Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.
1.28K subscribers
1.18K photos
19 videos
14 files
94 links
Telegram Majlisa Godina Bunnoo Beddelle waan ta'eef Ce'umsa Hundeeffama ibsa Majlisa Federaalaa,Naannoolee fi Godinaalee fi Godinaa jalqabee hanga Aanaatti Ummata Muslima Godinicha keessatti argamu midiyaa kana join godha share Hawaasa Muslimaan ga'aa.
Download Telegram
#Dargaggoonni_jamahaa_Magaalaa_Beddellee_Guyyaa_Marii_taasisan.

Majlisa Godina Buunnoo Beddelleetti Magaalaa Beddelleetti Guyyaa har'aa Dargaggoonni jama'aa addaa addaa Magaalaa keessa jiranu fi Dura ta'aan liigii Dargaggoo Majlisa Godina Buunnoo Beddellee fi Magaalaa Beddellee Guyyaa har'aa Marii Tokkummaa fi Waloo irratti taasisan.

Dura ta'aa liigii Dargaggoo Darg. Alaamuddiin Biraanu Nuti Dargaggoo tokko taanee taanee Liigii Dargaggoo Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa jelatti ijaaramee Tokkummaa fi Nageenya Keenya akkasumas kan Amantii Keenyaa eeggataa,Ulamoota Keenya dhaga'aa Waliin taanee Ijaarumsa Keenya #Amiirota Keenya dhaga'uun Kidmaa Islaamummaatiif Qophii ta'uu qabna Jechuun ergaa dabarseera.

Nutis Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee Dargaggoo Magaalaa Beddellee fi Godina Buunnoo Beddellee keessa jiranu Tokkummaa fi Nageenya Amantii isaanitiif Ulamoota Keenya haala dhaga'aniin Kidmaa Islaamummaa fi Barnoota Amantii Isaanii Cimsanii akk baratanuu fi hojii Islaamummaa keessatti Tokkummaa isaanii jabeessanii Liigii Dargaggoo Mana Marii jelatti qindaa'anii Akka hojjetan erga Keenya isin haa ga'u jedhaa

Dargaggoonni osoo hin beekiin Qaamota Al kallatti Beekamtii tokko malee duula jeequmsaa fi firqaa addaa addaa biyya keessa deemuu osoo hin butamiin tumsa Islaamummaa irratti Ulamootaa wajjin Akka deeman erga Keenya dabarsiineerra.
Waldaan Tola Oltummaa Raabsaa Tajaajila Qur'aanaa Furqaan Aanaa Cawwaaqaa Seenuun Haala ho'aan Simatameera.

▫️▫️▫️▫️▫️ 18/09/2016
Waldaan Furqaan tajaajila qur'aanaa Fiinfinnee irraa ka'uudhaan fageenya 400Km irratti kan argamtu Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaa dhufuudhaan Qur'aana 3000 fi kitaabota Addaa addaa 1000 maallaqatti yoo tilmaamame qarshii Miliyoona 1.3 ta'u Giddugalaa halqaa qur'aanaa Aanaa Cawwaaqaa Gandoota 28tiif qabatanii dhufuun deeggarsa taasisanii jiru.

Dura bu'aan Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee fi Ulamaa'ii Beekamaan Sheik Jamaal Kaliifaa Simannaa fi du'aa'iin Simatanii Mana Giddugala Mana Kitaaba Islaamaa (Islamic Library)tti simatanii ergaa dabarsaniiruu.

Hawaasni Muslimaa aanaa cawwaaqaas haala ho'aan konkoolaattotta bajaajotaa fi motoraan hanga 23km imaluudhaan simannaa ho'aa ajaa'ibaa taasisuun simataniiru.
Liigii Dargoota Majlisa Godina Buunnoo Beddellee Marii jalqaban....
▫️▫️▫️▫️▫️▫️25/9/2015
Majlisa Godina Buunnoo Beddelleetti,Magaalaa Beddelleetti Itti Gaafatmtoota Liigii Dargaggootaa Godina Buunnoo Beddellee Aanaalee 9 fi Magaalaa 1 irraa walitti dhufuun Guyyaa har'aa walitti qabaa Liigii Dargaggoo Majlisa Godina Buunnoo Beddellee fi Majlisa Godina Buunnoo Beddellee Waliin Sagantaa Marii mata duree addaa addaa irratti jalqabamee jiru.

Marii bal'inaan walitti deebina.
Forwarded from Amar Temam
Majlisni Oromiyaafi Finfinnee hawaasni muslimaa qixaan marii biyyaalessaa irratti akka hin hirmaachifamne ibsan

Spider Media: Zulqaida 27/1445
Manni maree dhimmoota Islaamummaa naannoo Oromiyaafi manni maree dhimmoota Islaamummaa magaalaa Finfinnee xalayaa majlisa Federaalaatiif katabaniin calalliin hirmaattota Komishiiniin Marii Biyyaalessaa naannoo Oromiyaafi magaalaa Finfinneetti gaggeesse Muslimoota sirnaan kan hin hirmaachisneedha jedhan.

Komishiinichi walakkaa hawaasa biyyattii kan ta'e hawaasni muslimaa marii biyyaalessaa kana irratti bifa isa madaaluun akka hirmaachisu majlisni federaalaa gaafachuu qabas jedhan.

Rakkinoota biyyattii roga garaa garaa fura jedhamee kan abdatame mariin biyyaalessaa gamanumaa adeemsa eegaleen hawaasa biyyattii bifa madaalawaa ta'een hirmaachisuu dhabuun komiin irra deddeebiin dhihaataa jira.

Kana dura manneen marii dhimmoota Islaamummaa naannoo Amaaraa, Sidaamaa, Kibba Itiyoophiyaafi isaan biroo adeemsi calallii hirmaattotaafi ajandaa marii walitti qabuu komishiinichi gaggeessu muslimoota kam cinaatti dhiibuudha, kana sirreessuu qaba ta'uu baannaan garuu komishiinichaaf beekamtii hin kenninu jechuu isaanii Spider Media n gabaasee turuun kan yaadatamuudha.

© Amar Temam

Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
>#SpiderMedia
Forwarded from Gali Ababor Official
የዙልሒጃ ወር ነገ ጁምዓ አንድ ብሎ ይጀምራል!

የኢድ አል አድሃ አረፋ በዓል ሰኔ 9 ዕለተ እሁድ እንደሚከበር ታውቋል!
አስሩን ቀናት በመልካም ስራ እናሳልፋቸው!
Forwarded from Gali Ababor Official
Jumu'aa borii Zulhijjaan tokko ta'uun mirkanaa'ee jira. Jum'aa waan ta'eef salawaata buusaa Ibaadaa adda addaa haa baay'ifnu.
اللهم صل وسلم على نبينا محمد.
Hoggantootni Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa fi Miseensi Gumii Ulamoota Majlisa Godina Buunnoo Beddellee Marii gagessan.

▫️▫️Zul Hijjaah 3/1445
Hoggantootni Majlisa Godina Buunnoo Beddellee fi Koreen Gumii Ulamoota Majlisa Godina Buunnoo Gamaggama hojii fi Haala Waliigalaa Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanolee fi Ajandaalee addaa addaa irratti Marii bal'aa gaggeessaa ooleera.

1.Hojiilee Waliigalaa Aanolee hundaa Gamaggamuun Kallattiin fuula duraa kaa'ameera.
2.Rakkoon yeroo ammaa Aanaa Boorrachaa Irratti Majlisa Islaamaa Qabsoo Ulamaa'otaa fi Hawaasa Muslimoota Itoophiyaatiif wareegamni Guddaan itti kaffalamee dhufe Dirree Eidaa fi Bakka adda addaa irratti Arrabsuu fi Qaamonni dhuunfaan Amantii Dawoo godhatanii fedhii dhuunfaa isaanii guutachuuf jecha dhugaa jiru Dhoksuu fi Waan biraan haguuguun Mul'ataa jiru irrattiis qoratamaa Akka jiruu fi qorannoo akkasumas furmaannii Seeraas qaama ilaallatun Akka itti kennamu Cimee akka itti fufuu Kallattiin itti Aanu kaa'ameera.
3.Gumiin Ulamoota Godina Buunnoo Beddellee kan Duraanii caalaa of cimsuun Aanaa hunda qindeessee Bu'uura Qajeelfama 1Gumiin Ulamootaa Ethiopia fi Oromiyaa Harargee irratti dabarseen Godinni keenyan daran Akka cimuu fi hojiin Ilaalcha Aqiidaa fi Tokkummaa Ummata Muslimaa Akka mirkanaa'uuf bakka Dura Bu'aa fi Barreessaan Gumii Ulamoota Godinachaa jiranutti irratti waliigalameera.
4.Ayyaana Iidan Arafaa fuula keenya dura jiruuf Hojiin Nageenyaa fi Tokkummaa Ummata Muslimaa bifa Naamuusa fi duudhaa Amantichaa eeggateen Akka milkaa'uuf Majlisni Aanolee ga'ee isaan irraa eegamu akka ba'anuu fi Korewwan Qindeessituu Ayyaanichaa hundeessuun hojiin haalduree mijeessuu Akka hojjetamu Kallattiin kennamee Sagantaa Guyyaa har'aa goolabameera.