Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.
1.36K subscribers
1.2K photos
19 videos
14 files
96 links
Telegram Majlisa Godina Bunnoo Beddelle waan ta'eef Ce'umsa Hundeeffama ibsa Majlisa Federaalaa,Naannoolee fi Godinaalee fi Godinaa jalqabee hanga Aanaatti Ummata Muslima Godinicha keessatti argamu midiyaa kana join godha share Hawaasa Muslimaan ga'aa.
Download Telegram
#Baga_Ayyaana_Eid_Arafaa_bara_1445__Geessan.
بسم الله الرحمان الرحيم
السلام عليكم ورحمة الله والبركاته
Dura bu'aan Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee #Ustaaz_Naziif_Adam Baga Ayyaana Eid Arafaa bara 1445H/2016 Hawaasni Muslimaa Adunyaa irraa Dachii Kabajamaa Makka irratti Wal ga'uun Sirna Hajjii raawwataa kan jiranuuf Ajaja Rabbii isaanii kan raawwataa jiranu dha.

Hawaasni biyya Keenyaa Rabbiin Isa dhufu Eyyama isaatiin Warra qooda hiriyoota Keenyaa argatu nu haa godhuu jedhaa Ayyaanni Eid Arafaa Bara 1445 Nagaan Geessan Hawaasni Muslimaa Godina Buunnoo Beddellee fi Biyya Keenyaa Keessatti argamu Sooma Zulhijjaa rabbi nurraa haa qeebalu jedhaa Ayyaana Arafaa kana Keessa Hawaasni Muslimaa Godinicha Keessa jiru hundii Guyyaa Ayyaanaa Obboleessa Muslima isaa Ziyaaruu Baga Geessee Waliin jedhaa Rabbii isaatiif Sirna ibaadaa hedduummessaa, Tokkummaa, Jaalalaa fi Miskiinaa fi harka qalleeyyii gargaaraa akkasumas Hojii gaggaarii Keenya kan hojjetaa turre "Rabbin nurraa haa qeebaluu" jechuun yeroo keessan Waliin dabarsaa.

Hawaasni Muslima Rakkataa ollaa fi naannoo isaa barbaaduun hanga rabbiin isaaf qoodeera irraa gargaaruun Akka itti fufuu fi Hawaasni Eid Arafaa Nageenyaa fi Naannoo isaa Waliin eeggataa Naamusa Amantichaas eggataa Amiiroota Islaamaa hordofuun Akka Nagaan gaggeessinu rabbiin kadhanna.

Ammas Guyyaa Ayyaana Eid Arafaa kanas bakka dirree Sagadaatti Yeroo deemuu Takbiiraan Waliin Tokkummaan jedhaa Wal ga'uun Tokkummaa Rabbii ibsaa bakka Dirree Iidaa deemuun Sagaduun Gammachuu Keenya ibaadaan ibsataa,Rabbii Keenyas Galateeffataa, Obboleessa isaatiin Wal Ziyaaraa rakkataa Naannoo Keenya jiranu nyaachisaa Waliin taanee isaan Waliin Akka dabarsinuu ergaan isiniif dabarsa.

Baga Ayyaana Eid Arafaa 1445/2016 Nagaan Geessan.