๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
12.1K subscribers
596 photos
23 videos
32 files
2.08K links
๐šƒ๐™ฐ๐™ต๐™ฐ๐™บ๐™บ๐š„๐š/๐ŸŒ
ู‚ูŽู†ุงุฉูŒ ุชูุนู†ู‰ ุจุฎุฏู…ุฉ ุงู„ุณู†ู‘ุฉ ุงู„ู…ุญู…ู‘ุฏูŠู‘ุฉุŒ ุนู„ู‰ ุตุงุญุจู‡ุง ุฃูุถู„ู ุงู„ุตู‘ู„ุงุฉ ูˆุฃุชู…ู‘ู ุงู„ุณู‘ู„ุงู….
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf๐Ÿ‘‡
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
#Seenaa_Rasuulaa

kutaa_โ“ตโ“ตffaa

134~Ganda #Ansaarotaa keessatti bakki ergamaan Aalamaa itti hin dubbatamne hin jiru.
Ergama Rasuulaa irraa waggaa 12ffaatti,Ansaarota keessaa namoota 12tu hajjiidhaaf gara makkaa gale.

135~Namoonni 12 kunniin hunduu Rasuula keenyaan walitti dhufanii,hundi isaaniituu Islaamummaa irratti waadaa(#Ahdii_seenanii) biraa deeman.

โžพAhdiin sunis #Beyatul_Aqabatil_uulaa jedhamti.

136~Waliigalteen kuni maalirratti seetan
โ“

โžพYeroo gaddaa fi gammachuu qabanis,yeroo baldhinnaa fi Rakkoo keessa jiranis ergamaa Rabbii(SAW) waan isaan jedhan hundaa tole jechuu fi ergaa isaanii fudhachuu irratti waliif galan.
โžพAmmas gaafa isaan makkarraa gara Madiinaa galanis isaan wajjiin dhaabachuu irratti ture.

138_Kitaabonni gariin Bey'aan tuni #Bey'atunnisaa'i jedhamti warri jedhus ni jira garuu sirrii miti.

138~Keessummaan Ansaaraa wayta isaan gara Madiinaa galuu barbaadan Ergamaan Aalamaa(SAW) barsiisaa addaa isaaniif kenne.

โž›Innis Daa'ii beekkamaa(#Mus'ab_binu_Umeyri) jedhama.

139~Harka Daa'ii beekamaa kanaatti matoolee(Sayyidoota) gosa Banii_Abdil_Ashhal jedhamtuu lamatu harka isaatti Islaamummaa qabate,isaanis;

#Sa'adi_binu_Mu'aazii fi #Useydi_binu_kudeyri jedhamu.

140~Mus'ab ganda #As'ad_binu_Zuraaraa keessa taa'ee Islaamummatti yaamaa ture,hanga ganda san guutuu amantii Islaamaa qabsiisutti.

โžพKanaafuu Namni yeroo jalqabaaf Da'awaa eegale mus'ab jechuudha.

141~Ergama Rasuulaa irraa gaafa #wagga_13ffaa Ansaarota irraa Dhiira 73 fi Dubartoonni lamaa Iddoo Hajjiin itti gaggeeffamutti ergama Rabbiitiif waadaa galuuf manaa bahan.

142~Namoonni 73 kunniin iccittiidhaan walakkaa Ayyaamat-tashriiq keessa karaa Aqabaa biratti walgahan.

143~Guyyaa beellama isaanii sanatti Nabiyyiin keenya Ansaarota 73 fi dubartoota lamaan iddoo iccitii isaanii sanatti waadaa galuuf walgahan.

โžพWaadaan kunis(#Bey'aa_Aqabaa_Saaniyaa)jedhamti.
itti fufa...

Share godhaa๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or
#Dargaggoota_Ammaa_fi_Dargaggoota_duraanii_mee_walbira_qabnee_haa_ilaalluu

1~Namni yeroo jalqabaa biyya #andalusia(Andaluus) bane/cabse #Abdurrahmaan__Annaasir jedhama umriin isaa waggaa 21 ture.

2~Namni yeroo jalqabaatiif mgaalaa gudoo biyya #Roomaa( #Constantinople) bane maqaan isaa #Muhammad__Alfaatih jedhama umriin isaa waggaa 22 ture.

3~Ajajaan waraana muslimaa kan osoo sahaabaan gurguddaan keessa jiru hoogganaa ture Umriin isaa waggaa 18 maqaan isaa #Usaamaa_binu_Zeyd jedhama.

4~Namni biyya #Sindh(chachas) bane/Cabse #Muhammad_alqaasim jedhama umriin isaa waggaa 17 ture.

5~Namni yeroo jalqabaaf xiyya karaa Islaamaa keessatti darbate #Sa'adi_binu_Abii_waqqaas,umriin isaa waggaa 17 ture.

6~#Icciitii Rasuulaa,akkasuma nama yeroo jalqabaaf karaa Rabbii keessatti #Seyfii(saanjaa) luqqifate maqaan isaa #Zubeyri_binu_Awaam jedhama umriin isaa waggaa 15 ture.

7~Sayyidni Gosa #Taglib(Islaamummaa dura araba keessatti irra jabduu gosaa tan taate) #Amri_binu_Kulsuum ture,umriin isaa waggaa 15 jedhan.

8~Dargaggoota lamaan Abii_jahliin ajjeesan maqaan isaanii;

โž›#Mu'aaz_binu_Jumuuh,umriin isaa waggaa 13 ture.
โž›#Mu'awwiz_binu_Afraa'a,umriin isaa waggaa 14 ture.

9~Turjumaana Rasuulaa fi Barreessaa Wahyii kan ture maqaan isaa #Zaydi_binu_Saabit jedhama,umriin isaa waggaa 13 ture.

10~#Ataab_binu_Useydi umriin isaa waggaa 18 ture garuu ergamaan keenya yeroo duula deemu #makkaa irratti isa shuumee ture.

โž›Dargaggoonni keenya yeroo ammaa nama Rabbiin rahmata godheef malee umriin isaanii waggaa 25 oli garuu Jaalala keessaa bahuu hin dandeenye.

๐Ÿ‘‰Kuni Duula sammuu addunyaan nutti duultee beekaa.
Share๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or
#Durummaa_fi_Hiyyummaa

Sheekni Islaamaa #Ibnu_Teymiyaan akkana jedhan;

โž›Gurguddaa Anbiyootaa fi Rusultootaa keessaa,akkasuma Sahaabota keessaa warroota durummaadhaan beekaman ;

๐Ÿ‘ค~Nabiyyallaahi #Ibraahim (AS) .
๐Ÿ‘ค~Nabiyyallahi #Ayyuub (AS) .
๐Ÿ‘ค~Nabiyyallaahi #Daawud (AS) .
๐Ÿ‘ค~Nabiyyallaahi #Suleymaan (AS) .
๐Ÿ‘ค~#Usmaan_Binu_Affaan (RA) .
๐Ÿ‘ค~#Abdurrahmaan_binu_Owufi (RA) .
๐Ÿ‘ค~#Xalhaa (RA ) .
๐Ÿ‘ค~#Zubeyri (RA) .
๐Ÿ‘ค~#Sa'adi_binu_Mu'aaz (RA) .
๐Ÿ‘ค~#Useydi_binu_Kudeyri (RA)
๐Ÿ‘ค~#As'ad_binu_Zuraaraa (RA) .
๐Ÿ‘ค~#Abii_Ayyuubal_Ansaarii (RA) .
๐Ÿ‘ค~#Ubaadaa_binu_Saamit (RA) fi kkf hedduudha....

โž›Ammas Isaan keessaa nama hiyyummaa qabantu ture ;

๐Ÿ‘ค~#Iisaa_binu_Mariyam (AS) .
๐Ÿ‘ค~#Yahyaa_binu_Zakariyyaa (AS) .
๐Ÿ‘ค~#Aliyyi_binu_Abiixaalib (RA) .
๐Ÿ‘ค~#Abiizarri_Algifaarii (RA) .
๐Ÿ‘ค~#Mus'ab_binu_Umeyri (RA) .
๐Ÿ‘ค~#Salmaan_Alfaarisii (RA) fi warroota isaan fakkaatan hedduudha....

โž›Warroota lameenuu walitti qabatan keessaa ;

๐Ÿ‘ค~#Nabiyyii keenna (SAW) .
๐Ÿ‘ค~#Abii_bakri (RA) .
๐Ÿ‘ค~#Umar_binu_Kaxxaab (RA) .

maddi isaa
[ู…ุฌู…ูˆุน ุงู„ูุชุงูˆู‰ (ูกูขูค/ูกูก)]
Share๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or
#Kaadimman_Rasuulaa (SAW)

โžซ #Anas_binu_Maalik.
โžซ #Abdallaah_binu_Mas'uud.
โžซ #Uqbaa_binu_Aamir.
โžซ #Asla'i_binu_Shariik.
โžซ #Bilaal_binu_Rabaah.
โžซ #Sa'adi.
โžซ #Abuuzarril_Gifaarii.
โžซ #Eyman_binu_Ubeydi.
Join๐Ÿ‘‡
@tafak_or
#Ahbaashonni_tapha_eegalanii jiru

Ulamoonni sadii: Sheykh #Muhammad_Haamiddiin, Sheyk #Sa'iid Ahmad Musxafaafi Sheyk #Abdulaziiz majlisa federaalaa irraa ugguraman.

Maqaan isaanii ulamoota federaalaa warra gara baankiitti bifa haaraan dabarfame keessaa haqamaniiru.
Dr. Jeylaaniifi warra hafes filannoo booda uggurra jedhan. Majlisni inni labsiin dhaabbate keenya jedhaniiru. Warri yoo fedhan eeyyama NGO nurraa ykn salaam ministeer jedhamu irraa haa fudhatan.
Maddi; fuula FB Gaalii abbaa Boor.
Join๐Ÿ‘‡
@tafak_or