🌹Dπ™šπ™šπ™—π™žπ™ž 𝙒π™ͺπ™¨π™žπ™‘π™žπ™’π™€π™©π™–π™– π™›π™ž π™₯π™π™šπ™šπ™£π™­π™šπ™šβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆ
2.36K subscribers
43 photos
2 videos
9 files
113 links
β€œIyyesuus, β€˜Beekkadhaa raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa!’ isaaniin jedhe.” (Maat.16:6).

αŠ’α‹¨αˆ±αˆ΅αˆ ከፈαˆͺαˆ³α‹α‹«αŠ•αŠ“ αŠ¨αˆ°α‹±α‰ƒα‹α‹«αŠ• αŠ₯ርሾ α‰°αŒ αŠ•α‰€α‰αŠ“ α‰°αŒ α‰ α‰α‘ αŠ αˆ‹α‰Έα‹α’ (αˆ›α‰΄α‹Žαˆ΅ 16:6)
Download Telegram
🌹kutaa-80-ffΒͺΒͺ.🌾
     β—‰βž›gaaffii fi deebi
     β—‰βž›Muslimoota
     β—‰βž›shakitota bira irraa dhufu.
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
πŸ‘‰gaaffii isaanii
β“΅βžͺisaa kami sirriin jedhuu
Β«
#Yihuudaan Kiristoos #dhungatee moo❓hin dhungane Β» jedhu❓

#A))βž›Akka ~#Yohaannis jedhuutti Yihuudaan Kiristoos dhungachuu fi dhisuu isaa
hin ibsuu
πŸ‡Yohaannis 18:3πŸ‘‡
#Yihudaan garee loltootaa, eegdota mana qulqullummaa warra dura buutota lubootaa fi Fariisota biraa ergaman fidee #dhufe; isaanis guca, ibsaa fi meeshaa waraanaa qabatanii turan.

#B))βž›Akka ~#Maatewoos barreessetti immoo yihudaan Kiristoos dhungatee jira.
πŸ‡Maatewoos 26:47-50
Utuma inni kana dubbachaa jiruu, kunoo,
#Yihudaan inni warra Kudha Lamaan keessaa tokko taΚΌe #ni_dhufe; namoonni hedduun dura buutota lubootaa fi maanguddoota sabaa biraa ergaman goraadee fi ulee qabatanii isaa wajjin dhufan. #Yeroo kanatti inni dabarsee isa kennu, β€œInni #Ani_dhungadhu isa; isa qabaa” jedhee #mallattoo isaaniif kennee ture.  Innis kallattiidhaan gara Iyyasus Kiristoos dhaqee,  #Rabbii, nagaan siif haa taΚΌu!” jedhee
#isa_dhungate. Iyyaasus Kiristoos garuu, β€œYaa michuu ko, #kaayyoo maaliitiif dhufte?” jedheen. Yeroo kanatti namoonni sun gara isaa dhufanii qabanii isa #hidhan.

#C))βž›Akka ~#Maarqoos barreessetti Yihuudaan Kiristoos dhungatee jira.
πŸ‡Maarqoos 14:43-45
Yeruma sana utuma inni kana dubbachaa jiruu,
#Yihudaan inni warra Kudha Lamaan keessaa tokko taΚΌe ni dhufe #namoonni hedduun dura buutota lubootaa, barsiisota seeraa fi maanguddoota biraa ergamanis goraadee fi ulee qabatanii isaa wajjin jiru turan.   Inni dabarsee isa kennus, β€œInni ani dhungadhu isa dha; qabaatii, of eeggannoodhaan isa geessaa” jedhee mallattoo isaaniif kennee ture. #Kallattiidhaan gara isaa dhufee itti dhihaatee, β€œRabbii!” jedhee #isa_dhungate

#D))βž›Akka ~#Luqaas barreessetti immoo yihudaan kiristoos ❝ dhunfachuuf itti siqee ❞
πŸ‡Luqaas 22:47-48
Utuma inni kana dubbachaa jiruu, kunoo,
#namoonni hedduun ni dhufan #namichi #Yihudaa jedhamuu fi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taΚΌe isaan dura buΚΌee dhufe; innis Iyyaasuus kiristoos #dhungachuuf gara isaatti #siqe. Kiristoos garuu, β€œYaa Yihudaa, #Ilma_namaa dhungachuudhaan dabarsitee kennitaa?” jedheen
================
πŸ‡Deebi keenyaa hundi
isaanii iyyuu sirriidha
kani jedhuu.
πŸ€ Fakkeenyaaf Yohaannis
#gonkumaa yihudaan Kiristoos hin dhunganne osoo jedhee jiratee yaanni musiliimota sirrii turee ," garuu Yohaannis akkasii hin jenne.
⏯ lakki yoo, jedhani immoo raga,nuuf fida❓
inni biraa wangellii maatewos namoota baay'ee jedhee dubbateera garuu Yohaannis hin dubbane.
⏯ loltootu gurri isaa irraa citee wangeeloonni sadan(3) maqaa isaa hin ibsine , garuu Yohaannis maqaa isaa ibsee jira.
🌷Walumaagalatti Amala kitaaba Qulqulluu beekuun
#dirqama.keenyadha.

πŸ’ Wangeeloonni arfan(4n) isaanii iyyuu jalqabaa yihudaan
#dhufee jedhani ibsanii jiruu
Mat 26:47 ⏯ Mar 14:43
Luq 22:47  ⏯ Yoh 18:3

βΆβž›Yihuudaan ni dhufee
  =Yohaannis 18:3
β·βž›isaa booda dhungachuuf gara Kiristoos siqee
=Luqaas22:47
βΈβž› Yihudaan Raabi nagaan siif Haata’u jedheeni
  =Maatewos 26:49
βΉβž›Yihuudaan ni dhungatee
    =Maatewos 26:49
βΊβž›β yeroo kana immoo Kiristoos yaa, michuu kiyyaa kaayyoo maalitti dhuftee  jedheen ❓
  =Maatewos 26:50)
β»βž› ilma nama dhungatee kennita jedheen ❞
  =Luqaas 22:48
βΌβž› Kiristoos gara fula durati bahe eenyu barbaduu jedheen lolotaani ❓
  =Yohaannis 18:4
βž‘βž›isaanii immoo Iyyaasus nama Naazreeti jedhani
  =Yohaannis 18:5
βž’βž›Inni Ana isaanii jedhee
   =Yohaannis 18:5
βž“βž›yeroo kana dubbati kufanii
   =Yohaannis 18:6
βžŠβžŠβž›yeroo lamaffaa eenyu barbaduu jedhanii
Yohaannis 18:7
βΆβ·βž›Iyyasus namaa Naazireeti jedhanii
=Yohaannis 18:7
βžŠβΈβž›inni Ana jedheen turee bari jedheen
=Yohaannis 18:8
βžŠβΉβž› isin Ana barbaduu yoo,  taee isaanii kana dhisa yaa, deemanii jedheeni
  =Yohaannis 18:8
βžŠβΊβž› ....itti fufa...........
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼

https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha