Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.
1.34K subscribers
1.22K photos
20 videos
14 files
96 links
Telegram Majlisa Godina Bunnoo Beddelle waan ta'eef Ce'umsa Hundeeffama ibsa Majlisa Federaalaa,Naannoolee fi Godinaalee fi Godinaa jalqabee hanga Aanaatti Ummata Muslima Godinicha keessatti argamu midiyaa kana join godha share Hawaasa Muslimaan ga'aa.
Download Telegram
#Baga_Ramadaana_1444/2015 #Nagaan_Geessan.
Manni maree dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee ibsa Ramadaanaa baasee jira.
Dura ta'aa mana marichaa #Ustaaz_Gaalii_Muktar fi #Ustaaz_Naziif_Adam Itti Aanaa Hojii Gaggeessaa Ol Aanaa Mana marichaa kan ta'an uummata muslimaa mara kan Godina Buunnoo Beddellee Oromiyaa, Itoophiyaa akkasumas biyya ala jiraatan hawaasa muslimaa maraaf "Baga Ramadaan bara 1444/2015 nagaan geessan" jedhanii jiru.

Ji'a kana hawaasni Muslimaa hojii gaggaarii dalaguun akka dabarsu dhaamanii jiru. Dhiifama waliif gochuu, maatii, ollaa, harka qalleeyyii fi ijoollee abbaa fi haadha hin qabne akkasumas sababa rakkoo uumamaa fi namtolcheen buqqa'anii rakkoo keessa kan jiran gargaarsi daran jabaatee akka itti fufuu qabu dhaamsa taasisanii jiru.

Ji'i yoo mul'atte baatiin Ramadaanaa kan eegalu guyyaa Roobii 13/07/2015 kan jalqabu yoo ta'u, yoo addeessi mul'achuu baatte ykn ji'i Sha'abaanaa 30n raawwate Ramaadanni kan eegalu guyyaa Khamisaa 14/07/2015 akka ta'u ibsanii jiru.

Itii Aaanaa Hojii gaggeessaa ol Aanaa mana marichaa kan ta'an Ustaaz Naziif Adam ergaa baga geessanii erga dabarsani jiru.
Ji'a kana hawaasni Muslimaa hojii gaggaarii dalaguun akka dabarsu dhaamanii jiru. Dhiifama waliif gochuu, maatii, ollaa, harka qalleeyyii fi ijoollee abbaa fi haadha hin qabne akkasumas sababa rakkoo uumamaa fi namtolcheen buqqa'anii rakkoo keessa kan jiran gargaarsi daran jabaatee akka itti fufuu qabu dhaamsa taasisanii jiru.

Gabaasa: Gurmessa Milki
Itii Aaanaa Hojii gaggeessaa ol Aanaa mana marii Godina Buunnoo Beddellee #Ustaaz_Naziif_Adam ergaa baga geessanii erga dabarsani jiru.

Jiinii Ramadaana Galgala Har'aa Kan eegaluu yoo ta'u Ummanni Muslimaa Godina Buunnoo Beddellee akkasumas Guutuu biyya Itoophiyaa hojii gaggaarii hojjechuun akka dabarsu dhaamanii jiru.
๐Ÿ‘‰Jiinii Ramadaana Ji'a Zikrii ta'uu qaba malee Ji'a hirribaa ta'uu hin qabu.
๐Ÿ‘‰Ji'a du'aa'ii baay'isuu malee Qaamii ykn Qaaxiraa Halkanii ta'uu hin qabu.
๐Ÿ‘‰Ji'a Qur'aana Kabajamaa irra deddebiin qara'amuu malee Ji'a Hamii fi Komii irraa fagaadhaa.
๐Ÿ‘‰Ji'a dhiifama fi jaalalaa waliif ta'uu malee waliirraa dheessuu hin barbaachisuu.
๐Ÿ‘‰Ji'a Salaataa waajiba irratti Sunnaa hedduummeessuu malee Salaata irraa laafuu hin barbaachisuu keessumaa Salaata Halkanii fi Sunnaatti fi Sadaqaa baay'isuu dha.
๐Ÿ‘‰Wal Ziyaaruu fi walitti deemuun Gammachuun Wal Faxarsiisuu Walii qooddachuu malee Wal baqachuu hin barbaachisuu.
๐Ÿ‘‰Ji'a jaalalaa fi Tokkummaa Walii jajjabeessuu Gara Rabbitti dhiyaachuun Cubbuu fi maasiyaa Ofii Rabbitti boo'uun araaramaa gaafachuu dha maatii, ollaa, harka qalleeyyii fi ijoollee abbaa fi haadha hin qabne akkasumas sababa rakkoo uumamaa fi namtolcheen buqqa'anii rakkoo keessa kan jiran gargaarsi daran jabaatee akka itti fufuu qabu dhaamsa taasisanii jiru.

Gabaasa: Gurmessa Milki
#Gamoo_Ijaarsa_Majlisa.
Godina Buunnoo Beddelleetti
Koree Hojii Raawwachiiftuu Majlisa Godinaa fi Koree Projektii Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee Guyyaa har'aa 21/8/2015 Adeemsa Hojii Gamoo Ijaarsa Majlisaa jalqabamee jiru ilaaluun Ogeessa Gamoo Kana Ijaarsisuuf jalqabee wajjin Walii galtee Ji'a 4 hin Caallee keessatti Gamoo Sadarkaa jalqabaa ijaaramee Akka xumuramuu Walii galtee irra ga'eera.
Kallattii hojiin Kun ittin ariifatee Hojjetamuuf meeshaalee ikaarsaaf barbaachisaa ta'an kanneen akka Simmiintoo fi Feerroo qaamolee dhiyeessaniif kenneera.

Akkasumas Gamagama Hojii Kurmaana gamaggamuuf Checklist Aanolee Qopheessuun Kilaastera Aanolee irratti ramaddiin Koree Hojii Raawwachiiftuu Majlisa Godinaaf Kennamee hanga 30/8/2015tti Aanolee irraa Calalamee Akka Sassaabamuu fi yaa'iin Majlisa Godina Akka Yeroo dhiyootti gaggeeffamu fi Aanolen hunduu Qophii akka taasisanu Bakka bu'aa Dura ta'aa fi Itti Aanaa Hojii gaggeessaa Ol Aanaa Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee #Ustaaz_Naziif_Adam Kallatti kaa'aniiru.
#Gamoo_Ijaarsa_Majlisa_Buunnoo_Beddellee.

Godina Buunnoo Beddelleetti
Koree Hojii Raawwachiiftuu Majlisa Godinaa fi Koree Projektii Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee Guyyaa har'aa 27/11/2015 Adeemsa Hojii Gamoo Ijaarsa Majlisaa Yeroo ammaa ijaaraamaa jiru Sadarkaa
โœ“Ariitii
โœ“ Saffisa
โœ“ Qulqullina Ijaarsa isaa gamagamaa ooluun Kallattii fuulduraa irratti Gamoon Majlisa Yeroo jedhamee Keessatti Akka Xumuramuuf Wantoota barbaachisu Sirreesseera.

Koreen Majlisa Godina Buunnoo Beddellee Haala Waligaaa Godina Keenya Keessa jirus gidduu galeessa godhachuun Nageenya Aanolee Keenya Keessatti mirkaneessaa Karaa Caasaa majlisa Aanaa keessatti qindoomina qabuun hojiiwwan kennamanii jiranuu Yeroo isaa keessatti akka xumuramuu koreen Majlisa Godina Buunnoo Beddellee Kallattii kaa'eera.

Xumura irrattiis yaa'iin Majlisa Godinaa osoo hin ga'iin Aanolen hunduu Hojii harca'ee hafe xumuruun Karaa Koree Kilaasteraatiin Akka beeksisuu fi Qophii Akka taasisuu Bakka bu'aa Dura ta'aa fi Itti Aanaa Hojii gaggeessaa Ol Aanaa Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee #Ustaaz_Naziif_Adam ergaa dabarsaniiru

Kan Gabaase:-Gurmessa Milki
๐Ÿ‘‰ Buunnoo Beddellee
#Liigii_Dargaggoo_Aanaa_Beddellee

Majlisa Godina Buunnoo Beddelleetti Qindeessummaa Dura ta'aa Liigii Dargaggoo Godina Buunnoo Beddellee #Alaamuddin_Biraanuu Guyyaa har'aa Dargaggoon Amantii isaatiif Jedhu Mata duree #Leenjii #Tokkummaa_Dargaggoo
#Diinagdee_Dargaggoo
#Barnoota_Dargaggoo fi
#Dargaggoon_Amantii isaatiif Jedhu Dura ta'aa Majlisa Godina Buunnoo Beddellee #Ustaaz_Naziif_Adam Leenjii dargaggootaaf Kennamaa Ooleera.
Yaa'ii Majlisa Godina Buunnoo Beddellee Muudama Koree Haaraa Bara 2016 Haala armaan gadiitiin Muudeera
Koree Hojii Raawwachiiftuu
1.#Ustaaz_Naziif_Adam Dura ta'aa Hoogganaa Majlisa Godina Buunnoo Beddellee
2.#Sheek_Muhammad_Nazraddiin-It/A/D/Bu'aa Majlisa Godina Buunnoo
-Dura Bu'aa
3.#Obbo_Zaakir_Yaasin Barreessaa
4.#Bars_Daliil_Jamaal - Bulchiinsaa fi Fayinaasii
5.#Bars_Gurmeessaa_Milkii Nageenya Hawaasummaa fi Midia.
6.#Sheek_Shihaab_Nuuraa Leenjii,Barnootaa fi Qorannoo Hambaalee
7.#Sheek_Kaliil_Muhammannuur Gurmaai'nsa Caasaa
8.#Sheek_Huseen_Daawud Hajjii fi Umraa
9.#Haji_Ahimad_Kabiir_Haji_Abdullaxiif Galii fi Misooma Diinagdee
10.#Sheek_Qaasim_Abdurrahmaa Miseensa
11.#Sheek_Sulxaan_Siraaj Miseensa
#Ustaaz_Naziif_Adam_Ligdii Dura ta'aa Hogganaa Majlisa Godina Buunnoo Beddellee ta'uun Muudamaniiru.
Bara Hojii Gaarii
#Leenjii_Gaggeessuummaa_Islaamaa?

Yaa'ii Idilee Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaatti Koreewwan addaa addaa fi Hirmaatyoota Yaa'ii Idileetiif Leenjiin Gaggeessummaa Amantaa Islaamaa jedhu Dura ta'aa Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee #Ustaaz_Naziif_Adam Kennamaa jiraa.

#Gaggeessummaan_Maalii ?
Hoggantootni Majlisa Godina Buunnoo Beddellee Kan #Ustaaz_Naziif_Adam kan Durfamu Guyyaa har'aa Aanaa Boorrachaa Magaalaa Yaanfaatti Masjiidota Juma'aa ijaaramaa jiru
#Masjiida_Al_Towfiiq fi
#Masjiida_Nuur
Magaalaa Yaanfaattii bal'inni isaa 30x25 kan ta'ee daaw'ateera.
Akkasumas Koree Masjiida kana ijaarsisaa jiru jajjabeessuu fi yeroon dafanii Akka xumuranu du'aa'ii gochuun ergaa dabarseera.

Majlisni Sadarkaa Sadarkaan jiru Yeroo ammaa Kaayyoon Hojii isaa inni guddaan
#Tokkummaa_Ulamoota_Ijaaruu
#Tokkummaa_Du'aatotaa_Ijaaruu
#Tokkummaa_Imaamootaa_Ijaaruu
#Tokkummaa_Hawaasa_Muslimaa_kan_Duraanii_Caalaa_jajjabeessuu
#Masjiidotaa_fi_Madrasaalee_barnootaa_Islaamaa_barsiisan_deeggaruu_fi_jajjabeessuu fi Kanneen biraas baay'een ni jiru.

Kanaafuu Hawaasni Muslimaa Godina Buunnoo Beddellee Bakka jiru maratti Waggaa baay'eef Majlisa Sirriitti hojjetu hawwaa kan turree fi Majlisa yeroo ammaa Hawaasa kana Waliin hojjetachuuf quuqama qabuu fi hojii hojjetaa kan jiruu fi kana Caalaa Gara Fuula duraattii kana Caalaatti dhaabbata Islaamaa Cimsaa,Utubaa,Hordofaa,gamaggamaa akkasumas kallatti kaa'aa Waan deemuuf Hawaasni Muslimaa Majlisa Federaalaa,Oromiyaa, Majlisa Godinaa fi Aanolee Akka jajjabeessuu ergaa Keenya gamanumaan isiniif dabrasina.
#Leenjii_Koree_Daawaa_Kenname
๐Ÿ”ธ๐Ÿ”ธ๐Ÿ”ธ๐Ÿ”ธ๐Ÿ”ธ๐Ÿ”ธ๐Ÿ”ธ๐Ÿ”ธ๐Ÿ”ธ๐Ÿ”ธ๐Ÿ”ธ
Leenjiin Caasaa Haaraa Da'waa,Leenjii fi Barnootaa jelattii ijaarameef Aanaalee Majlisa Godina Buunnoo Beddellee irraa walitti dhufaniif Leenjii addaa addaa Keenameera.

Guraandhala 27/2016

Majlisa Godina Buunnoo Beddelleetti Guyyaa har'aa Caasaa Haaraa Koree Da'awaa,leenjii fi Barnootaa ijaarameef Sadarkaa Aanolee irraa walitti Leenjiin addaa addaa Ulamoota fi Hoggantoota Majlisaatiin Kennamaa Ooleera.
Sagantaa kana irrattii
โœ“ Gabaasnii bara 2015 fi Karoorri bara 2016 Kan koree Daawaa Karaa She Awwal dhiyaateera.
โœ“ Hubannoo Dambii ittiin bulmaata Majlisaa.
โœ“ Leenjii Tokkummaa fi Geggeessummaa jedhu #Ustaaz_Naziif Adam Kennamera.
โœ“ Sababoota du'aatota qabsoo diinii boodatti deebisaa jiru kan jedhu #Sheek_Shihaab Kennameera.
โœ“ Xumura Leenjii irratti booda Dhuma irratti Projektii Gamoo Ijaarsa Majlisa Godina Buunnoo Beddellee daawwachuun kallattiin Raawwii isaa irratti Xiinxala kaa'un Sagantaan Leenjiin goolabameera.
#Ergaa_Baga_Geessanii.

#Baga_Ramadaana_Bara_1445_Geessan
๐Ÿ”ธ๐Ÿ”ธ๐Ÿ”ธ๐Ÿ”ธ๐Ÿ”ธ๐Ÿ”ธ๐Ÿ”ธ๐Ÿ”ธ๐Ÿ”ธ๐Ÿ”ธ
Ummata Muslimaa bakka jirtan maratti Nageenyi fi Rahmanni Rabbi isin irra haa jiraatu jedhaa Hoogganaan Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee #Ustaaz_Naziif_Adam fi Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee Baga Baatii #Soomana_Ramadaanaa_Bara_1445 H nagaan isin gahe jedhaa. Soomanni kun kan Keessa Gara Rabbii itti dhihaannuu akka nuuf ta'u fi hawaasi Muslimaa jabaatee hojiiwwan Karaa Majlisa Oromiyaa irraa Gadi bu'ee yeroo ammaa Sadarkaa Majlisa Gandaa fi Masjiidaa irra jiru Aanaa 9 fi B/Magaalaa 1dabalatre hanga Soomana walakkaatti gargaarsa Rabbiitiin xumuruun Hawaasni Keenya naannoo fi Bakka jiru maratti
๐Ÿ‘‰Tokkummaan
๐Ÿ‘‰Jaalalaan
๐Ÿ‘‰Wal gargaarsaan
๐Ÿ‘‰Wal Ziyaaraa fi Nageenya hawaasa isaa waliin eegee, waliif Rahmata godhaa, dadhabaa fi Miskiina isa gidduu jiru akka soomsifatu waamicha dabarseera.
๐Ÿคฒ Soomana kana keessas biyya keenya Nagaa akka rabbi godhu du'aa'ii Rabbiin Kadhachuu wajjin qoqqooddaa fi rakkoo tokko malee hawaasni tokkummaa isaa kan duraanii Caalaa Akka jabeeffatu cimsinee ergaa dabarsina.

#Soomana_Khayrii_Rabbi_isiniif_haa_godhu.
Nagaa ta'aa!!

#Miidiyaa_Majlisa_Godina_Buunnoo_Beddellee

Nu Hordofuu fi Share godhaa
Facebook Follow ๐Ÿ‘‡
https://www.facebook.com/profile.php?id=100083877721207&mibextid=ZbWKwL

Telegram Join ๐Ÿ‘‡
https://t.me/Buno_bedele_Islamic_Affairs
#Baga_Nagaan_Eid_Al_alfaxir_Hijraa_1445_Bara_2016_Geessan.
Eid Mubarak ุนูŠุฏ ุณุนูŠุฏ

Dura ta'aa mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee #Ustaaz_Naziif_Adam Hawaasa muslimaa Soomana Ramadaanaa fi hojii keyrii Ji'a kana keessa hojjetaa turree rabbiin nurraa haa qeebalu jedhaa Hawaasni Muslimaa Godina Buunnoo Beddellee fi akkasumas biyya Keenyaa #Baga_Ayyaana_Eid_Al_Faxir_bara_1445|2016_nagaan_Geessan" jechuun Hawaasni Muslima Godina Keenyaa Qophii Sagantaa iidaa irrattii #Karaa_Sunnaa_Rasuulaa_Kan_hordofee akka ta'u,Tokkummaa,Obbolummaa Islaamaa fi Nageenya Walii fi naannoo akka eeggatuu fi Guyyaa kana Harka qalleeyyiif rahmata godhaa Waan qabdanu irraa Waliin qooddachuun Guyyaa kana Gammachuu fi ibaadaan akka dabarsitanu jedhaa Hawaasni Muslimaa Yeroo Gara Dirree Iidaatti deemu Tokkummaan Waliin ta'ee #Takbiiraa jedhaa Akka deemuu fi Hawaasni Hunduu Ulamoonni, Ustaazotni,Sheekolii,Imaamoonni,Abbootii fi Haadholii, Dargaggoo fi Shamarran Salaata Eida akka Salaate biyyaaf du'aa'ii kadhatee Guyyaa kanas hawaasni Muslimaa hojii gaggaarii dalaguun akka dabarsu ergaa dabarsaniiruu.

Gabaasa:-Mana Marii dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee
Gochaan Tibbana Mana Barumsaa Bultii Addaa Beddellee Keessatti Dokumentii Fuula 31 Kan Maqaa Ergamaa Keenya Nabii Muhammad ๏ทบ fi Amantaa Islaamaa irratti xiyyefatee Barattoota irrattii mul'ate erga qabamee Barattoota Namoota dhimma kana irrattii wajjin jiran to'atamuu isaanii isiniif ibsuun Keenya beekamaa dha.

Wal ga'ii Qaamota addaa addaa Waliin ta'uun Majlisni Godina Buunnoo Beddellee Qaamota armaan gadii Waliin
โœ“Majlisa Godina Buunnoo Beddellee
โœ“Majlisa Magaalaa Beddellee
โœ“Kantiibaa Magaalaa Beddellee
โœ“ Qaama Siyaasaa Mootummaa irraa.
โœ“Hoggantoota Mana Barumsaa Bultii Addaa
โœ“ Barattoota Mana Barumsaa Bultii addaa
โœ“ Abbaa Gadaa
โœ“ Abbootii Amantaa addaa addaa
โœ“Jaarsolii Biyyaa Waliin ta'uun Tokkummaa Marii bal'aa Guyyaa Kaleessaa irraa jalqabee gaggeeffamaa ooleen Yaada Abbootii Amantaa Kennan taateen Mana Barumsaa keessatti uumamee Kun kana Amantaa Keenya Bakka hin buunee dha.

Kanaafuu Mootummaa dhimma kana Qoratee Seerattii dhiyeessuu qaba.
Hawaasni Muslimaas akkasumas Kanneen biroo akkuma Waliin Tokkummaan jiraataa turree Waliin taanee Qaamota kana Saaxiluu qabna Jechuun Yaada isaanii ibsaniiru.

Kantiibaan Magaala Beddellee Barattootas Qaamota gochoota akkasii jela deeman Barattoota walitti buusanii fi Amantii fi Amantii gidduuttii burjaajjii gaggeessan irratti dammaqnee Seerattii dhiyeessuu hundi Keenya Nageenya Magaalaa Keenyaa fi Mana Barumsaa Keenyaa haala hin jeeqneen Waliin taanee ni Saaxiluu qabna Jechuun Yaada isaanii ibsan.

Hogganaan Manni Barumsaa Bultii Addaa Dokumentii kana akkuma Barattootni iyyataniin manajmentii Mana Barumsaa Bultii Addaa Waliin ta'uun Qoratee Seerattii akkuma dhiyeessee Kanneen hafan yoo jiraatanis hordoffii kanaa cimsee Akka itti fufuu fi Barattoota mooraa Sana keessatti barataan Ija tokkon Akka ilaaluu fi Nageenya Barattootaa irrattis Cimsee Akka eeguu hirmaattootni Marii kanaa dubbataniiruu.

Manni Barumsaa Bultii Addaa Beddellee keessatti Namoota dhuunfaa ykn Barattoota Dawoo godhatanii Ajandaa mataa isaanii fi Amantaa fi Amantaa walitti buusuun deeman irratti araraama tokko malee Seerattii dhiyeessiinee Maqaa ergaa Keenya Nabi Muhammad ๏ทบ irratti fakkeeffamee qophaa'ee kun kan isaan hin ibsinee fi Namoota gochoota akkasii irratti hojjatan kanaaf ergan Xumuraa qabu Akkuma isin jireenya jaallattan Nutis Amantii fi Maqaa Ergamaa Keenyaa eeguuf Lubbuu Keenya kenninee Maqaa isaanii Adunyaa irratti eegu dha kana booda araraama tokko kan hin qabnee ta'uu beekanii Akka of qusatan Jechuun Dura bu'aan Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee #Ustaaz_Naziif_Adam dhaamsa isaanii dabarsaniiru.

Xumura irratti Hawaasni Keenya haala tasgabbii qabuun Wal shakkii malee Waliin Akka deemuu fi Kanneen to'ataman qaamni ilaallatu qorannoo Akka irratti taasisuu fi Kanneen hafan yoo jiraatan akka Seerattii dhiyatanu irratti Waliif galameera.

Xumura irratti Abbootii Amantii Araara buusuun Sagantaa goolabameera.
#Baga_Ayyaana_Eid_Arafaa_bara_1445__Geessan.
ุจุณู… ุงู„ู„ู‡ ุงู„ุฑุญู…ุงู† ุงู„ุฑุญูŠู…
ุงู„ุณู„ุงู… ุนู„ูŠูƒู… ูˆุฑุญู…ุฉ ุงู„ู„ู‡ ูˆุงู„ุจุฑูƒุงุชู‡
Dura bu'aan Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee #Ustaaz_Naziif_Adam Baga Ayyaana Eid Arafaa bara 1445H/2016 Hawaasni Muslimaa Adunyaa irraa Dachii Kabajamaa Makka irratti Wal ga'uun Sirna Hajjii raawwataa kan jiranuuf Ajaja Rabbii isaanii kan raawwataa jiranu dha.

Hawaasni biyya Keenyaa Rabbiin Isa dhufu Eyyama isaatiin Warra qooda hiriyoota Keenyaa argatu nu haa godhuu jedhaa Ayyaanni Eid Arafaa Bara 1445 Nagaan Geessan Hawaasni Muslimaa Godina Buunnoo Beddellee fi Biyya Keenyaa Keessatti argamu Sooma Zulhijjaa rabbi nurraa haa qeebalu jedhaa Ayyaana Arafaa kana Keessa Hawaasni Muslimaa Godinicha Keessa jiru hundii Guyyaa Ayyaanaa Obboleessa Muslima isaa Ziyaaruu Baga Geessee Waliin jedhaa Rabbii isaatiif Sirna ibaadaa hedduummessaa, Tokkummaa, Jaalalaa fi Miskiinaa fi harka qalleeyyii gargaaraa akkasumas Hojii gaggaarii Keenya kan hojjetaa turre "Rabbin nurraa haa qeebaluu" jechuun yeroo keessan Waliin dabarsaa.

Hawaasni Muslima Rakkataa ollaa fi naannoo isaa barbaaduun hanga rabbiin isaaf qoodeera irraa gargaaruun Akka itti fufuu fi Hawaasni Eid Arafaa Nageenyaa fi Naannoo isaa Waliin eeggataa Naamusa Amantichaas eggataa Amiiroota Islaamaa hordofuun Akka Nagaan gaggeessinu rabbiin kadhanna.

Ammas Guyyaa Ayyaana Eid Arafaa kanas bakka dirree Sagadaatti Yeroo deemuu Takbiiraan Waliin Tokkummaan jedhaa Wal ga'uun Tokkummaa Rabbii ibsaa bakka Dirree Iidaa deemuun Sagaduun Gammachuu Keenya ibaadaan ibsataa,Rabbii Keenyas Galateeffataa, Obboleessa isaatiin Wal Ziyaaraa rakkataa Naannoo Keenya jiranu nyaachisaa Waliin taanee isaan Waliin Akka dabarsinuu ergaan isiniif dabarsa.

Baga Ayyaana Eid Arafaa 1445/2016 Nagaan Geessan.
Kabajamoo fi Jaallatamoo #Ustaaz_Naziif_Adam Hoggaanaa Majlisa Godina Buunnoo Beddellee dhukkubaa kan jiru yoo ta'u Mana yaalaatti deddeebi'aa kan turan Yeroo ammaa kana Gara Hospitaala Ol Aanuutti deemanii Akka yaalamantan jedhameen Gara Finfinnee #Hospitaala_Keer_Land( Care Land)tti yaalamaa kan turaniis yoo ta'u yaala dabalataa ammas Akka taasifamuuf Gara Hospitaala #Alertiitti ol dabarfamanii kan jiranu fi yeroo ammaa kana haallii fayyummaa isaanii Sadarkaa Fooyyee qabu irra jiraachuu odeeffanneerra. Kanaafuu Hawaasni Muslimaa Bakka jirtanutti Akka Rabbiin nuuf fayyisuutti Du'aa'ii Akka bira dhaabbattan isiniin Jenna.