🌹D𝙚𝙚𝙗𝙞𝙞 𝙢𝙪𝙨𝙞𝙡𝙞𝙢𝙤𝙩𝙖𝙖 𝙛𝙞 𝙥𝙝𝙚𝙚𝙣𝙭𝙚𝙚
2.37K subscribers
49 photos
2 videos
9 files
113 links
“Iyyesuus, ‘Beekkadhaa raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa!’ isaaniin jedhe.” (Maat.16:6).

ኢየሱስም ከፈሪሳውያንና ከሰዱቃውያን እርሾ ተጠንቀቁና ተጠበቁ፡ አላቸው። (ማቴዎስ 16:6)
Download Telegram
🌹🌼 kutaa-16ffªª=hordofa🌼
◈Gaafi fi Deebi
Musiliimoota

Yohaannis 6:57👇
#Akkuma Abbaan
inni
#jiraataa tae na
ergee fi Anis sababii
Abbaatiin jiraadhu,
#namni foon koo nyaatus
sababii kootiin ni jiraata.
▬▬▬▬▬▬▬.
🌼 Musiliimoonni akkasii
jedhuu Abbaan jirta,yoo,
ta’e Male Kiristoos
Ofi danda'e jirachuu
hin danda'u Jedhu
....
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
=Deebi keenya.👇

🅾 jalqaba dura Kiristoos
Ofi danda'e akka jiratu
Ragaa kitaaba Qulqulluu

Mul’ata Yohaannis 22:13👇
#Ani Alfaa fi Omeegaa
isa duraa fi isa boodaa
isa jalqabaa fi isa xumuraa ti

Raaji isayaas 44:6👇
Waaqayyo Mootiin Israael,
inni isa furu(inni Fayyisu)
Waaqayyo Gooftaan
#Hunduma danda'u
akkana jedha:
Ani isa
#jalqabaa fi isa #xumuraa ti
Ana malee
#Waaqni kan
biraan hin jiru.

Raaji_isayaas 48:12-13👇
Yaa,Yaaqoob, yaa Israael
isani waame na, dhagai.
#Ani_isuma sana
Ani isa jalqabaa ti
isa xumuraa tis.

Bu'uura lafaa kan
kaa'e harkuma koo ti
#Samiiwwan kan diriirses
harka
#mirgaa koo ti
Yeroon isaan waamu
isaan waliin ni dhaabbatu

-Ibroota 13:8👇
#Iyyaasuus Kiristoos
#kaleessa, hara, bara
baraanis
#isuma sana

Qabxiwwan Kuni Kiristoos
Ofi danda'e akka jiratuu ibsuu

Erga akkasii ta’e Kiristoos
Sababa maalif Abbaan jirata yoo Ta'e Kiristoos immoo sababaAbbaan jirata
isa jedhuufi..

🅾 Kiristoos fi Abbaan
Tokko ta'u ibsuuf
Yoo, Abbaan jiratee
ilmi Ni jirata,

🅾Kiristoos ani ilmaa
Waaqayyo jedhee erga
Dubbate, amma immoo
Ani qoftii jirata jechuu hin
Dandau, maalif Abbaan yoo
Jirata,ta’e ilmis jirata
Wani ta’efi

1Yohaannis 2:23
#ilma kan ganu hundi
#Abbaas immoo hin qabu.
#Ilma amanee kan fudhatu
hundi garuu
#Abbaas qaba

◈yeroo kamiyyuu yoo
Ta'e Kiristoos fi Abbaan
Tokko ta'u qabxii ibsudha
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🅰 inni biraa Kiristoos
eessa Akka Dhufe ibsuuf
Fakkeenyaaf Waaqayyo
jirata Bira dhufuu isa
ofii isa Raga kana
Nuuti himme

namoonni tokko tokko Kiristoos
#ilma_Maariyaamidha
Akkuma keenya nama Male
Waaqayyo mitii, jedhanii
akka isan Hin dubbaanef
innii garuu Ani
ilma Abbaa
jirata ta'u Isaa ofuma
ragaa bahee jira
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🅾 innii biraa Kiristoos
sababa Abbaatin jirata
ergaa ta’e Nuuti immoo
sababa Fooni Fi dhiga isa fudhanuuf jirata
Ni jedhama, kanafuu
Nutis Waaqayyo ta'u ni
Dandeenya....

🌼 lakki nutti Waaqayyo
Ta'u hin dandeenyu
Sababin isaa nutti jirachuu
Kani Qabnu yoo,
#Fooni fi dhiga isa fudhannee, kanafuu sadarkaa keenya sababa
Kanaa Dha

🌼nuuti Kiristoos wajjin
Bara baraa jirana yeroo
jennuu
#Du'a booda
jireenya isa dhufuu
sana ibsuf Male,,

Yero sana du'u fi dulloomuu
....hin jiruu akka ergamoota
Qulqulluutti jirana Male

Matewoos 22:30-32👇
#yeroo du'aa ka'uutti
#dhiironni hin fuudhan, dubartoonnis hin heeruman
kanaa mannaa akka
#Ergamoota(maleekota)
samii irraa ta'u.

Du'aa ka'uu warra du'anii ilaalchisee garuu wanta
#Waaqayyo akkana
jedhee isinitti dubbate hin dubbisnee

inni, ‘
#Ani Waaqa #Abrahaami Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa
Yaaqoobi’ jedheera
Inni Waaqa warra
#jiranii ti
malee, Waaqa
warra
#du'anii miti.”
▬▬▬▬▬▬▬▬
Haaluma kana amma
Kiristoos
#Ani Waaqa keessanii
Jechufi, ani jiratadha jedhee

Maalif yoo, jennee
#Namoota du'an du'a Kani
Kasu, ana jedhe jira.
Yohaannis 6:54👇
#Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu hundi
#jireenya bara baraa
qaba
#Anis guyyaa dhumaatti
#du'aa isa nan kaasa.

Yohaannis 6:46-47👇
#isa Abbaa biraa dhufe
sana malee namni
tokko illee Abbaa hin argine
#Abbaa kan arge isa #qofa dha.

Dhuguma dhuguman isiniin jedha,
#anatti kan amanu
#hundi jireenya bara
baraa qaba .
Yohaannis 6:39-40👇
#Fedhiin isa na ergee
immoo, warra inni natti
kenne hunda guyyaa
#dhumaatti akka ani #duaa kaasuuf malee, isaan
keessaa tokko illee
akka na jalaa baduuf miti.

Sababiin isaas fedhiin
#Abbaa koo namni #ilma beekee isatti amanu #hundi jireenya bara
baraa akka qabaatuufi
anis guyyaa dhumaatti
duaa isa nan kaasa.”
▬▬▬▬▬▬▬▬
Yohaannis 11:23-27
#Kiristoos#Obboleessi kee
ni kaa” ishiidhaan jedhe.

#Maartaanis, “ #Guyyaa #dhumaa yeroo #duaa
ka'uutti akka inni ka'u
beeka” jetteen.

▬▬▬▬▬▬▬
🅾Link kan xuqa👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
=====🌹===👆👆=====
🅰 kutaa-73-ffªª .🅰
     👉 gaaffii fi deebi
     👉 Musiliimota
Yohaannis 17:3
Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si isa
#Waaqa dhugaa #tokkicha taatee fi #Iyyaasuus_Kiristoos isa ati #ergite sana beekuu qabu.
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
gaaffii isaanii 👇
1= Waaqa Tokkicha jira ,Kiristoos immoo Eegamadha jedhuu.
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼//⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
Deebii keenya.
🌾 Lakki lamanuu isaanii iyyuu Waaqa kani jedhuu ta'a.
Fakeenyaf Kiristoos iddoo itti waaqa jedhamee. Ilaala.
⓵➧Yohaannis 20:28
Toomaasis deebisee, “Gooftaa ko,
#Waaqa koo!” jedheen.
👉Abbaan immoo iddoo itti Waaqa jedhamee.
⓶➧Yohaannis 8:54
Iyyaasuus Kiristoos deebisee akkana jedhe: “Ani yoon ulfina ofiif kenne, ulfinni koo gatii hin qabu. Inni ulfina anaaf kennu,
#Abbaa koo isa isin #Waaqa keenya jettan sana dha.
🌺 Kanaafuu Abbaa fi ilmi Waaqa =ok.☑️
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
🧣gara mataa duree keenyaatti yeroo deebinuu immoo.
🪖
#Hiika Yohaannis 17:3 jecha tokko tokkoon ilaala.

📍A))👉⁼Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si isa
#Waaqa dhugaa #tokkicha taatee fi #Iyyaasuus_Kiristoos isa ati #ergite sana beekuu qabu.
👉 jireenya bara bara kani keenuu eenyu Abbaa mooKiristoos
Deeebi isaa akka dubbisa kanatti Abbaa fi Kiristoos ibsa Sababiin isaa " waliqabisisuutu
#fi yookiin afaanii Ingiliffaatiin #and * Afaanii Giriikiitiin (καί)  seeri afaanii kuni fi yeroo hunda yaada dabalataa ibsuuf fayyada.
⓷➧Yohaannis 20:31
Wantoonni kun garuu kan barreeffaman Iyyasus kiristoos dhuguma inni Kiristoosii fi
Ilma Waaqayyoo taʼuu isaa akka #amantaniif, amantaniis karaa #maqaa isaa #jireenya akka argattaniifi.
⓸➧Yohaannis 6:40
fedhiin
#Abbaa_koo namni #Ilma_beekee isatti amanu #hundi_jireenya bara baraa akka qabaatuufi; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.”

🌺 kanafuu jireenyaa bara bara kani kennuu Abbaa fi
ilma,erga ta’e ,Abbaa fi Kiristoos Tokko jechudha.😁

📍B))👉⁼ hiika bira immo ❝ sii, isa
#Waaqa dhugaa #tokkicha taatee ❞
👉iddoo kana irratti Waaqa tokkicha kani jedhamee
Eenyuu
=deebi isaa👉 Abbaa dha.
Kanafuu abbaa meeqatu jira Abba tokkicha.
Kitaaba keessatti Abbaan jechuun waaqa isaanii jettanii sani jedhe Kiristoos dubbatee jira
⓹➧Yohaannis 8:54
Iyyaasuus Kiristoos deebisee akkana jedhe: “Ani yoon ulfina ofiif kenne, ulfinni koo gatii hin qabu. Inni ulfina anaaf kennu,
#Abbaa koo isa isin #Waaqa keenya jettan sana dha.
🌺 Abbaa=Waaqa jechudha

« kanafuu nuutis Abbaa
#Tokkicha qofa jira jenne
amana » ,"akkasumas
ilma tokkicha qofatu jira jenne amana",Akkasumas Affuurra Qulqulluu tokkicha qofatu jira jennee Amana.
⓺➧Yohaannis 3:16
“Isatti kan
#amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, #Waaqayyo(Abbaan)  #Ilma isaa isa #tokkicha hamma kennuufitti addunyaa kana baayʼee jaallateera.
⓻➧1 Qorontos 12:4
Kennaan garaa garaa jira,
#Afuurichi garuu #tokkichuma sana.
👉 Abbaa
#Tokkicha qofaa
👉
ilma #Tokkicha qofaa
👉 Affuura Qulqulluu
#tokkicha qofa.
🌺 nuuti warri orthodoksi kanitti Amana.

📍C))👉⁼ Musiliimoonni Kiristoos ergamadha jedhu. Yeroo kana nutti gaaffii qabna kani ergamee kuni eenyu jennee gaafana
⁼yeroo kana immoo Kiristoos jedhuu ,Kiristoos kuni eenyu jennee gaafana ilmaa Waaqayyo nuun jedhuu.
Kanafuu " kani ergamee dhufe kuni
ilma Waaqayyo jedhi amani kaa. Yaa, Muslimaa.
⓼➧Yohaannis 11:27
Ishiinis, “Eeyyee, yaa Gooftaa, ati
#Kiristoos, #Ilma_Waaqayyoo isa gara #addunyaa dhufu sana akka taate nan amana” jetteen.

📍D))👉⁼ kiristoos maalif abbaa tokkicha fi
ilma tokkicha ergamee dhufe beeku qaban jedhee.
Sababiin isaa Abbaa fi Kiristoos wani hin beekneef, akkasii jedhe,
⓽➧Yohaannis 16:3
isaan wantoota kana kan godhan
#Abbaas taʼe Anaan waan #hin_beekneefi.
⓾➧Yohaannis 8:19
Isaanis, “
#Abbaan kee eessa jira?” jedhaniin Iyyaasus Kiristoos “Isin #Anas taʼe #Abbaa koo hin #beektan. Utuu Ana beektaniittu taʼee, Abbaa koos ni beektu turtan” jedhee deebiseef
kanafuu jireenyi bara bara kani argamuu Abbaa fi Kiristoos beekuu qabuu jedhe,akkekachisee jira.
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
link kana xuqa hordofuu dandeessu👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼||⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
🅱 kutaa-74-ffªª.🅱
👉gaafii fi deebi
👉Muslimoota
Yohaannis 17:8
Ani
#dubbii ati Anaaf #kennite isaaniif kenneera; isaanis kana #fudhataniiru; Ani akkan #sii_bira dhufes sirriitti beekaniiru; akkasumas akka ati na #ergite amananiiru.
ዮሐንስ 17:8
የሰጠኸኝን
#ቃል ሰጥቻቸዋለሁና እነርሱም ተቀበሉት፥ #ከአንተም_ዘንድ እንደ ወጣሁ በእውነት አወቁ፥ አንተም እንደ #ላክኸኝ አመኑ.
▬▬▬▬▬▬▬▬
➩gaaffii isaanii.
1👉 dubbii Kiristoosi Abbaa irraa fudhatee barattoota isaati keena, inni ofi hin beeku
jedhuu.
▬▬▬▬▬▬▬▬.
👉 Deebii keenyaa.
Lakkii Kiristoos wanta hunda beeka
⓵➸Yohaannis 16:30
Ati wanta
#hunda akka #beektuu fi #eenyu illee si gaafachuun akka isa hin barbaachisne amma beekneerra. Kanaanis ati #Waaqayyo_biraa akka dhufte #amanneerra.”
⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻
👍gara hiika jechoota
ilaalaa Yohaannis 17:8 irraa
maali ibsaa
🍇A))👉 dubbii ati naafi keenite Ani isaanii keenera jedha.
=dubbii isaa kami kennefilaata Kiristoos.
👇deebii isaa idduma kanatti ibsee jira Kiristoos, dubbi kani jedhame isaa kana ❝Kiristoos Abbaa bira dhufuu
#beekuu fi Amanuudha, gara biyya lafaa eegame dhufu isaatti"❞
🤝 sababiin isaa Jechi
#Fudhatanii jiru jedhuu kanuma ibsa wani ta’ef.
👉kunoo Kiristoos jechoota sani dubbii kee,jedhee malee dubbi bira mitii, ❞
👆barattoonni Kiristoos isaa kana
#Amananii fudhatanii jiru jechuudha.
⓶➸Yohaannis 17:8
Ani
#dubbii ati Anaaf #kennite isaaniif kenneera; isaanis kana #fudhataniiru; Ani akkan #sii_bira dhufes sirriitti beekaniiru; akkasumas akka ati na #ergite amananiiru.
➩Ragaa Dabalataa.
⓷➸Yohaannis 16:27
isin waan na jaallattanii fi Waaqayyoon bira akkan
#dhufe waan #amantaniif, Abbaan ofii isaatiif iyyuu isin ni jaallata.
➩Jechi
#Amanuu jedhuu immoo Yoh 17:8 irratti ibsamee jira. Kaayyoo inni *
⓸➸Yohaannis 11:27
 Ishiinis, “Eeyyee, yaa Gooftaa, Ati Kiristoos,
#Ilma Waaqayyoo isa gara #addunyaa dhufu sana akka taate nan #amana” jetteen.
⓹➸Yohaannis 8:24
Ani cubbuu keessaniin ni duutu kanan isiniin jedhes kanumaafi. Sababiin isaas,
#inni dhufu sun ana taʼuu koo hin #amantan taanaan, isin cubbuu keessaniin ni duutu.”
⓺➸Yohaannis 6:68
Nuti ati
Ilma Waaqayyoo Isa Qulqulluu akka taate amanneerra; beekneerras.”
👉jecha
#beekuu 👆jedhu immoo ilma Waaqayyo ta'u beekuudha.
▬▬▬▬▬▬▬
🍇B))➩Jechi Ani Abbaa biraa dhufee jedhuu hoo,maali ibsa
👉Kuni immoo Kiristoos
#qofti Abba bira jirachuu ibsa.
⓻➸Yohaannis 6:46-47
Isa Abbaa biraa dhufe sana malee
#namni_tokko illee Abbaa hin argine; Abbaa kan arge isa #qofa dha.Dhuguma dhuguman isiniin jedha, Anatti kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba.
⓼➸Yohaannis 1:18
Yeroo kamitti iyyuu namni Waaqayyoon arge hin jiru
#ilma_tokkicha isa taʼee fi #Abbaa_bira jirutu waaʼee Isaa nuu ibse.
🌹kanafuu Kiristoos qofti erga Abbaa biraa turee ,inni Kiristoos Waaqa.
▬▬▬▬▬▬▬
🍇C))➩Kiristoos maalif Ergamee namoota fayyisuu.
⓽➸Yohaannis 4:42
isaanis dubartii sanaan, “Kana booda waan ati dubbatteef qofa amanna miti; nuti ofii keenyaa dhageenyeerra; namni kun dhuguma
#fayyisaa_addunyaa taʼuu isaas #beekneerra” jedhan.
▬▬▬▬▬▬
🍇D)➩Kiristoos erga namoota fayyisee booda hoo, eessa deemaa.
👉kara Tessoo isaa, isaa irratti dhufti deebi'a.
⓾➸Yohaannis 6:62
#Ilmi namaa bakka #dura turetti utuu oli baʼuu yoo argitan
maal jettu ree?
▬▬▬▬▬▬▬
▣◊ waligaltii dubbii kee, kani jedhamee Kiristoos Abbaa biraa dhufuu isa kani ibsu ta'u,hubbannee jira, fedhiin Abba namoonni akka fayyanii ,akkasumas
#fedhiin_Kiristoos namoonni akka fayyaniif fi du'a jala akka miliqanif.kunis fedhii Kiristoos isaa Kiristoos dhufee hojjin mirkaneenesse jira
🅾,Yohaannis 6:40
#fedhiin_Abbaa koo namni #Ilma_beekee isatti #amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuufi; Anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.”
▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣
➤ link waldaa keenyaa kana xuqaa hordofa👇👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣