Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.
1.35K subscribers
1.19K photos
19 videos
14 files
96 links
Telegram Majlisa Godina Bunnoo Beddelle waan ta'eef Ce'umsa Hundeeffama ibsa Majlisa Federaalaa,Naannoolee fi Godinaalee fi Godinaa jalqabee hanga Aanaatti Ummata Muslima Godinicha keessatti argamu midiyaa kana join godha share Hawaasa Muslimaan ga'aa.
Download Telegram
M/ marii Dh/ Is/ G/ B/ Beddelleetti Yaa'i Idlee 3ffaa Bara Hoji 6ffaa M/ M/ Dh/ Is/ Aana Deeggaa geggeeffama jira. Maasha'allaah!!!
Ergaan adda addaa dura duuban Dura Bu'aa majliisa G/ B/ Beddelle Ustaaz Naziif Adam ergaa tokkumma Islaama fi Nageenya ballinaan dabarsanii, Akkasuma Dura Bu'aan Majliisa Aana Deegga Sheek Abdulaziiz She Yaasin erga baga nagaan Dhuftani Dabarsaniru, Bulchaan Bulchiisa Aana Deegga Obbo Bula Oljirra Akkasuma Nageenyi Aana Deegga Kumandar Taaddale Bafiqaadus Mootummaan jijjirama kun majliisa kana Bira dhaabbachuu jajjabeessa akka jiran gaaffiwwan Musliima Aanaa Deegga Dura Duuban akka Debisan waada galaniiru. Dabalataanis Bakka Bu'aan Angawoota Mootummaa Sadarkaa Godinaa irraa Obbo Ashannaafi Birhaanu Sagantaa Kana irratti argamuun ergaa tokkummaa fi Guddina biyyaa irratti ergaa bal'aa dabarsuudhaan Dhaabbanni islaamaa wal ijaaree qindoominaan akka deemuu fi Ergaa Misoomaa fi Nageenyaa dabarsaniiru.
Yaai Idlee majliisa aana Deegga irratti leenjii Mata Duree Hubanno geggeessumma fi Tokkoommaa irratti kara Dura Buaa Majliisa G/ B/ Beeddelle ustaaz Naziif Adamiin kennamee jira
Yaaii idleemajliisa Aana Deegga irratti darabeedhumaan Leenjii fi Barnoota Islaamumma sadarkaan jiru irratti Itti aanaan koree Daawaafi Mirkaneessa gaumsa Ustaaz Awwal Adamiin kennameera.
Hayyuu tokkoof gaafiin akkana jattu dhiyaatte:
Irra jabaan waan Rabbiin Uumee maali?
Hayyichi akkana ja’e: GAARA.
Gaafataan ammaas akkana ja’een: kan gaara irra jabaa hoo?
Hayyichiniis akkana ja’e: SIBIILA.
Gaafataan ammaas akkana ja’e: kan sibiila irra jabaa hoo?
Hayyichi akkana ja’een: QILLEENSA.
Gaafataan ammaas akkana ja’een: Kan qilleensa irra jabaa hoo?
Hayyichi akkana ja’eenii deebiseef: CALLISUU DHA.

“Yoo dubbachuun akka meetaa taate callisuun akka warqiidhaati.”

“Gurra lama Rabbiin nuuf khennee afaan tokko wanni nuuf khenneef hedduu dhaggeeyfannee xiqqo akka dubbannuufi.”

“Callisanii,dhaggeeyfatanii,hubatanii, hubachiisuun waa hunda irra ulfaata.”

“Milkii,gammachuu,jaalalaa, Nagayaa fi tola Rabbi irraa tahe kheeysa naaf turaa.”

#Jecha Hayyoota!!!