Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.
1.19K subscribers
1.15K photos
19 videos
13 files
93 links
Telegram Majlisa Godina Bunnoo Beddelle waan ta'eef Ce'umsa Hundeeffama ibsa Majlisa Federaalaa,Naannoolee fi Godinaalee fi Godinaa jalqabee hanga Aanaatti Ummata Muslima Godinicha keessatti argamu midiyaa kana join godha share Hawaasa Muslimaan ga'aa.
Download Telegram
๐Ÿ›‘ แ‹จแŠ แˆจแ‹ แ‰€แŠ• แ†แˆ!

แŠแ‰ขแ‹ฉ (๏ทบ) แˆตแˆˆ แŠ แˆจแ‹ แ‰€แŠ• แ†แˆ แ‰ฐแŒ แ‹ญแ‰€แ‹ แŠฅแŠ•แ‹ฒแˆ… แ‰ฅแˆˆแ‹‹แˆแฆ

โ€œแ‹ซแˆˆแˆแ‹แŠ•แŠ“ แ‹จแˆ˜แŒชแ‹แŠ• แŠ แˆ˜แ‰ต แ‹ˆแŠ•แŒ€แˆ แ‹ซแˆตแˆแˆซแˆแขโ€

๐Ÿ“š แˆ™แˆตแˆŠแˆ แ‹˜แŒแ‰ แ‹แ‰ณแˆ: 1162

๐Ÿ›‘ แ‹จแŠ แˆจแ‹ แ‰€แŠ• แ†แˆ แ‹จแˆšแ†แˆ˜แ‹ แŠแŒˆ แ‰…แ‹ณแˆœ แˆฐแŠ” 8 แŠแ‹แข

โšซ๏ธ แ‰€แ‹ณ แ‹ซแˆˆแ‰ แ‰ตแˆ แˆฐแ‹ แ‰ขแˆ†แŠ• แ‹จแ‹แˆจแ‹แŠ• แ‰€แŠ• แŒพแˆ แˆ˜แŒพแˆ แ‹ญแ‰ฝแˆ‹แˆแข

โšซ๏ธ แˆ›แŠ•แŠ›แ‹แˆ แŠจแŠแŒ‹ แ‰ แŠ‹แˆ‹ แˆแŒแ‰ฅแŠ“ แˆ˜แŒ แŒฅ แ‹ซแˆแ‰€แˆ˜แˆฐ แˆฐแ‹ แŠจแŠแŒ‹ แ‰ แŠ‹แˆ‹แˆ แ‰ขแˆ†แŠ• แŠแ‹ญแ‰ถ แŒพแˆ แˆ˜แŒ€แˆ˜แˆญ แ‹ญแ‰ฝแˆ‹แˆแข แŠแŒˆแˆญ แŒแŠ• แˆแŠ•แ‹ณแ‹ แ‹จแˆšแŒ€แˆแˆจแ‹ แŠจแŠแ‹จแ‰ฐแ‰ แ‰ต แˆฐแ‹“แ‰ต แŒ€แˆแˆฎ แŠแ‹แข

โšซ๏ธแŠจ9แŠ›แ‹ แ‰€แŠ• แ‰ แŠแ‰ต แˆแŠ•แˆ แˆ‹แˆแŒพแˆ˜ แˆฐแ‹แˆ แ‰ขแˆ†แŠ• 9แŠ›แ‹ แ‰€แŠ• แ‰ฅแ‰ป แˆ˜แ†แˆ แ‹ญแ‰ปแˆ‹แˆ/แ‰ฝแŒแˆญ แ‹จแˆˆแ‹แˆแข

โšซ๏ธแ‰ แ‹แˆจแ‹ (9แŠ›แ‹ แ‰€แŠ•) แˆ‹แ‹ญ แ‹ญแ‰ แˆแŒฅ แ‹จแˆšแ‹ˆแ‹ฐแ‹ฑ 3 แ‹’แ‰ฃแ‹ณแ‹Žแ‰ฝแฃ

1/ แ‰€แŠ‘แŠ• แˆ˜แŒพแˆ

2/ แ‹šแŠญแˆญ แˆ›แ‰ฅแ‹›แ‰ต แ‰ แ‰ฐแˆˆแ‹ญแˆ แ‰ฐแŠญแ‰ขแˆญ

3/ แ‹ฑแ‹“แŠฅ แˆ›แ‰ฅแ‹›แ‰ต

โšซ๏ธแˆˆแ‹แˆจแ‹ แ‰€แŠ• แˆซแˆฑแŠ• แ‹จแ‰ปแˆˆ แ‹ฑแ‹“แŠฅ แ‹จแˆˆแ‹แˆ แˆแˆ‰แˆ แ‹จแ‰ปแˆˆแ‹แŠ•แŠ“ แ‹จแˆšแˆแˆแŒˆแ‹แŠ• แ‹ฑแ‹“แŠฅ แˆ›แ‹ตแˆจแŒ แ‹ญแ‰ฝแˆ‹แˆแข

๐Ÿ›‘ แ‹จแŠ แˆจแ‹ แ‰€แŠ• แ†แˆ แ‹จแˆšแ†แˆ˜แ‹ แŠแŒˆ แ‰…แ‹ณแˆœ แˆฐแŠ” 8 2016 แŠแ‹แข
Arafaah Liman Arafah!
๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด

Guyyaan borii guyyaa mana Qulqulleessu, jijjirraa maggaarajaati fi Guyyaa bashannanaati miti.

Guyyaan borii Rabbiin namoottan arafaatin/arafaa dhaabataniin malaa'ikotarratti ittiin boonu, ilmi namaa baay'inaan ibiddarraa kan bilisa jedhamu, waan mararrayyu guyyaa du'aa'iwwan guutumaan guututti qeebalama argatanii dha.

Laylatul qadr beekamu baatus guyyaan arafaa immoo ni beekama. Halkan laylatul qadr malaa'ikoonni ni buuti guyyaa arafaa immoo Allaahun (bu'iinsa isaan malu) bu'a.

Nama fayyaadhaan guyyaa borii qunnaamuf ibaadaa godhuu qabuu fi danda'uu isinif haa qoodu

Ganama

* fajriin duratti laylirraa salaatu, suhuura nyaachu fi istigfaara heddummeessu!

* salaata fajriin booda takbiiraa jalqabuu, haga aduun baatutti Qur'aana qar'uu, taahlila taahmiida jechu walumaa galatti zikriin dabarsuu(azkaarassabaah osoo hindagatamiin)

* yeroo aduun baatu achumatti sigaajaa keenyarraa osoo hinka'in salaata mindaa/ajrii rasuula wajjin(saw) hajjuu argachuuf salaatu.

* Ibaadaa guyyaa keessa goonuf nugargaara yoo jenne xiqqoo haa rafnu. Yeroo kaanu xiqqomaan rak'aa 4 haa salaannu.

Sa'aa booda

* salaata zuhrin booda Qur'aana haa qaraanu. Khuxbaa Arafaa(ergaa masjiida namiraah irraa dabarfamu) sirnaan hordofuu

* kitaaboota ykn vidiyoowwan onnee keenya jiisuu danda'aniin yeroo keenya haa dabarsinu

* akkasumatti asriin boodas Qur'aanaa fi zikriin haga magribni dhihaatutti isaan dabarsu

Yeroon guddaa isa ammaa kana.

* kan dhukkubsate ka itti yaalamu kan abdii kute abdiin isaa ka lubbuu itti hoortu sa'aa dinqii.

Du'aa'ii!!! Du'aayii qofa!

guyyaa kanatti ibiddarraa bilisa jedhamuu baatun kasaaraa dha. Fedhii qabaanne fedhii keenya osoo hin guutin hafuun wallaalummaa dha!

"Namni gaara arafaarratti dhaabatu hin dandeenne daangaa Rabbiin isa beeksiseerratti haa dhaabbatu.

Namni muzdalifaa buluu hin dandeenne ajaja Rabbii isaa irrratti haa bulu.

Namni minaarratti qalma qalu hin dandeenne fedhi lubbuu isaa haa qalu.

Namni gara mana Rabbii isaa sababa fageenyaatin deemuu hin dandeenne Allaahu hidda dhigaa isaa irra itti dhihaatu haa kajeelu!" Ibnu Rajab

Araaramatu nuu wayya!

Huzeyfa sultan
#Baga_Ayyaana_Eid_Arafaa_bara_1445__Geessan.
ุจุณู… ุงู„ู„ู‡ ุงู„ุฑุญู…ุงู† ุงู„ุฑุญูŠู…
ุงู„ุณู„ุงู… ุนู„ูŠูƒู… ูˆุฑุญู…ุฉ ุงู„ู„ู‡ ูˆุงู„ุจุฑูƒุงุชู‡
Dura bu'aan Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee #Ustaaz_Naziif_Adam Baga Ayyaana Eid Arafaa bara 1445H/2016 Hawaasni Muslimaa Adunyaa irraa Dachii Kabajamaa Makka irratti Wal ga'uun Sirna Hajjii raawwataa kan jiranuuf Ajaja Rabbii isaanii kan raawwataa jiranu dha.

Hawaasni biyya Keenyaa Rabbiin Isa dhufu Eyyama isaatiin Warra qooda hiriyoota Keenyaa argatu nu haa godhuu jedhaa Ayyaanni Eid Arafaa Bara 1445 Nagaan Geessan Hawaasni Muslimaa Godina Buunnoo Beddellee fi Biyya Keenyaa Keessatti argamu Sooma Zulhijjaa rabbi nurraa haa qeebalu jedhaa Ayyaana Arafaa kana Keessa Hawaasni Muslimaa Godinicha Keessa jiru hundii Guyyaa Ayyaanaa Obboleessa Muslima isaa Ziyaaruu Baga Geessee Waliin jedhaa Rabbii isaatiif Sirna ibaadaa hedduummessaa, Tokkummaa, Jaalalaa fi Miskiinaa fi harka qalleeyyii gargaaraa akkasumas Hojii gaggaarii Keenya kan hojjetaa turre "Rabbin nurraa haa qeebaluu" jechuun yeroo keessan Waliin dabarsaa.

Hawaasni Muslima Rakkataa ollaa fi naannoo isaa barbaaduun hanga rabbiin isaaf qoodeera irraa gargaaruun Akka itti fufuu fi Hawaasni Eid Arafaa Nageenyaa fi Naannoo isaa Waliin eeggataa Naamusa Amantichaas eggataa Amiiroota Islaamaa hordofuun Akka Nagaan gaggeessinu rabbiin kadhanna.

Ammas Guyyaa Ayyaana Eid Arafaa kanas bakka dirree Sagadaatti Yeroo deemuu Takbiiraan Waliin Tokkummaan jedhaa Wal ga'uun Tokkummaa Rabbii ibsaa bakka Dirree Iidaa deemuun Sagaduun Gammachuu Keenya ibaadaan ibsataa,Rabbii Keenyas Galateeffataa, Obboleessa isaatiin Wal Ziyaaraa rakkataa Naannoo Keenya jiranu nyaachisaa Waliin taanee isaan Waliin Akka dabarsinuu ergaan isiniif dabarsa.

Baga Ayyaana Eid Arafaa 1445/2016 Nagaan Geessan.
Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Dhidheessaa Mana Qur'aanaa Gara Madrasaatti ol guddate Ganda Siinassootti Da'awaatee Jira.
...............Waxabajjii 14/2016
Koreen Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Dhidheessaa fi Koreen Madrasaa,Koree Majlisa Gandaa, Masjiidaa jaarsolii biyyaa Waliin Guyyaa Har'aa Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Dhidheessaa Ustaaz Madrasaa haala barnoota Madrasaa ammaattiin ijoolleen Ganda Siinassoo Akka barataniif Guyyaa har'aa waliigaltee Koreewwanii fi Ulamoota Majlisa Aanaa gidduuttii waliigaltee gaggeessee Barumsi Madrasaa Guyyaa 15/0/2016 irraa kaasee Galmee Akka jalqabuu ta'ee jira. Koreewwan addaa addaa fi Sheekolii Ganda Siinassoo akkasumas Kanneen biroos Tokkummaan barumsii Madrasaa ijaarame teessoo Waliin akkasitti Akka qophaa'uif tumsa Islaamummaa gootaniif Maqaa Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Dhidheessaatiin Galatoomaa jenneerra.
Gandoolee biroos jabaadhaa.

Kan Gabaase:-Gurmessa Milki.
#Oduu_Gaddaa
#Dr_Sheikh_Saalih_Al_Sheybiin_Gara_Aakiraa_Godaanuun_dhagahamee_jira
ุฅู†ุง ู„ู„ู‡ ูˆุฅู†ุง ุฅู„ูŠู‡ ุฑุงุฌุนูˆู†
๐Ÿ—๏ธ๐Ÿ—๏ธ๐Ÿ—๏ธ๐Ÿ—๏ธ๐Ÿ—๏ธ๐Ÿ—๏ธ๐Ÿ—๏ธ๐Ÿ—๏ธ๐Ÿ—๏ธ๐Ÿ—๏ธ
๐Ÿ•‹๐Ÿ•‹๐Ÿ•‹๐Ÿ•‹๐Ÿ•‹๐Ÿ•‹๐Ÿ•‹๐Ÿ•‹๐Ÿ•‹๐Ÿ•‹
Maanguddoo Furtuun Balbala Kaโ€™abaa Harka Turee fi Itti Gaafatamaa Kaโ€™abaa Gama Aakiraa Godaanuun Dhaga'amee Jira.
ุฅู†ุง ู„ู„ู‡ ูˆุฅู†ุง ุฅู„ูŠู‡ ุฑุงุฌุนูˆู†
INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEYHI RAAJIโ€™UUN

#Dr_Sheikh_Saalih_Al_Sheybiin hortee Gosa Banii Sheybaa jedhamu kan Ergamaan RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) amaanaa furtuu Kaโ€™abaa itti kennan irraa kan dhalatee dha.

Akka galmee seenaatti Furtuun Kaโ€™abaa jarraa 16 dura Abaabayyuu Nabi Muhammad (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) isa shanaffaa(5) kan ta'e, #Qusayyi_Bin_Kilaab kan jedhamu harka ture.

Ilmaan Qusayyi kanarraa ilmi Sheybaa jedhamu gaafa dhalaterraa furtuun kaโ€™abaa isatti kennamte. Gaafa sanirraa waggaa 1600 irraa hortee Banuu Sheybaa kanatti osoo dabarfamuu jaarraa 16 lakkoofsisee harโ€™a qaqqabee jira.

Ergamaan RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) gaafa Makkaan bananis amaanaa furtuu isaanirraa hin fuune, akkas jechuun itti jabeessan;โ€ Furtuu kana qabaa yaa Banii Sheybaa. Abadan harkuma keessan haa teessu. Nama jallataa malee namni isin harkaa fuudhu hin jiru โ€œ jedhaniin.

Gaafa Sanarraa jalqabee Baniin Sheybaa furtuu Kaโ€™abaa qabuu qofa osoo hin taane,Kaโ€™abaa dhiquu,uffata isaa yoo moofa'e irraa jijjiiruu,Warra isa Ziyaaruu dhufu simachuu, Maqaama Nabi Ibraahiim (Aleyhissalaam) tiksuudhaan itti gaafatamummaa guddaa kana harโ€™aan ga'aniiru.

#Dr_Sheikh_Saalih_Sheybii warroota furtuun Kaโ€™abaa harka turte keessaa Abaabayyuu Ergamaa RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) irraa namaa 109 (dhibbaa fi saglaffaa) dha. akka Ergamaan RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) Makkaan banan irraa ammoo nama 77 dha.
Namni kuni yeroo 100 ol Kaโ€™abaa akka dhiqe himama.

Akkasumas namni suuraa isaa argitan kun nama 109 booda Nabi Muhammadiin abbaa tokkorratti walitti deebiโ€™an jechuudha. Harโ€™a ganama gama fuula RABBII deemuun Dhaga'amee. RABBIIN furtuu JANNATAA isaaf haa kennu. Jara Nabi Muhammadiin jannata keessatti wal argan isaan haa taasisu.

ุตู„ูˆุงุช ุฑุจูŠ ูˆุณู„ุงู…ู‡ ุนู„ู‰
ุฃุดุฑู ุงู„ุฃู†ุจูŠุงุก ูˆุงู„ู…ุฑุณู„ูŠู†
#Hawaasni_Muslimaa_Magaalaa_Beddellee_dhugaa_beekuun_fi_baruun_barbaachisaadha.

Majlisni Magaalaa Beddellee akkasumas Kanneen Sadarkaa Sadarkaan jiru Hundaa ol #Dargaggootaaf_Bakka_Guddaa_kennee_hojjetaa_Jira.
Fuuldurattis ni hojjeta,Garuu Wanti namni Islaamaa hundi hubachuu qabu Keessumaa Namoonni tokko tokko Tokkummaan Ulamootaa fi Ummata Muslimaa yaaddoo Guddaa fi dhukkuba Sammuu isaanitti ta'ee jira, kunis Sababni isaa Fedhiin dhuunfaa isaanii waan jelaa tuqamuuf jecha Maqaa isaanii Facebook irratti jijjiirratanii Faallaa jechoota addaa addaa Karaa Facebook Majlisa Godina Buunnoo Beddellee #Comentii jelatti Ulamaa'ii nuu fidaa kanaa fi kana warreen jedhutu jiru.

Kanaafuu Warrii faayidaa dhuunfaa keessaniif fiigaa jirtanu of qusataa osoo deemtanii Gaarii dha.

Walumaa galattii Majlisni Sadarkaa Sadarkaan jiru Akka isin itti yaadaa jirtanitti yaadaa hin jiru.
Adeemsi Majlisaa Ammaa
๐Ÿ‘‰Kaayyoo
๐Ÿ‘‰Ergama
๐Ÿ‘‰Galma
๐Ÿ‘‰Duudhaalee Islaamaa fi
๐Ÿ‘‰ Dambii ittin Bulmaataatiin deema.
๐Ÿ‘ŒWarreen Faayidaa dhuunfaa keessaniif gulufaa jirtanu hin Sardaminaa isiniif dhufaa jirra Akka duraanii asiin ba'aa achiin ba'uun hafeera.๐Ÿ‘Œ๐Ÿ‘Œ

Hundumaa dnadeenyee as geenyeerra kana booda Warra waa hidhuu fi xaxuu yeroon itti gubateera.
Majlisa Godina Buunnoo Beddellee. pinned ยซ#Hawaasni_Muslimaa_Magaalaa_Beddellee_dhugaa_beekuun_fi_baruun_barbaachisaadha. Majlisni Magaalaa Beddellee akkasumas Kanneen Sadarkaa Sadarkaan jiru Hundaa ol #Dargaggootaaf_Bakka_Guddaa_kennee_hojjetaa_Jira. Fuuldurattis ni hojjeta,Garuu Wanti namni Islaamaaโ€ฆยป
Liigii Dargaggoo Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Boorrachaa Ganda Guubitoo Mariin ijaaraman.

โ–ซ๏ธโ–ซ๏ธWaxabajjii 16/10/2016

Liigiin dargaggoo mana maree dhimmoota islaamummaa aanaa Boorrachaa Guyyaa Kaleessaa ganda Guubitootti Marii bal'aa Masjida nuuritti Dargaggoonni marii tokkummaa,Nageenyaa,barnootaa fi Ijaarumsa ulamaa'ii fi Majlisa Aanaa Boorrachaa jelatti ijaaramnee Waan Ulamoota Keenya bira dhaabannee Amantii Keenya Karaa Nagaan gaggeeffachuu fi Nageenyaa Aanaa Boorrachaa Ulamoota fi Majlisa Waliin taanee Akka eegnuu Jechuun Tokkummaan ijaaramanii jiru.

Dabalataan Nuti Dargaggoonni Namoota Hawaasa Muslimaa Dawoo godhachuun dhimma Amantaa fakkeessun Kaayyoo dhuunfaa isaaniitiif Socho'aa jiranii fi nama Amantiif quuqamu of fakkeessun Aanaa Keenya diiguuf yeroo yerootti Hawaasni Nageenyaan Akka Amantii isaa gaggeessinee fi Wal ga'ii Ulamootaa balaaleffataa jiranu kana nutis Akka Ganda Gubbitootti Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Boorrachaa bira dhaabannee tumsa ni goonee Jechuun waadaa isaa dura ta'aa liigii Dargaggoo Aanaa Boorrachaa birattii ijaaramuun waadaa galanii Sagantaa Xumura irratti du'aa'iin xumurameera.

Dura ta'aan liigii Dargaggoo Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Boorrachaa #Ustaaz_Juned Akka jedhanitti Dargaggoonni Liigii Dargaggoo jelatti ijaaramuun Ulamoota fi Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Boorrachaa Waliin Ce'uu qaba Jechuun ergaa isaanii Xumuraa dabarsaniiru.

Jabaadhaa
#Kaayyoon Ulamoota fi Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Boorrachaa ni Milkaaha. Kaayyoon Nama Dhuunfaa ni kufa.