Turullee Dhugatu Mo'ata
11K subscribers
514 photos
129 videos
110 files
414 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
Kutaa 5ffaa

Raajiiwwan Yesuus hojjate, Yesuusimatu dandeettii ufiitiin hojjatee?

Yesuus raajiiwwaan gara garaa wonti hojjateef maaliif? Akka namni isaan gooftaa jedhuu fi moo akka namni Inni ergamaa dhugaa ta’uu beekuuf?

Namoonni Yesuusiin Yeroon inni raajiiwwaan gara garaa hojjatu Waaqa isaan jedhanii isaa ragaa bahaa turan moo Nabiyyi Jedhanii isaa ragaa bahaa turan?

Gaafii Raajiiwwan Yesuus hojjate eennutu hojjate jedhu deebii quubsaa argachuuf Hojii Ergamtootaa 2:22 mee haa ilaalluu
Hojii Ergamootaa 2:22
" "Isin yaa warra Israa'el, dubbii kana dhaggeeffadhaa, Waaqayyo harka Yesus nama Naazireet kanaan, hojii aangoo isaa, dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa kan isin beektan, isin gidduutti hojjechuu isaatiin fudhatamaa isa godhe."
የሐዋርያት ሥራ 2:22
የእስራኤል ሰዎች ሆይ፥ ይህን ቃል ስሙ፤ ራሳችሁ እንደምታውቁ፥ የናዝሬቱ ኢየሱስ #እግዚአብሔር በመካከላችሁ #በእርሱ #በኩል ባደረገው ተአምራትና በድንቆች በምልክቶችም ከእግዚአብሔር ዘንድ ለእናንተ የተገለጠ ሰው ነበረ፤

Ragaa kana irraa wonti nuti hubannu:-

1ffaa- hojii aangoo, dinqiiwwaanii fi milikkita gara garaa kan hojjate Waaqa malee Yesuusii miti. Kanaafuu Waaqaatuu harka Yesuusiin raajiiwwaan gara garaa hojjatee jechu.

2ffaa- sababni Waaqni harka Yesuusiin milikkita gara garaa hojjatuuf akka Yesuus fudhatama nama biratti argatuuf. Yesuus fudhatama argatuu Yeroo jennu Waaqumman yookaa ilma Waaqaa ta’uun osoo hin taane Ergamaa yookaa Nabiyyii Waaqaa ta’uu akka namni beekuuf jechuudha. Ragaawwan kanaallee Yohannis 9:17, Maatewos 21:11 fi Luqaas 24:19 keessatti ibsamee jira.

1ffaa- የዮሐንስ ወንጌል 9:17👇🏻በመካከላቸውም መለያየት ሆነ። ከዚህም የተነሣ ዕውሩን። አንተ ዓይኖችህን ስለ ከፈተ ስለ እርሱ ምን ትላለህ? ደግሞ አሉት። እርሱም። #ነቢይ ነው አለ።
John 9:17. They say unto the blind man again, What sayest thou of him, that he hath opened thine eyes? He said, He is a #prophet.
Yohannis 9:17 👇🏻
" Kana booddee warri Fariisotaa namicha isa jaamaa ture sanaan, "Waa'ee isa ija kee siif bane kanaa maal jetta?" jedhan; yommus namichi, "Inni #raajiidha (Nabiyyi) ” jedhee deebiseef."

2ffaa- Matthew 21:11 ሕዝቡም። ይህ ከገሊላ ናዝሬት የመጣ #ነቢዩ #ኢየሱስ ነው አሉ።
Matthew 21:11. And the multitude said, This is #Jesus the #prophet of Nazareth of Galilee.
Maatewos 21:11 👇🏻
" Tuuti isaa wajjin adeemus, "Kun #raajicha (Nabiyyi) Yesus nama Naazireet kutaa biyya Galiilaa ti" jedhee deebise."

3ffaa- የሉቃስ ወንጌል 24:19 👇🏻እርሱም። ይህ ምንድር ነው? አላቸው። እነርሱም እንዲህ አሉት። በእግዚአብሔርና በሕዝቡ ሁሉ ፊት በሥራና በቃል #ብርቱ #ነቢይ ስለ ነበረው ስለ #ናዝሬቱ ስለ #ኢየሱስ
Luqaas 24:19 👇🏻
" Inni, "Waan attamii ti?" isaaniin jennaan, isaan immoo, "Waa'ee Yesus nama Naazireet, isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti #raajii (Nabiyyi) aango-qabeessa ture sana,"

Qabxiiwwan ijoon ragaawwan asii olii irraa hubannu:-

1ffaa- Raajiiwwan Yesuus hojjate, Yesuus dandeettii isaatiin kan hojjate osoo hin taane, akka Rabbiin waan kamuu danda’a ta’e akka hojjate ibsa.

2ffaa - Waaqni milikkita gara garaa kan hojjateef, akka Yesuus fudhatama argatu isa taasisuu isaa muldhisa.

3ffaa- Yesuus milikkita gara garaa yookaa raajiiwwaan inni hojjateen fudhatama argatuun akka inni Nabiyyi (raajii) ta’e Worroonni Yesuusiin argan ragaa bahuu isaanii ifa taasisa.

4ffaa- Yesuus Afaan Amaariffatiin ነቢይ, Afaan Ingliffaatiin prophet kan jedhamu Afaan Oromootiin raajii jedhanii hiikuun isaanii, hiikaa qajeela hin taanetti hiikani. Nabiyyi ta’uu Yesuus waakkatuuf jecha tooftaa diriirfame fi shira xaxame ta’u isaa ifatti mirkaneessa. Yesuusiin waan inni qabu irraa mulquu fi waan inni hin qabne isaa kennuun tooftaa worra haqa Rabbii dhoksuu ta’uu ifatti namaaf muldhisaa jechu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #38ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa ittiin madaallu:

Gaafiiwwan armaan gadii deebii sirrii ta'e filadhuu;

1- Raajiin Yesuus hojjate, Yesuusimatu dandeettii isaatiin hojjate moo Waaqatu hojjate?
A. Yesuus B. Waaqa

2- Waaqni raajii gara Yesuusiin wonti hojjateef, akka namni isaan gooftaa jedhuu fi moo akka namni inni Nabiyyi dhugaa ta’uu beekuuf?
A. Akka Yesuusiin gooftaa jedhaniif.
B. Yesuus Nabiyyi dhugaa ta'u akka namni ragaa bahuuf.

3- Namoonni raajii Yesuus hojjate argan, Yesuusiin maal jedhanii ragaa bahaniif?
A. Nabiyyi (raajii) jedhanii.
B. Waaqa yookaa Gooftaa jedhanii.

Deebii keessan booda, mee ragaawwan asii gadii xiinxallaan dubbisaa.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

1ffaa. #Hojii #Ergamootaa 2:22 "Isin yaa warra Israa'el, dubbii kana dhaggeeffadhaa, #Waaqayyo #harka #Yesus nama Naazireet kanaan, hojii aangoo isaa, dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa kan isin beektan, isin gidduutti hojjechuu isaatiin #fudhatamaa #isa #godhe."
#የሐዋርያት #ሥራ 2:22 የእስራኤል ሰዎች ሆይ፥ ይህን ቃል ስሙ፤ ራሳችሁ እንደምታውቁ፥ የናዝሬቱ ኢየሱስ #እግዚአብሔር በመካከላችሁ #በእርሱ #በኩል ባደረገው ተአምራትና በድንቆች በምልክቶችም ከእግዚአብሔር ዘንድ ለእናንተ የተገለጠ ሰው ነበረ፤

2ffaa. #Yohannis 9:17 "Kana booddee warri Fariisotaa namicha isa jaamaa ture sanaan, "Waa'ee isa ija kee siif bane kanaa maal jetta?" jedhan; yommus namichi, "Inni #raajiidha (Nabiyyi) ” jedhee deebiseef."
#የዮሐንስ #ወንጌል 9:17 በመካከላቸውም መለያየት ሆነ። ከዚህም የተነሣ ዕውሩን። አንተ ዓይኖችህን ስለ ከፈተ ስለ እርሱ ምን ትላለህ? ደግሞ አሉት። እርሱም። #ነቢይ ነው አለ።
They say unto the blind man again, What sayest thou of him, that he hath opened thine eyes? He said, He is a #prophet.

3ffaa. Maatewos 21:11 "Tuuti isaa wajjin adeemus, "Kun #raajicha (Nabiyyi) Yesus nama Naazireet kutaa biyya Galiilaa ti" jedhee deebise."
ሕዝቡም። ይህ ከገሊላ ናዝሬት የመጣ #ነቢዩ #ኢየሱስ ነው አሉ።
And the multitude said, This is #Jesus the #prophet of Nazareth of Galilee.

4ffaa. #Luqaas 24:19 "Inni, "Waan attamii ti?" isaaniin jennaan, isaan immoo, "Waa'ee Yesus nama Naazireet, isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti #raajii (Nabiyyi) aango-qabeessa ture sana,"
እርሱም። ይህ ምንድር ነው? አላቸው። እነርሱም እንዲህ አሉት። በእግዚአብሔርና በሕዝቡ ሁሉ ፊት በሥራና በቃል #ብርቱ #ነቢይ ስለ ነበረው ስለ #ናዝሬቱ ስለ #ኢየሱስ

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- hojii aangoo, dinqiiwwaanii fi milikkita gara garaa (#raajiiwwaan) kan hojjate #Waaqa #malee #Yesuusii #miti. Kanaafuu, Waaqni harka Yesuusiin jechuun #gara #isaatiin yookaa #harka #isaa #irrattii fi #kadhaa #isaa sanii raajiiwwaan gara garaa hojjatee jechuudha malee, Yesuusitu dandeettii isaatiin hojjate jechuu miti.

2ffaa- Sababni Waaqni harka Yesuusiin milikkita gara garaa hojjateef ammoo, akka #Yesuus #fudhatama #nama #biratti #argatuuf. Yesuus fudhatama argatuu Yeroo jennu, Waaqumman yookaa ilma Waaqaa ta’uun osoo hin taane, #Nabiyyii #Rabbii #ta’uu #akka #namni #beekuuf #qofa jechuudha.

3ffaa- Yesuus milikkita gara garaa yookaa raajiiwwaan inni hojjateen fudhatama argatuun, akka worroonni raajii inni hojjate ijaan arganii, #maqaa fi #aangoo #inni #qabu #qofaan #isa #waaman #san, akkasumas worroonni Yesuusiin ijaan hin arganille dhugaa isaan ragaa bahan dhagahuun, Yesuus #Nabiyyi #Rabbiin #isa #ergate qofa jedhanii waamuun, dhugaa eennuu mormuu hin dandeenne akka taate, worroota booda isaaniitii dhufuullee dhaamanii jechuudha.

4ffaa- Worroonni dhugaa akka aduutti iftu fudhachuu hin feene garuu, Yesuusii Afaan Amaariffatiin #ነቢይ, Afaan Ingliffaatiin #prophet jedhamee ibsame, Afaan Oromootiin #raajii⁉️ jedhanii hiikuun isaanii, hiikkaa qajeela hin taanetti akka hiikani namni waa barate ni hubata. Sababni wonti kun hojjatameef, #Nabiyyi #ta’uu #Yesuus #waakkatuuf #jecha, tooftaa diriirfame fi shira xaxame ta’u isaa ifatti mirkaneessa. Yesuusiin waan inni qabu irraa mulquu fi waan inni hin qabne isaa kennuun, tooftaa worra haqa Rabbii dhoksuu ta’uu isaa, namaaf muldhisaa jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah