Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.
1.28K subscribers
1.18K photos
19 videos
14 files
94 links
Telegram Majlisa Godina Bunnoo Beddelle waan ta'eef Ce'umsa Hundeeffama ibsa Majlisa Federaalaa,Naannoolee fi Godinaalee fi Godinaa jalqabee hanga Aanaatti Ummata Muslima Godinicha keessatti argamu midiyaa kana join godha share Hawaasa Muslimaan ga'aa.
Download Telegram
Sagantaa Barnoota torbaniitiin Dubartootni 150 Barataa turan Guyyaa har'aa eebbifaman.

__27/8/2016
Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Boorrachaa Magaalaa Yaanfaatti Maanguddoo Haadholii fi Dubartootaa Barnoota Amantii Islaamaa Sagantaa Torbanii Keessaa Barataa turan Bakka dura bu'aan fi Miseensoonni Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Boorrachaa Jiranutti Haala ho'aa ta'een Guyyaa har'aa ebbisiiseera.

Dubartiin Islaamaa Utubaa Mana keessaa Waan ta'aniif Xiyyeeffannoon itti Kennamee Amantii isaanii Sirriitti barachuu fi barsiifamuu qabuun ergaa Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee ti.

Baga Gammaddan 🎉🎉🎉🎉
Congratulations.🎉🎉🎉🎉
#Abjuun_Warra_Kijibaa_hin_Milkaahuu

Dhimma Mana Barumsaa Bultii Addaa Beddellee irraa ka'ee jiruun Wal qabsiisee Majlisni Godina Buunnoo Beddellee Abbummaa fi Xiyyeeffannoodhaan Qaamolee addaa addaa Mana Barumsaa Bultii Addaa fi Qaamolee Seeraa Waliin ta'ee akkasumas Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Beddellee Waliin ta'uu haallii Barruu Maxxansaa Wal qabsiisee kan to'annoo jela oolanis ni jiru kan ammas barbaadamaa jiranus ni jiru. Kanaafuu Hawaasni Muslimaa Barruun Ergamaa Nabii Muhammad ﷺ irratti fakkeeffamee qaama biraatiin qophaa'ee kan isaan hin ibsinee fi Miira keessa nama galchuun walitti bu'insi Amantaa uumuuf yaalii taasisaa jiranu Seerattii dhiyeessaa jirra.

Maxxansa Qophaa'ee Sanaan Wal qabsiisee Miira keessa kan nama galchuu yoo ta'eeyyuu Hawaasni Muslimaa Obsaa fi Wal hubachuun wantoota Amma ta'aa jiru kallatti addaa addaatiin eeruu jiru qaama Mootummaa fi Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddelleetiif Karaa midiyaa fi bilbilaan Akka nuuf kennuu dandeessan gamanumaan isin beeksifna.

#Abjuun_Warra_Kijibaa_hin_Milkaa'uu.

#Fidaaka_Abii_Wa_Ummii_Yaa_Rasuulallaah🙏🙏
የሃጅ ቪዛ የተሰራላችሁ ሃጃጆች በዚህ ሊንክ የፓስፖርት ቁጥር እና ስም በማስገባት የቪዛ ኮፒ ማውረድ ትችላላችሁ።
https://visa.mofa.gov.sa/visaservices/searchvisa

https://visa.mofa.gov.sa/visaservices/searchvisa
Gochaan Tibbana Mana Barumsaa Bultii Addaa Beddellee Keessatti Dokumentii Fuula 31 Kan Maqaa Ergamaa Keenya Nabii Muhammad ﷺ fi Amantaa Islaamaa irratti xiyyefatee Barattoota irrattii mul'ate erga qabamee Barattoota Namoota dhimma kana irrattii wajjin jiran to'atamuu isaanii isiniif ibsuun Keenya beekamaa dha.

Wal ga'ii Qaamota addaa addaa Waliin ta'uun Majlisni Godina Buunnoo Beddellee Qaamota armaan gadii Waliin
✓Majlisa Godina Buunnoo Beddellee
✓Majlisa Magaalaa Beddellee
✓Kantiibaa Magaalaa Beddellee
✓ Qaama Siyaasaa Mootummaa irraa.
✓Hoggantoota Mana Barumsaa Bultii Addaa
✓ Barattoota Mana Barumsaa Bultii addaa
✓ Abbaa Gadaa
✓ Abbootii Amantaa addaa addaa
✓Jaarsolii Biyyaa Waliin ta'uun Tokkummaa Marii bal'aa Guyyaa Kaleessaa irraa jalqabee gaggeeffamaa ooleen Yaada Abbootii Amantaa Kennan taateen Mana Barumsaa keessatti uumamee Kun kana Amantaa Keenya Bakka hin buunee dha.

Kanaafuu Mootummaa dhimma kana Qoratee Seerattii dhiyeessuu qaba.
Hawaasni Muslimaas akkasumas Kanneen biroo akkuma Waliin Tokkummaan jiraataa turree Waliin taanee Qaamota kana Saaxiluu qabna Jechuun Yaada isaanii ibsaniiru.

Kantiibaan Magaala Beddellee Barattootas Qaamota gochoota akkasii jela deeman Barattoota walitti buusanii fi Amantii fi Amantii gidduuttii burjaajjii gaggeessan irratti dammaqnee Seerattii dhiyeessuu hundi Keenya Nageenya Magaalaa Keenyaa fi Mana Barumsaa Keenyaa haala hin jeeqneen Waliin taanee ni Saaxiluu qabna Jechuun Yaada isaanii ibsan.

Hogganaan Manni Barumsaa Bultii Addaa Dokumentii kana akkuma Barattootni iyyataniin manajmentii Mana Barumsaa Bultii Addaa Waliin ta'uun Qoratee Seerattii akkuma dhiyeessee Kanneen hafan yoo jiraatanis hordoffii kanaa cimsee Akka itti fufuu fi Barattoota mooraa Sana keessatti barataan Ija tokkon Akka ilaaluu fi Nageenya Barattootaa irrattis Cimsee Akka eeguu hirmaattootni Marii kanaa dubbataniiruu.

Manni Barumsaa Bultii Addaa Beddellee keessatti Namoota dhuunfaa ykn Barattoota Dawoo godhatanii Ajandaa mataa isaanii fi Amantaa fi Amantaa walitti buusuun deeman irratti araraama tokko malee Seerattii dhiyeessiinee Maqaa ergaa Keenya Nabi Muhammad ﷺ irratti fakkeeffamee qophaa'ee kun kan isaan hin ibsinee fi Namoota gochoota akkasii irratti hojjatan kanaaf ergan Xumuraa qabu Akkuma isin jireenya jaallattan Nutis Amantii fi Maqaa Ergamaa Keenyaa eeguuf Lubbuu Keenya kenninee Maqaa isaanii Adunyaa irratti eegu dha kana booda araraama tokko kan hin qabnee ta'uu beekanii Akka of qusatan Jechuun Dura bu'aan Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee #Ustaaz_Naziif_Adam dhaamsa isaanii dabarsaniiru.

Xumura irratti Hawaasni Keenya haala tasgabbii qabuun Wal shakkii malee Waliin Akka deemuu fi Kanneen to'ataman qaamni ilaallatu qorannoo Akka irratti taasisuu fi Kanneen hafan yoo jiraatan akka Seerattii dhiyatanu irratti Waliif galameera.

Xumura irratti Abbootii Amantii Araara buusuun Sagantaa goolabameera.
Hayyuun tokko ilma isaatiin akkas jedhe:

Sammuun kee waan xixiqqaan yoo qabame wanni gurguddaan achi keessaa bakka hin argatu.

Sammuun akka maasiiti biqiltuu filatamaa yoo ati keessa hin dhaabiin haramaa miidhaa geessisantu keessatti biqila.
tm/shekshihaab
Forwarded from Amar Temam
Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun

Imaamni masjiida osoo salaachisanii masjiidaa ba'aa jiranii ajje*efaman

Spider Media : Zulqaida 10/1445
Jiddugaleessaa Gondar Aanaa Daambiyaa ganda Ayenbaatti imaama masjiida kan ta'an Sheyik Siraaj salaata maghriibaa salaachisanii osoo ba'aa jiranii hidhattootaan bifa suukaneessaan aj*jee-famuu manni maree dhimmoota Islaamummaa naannoo Amaaraa beeksiseera.

Sheyik Siraaj hanga har'a wareegamanitti darasoota waggoottan dheeraaf masjiidichatti barsiisaa kan turan yoo ta'u manguddoo biyyaa jaarsa araaraati jedhan barreessan majlisa naannichaa.

Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
>#SpiderMedia
Guyyaa har'aa Halqaa Islaamaa Beekamaa Sheik Zubeer Kadir Aanaa Gachii Ganda Caaraatti daaw'atameera.

••••••••••Caamsaa 11/9/2016
Hoogganaan Majlisaa Godinaa Buunnoo #Ustaaz_Nazif_Adam fi Qindeessaa Koree Barnoota Majlisa Godinaa fi Imaama Beekama Aanaa Gachii Magaalaa Gachii kan ta'an #She_Hawwii_Abdallaan Durfamu Rakkoo balaa Qilleensa Tibbana rooba makateen halqaan Darasaa diigame Guyyaa har'aa Koreewwan addaa addaa daawwachuun Akka jajjabeeffamuuf Sosochii addaa addaa godhamaa ooleen Maqaa Majlisa Godinaatiin Deeggarsa Qorqorroof Qarshii 10,000 fi Majlisni Aanaa Gachii Masjiida Anwaar Gachii Qarshii 30,000 fi Qorqorroo 15, gumaachuun Halqaa Kun deebi'ee Suphamee yeroo muraasa keessatti Hojiitti Akka deebi'uuf deeggarsa gltaasisuun Koreewwan Kun Ziyaaraa Halqaa Ilmii Guddichaa #Sheik_Zubeer_Kadir yeroo ammaa Darasoota baay'ee simatee barsiisaa jiru da'wateera.

Namoonni Bakka addaa ddaa jirtanus Halqaa Ilmii kana deeggaruu fi jajjabeessuu kan dandeessan karaa Koree Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Gachii Waliin ta'uun Halqaa Ilmii kana Akka jajjabeessitanu fi eeggattanuu dhaamsa Keenya gamanumaan isin beeksifna.