Hiikoo Seeraa Dirqisiisaa Abbootii Seeraa Torbaan Kenname:

🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼

⚖️ #Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa  Lakkoofsa Galmee 193067 ta'e xiinxala isaa keessatti hiikoo dirqisiisaa kenne:
Shh keewwatni 2443 fi 881 (2) gosa kennaa yeroo namni kennaa laate sun lubbuudhaan jiru raawwatiinsa qabaatu (donation intervivos) fi gosa kennaa erga namni kennaa laate du’een booda raawwatu(donation mortis causa) irratti raawwatiinsa ni qabaata.Akka dhaddachichaatti keewwattoota dhimma foormii tuman kunneeniif yeroo hiikoon kennamu jechoota keewwattoota kunneen keessattti hammataman qofa osoo hin taane,kaayyoo seerri jechoota sanaan galmaan gahuu barbaade giddu galeessa godhachuun kan hiikamu ta’uu mala.Akkasumas wayitii keewwattoota 881(2) fi 2443 tiif hiikkoon kennamu Labsii Galmeessaa fi Mirkaneessa Ragaalee Lakk. 922/2008 fi haala sirna hojii Ejensichaa hubannoo keessa galchuun barbaachisaa ta’uu ibseera.Kaayyoon inni ol’aanaan seerri waliigalteen kennaa (dhaamoo) yeroo taasifaman qabiyyeen isaanii nama kennaa(dhaamoo) laateef dubbifamuu isaa himni ibsu qabiyyee sanada waliigaltee kennaa(dhaamoo) keessatti caqafamuu qaba jedhu kennaan (dhaamoon) gosa kanaa qaama waliigaltee galmeessuu fi ragaalee mirkaneessu duratti galmaa'uun isaa waan dirqama hin taaneef,qabiyyeen sanadichaa dhugumaan kan fedhii irratti hundaa'e karaa seerri ittiin mirkaneessu keessaa isa tokko waan ta’eefidha.Bu’uuruma kanaanis,kennaan (dhaamoon) qabeenya hin sochoone irratti taasifamu ejensii galmeessaa fi mirkaneessa ragaalee duratti kan hin galmoofne yoo ta’e,barreeffamaan ta’uu,ragoolii afuriin mirkanaa'uu fi qabiyyeen waliigaltee kennaa (dhaamoo) dubbifamuu isaa himni ibsu sanada waliigaltee keessatti caqafamuu qaba.Haa ta’uutii garuu,kennaan (dhaamoon) ejensii galmeessaa fi mirkaneessa ragaaleen galmaa'e qaamni waliigalticha galmeesse sun dhugumaan wanti galmaa'uuf dhiyaate sun kan nama galmeessisuuf dhiyaate sanaan fedhiin taasifame ta’uu isaa mirkaneessuun galmeesse waan ta’eef,himni dubbifamuu qabiyyee sanadichaa ibsu sanada waliigaltee keessatti caqafamuun dirqama akka hin taane ibseera.Kanaafuu,waliigalteen kennaa falmii kaase qaama waliigaltee galmeessuuf aangoon kennameef biratti waan taasifameef,himni dubbifamuu qabiyyee sanadichaa ibsu sanada waliigalticha keessatti caqafamuu dhabuun isaa qofti waliigalticha bu’aa dhoorgisiisuu hin danda’u" jechuun hiikoo kennee ture.
Murtii Ijibbaataa kanarraa kan hubatamu:-

➢ Qabiyyeen waliigaltee kennaa qabeenya/qabiyyee hin sochoone irratti taasifamu nama kennaa laate sanaaf kan dubbifame ta’uu himni ibsu sanada walii galtichaa keessatti ifaan caqafamuu qaba.Haa ta’uutii garuu,sanadni waliigaltee sanaa qaama ragaalee mirkneessuu fi galmeesuuf angeeffame biratti galmaa'e yoo ta’e,himni dubbifamuu qabiyyee waliigaltichaa ibsu sanadicha keessatti caqafamuu baatus waliigalteen kennaa sun fudhatama ni qabaata jechuudha.

#Hiikkoo dhaddacha ijibbaataa duraan kennamanii turan Lakk.G.70057,Lakk.G.147331,Lakk.G.17429,Lakk.G.22712, Lakk.G.32337,fi foormii fi adeemsa dubbisuu waliigaltee dhaamoo fi kennaa waliin wal qabatanii jiran murtii Abbootii Seeraa 7'n kenname kanaan jijjiiramaniiru
https://t.me/http_Ijooseeraa
1
#Yakka:- Namni yakkaan himatamee bakka inni hin jiretti itti murta'ee,iyyatni murtiin balleessummaa akka irra deebi'ame ilaallamuuf kufa jalaa tahe murtii adabbii irratti bu'uura Sdfy kwt.202(3) tiiin sababoota adabbii salphisaaniif kaasuun  falmuu danda'a moo?  hin danda'u,sababoota adabbii salphisaan  nama bakka inni  hin jiretti itti murta'eef Manni murtii kakka'umsaa isaatiin qabuufii danda’aa?
===========================================================
Manni  Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddachi  Ijibbaata jiildii 27 ffaa lakka.galmee  188086 irratti:-
#Namni yakkaan himatamee bakka inni hin jiretti itti murta'ee,iyyatni murtiin balleessummaa akka irra deebi'ame ilaallamuuf kufa jalaa tahe murtii adabbii irratti bu'uura Sdfy kwt.202(3) tiiin sababoota adabbii salphisaaniif kaasuun  falmuu danda'u.

#Bu'uura qajeelfama adabbii 2/2006 fi sdfykwt.149(3) tiin  yaadoota sababoota adabbii salphisaan  kan seeraan tilmaamaan fudhatamaan ykn firii dubbii  ragaan deeggaramu qaban  dhihaatan wal-qabatee sababoota adabbii salphisaan  firii dubbii ragaan mirkanaahuu  qabani  falmii  barbaachisuu tahu,sababootni seeraan tilmaamni fudhatamu qabu falmii kan hin barbaachisu .
#Namni yakkaan himatamee bakka inni hin jiretti itti murta'uuf Manni murtii sababoota adabbii salphisan seeraan tilmaamni fudhatamu qaban ofii isaa kaasuun qabuuf akka qabu, sababoota adabbii salphisan firii dubbii ragaan mirkanaahu qaban qabuuf  hin qabu jechuun murta'eera.

#Kana irraa  kahuun iyyataan  sadarkaa ol'iyyannootti sababoota adabbii salphisaniif kun yakki ittiin himatamee  bu'uuraa Sykwt 27 tiin yaalii tahu,dhukkubsaata,abbaa maatii  tahu fi miidhamaa waliin araaramu  kaasuun dhiheeffate keessaa sababoota adabbii salphisaniif dhukkubsaata,abbaa maatii  tahu fi miidhamaa waliin araaramu   sababoota firii dubbii ragaan mirkanahuu qabaniiif waan taheef  iyyataan Mana murtii jalatti waan hin jiretti waan murtiin kennameef sadarkaa ol'yyannootti fudhatama hin qabni jechuun  murta'eera.

#Sababni yakki iyyataan ittiin himatamee yaalii tahuun bu'uuraa Sykwt27,31 fi 179 tiin sababa adabbii salphisu seeraan tilmaamu waan taheef Abbaa Alangaa deeggaruun yaada kennuun Manni Murtiis fudhachuuf iyyataaf akka sababa adabbii salphisuu tokkotti fudhachuun gulantaa tokkoon adabbii salphisuun murteesseera.
Kanaaf,Manni Murtii keenya namoota  yakka yaaliin  bakka hin jiretti himatamaan adabbii yoo itti kennu sababa adabbii tokko fudhateefi murteessu qaba.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Dogongorri  adeemsa falmii akkaataa SDFHH kwt 208n MM ofii isaa sirreessu kan akkamiiti?
==================================
Hiikkoo Dh Ijbt MMWF glm Lkk 245834 ta’erratti gaafa 07/02/2017 kenname ilaala =========================
Hiikkoo murtii Dha Ijbtf sababa kan ta’e dogongora moggaasa maqaa nama himannaa MM Sdrk Jalqabaa Federaalaatti dhiyeessee yoo ta’u innis maqaa himannaa duraa ittiin dhiyeesse jijjiiruun himannaa fooyyeffatee eega dhiyeesse booda MM maqaadhuma himannaa jalqaba ittiin dhiyeesseen murtii kennee ture.
Sana booda himatamaan maqaan koo sirriin isa himannaa fooyya’e keessatti caqafame waan ta’eef maqaan murtiin ittiin kenname akkaataa SDFHH kwt 208 n akka naaf sirraa’u jechuun gaafate.
MM sdrk Jalqabaa 1ffaa maqaan murtiin ittiin kenname kanuma himannaa keessatti himataan ibse waan ta’eef maqaa himannaa fooyya’e immoo MM waan hinfuuneef dogongorri MM adeemsa seeraa MM raawwatee fi ofii sirreessuu danda’u hinjiru.
Akkasumas 2ffaa maqaan himataa sirriin isa himannaan duraa ittiin dhiyaatee miti yoo ta’es dogongorichi kanuma himataa mataa isaati malee kan MM waan hintaaneef MM akkaataa SDFHH kwt 208n sirreessuu hindanda’u jedhee iyyannoo dhiyaate ajajaan kufaa godhe.
MMO Federaalaatis komii itti dhiyaate kufaa gochuun ajaja MM Sdrk jalqabaa waan cimseef himataan dhimmicha Dh Ijbtatti dhiyeeffate.
Dh Ijbta gama isaan 1) maqaan iyyataa kan himannaa fooyya’e ittiin dhiyaate moo kan himannaan duraa ittiin dhiyaatedha kan jedhu MM jalaa qulqulleeffachuun akka irra turee fi 2) dogongora maqaa dabalatee dogongorri adeemsa falmii akkaataa SDFHH kwt 208n sirraa’uu qabu kamiiyyuu Mana Murtiinis ta’ee gareewwaniin yoo raawwatame MM dogongoricha akkaataa SDFHH kwt 208n sirreessuu akka qabu ibsuudhaan murtii MM jalaa diigee MM Sdrk jalqabaa irra deeb’ee iyyannoo himataa qulqulleessee akka fala Kennu bu’ura SDFHH kwt 343(1)tiin itti deebisee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
1
Adabbii Daangessuuf Miidhamaa Waliin Araaraamuu fi Beenyaa Kanafaluun Haal-duree ta’uu ni Danda’aa?
==================================
Adabbii yakkaa daangessuuf yakkamaan daangaa yeroo fi akeekkachiisaan yoo gad-lakkifame irraa barata, yakka biroo hinraawwatu, amalli isaa bisirraa’a jedhee Manni Murtii yoo itti amane gahaa akka ta’ee fi kanaan ala yakkamaan miidhamaa waliin araaramuus ta’ee beenyaa kanfaluu fi dhiisuun akka haaldureetti akka fudhatamu bu’urri seeraa gaafatu akka hinjirre bal’inaan ibsuudhaan Dh Ijbt MMWF glme Lkk 185700 fi glme Lkk 266395 irratti hiikkoo dirqisiisaa kennee jira.
Abukaatoo Aadam Sa’id Kamaal Afaan Amaaraan kan barreesse irraa kan fidhatame
https://t.me/http_Ijooseeraa
Seerummaa "Qabiyyeen Lafaa Humnaan Na Jalaa Qabame Akka Gadi Naaf Lakkifamu" Jedhamee Nama Dhuunfaa Irratti Dhiyaateen Wal Qabatee Ittisni Himatamaan "Kaartaan Qaama Aangoo Qabuun Irratti Naaf Kennameera" Waan Ta'eef Dursee Kaarticha Haqsiisuu Qaba Malee Kallattiidhaan Na Himachuu Hin Danda'u Jedhu Fudhatama Ni Qabaa? Kaartaan Yoom Haqsiifama? Yoom immoo Akka Ragaa Tokkootti Madaalama?

✓✓°°°✓✓✓✓°°°°°✓✓✓✓°°°°°✓✓

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 06/02/2017 ooleen Lakk.Ga.252163 (kan hin maxxanfamne) ta'e irratti kenne keessatti:

Akka bu'uuraatti akkaataa Labsii Adeemsa Bulchiinsaa Federaalaa Lakk.1183/2012 kwt 56(2)fi (3)tiin murtiin bulchiinsaa Mana Murtii Ol'aanaa Federaalaatiif dhiyaatee keessa deebiin (Judicial Review) kan ilaalamu waajjirri bulchiinsichaa daangaa aangoo seeraan kennameef irra darbee ykn adeemsa seeraan tumame osoo hin hordofin yoo murtii kennedha. Labsichi kwt 2(3) jalatti immoo "Murtii Bulchiinsaa" jechuun qajeelfama baasuu osoo hin dabalatin, murtii qaamni bulchiinsaa hojii isaa guyyaa guyyaatiin mirga ykn dantaa namootaa irratti kennu ta'uu isaa ibseera. Kanaan walqabatee, Dhaddachi Ijibbaataa kun Lakk.Ga. 220582 ta'e irratti seerummaa kaartaan akka naaf haqamu jedhu iyyannoo keessa deebiitiin (judicial review) kan ilaalamudha jechuun bu'uura Labsii Lakk.1183/2012tiin kan murteessee ture ta'ullee seerummaa iyyataan ammaa dhimma amma harkaa qabnu keessatti gaafate "waamamaan qabiyyee bal'inni isaa kaaree meetira 50,000 ta'e seeraan ala humnaan waan na jalaa qabateef akka gadi naaf lakkisu  kan jedhudha waan ta'eef hiikkoo manni murtii jalaa irratti hundaa'uun murteesse kun dhimma ammaatiif kallattiin rogummaa kan qabu miti.

Wayita gaaffiin seerummaa qabiyyeen kiyya seeraan ala na jalaa qabame akka gadi naaf lakkifamu jedhu ykn seerummaan mirga abbaa qabeenyummaatiin walqabatu dhiyaatee falmiin namoota dhuunfaa gidduutti adeemsifamu, kan waraqaan ragaa irratti kennames haa ta'u kan irratti hin kennamne, falmichi ragaa waliin madaalamee mana murtii idileetiin kallattiidhaan murtiin kan itti kennamudha. Qabiyyeen kan eenyuuti? ykn qabiyyicha irratti eenyutu mirga caalmaa qaba? ijoon jedhu qabamee namoota ani abbaa qabiyyeeti jedhan gidduutti falmiin taasifamu kallattiidhaan mana murtii idileetiif kan dhiyaatudha malee dirqama murtiin bulchiinsaa irratti kennamee keessa deebiin akka ilaalamuuf mana murtiitti dhiyaachuu qaba kan jedhamu miti. Dhaddachi Ijibbaataa kunis dhimmi akkanaa kan ilaalamuu qabu kallattiidhaan mana murtii idileetti dhiyaatee ta'uu isaa lakk.Ga.229531fi kanneen biroo irratti hiikkoo dirqisiisaa kenneera. Kanaaf, lafa murtiin irratti kennamu irratti kaartaan murtii kaabinee irratti hundaa'ee kenname yoo jiraatellee kaartichi akka ragaa tokkootti kan madaalamudha malee falmiin abbaa qabiyyummaa dhaabbatee kaartichi akka haqamuuf qaama bulchiinsaatiif dhiyaatee, kaartichi yoo haqame malee himannaan qabiyyichi gadi naaf haa lakkifamu jedhu mana murtii idileetiif kallattiidhaan dhiyaachuu hin qabu jedhamuu hin danda'u.

Dhimma amma harkaa qabnu keessatti iyyataan ammaa mana murtii jalaatti gaaffii seerummaa kaartaan naaf haa haqamu jedhu hin dhiyeessine. Bu'uura sdfs kwt 182(2)tiin manni murtii murteessuu kan qabu seerummaa gaafatame irratti hundaa'eeti malee osoo seerummaan hin gaafatamin gareen iyyate kun dursee seerummaa biroo gaafachuun yoo irratti murteessise malee seerummaan isaa inni kun ilaalamuu hin qabu jedhamuu hin qabu. Manni murtii jalaa qabxiilee biroo irratti, kanneen akka jidduu lixan taasifaman gidduuttis, falmisiisee murtii kennamuu qabu kennuu osoo danda'uu himannaa mirgaa abbaa qabeenyummaa ykn falmii abbaa qabiyyummaa irratti murtiin kennamuun dura kaartaan haqamuu qaba yaada jedhu qabachuun dhimmicha irratti murtiin bulchiinsaa kennamee kaartaan yoo haqame malee murtii kennuuf aangoo hin qabu jedhee himannaa kuffisuun sirrii miti jechuun murtiiwwan jalaa diigee MMSDFtti qajeelfamaan gadi deebiseera.

https://t.me/http_Ijooseeraa
1
SDFHH keewwata 5(1) tiin wal qabatee murtiin dirqisiisaan MMWFDHIJ galmee lakk. 138062 ta’e irratti kennamee  jildii 22 irratti maxxanfamee bahe   falmii  wal fakkaataa lafaan wal qabatee dhiyaatu irratti raawwatiinsa ni qabaataa?==========================================================
Akkuma yaadatamu himannaa jeequmsi dhaabatee qabiyyeen gadi naaf yaa lakkifamu jedhu dhiyaatee Murtiin erga kennamee booda,himannaan yeroo lammaffaa qabiyyeen akka gadi naaf lakkifamu jechuun dhiyaatu dhimma murtiin dhumaa irratti kenname waan ta’eef bu’uura SDFHH keewwata 5(1) tiin fudhatama akka hin qabne Murtii dirqisiisaan galmee lakk.138062 ta’e irratti  kennamee ture.Murtiin kunis qabeenyaa mana kondominiyeemii irratti kan kennamedha.==========================================================
Falmiin wal fakkaataan qabiyyee lafaa wajjin wal qabatee yeroo dhiyaatutti,ogessotni seeraa tokko tokko darbee darbee  yaada kaasaniin-Murtiin galmee lakk.138062 ta’e irratti kenname mana kondominiyeemii  kan ilaalu waan ta’eef falmii lafaatiif  dirqisiisummaa hin qabu- jechuun yeroo falman ni mul’ata.=============================================================
Gama kanaan MMWFDHIJ murtii hin maxxanfamne galmee lakk. 245488 ta’e irratti dhaddacha gaafa 06/02/2017 ooleen kenneen,hiikni seeraa galmee lakk.138062 ta’e irratti kenname falmii lafaa irrattis raawwatiinsa kan qabu ta’uu isaa murtii duraan kenname caqasuun  Murtii dirqisiisaa kennee jira.===============================================================
#Gaafiin maxxanasa kana irratti gaafatame Murtiin  MMWF Dhaddacha Ijibbaataan kennamu  maal isaatu yookaa haala kamiin dirqisiisummaa qabaata? Kan jedhuun  kan wal qabatu waan ta’eef hubannoo toora san jiru gabbifachuun barbaachisaadha. ==============================================
Murtii hin maxxanfamne.
https://t.me/http_Ijooseeraa
1👍1
Waliigalteen qoodiinsaa bakka dhaaltuun tokko hin jirretti godhame tokko Mana Murtiitiin yoo mirkanaa'uu baate gaaffiin isa hin jirreen diigamuu danda'a,shh keewwata 1080.
Gaaffiin kun guyyaa qoodinsi godhamuu beekee kaasee waggaa tokko(1) keessatti mormiin dhihaachuu akka qabu,haala biraatiin erga dhaalchisaan du'ee waggaa 10 keessatti yoo hin dhihaatin darbiinsa yerootiin hafaa ta'a,shh keewwata 1080(3).
#Dhaddachi_Ijibbaataa Federaalaa Jildii 10ffaa Lakk.Galmee 40418 ilaaluun ni danda'ama.

#Afraffaa_darbiinsa_yeroo mormii dhaamoo irratti dhihaatu:-shh keewwattoota 973,974.

👉Darbiinsi yeroo dhaaltota gaafa dhaamoon dubbifamu jiran ilaallatu shh keewwata 973,himannaa dhiheessuuf yaada akka qaban guyyaa dhimmichi dubbifamee kaasee guyyoota 15 keessatti Qulqulleessituu dhaalaatiif barreeffamaan ibsuu qaba.Himannaan kunis guyyaa ibsi barreeffamaan dhihaatee kaasee hanga ji'a 3 tti Mana Murtiitti dhihaachuu qaba shh keewwata 973(3).
👉Namoota gaafa dhaamoon dubbifamu hin jirreef lakkaa'amuu kan eegalu gaafa Qulqulleessituun haala raawwii dhaalaa yaada qabu itti himeedha shh keewwata 974(1).
👉Dhaamoon yoo jiraate erga dubbifamee,yoo hin jiraatin dhaalchisaan erga du'ee waggaa 5 booda mormiin gonkumaa hin dhihaatu,shh keewwata 974(2).
👉#Dhaddacha_Ijibbaataa Federaalaa Jildii 11ffaa Lakkoofsa Galmee 53223 ilaaluun ni danda'ama.
👉#Dhaamoon yeroo dubbifamu ykn bakka bu'aan isaanii kan jiran yoo ta'e guyyaa dubbifamee eegalee bultii 15 keessatti iyyannoo isaan qaama ilaallatutti Baatii sadi keessatti ibsuu baannaan dhiheessuu hin danda'u.Namni dhaaltuu hin taane bu'uura shh keewwata 974 tiin mormii dhiheessuu hin danda'u.

#Shanaffaa_darbiinsa_yeroo Sirna dhaaltummaa qulqulleessuu:-

♂️Sirna kana keessatti gaaffiiwwan  qulqulleessituun dhaalaa naaf haa muudamu,qulqulleessituun dhaalaa naaf haa bu'u,dhaaltummaan naaf haa qulqullaa'u fi kan kana fakkaataniin dhihaataniidha.
♂️Darbiinsa yeroo isa 5ffaa kana ilaalchisee ejjannoo 4tu jira:isaanis:-
#A.Ejjannoo 1ffaa darbiinsi yeroo waliigaltee keessatti tumame waggaa 10 shh keewwata 1845 jalatti tumame raawwatiinsa qaba jedhu.
#B.Ejjannoo 2ffaaa shh keewwata 1052 raawwatiinsa qaba jedhu.
#C.Ejjannoo 3ffaa darbiinsa yeroo shh keewwata 874(2) jalatti tumame raawwatiinsa qaba jedhu.
#D.Ejjannoo 4ffaa shh keewwata 1000 raawwatiinsa qaba,sababni isaas bu'aan iyyata dhaaltummaan naaf haa qulqullaa'uu fi himata dhaaltummaa tokkuma waan ta'eef keewwatni kun Qulqulleessituu dhaalaa irratti raawwatiinsa qaba jedhu.Anis ejjannoo isa 4ffaa darbiinsi yeroo sirna Qulqulleessituu dhaalaa waggaa 3 kan jedhu kana deeggara.Dh.Ij.MMWF Jildii 11ffaa L.G.52407.

#Jahaffaa_darbiinsa_yeroo iyyata waraqaa ragaa dhaaltummaa:

➡️Waraqaan ragaa dhaaltummaa akka Murtiitti hin lakkaa'amu.Akka ragaatti kan lakkaa'amuu fi mormiin irratti yoo ka'e kan haqamuu,fi waraqaa ragichaa kennuun immoo yeroo dhumaatiif iyyata mirgaa kan gonfachiisuu fi nama biraa immoo kan dhabsiisu osoo hin taane mirga mirkaneeffachuuf adeemsa raawwatamuudha waan ta'eef,iyyata amala akkanaa qabu irratti seerichi darbiinsa yerootiin hin daangeesu
https://t.me/http_Ijooseeraa
👍1
Dhaddachi Ijibbaataa,  dhimma dhiyaateef bakka waamamaan hin jirretti ilaalee murtii erga kennee booda,  iyyata waamamaan murtiin bakka  ani hin jirretti kenname naaf yaa ka’u jechuun bu’uura SDFHH keewwata 78 tiin dhiyeessu ilaalchisee- ”aangoon kiyya   murtii dhumaa kenname irraa dogoggora Seeraa isa bu’uuraa ilaaluudha malee firii dubbii  qulqulleessu fi ragaa madaaluu miti” jechuun iyyata SDFHH keewwata 78 tiin dhiyaatu kufaa taasisuu kan hin qabne ta’uufi falmisiisee jala murtii kennuuf aangoo kan qabu ta’uu murtii kennamedha.Dhaddachi Ijibbaataa galmee qabate irratti  hooggansa falmii walqabatee Iyyata dhiyaatu keessummeessee hoogganuudhaaf itti gaafatamummaa qaba.
https://t.me/http_Ijooseeraa
1
#Yakka_Ajjeechaa_lubbuu_fi_Adabbii_isaa
Maalummaa yakka ajjeechaa Lubbuu
-----------------------------------------------
✍️Namni kamiyyuu itti yaadee yookiin dagannoon meeshaa yookiin tooftaa akaakuu kamiiniyyuu nama biroo kan ajjeese yoo ta’e ajjeesaa lubbuuti. Adabbiin nama itti yaadee yookiin dagannoon nama ajjeesuun balleessaa ta’erratti murtaa’u, akka salphinaafi cimina ajjeechaa sanaatti bu’uura tumaalee ajjeechaa lubbuu seera yakkaa keessatti ibsamaniin murtaa’a.Itti yaadee yookiin dagannoon kan nama ajjeese hundi kan adabamu bu’uura adeemsota murtii seera qabeessa ta’aniifi murtiiwwan isaanii qofaan ni ta’a.seera yakkaa keewwata 538.gosoota yakka ajjeechaa lubbuu fi adabbii isaanii waliin akka itti aanutti haa ilaalluu.

#Yakka Ajjeechaa lubbuu cimaa
✅️ Namni kamiyyuu nama ajjeesuuf yaanni yookiin sababni inni duraan qabu, meeshaan  yookiin tooftaan itti fayyadame, haalli ajjeechaa yookiin ajjeechaan itti raawwatame sababni waliigalaa adabbii cimsu /keewwata 84/ yookiin sababni biroo /keewwata 86/ yommuu ilaalamu ajjeesaan keessumattuu garajabeessa, suukanneessaa, yookiin balaafamaa ta’uu isaa haala ibsuun; yookiin  miseensa garee wanbadee nama ajjeesuuf yookiin yakka wanbadummaa raawwachuuf gurmaa’ee ta’uun; yookiin yakka biroo raawwachuuf akka isaaf mijaawuuf yookiin yakki raawwatame akka hin beekamne taasisuuf jecha;  itti yaadee nama kan ajjeese yoo ta’e; hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.

✅️Kana jechuun fakkeenyaaf namni tokko cuupheedhaan nama biraa iddoo baay'ee waraanuun kukkutee erga ajjeesee booda yakkichi akka dhokatuuf iddoo hin mul'ate bosona, bo'oo galaanaa, iddoon kosiin itti gatamutti reefta kana gate yakka ajjeechaa namaa cimaa ta'een jalatti adabama.

✅️Yakkamtichi adabbiin hidhaa cimaa umurii guutuu itti murtaa’ee, adabbicha raawwachaa osoo jiruu, haala seera yakkaa keewwata 539(1) jalatti(haala  armaan olitti ibsameen) nama kan ajjeese yo ta'e du’aan ni adabama(Seera yakkaa keewwata 539)

#Yakka ajjeechaa lubbuu namaa dassiba
✅️ Namni kamiyyuu haalli ajjeechaa akkaataa keewwata 539 jalatti ibsameen cimaa yookiin akkaataa keewwata 541 jalatti ibsameen salphaa haala hin taaneen itti yaadee nama biroo kan ajjeese yoo ta’e;  hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamaa gahuun ni adabama.Seera  Yakka kwt 540
Yakka ajjeechaa lubbuu namaa Salphaa

✅️Namni kamiyyuu:daangaa haala dirqisiisaa darbuun /keewwata 75/ yookiin daangaa ofirraa ittisuu seera qabeessa ta’e darbuun /keewwata 78/; yookiin  sababa olaanaa garmalee nama aarsuun yookiin sababa tasaa sammuu jeequ inni hin eegneen yookiin miira olaanaan yookiin miira ho’aa onnee tuquun qabamuurraa kan ka’een ta’ee; haalawwan tilmaama sammuutiin kana raawwachuuf nama geessisaniifi gartokkeen dhiifama kennisiisaniin;  itti yaadee nama biroo kan ajjeese yoo ta’e;hidhaa salphaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

👉Fakkeenyaaf namni maqaan isaa X qaama miidhamaa(dhukkuba Juuzaam dhukkubsate) kan harka hin qabne yo tahe Y immoo miidhuma sanaan X yoo arrabse X butamuun Miira yeroof sammuu isaa jeequ keessa galuun Shugguxiin Y mataa irra rukutuun yoo ajjeese ajjeechaa namaa salphaa ta'een himatamee adabama jechuudha Seera yakkaa keewwata 541)

#Namni Biroo akka of ajjeesu kakaasuu
✅️Namni kamiyyuu namni biroo akka of ajjeesu kan kakaase yookiin kan gargaare yoo ta’e yaaliin of ajjeesuu yommuu taasifametti hidhaa salphaan; gochi of ajjeesuu yommuu raawwatametti hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

✅️Akka of ajjeesu namni kakaafame yookiin gargaarsi taasifameef ijoollee gaa`elaafhin geenye yookiin sababa dhukkuba sammuun yookiin dullumaan dandeettii dhabee kan ture yoo ta’e; adabbiin kakaasaa yookiin gargaaraa irratti murtaa’u namni kakaafame yookiin gargaarame of ajjeesuuf kan yaale yoo ta’e hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen; kan of ajjeese yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni ta’a.seera yakkaa kwt 542

#Keewwata 543. Dagannoon Nama Ajjeesuu
https://t.me/http_Ijooseeraa
➜• Ragaa waa’ee namoota mirga qabanii ibsu sassaabuudhaan abbaan mirgaa eenyu akka ta’e murteessuu,
➜• Koree shallagduu qabeenyaa ofiin qabeenya tilmaamsisuu, erga shallagamee booda akkaataa Dambii kwt 15 jalatti ibsametti guyyaa shaniif uummataaf ifa ta’ee kantiibaa ykn bulchaa aanaatiin mirkaneessisuu,
➜• Hanga tilmaamaa kana beeksisa ajaja gadi lakkisiisuu keessatti ibsuun ajaja gadi lakkisiisuu abbaa qabiyyeefi haadha warraa (abbaa warraa)f erguufi gahuu isaa mirkaneeffachuu,
➜• Beenyaa maallaqaa kaffaluu (baankii cufaa kaa’uu), lafa ykn mana bakka bu’iinsaatu kennama yoo ta’es dursee iddoofi hanga isaa adda baasee kennuu,
➜• Qabiyyee lafaa gadi lakkisiisee of harkaan gahuufi
➜• Dhuma irratti daangaa kabachiisuudha. Labsiifi Dambiin armaan olitti ibsaman kwt 6 jalatti dhaabbattoonni bu’uuraalee misoomaa diriirsan daangaan kabajamuu osoo hin mirkaneeffatiin waliigaltee diriirsuu seenuu akka hin qabne tumu.
Adeemsi kun adeemsa qaamni aangoo gadi lakkisiisuu qabu dirqama hordofuu qabudha. 

✍️ Labsiin lakk.1161/2011 seera bulchiinsaa adeemsa itti lafti faayidaa uummataaf gadi lakkisiifamu of keessaa qabudha. Labsiin kun ajaja ykn murtii qaamni aangoo gadi lakkisiisuu qabu kennu irraa namni komii qabu qaama ilaallatutti iyyachuu akka danda’u kan ibsu ta’ullee adeemsota seeraan teechifaman (adeemsa tokko) osoo hin hordofin namni dhuunfaa qabiyyee akka gadi lakkisu yoo taasifame furmaata seeraa akkamii qaba kan jedhu irratti ifa miti.
➥ Sadarkaa Mootummaa Federaalaatti, Labsiin Adeemsa Bulchiinsaa Federaalaa,  Labsii Lakk.1183/2012 namni murtii qaama bulchiinsaa irraa komii qabu dursee qaamuma bulchiinsaatti iyyachuu akka qabuufi Mana Murtii Ol’aanaa Federaalatti dhiyaachuu kan  qabu murtiin bulchiinsaa keessa deebiin akka ilaalamuuf (judicial review) dhaaf qofa akka  ta’e tuma.

➥Haalli itti murtiin bulchiinsaa keessa deebiin ilaalamu qajeeltowwan tarreeffaman bu’uura godhachuun ta’uu labsichi kwt 50(2) jalatti tumeera. Kun immoo yoo xiqqaate sadarkaa federaalatti sababoonni itti manni murtii idilee murtii bulchiinsaa keessa deebi’uun itti ilaalan jiraachuu kan namatti agarsiisudha.

✍️ Dambiin lakk.472/2012 kwt 7(4) jalatti qaamni lafa gadi lakkisiifate erga gadi lakkisiifatee booda yeroo seeraan ykn waliigalteen taa’e keessatti kan hin misoomsine yoo ta’e tarkaanfiin 
kan fudhatamu bu’uura seera bulchiinsa lafaatinidha jechuun tumeera
https://t.me/http_Ijooseeraa
‎"Abbaan alangaa galmeen murtiif kan bule yoo ta'ees,murtii haqaa kennuuf barbachiisaadha jedhee yoo amane himannaa isaa foyyeessuu ni danda’a jechuun MMWFDHIJ Jildii 20ffaa lakk G 116405 ta'ee irratti hiikkoo dirqisiisaa kenneera"
‎Akkaatuma kanaan yoo mannii murtii didee A/Alangaa murtiin durattii gara mana murtii ol'aanaatti ol'iyyachuu akka danda’uu MMWFDHIJ Jildi 24ffa Lakk G 171521 fi Jildii 17ffaa Lakk G 93234 ta'e irratti ol'iyyachuu akka danda’uu hikkoo dirqisiisaa kenneera"
https://t.me/http_Ijooseeraa
✍️ Akka waliigalaatti yakki Hannaa abbaan qabeenyaa osoo hin argin dhoksaan kan raawwatamu yommuu ta'u Yakki Wanbadummaa garuu miidhamaan dhuunfaa osuma ilaaluu humnaan dirqisiifamee qabeenya isaa haala Ittisuu hin dandeenyeen kan raawwatamuudha.

✍️ Yakki Wanbadummaa kan raawwatamu qabeenya irratti yommuu ta'u yakki Dirqisiisuun Fayyadamuu immoo gadi aantimmaa xiinsammuu ykn hamilee namootaa irratti kan raawwatamuudha.

Yakki Wanbadummaa bu'uura Kan godhatu qabeenya yommuu ta'u yakki Dirqisiisuun Fayyadamuu immoo gadi aantimmaa xiinsammuu ykn hamilee namootaa kan bu'uureeffatuudha.

👍 Kanaafuu yakki Hannaa kan himatamaan "miidhamaan dhuunfaa na arge moo hin argine " jechuun dhoksaan raawwatu yommuu ta'u yakki Wanbadummaa immoo himatamaan Hanna raawwachuuf yoo jedhu ykn yommuu raawwatu ykn erga raawwatee booda miidhamaa dhuunfaa irratti gocha humnaa ykn doorsisaa kan irraan gahuudha.

👍 Dirqisiisuun Fayyadamuun immoo himatamaan gocha humnaa ykn doorsisaa yakka Wanbadummaa irra salphaa ta'e kan fayyadamee Fi Yakkichis akkuma olitti ibsame sanadootaan kan walqabate ta'ee miidhamaa dhuunfaa irraan dhiibbaa xiinsammuu yommuu gahu kan hundaa'uudha.

✍️ Gochi baratamaan "butuu" jedhamu immoo yakka Hannaa waliin kan ramadamu yommuu ta'u Himatamaan miidhamaa dhuunfaa irratti gocha humnaa yoo fayyadame garuu yakka Wanbadummaa kan hundeessu ta'a:
https://t.me/http_Ijooseeraa
1
Dirqama Qallaba Kennuu Raawwachuu Dhabuu fi adabbii yakkaa.
==========================================
Dirqama qallaba kennu dirqama seera irraa madde yoo ta'u Abbaan mirgaa fi abbaan dirqama qallaba kennu qabu akkaataa qallabnii itti kennamu waligaltee raawwachuu ni danda'u.
Haa ta'u malee waligalteen isaani kuni faallaa ulaagaa ykn haala dureewwan seeraan ka'aame faaleessuu hin qabu.
Kanumaan seeri yakkaa biyya keenyas kwt 658 jalati dirqama qallaba kennu  raawwachuu dhabuun adabbii akke hordofsiisu tume jira
Kunis...
Namni kamiyyuu sababa gahaa malee:
(a) Bu’uura seeraan qallaba kennamuu qabu abbootii mirgaaf, murtiin hiikkaa
hanga kennamutti abbaa warraa yookiin haadha warraa gaaffii hiikkaa
fuudhaafi heerumaa dhiheesseef ta’ullee, hin kennu kan jedhe yookiin
kennuu kan bacancarse yoo ta’e; yookiin
(b) Bu’uura seeraan, yookiin dirqama waliigaltee seeneen dubartii fuudhaafi heerumaan ala ulfeesseef yookiin nama fuudhaafi heerumaan ala saalqunnamtiin isa waliin jiraateef yookiin daa’ima fuudhaafi heerumaan
ala dhalateef dirqama maallaqaa guutuu qabu kan hin baane yoo ta’e;
iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhihaatu adabbii maallaqaatiin yookiin hidhaa salphaa ji’a jaha hin caalleen ni adabama jechuun kaa'ee jira.
Akka waligalatii
Qallabni nama hojjate galii jireenya isaaf maluu argachuuf humna hin qabneefi rakkoo irra kufeef qallaba seeraan nama qallaba kennuu dirqama qabu irraa akka ittin jiraatuf kennamu waan ta'eef namni qallaba kennuu dirqama qabu dirqama isaa sirnaan bahaachuun qallabaa fudhataas lafaatii hin malee saaxiluu irraa akkasumas ittigaafatamumaa yakkaa itti dhufu irraa of eeguu qaba jechudha.
Fuula FB Teedii Abbaa Haqaa irraa fudhatame
https://t.me/http_Ijooseeraa
Qabiyyee Lafa Dhaalaa Irratti Dhaalaan Mana Ijaare Mirga Akkamii Qabaata?
==================================
Heera Mootummaa kwt 40(3,7), SHH kwt 1179(2), 1180, Murtii Mana Maree Federeeshiinii glme Lkk 106/15 ta’erratti gaafa 28/10/2015 kennamee fi Murtii Haaraa Dha Ijb Mana Murtii Waliigala Federaalaan galmee Lkk 242314 ta’erratti gaafa 30/11/2017 kenname
==================================
Namni qabiyyee lafaa nama biroo irratti eeyyama abbaa qabiyyeetiin ykn abbaan qabiyyee otuu hinmormin ijaarsa raawwate/ mana ijaare qabiyyicha irratti mirga akka argatu SHH kwt 1179 jalatti tumamee kan jiru yoo ta’u Dhaddachi Ijb MMWFtis yeroo adda addaatti murtiilee adda addaa kennaa turee jira.
Fkn, glme Lkk 22563 ta’erratti dhaaltuu Lafa Dhaalaa irratti mana ijaaree ykn falmii dhaaltota giddutti ka’uuf tumaan SHH kwt 1179 raawwatiinsa akka hinqabne kan murtaa’e yoo ta’u glmee Lkk 96628 ta’erratti murtii kenneen immoo bakka Manni mormii dhaalchisaa malee ykn eeyyama dhaalchisaan ijaarame irra qubate qofa ilaalchisee SHH kwt 1179 raawwatiinsa akka qabu hiikkoo kennee ture.
Glme Lkk 30101 ta’erratti immoo mormii malee ykn eeyyama dhaalchisaatiin ykn abbaa qabiyyeetiin mana ijaarame irratti mirga akka argatu kan murteesse yoo ta’u Manni Maree Federeeshiinii gama isaan glmee Lkk 106/15 ta’erratti hiikkoo kenneen lafti qabeenya mootummaa fi ummataa ta’uu fi namni dhuunfaa mootummaa irraa karaa seeraan yoo argate malee lafa Nama biroo irratti ijaarsa raawwateef baasii baase gaafachuu irraan kan hafe laficha irratti mirga argatu hinqabu jechuun Heera Mootummaa kwt 40(3) waliin tumaan SHH kwt 1179 walsimee hiikamuu  akka qabu hiikkoo heerawaa kennee jira.
Murtii Mana Maree Federeeshiinii kana bu’ura gochuuni fi hiikkoowwan walhinsimnee fi ifa hintaane garaagaraa galmeewwan olitti caqafaman irratti kennee ture akka walsimuu fi ifa ta’u gochuuf jecha Dh Ijb MMWF galmee Lkk 242314 ta’erratti murtii haaraa gaafa 30/11/2017 kenneen dhaalaan Lafa Dhaalaa irratti eeyyama dhaalchisaatiin ykn mormii dhaalchisaa malee mana ijaara ijaarsa raawwate qofa ilaalchisee SHH kwt 1179n kan ilaalamu ta’uu fi sanaan alatti Lafa irratti mirgi akka hinjirree fi tumaan SHH kwt 1179-1180 jiru mirga abbaa qabiyyummaa lafaa dabarsuu ilaalchisee raawwatiinsa akka hinqabne abbootii seeraa Nama torbaan hiikkoo dirqisiisaa haarawa kennee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
2
Erga falmiin eegalee booda himataan /himatamaan ragaa haaraa yoo argate  bu’uura sdfs keewwata 91 tiin himannaan /deebii fooyyeffachuu danda’aa?===========================MMWFDHIJ Murtii hin maxxanfamne lakk.210559 ta’e irratti dhaddacha gaafa 26/08/2014 ooleen kan armaan gadii jedheera.===============================
SDFS  keewwatni 91 fooyya’uun himataa/deebii dhimmicha caalaatti ifa taasisuuf yookaan murtii haqaa kennuuf ni gargaara jedhamee yoo tilmaame  kan hojii irra oolu malee, falmii yookaan ragaa haaraa argame dhiyeessuuf  kan gargaaru miti.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Yakki kompiwutaraa maalidha? Gochoota akkamii hammata, maal adabsiisa?
==================================
Labsii lkk 956/2008 kwt 2(1(a-c)), kwt 3 fi 4
=================
Yakka kompiwutaraa jechuun gochaa yakkaa kompiwutara irratti ykn sirna compiwutaraa ykn daataa kompiwutaraa ykn neerwoorkii irratti raawwatamu ykn, yakka kompiwutara ykn sirna kompiwutaraa ykn daataa ykn netwoorkii fayyadamuun raawwatamu ykn, kompiwutaraan ykn sirna kompiwutaraan ykn networkiin qabiyyee daataa seeraan alaa tamarin gochaa raawwatamu jechuu akka ta’e Labsii Lkk 956/2008 kwt 2(1(a-c)) jalatti ibsamee jira.
Gama biraan namni kamiiyyuu gara kompiwutara ykn sirna kompiwutara ykn networkii hayyama malee ykn hanga eeyyamameen ala darbuun seenuun adabbii hidhaa salphaa waggaa sadii hincaalleen ykn adabbii mallaqaa qarshii kuma 30 hanga kuma 50n kan adabsiisu akka ta’e labsicha kwt 3(1) jalatti kan tumame yoo ta’u yakkichi kan raawwatame kompiwutara ykn sirna kompiwutaraa ykn networkii dhaabbata qaama seerummaa qabu tokko qofaaf akka tajaajilu addatti kenname irratti yoo ta’e adabbii hidhaa cimaa waggaa 3-5 adabbii mallaqaa qarshii kuma 30-50n akka adabsiisus labsicha kwt 3(2(a)) jalatti ibsamee argama.
Misooma tajaajila bu’uraa ummataa kan akka Telekom fa’a irratti kan raawwate yoo ta’e yakkichi ulfaataa ta’uu fi adabbii hidhaa cimaa waggaa 5-10 fi adabbii mallaqaa kuma 50-100,000 adabsiisa (labsicha kwt 3(2(b)).
Kana malees eeyyama malee kompiwutaara ykn sirna kompiwutara ykn netwoorkii ykn sirna tajaajila daataa process gochuu butuun yakka adabbii hidhaa cimaa waggaa 5 hincaallee fi adabbii mallaqaa kuma 10 hanga kuma 50n kan adabsiisu akka ta’es labsicha kwt 4(1) jalatti kan tumame yoo ta’u yakkichi sirna kumpiwutaaraa ykn networkii ykn tajaajila daataa process gochuu tajaajila dhaabbata qaama seerummaa qabu tokkoof addatti kenname ykn wirtuulee tajaajila bu’uraa irratti raawwatame yoo ta’e adabbii isaa daraan cimaa akka ta’es labsicha kwt 4(2,3) jalatti kan tumame irraa nihubatama.
https://t.me/http_Ijooseeraa