Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.
1.35K subscribers
1.19K photos
19 videos
14 files
96 links
Telegram Majlisa Godina Bunnoo Beddelle waan ta'eef Ce'umsa Hundeeffama ibsa Majlisa Federaalaa,Naannoolee fi Godinaalee fi Godinaa jalqabee hanga Aanaatti Ummata Muslima Godinicha keessatti argamu midiyaa kana join godha share Hawaasa Muslimaan ga'aa.
Download Telegram
Hooggantoonni majlisaa Federaalaa fi Naannoolee, Godinaalee Biyyattii keessatti argamanii fi bakka buutonni hawaasa muslimaa Dr Abiy Ahmad waliin mari'atan
Majlisa B/Beddellee:
Bitootessa 10/2016
🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸
Ministeerri Muummee Dr Abiy Ahmad Alii har'a waaree booda hooggantoota mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa fi Muslimoota kutaalee biyyattii garaa garaa irraa walitti dhufan waliin dhimmoota garaa garaa irratti mariyataniiru.
Hooggantoonni, mashaa'ikkanii fi ustaazonni kunneen marichaan alatti God-hambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwataniiru.
#ZAKAA_FIXRII
#AKKAMITTI BA'AA ?
YOOM BA'A ?
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
#Zakaan_Gosa_2 jira
Isaanis
1: #Zakaa_horii irraa bahu (zakaatul Maal)
2: #Zakaa_Fixrii (Zakaatul badan)

#Zakaatul_fixriin Faayidaan isaa waan Sooma keenya irraa qoosaanis ta'ee waan Rabbiin hin jaallanne dalaguun kan nurraa hir'ate nuuf qulqulleessiti

Faayidaan #lammaffaan
Sababni karaa godhameef akka miskiinotni Guyyaa Iidaa balbala namaa Irra hin dhaabbanneef gargaara qalbii isaanii duroomsuuf.

#HAMMAMTU BA'A? ?

#SUGUDA_TOKKO Kana jechuun hammaarrii nama harki isaa giddu galeessaa hammaarrii afur (4) tu SUGUDA tokko yeroo kana ta'u SUGUDA 4 ykn hammaarrii harkaa nama giddu galeessaa kudha jaha (16) tu baha jechuu dha ykn Kiiloo lamaa (2) fi walakkaa dha.
"Irra Caalaan biyyoota Islaamaa keessatti kan ba'aa jiru Gariin Ulamaa'ii kiiloo sadi (3) waa hanquus kiiloo sadiis (3) ni jedhan.
#Waan_akkamiitu_kennama??

"👌 #Maallaqa kennuun dhorkaadha
"Waan namni nyaatu waan itti fayyadamaa jiran irraa kan akka
#Boqqolloo
#Ruuza
#Mishingaa
#Xaafii
#Timira
#Zabiiba fi k,k,f

#Yeroo_akkamii_baha ??
"Yeroo bor Eida jedhanii har'a galgala namarratti kennuu dirqama ta'a.

Akkaataan itti baasan yeroo lama (2)

👉1.Eida Guyyaa tokkoo fi lama hafee kennuun ni ta'a. garuu yeroo jaallatamtuu miti

👉2.yeroo jaallatamtuun Salaata Subhii tii kaasee hanga dirree Eidaa deemuun gahutti.

👌 Erga Salaanni Eidaa Salaatamee booda kunnuun hin ta'u.
kun Sadaqaa ta'a malee Zakaa miti.

#Eenyu_irratti_Dirqama ta'aa?

🔸Musliima hunda irratti
🔸Guddaa fi Xiqqaa
🔸Gabraafi bilisa irratti dirqama ta'a jechuudha.

"Yoo wanti har'a nyaatanii Bulan jiraate kennuun dirqama

👉 Daa'imni tokko kan bor Eida jedhamee Osoo #Aduun
hin seenin yoo dhalate Zakaan irratti dirqama

Garuu erga Faxarame halkanaa'e yoo dhalate irraa hin jiru zakaan
#Nama_Akkamiitiif_kennama,??
Nama harka qalleeyyii (Miskiinaaf ) kennama.

Zakaan Fixrii kana fakkaata

Yeroon isaa Xumura Raamadaanaa Waan as dhihaateef namni kamuu #Yaadachuu fi #baruutu dirqama kanaafu kan hin beekne irraa fayyadamaa.
#Share_gochuun_hawaasa
Muslimaa biraan ga'aa.
#Midiyaa_Majlisa_Godina_Buunnoo_Beddellee 🔏
#Telegraam
https://t.me/Buno_bedele_Islamic_Affairs
#Baga_Nagaan_Eid_Al_alfaxir_Hijraa_1445_Bara_2016_Geessan.
Eid Mubarak عيد سعيد

Dura ta'aa mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee #Ustaaz_Naziif_Adam Hawaasa muslimaa Soomana Ramadaanaa fi hojii keyrii Ji'a kana keessa hojjetaa turree rabbiin nurraa haa qeebalu jedhaa Hawaasni Muslimaa Godina Buunnoo Beddellee fi akkasumas biyya Keenyaa #Baga_Ayyaana_Eid_Al_Faxir_bara_1445|2016_nagaan_Geessan" jechuun Hawaasni Muslima Godina Keenyaa Qophii Sagantaa iidaa irrattii #Karaa_Sunnaa_Rasuulaa_Kan_hordofee akka ta'u,Tokkummaa,Obbolummaa Islaamaa fi Nageenya Walii fi naannoo akka eeggatuu fi Guyyaa kana Harka qalleeyyiif rahmata godhaa Waan qabdanu irraa Waliin qooddachuun Guyyaa kana Gammachuu fi ibaadaan akka dabarsitanu jedhaa Hawaasni Muslimaa Yeroo Gara Dirree Iidaatti deemu Tokkummaan Waliin ta'ee #Takbiiraa jedhaa Akka deemuu fi Hawaasni Hunduu Ulamoonni, Ustaazotni,Sheekolii,Imaamoonni,Abbootii fi Haadholii, Dargaggoo fi Shamarran Salaata Eida akka Salaate biyyaaf du'aa'ii kadhatee Guyyaa kanas hawaasni Muslimaa hojii gaggaarii dalaguun akka dabarsu ergaa dabarsaniiruu.

Gabaasa:-Mana Marii dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee
#Dhaabbilee_Amantaa_Idil_Adunyaa
🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸
Yaa'iin Dhaabbilee Amantaa Idil-addunyaa 2ffaan gaggeeffamaa jira

Shawwaal 6/1445
Yaa'iin Dhaabbilee Amantaa Idil-addunyaa 2ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Yaa'icha irratti abbootiin amantaa biyyoota gara garaa irraa dhufan, hawaasni diiploomaasii fi qorattootni damichaa akkasumas qaamolee Mootummaa irraa walitti dhufuun hirmaataa jiru.

Yaa’ii Qopheessummaa Gamtaa Afriikaan gaggeeffamu kanarratti biyyootni 37 hirmaataa jiru.

Yaa’ichi har’aa fi boru gaggeeffama jedhame.

Yaa'ii kana irrattii Mariin
👉Nageenyaa fi misooma mirkaneessuu
👉Kabajaa mirga namoomaa eeguu
👉Eegumsa naannoo
👉Haasawaa jibbiinsaa ittisuu fi
👉Dhimmoota biroo sadarkaa Biyyaa fi Addunyaatti mul’atan haala hambsiisuun danda’amurarratti xiyyeeffachuun gaggeeffamaa jiraachuu Maddeen addaa addaa gabaaseera.
#Beeksisa_Ariifachiisaa

#Galmee_Hajjii

Galmeen Hajjii Bara kanaa Torban lamaaf Addaan Citee kan ture Yeroo ammaa Galmeen jalqabee Waan jiruuf Bakka buufata Galmee hundatti Guyyaa har'aa irraa jalqabee Hawaasni Muslimaa Godinaalee fi Aanolee hunduu yeroo xiqqoo hafe kana keessatti Akka galmooftanu Kabajaan isin Kabajaan isin beeksifna.

Share Share godhaa Hawaasa Muslimaa biraan ga'aa.
Gamaggama Koree Hojii Raawwachiiftuu Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanolee fi Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee Guyyaa har'aa Dhimmoota addaa addaa irratti gaggeeffamu jalqabeera.