž›πŸ’akka
#Maarqoos ibsa jirutti immoo #dubartoota_sadii ,irratti hundae, jedhe Innis dhagichi afaanii awaalichaa irraa kafamu isaatti.(Maarqoos 16:4)
➩Jechi afaanii awwaalicha irraa gangalfame turee jedhuu wanta darbee ibsa jira
πŸ“Maarqoos 16:1πŸ‘‡
Sanbatni erga darbee boodas,
#Maariyaam_Magdalaa, #Maariyaam_haati_Yaaqoobii fi #Saloomeen dhaqanii reeffa isaa dibuuf urgooftuu bitan.

β“·βž›πŸ’akka
#Luqaas ibsa jirutti immoo #dubartoota_sadii kani argan dubbatee kunis Maarqoos wajjiin yaada tokko qaba (Luqaas 24:2)
➩Jechi awaalichaa irraa gangalfame
#ture jedhuu wanta darbee ibsa.
πŸƒdubartoonni suni sadii ta'u ibsaa , Sababiin isaa baayinna ibsa, akkasumas immoo urgooftuu jedha, wanta kana wajjiin wali fakkatu immoo Maarqoos wani ibseef
πŸ“Luqaas 23:55-56πŸ‘‡
#Dubartoonni warri #Galiilaadhaa jalqabee isaa wajjin dhufanis duukaa buΚΌanii reeffi isaa #awwaalicha_keessa #akkamitti akka kaaΚΌame #ilaalan;  achiis #urgooftuu fi dibata urgaaΚΌu qopheessuuf deebiΚΌanii deeman. Haa taΚΌu malee, akka seerichi ajajutti guyyaa Sanbataa ni boqotan
➩Dubartoonni Galiilaadhaa dhufan immoo Maarqoos sirriitti ibseera ,Luqaas illee ibsee jira.

πŸ“Maarqoos 15:47πŸ‘‡
#Maariyaam_Magdalaa fi #Maariyaam_haati_Yoseef garuu, #reeffa isaa #eessa akka kaaΚΌan #ilaalu_turan.
πŸ“Luqaas 8:2πŸ‘‡
#dubartoonni_hafuurota hamoo fi dhukkuba adda addaa irraa fayyan tokko tokkos isaa wajjin turan. Isaanis, #Maariyaam Magdalaa ishii jinniiwwan torba keessaa baΚΌan,
πŸ“Luqaas 24:1πŸ‘‡
Guyyaa jalqaba torban sanaatti garuu
#dubartoonni sun #urgooftuu qopheessan sana fidanii ganama bariidhaan gara awwaalichaa dhufan.


β“Έβž›πŸ’akka
#Maatewoos ibsa jirtutti immoo #dubartoota #lamaa qofa jecha jira kana immoo dubartoonni suni osoo ergamaan dhagicha gangalcha jiruu argan jedha.
Kuni immoo wanta amma ta'a jiruu ibsaa. Kanaafuu dubartoonni laman kuni ijaan arganii jiru.
πŸ“
Maatewoos 28:1πŸ‘‡
Sanbatni erga darbee booda guyyaa jalqaba torban sanaatti,
#Maariyaam_Magdalaa fi #Maariyaam ishiin kaan awwaalicha ilaaluu dhufan.
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
Xumura irratti.
❢.Kani
#Maatewoosi ibsee #jalqabaa.wanta ta’e ibsa
❷.Kani
#Maarqoos fi #Luqaas #lamaffaa irratti wanta ta’e ibsa
❸.Kani
#Yohaannis #sadaffaa irratti wanta ta’e ibsa.
β–¬β–¬β–¬β–¬
Link kan xuqiπŸ‘‡πŸ‘‡
https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha