Darbiinsa Yeroo Raawwii Murtii; Murtii Tokko Mana Guyyaa Kennamee Kaasee Yeroo Hangamii Keessatti Raawwiif Dhiyaachuu Qaba?
==================================
Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa (SDFHH) kwt 384 fi Murtii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa glm Lkk 35018 ta’erratti gaafa 18/02/2001 kennamuun Jld 8ffaa keessatti maxxanfame
=================
Namni beela bahuuf haalli addaa fi amalli addaa yoo jiraate malee miidhaan nyaachuu akka isa barbaachisu Saayinsiin fayyaa kan ibsu yoo ta’u irraa caalaa fi baratamaanis bilcheeffatanii nyaachutu gorfama. Otuu hinbolchiissin fayyaa namaafis ta’ee pyscho namaafis hintolu.
Haaluma kanaan midhaan bilcheeffachuu qofa otuu hintaane kan bilchaate yeroodhaan myaatamuu baannaan ammas summi’aayuu ykn faayidaan ta’uun isaa beekamaadha.
Namni haqni ykn mirgi ykn dantaan isaa jalaa tuqame iyyannoo ykn hamannaa isaa qaama abbaa seerummaa , yeroo hedduu Mana Murtiitti , qabutti dhiyeeffatee kabachiifachuu kan qabu yoo ta’u kanas daangaa yeroo seeraan ibsame ykn hiikkoo seeraan kennameen ibsame keessatti fayyadamuu yoo hafe mirgi isaa kan daangeffamu akka ta’e beekamaadha.
Akkasumas murteessifachuu qofa otuu hintaane waan murtaa’eef yeroodhaan hordofatee raawwachiifachuunis barbaachisaa akka ta’e duraanii hubachuun miidhaa irraa nama oolchaa.
Jecha biraatiin akkuma nyaanni bilchaate yeroodhaan nyaatamuu yoo baate faayidaan ala ta’uu danda’u murtiin tokkos yeroodhaan raawwiif yoo dhiyaachuu baate daangaa yeroon daangeffama. Kunis SDFHH kwt 384 jalatti galmeen raawwii murtii altokko baname sababa adda addaan giddutti yoo cufames hanga waggaa 10 giddutti deebi’ee socho’uu akka danda’u tumamee kan jiru yoo ta’u abbaan mirgi murtaa’eef yeroo waggaa 10 keessatti akka fedhe galmee raawwii sochoofachuun raawwachiifachuu akka danda’u kan agarsiisudha.
Haata’u malee guyyaa murtiin kenname ykn nyaatichi bilchaatee irraa kaasee waggaa 10 keessatti murtiin raawwiif yoo dhiyaachuu baate darbiinsa yeroo waggaa 10n kan daangeffamu akka ta’u Dhaddachi Ijbta MMWF SDFHH kwt 384 caqasuun galmee Lkk 35018 ta’erratti murtii gaafa 18/02/2001 kennaan hiikkoo dirqisiisaa kennuun Jld 8ffaa keessatti maxxanfamee argama.
Kanaaf, namoonni mana murtiitti waa isiniif murtaa’e ykn fira ykn hiriyaa murtaa’eef qabdan yeroo barbaanne raawwachiifanna jettanii nyaata bilchaate ol hinkaahinaa dafaa raawwachiifadhaa, akka yeroodhaan raawwachiifatan hubachiisaa.
https://t.me/http_Ijooseeraa

Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
❤1
BAKKA BU’UMMAAN MIRGA KABACHIISUU SEEROTA ILAALLATAN MURAASA
1ffaa SDFHH kwt. 38(1) tiin bakka kan bu’uu danda’u nama faayidaa wal fakkaatu qabuu ( similar interest) dha. Bakka bu’ummaadhaan falmuuf haayyama mana murtii akka barbaadu dha seerichi kan tumee jiru. Bakka bu’ummaan asitti waajjira rogummaa qabu bira deemuun waliif kennan hin jiru jechuu dhaa? Moo fedhii miseensootaa bakka bu’anii haa falman jedhu mallatteessisuu qofaan ta’a? waanti hubatamuu qabu garuu namni bakka bu’u sunis dhimmicha keessaa dantaa kan qabu ta’uu qaba. Imaammanni tumaa kana duuba jiru dhamaatii fi baasii qusachuuf ta’uutu hubatama. Dantaa waloo kabachiisuuf himachuu fi himatamuu ittiin danda’u jechuu dha. Namni fedhii isaa haala kanaan kenne falmicha keessa seenee falmuuf akka haayyamamuufis gaafachuu danda’a. (SDFHH kwt 38(2) ilaallata. Heerri Mootummaa Kwt 37(2)(B) jalatti namni kamuu dantaa waliinii ykn wal fakkaataa garee inni keessaa qabu kabachiisuuf bakka bu’ee himannaa hundeessuu ykn falmuu akka danda’u tumameera.
FKN'f Qabiiyyee Lafa baadiyyaa waloodhaan dheedichaaf namoonni qaban irratti mirga itti fayyadamuu isaanii kabachiisuuf haala kanaan wal bakka buusuu danda’uu? Beenyaa gaafachuufoo haaluma kanaan wal bakka buusu moo waajjjira AA ykn dhaabbata rogummaa qabu kan biraa bira deemuun waliif kennuu qabu jettu? Bakka bu’ummaan akkasii bu’uura labsii lakk 922/2008 tiin dirqama galmaahuu hin qabuu?
HARKA QALLEEYYII BAKKA BU’UU
Labsiin Bulchiinsaa fi Itti fayyadamni Lafa baadiyyaa Federaalaa lakk 1324/2016 kw 41 jalatti dhaabbileen dhimmoota dubartii fi daaímmanii mirga lafa qabiiyyee dubartiin hiyyeessa taate qabdu fi kanneen biroo deeggarsi isaan barbaachisu kabachiisuuf bakka buutee himannaa mana murtiitti dhiyeessuufii akka dandeessuuf tumameera. Labsii naannoo lakk 214/2011 kwt 40 dabalataan deeggarsi gama Waajjira AA tiin taasifamu fi bakka bu'anii falmuu dandeessisu diriiree ittis hojjatamaa jira.
MIRGA NAMOOMAATIIN WAL QABATEE BAKKA BU’UMMAAN FALMUU
Labsii Mana Murtii Federaalaa hundeessuuf bahe lakk 1234/2013 keessattis Kwt 11(3, 4, 5)
Nama dantaa ykn mirga qabu qofa osoo hin taane nama dhimmicha dhiyeessuuf sababa qabu fkn, dhaabbilee rogummaa qaban kaayyoo hundeeffamaniin wal qabatu yoo ta’e mirga bu’uuraa heera mootummaatiin eegumsi taasifameef akka kabajamu bakka bu’anii himannaa dhiyeessuu danda’u. keessattuu kwt xiqqaa 4 jalatti (Any person who has vested interest or sufficient reason may institute a suit before the Federal High Court to protect the rights of his own or others) jechuun tumameera.
Labsii eegumsa naannootiin wal qabatees mirga namni kamiyyuu mirga himannaa dhiyeessuu danda’u tumameera. (any one can bring a law suit ( Proc. No.300/2002 art. 11) ilaallata.

Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Baayyina:100
Muuxannoo:0 year
Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa
👉 Sadarkaa barnootaa Digirii
👉Gosa barnootaa: Seera
👉 Eebbifamtoota bara 2016 as xumurani + Exit Exam pass
Galmeen:19-30/12/2017
Bakki Galmee: Waajjiraalee Abbaa Alangaa Godinaa fii Bulchiinsa Magaalotaatti galmaa'uu dandeessu.

Forwarded from 𝐁𝐈𝐍𝐈𝐌𝐎𝐒 - 𝐋𝐀𝐖𝐘𝐄𝐑
𝗠𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗠𝗮𝗻𝗮 𝗠𝗮𝗿𝗲𝗲 F𝗲𝗱𝗲𝗿𝗲𝗲𝘀𝗵𝗶𝗻𝗶𝗶
✍️ Daldalaan tokko Hayyama daldalaa Naannoo biroo qabatee Naannoo biroo keessatti Bittaa raawwachuu danda'aa?
=============================
Murtii Mana Maree federeeshinii Gal.Lakk. 66/11 ta'e irratti kenname.
Daldaalaan tokko Hayyama daldalaa Naannoo tokko irraa fudhate qabatee Naannoo biroo keessatti osoo hayyama Naannichaa hin qabaatiin bittaa raawwate jedhamee yakkan kan hin gaafatamne ta'uu; Heera Mootummaa Federaalaa Ripaablikaa Itoophiyaa kew.22 fi 32 waliin wal qabsiisuun murtii kennee ture.
Murtii isaa kana keessatti Daldalaan tokko Naannoo hojii daldala itti hojjechuuf jedhu keessaa Damee baanuuf yoo ta'e qofa waajjira dhimmi ilaalu biraatti hayyama daldalaa fi TIN qabatee argamuun beeksisuu qabu jechuun murtii kenneera.
Join ➤ https://t.me/binimoslawyer

𝐇𝐢𝐦𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐀𝐝𝐞𝐞𝐦𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐛𝐚𝐚𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐮 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐞𝐞 𝐃𝐞𝐞𝐛𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐇𝐚𝐲𝐲𝐚𝐦𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚 𝐇𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐞𝐞𝐟𝐚𝐭𝐮
🔰Adeemsa gabaabaan yeroo himanni dhiyaatu himatamaan ittisa yoo qabaate deebii dhiyeefatee falmachuuf akka manni murtii isaaf hayyamuuf iyyata isaa kakuun deeggaruun mana murtiiti dhiyeeffachuu qaba.
✅Himatamaan dhimmicha mormuuf ittisa gahaa akka qabu ibsuu bira darbee himannaa dhiyaateef itti gaafatamummaa kan hin qabnee fi dhimmichi fudhatama akka hin qabne ragaa sanadaa fi kan birootis qabaachuu isaa akkaasumaas sababoota dhimmichi fudhatama hin qabneef iyyata isaa keessatti ifatti ibsuu qaba.
✅Kunis manni murtichaa ittisaa fi ragaan dhiyaatu gara falmii dhimmaati seenuuf gahaa ta’uu fi dhiisuu isaa salphaatti akka madaaluuf ni gargaara.
✅Adeemsa gabaaban himanni yeroo dhiyaatu himatamaan deebii akka dhiyeefatu manni murtii yoo hayyameef himatamaan himanna dhiyaateef itti gaafatamummaa qabaachuu fi dhabuun kan beekkamu manni murtii gara falmii idileeti seenun bitaa fi mirga falmisiisuun ragaa bitaa fi mirgaa erga madaalee booda.
✅Sadarkaa iyyata hayyamsiisaa dhiyaate irratti manni murtii kan ilaalu ittisni himatamaan dhiyeefatee fi ragaan ibsame gara falmii haadhooti seenuuf gahaa tahuu fi dhabuu isaa qofa.

Manneen Murtii Shari’s fi Aadaatti Waamichi Himatamaa Dhaqqabuun Sirnaan Mirkanaa’uun Mirga Dhagahamuu Himatamaa Eegsisuuf Qofa Otuu Hintaane Aangoo Mana Murtii Hundeessuufis Haalduree Dirqamaati
==================================
Dhimmoota seera dhuunfaa fi maatiin walqabatan ilaalchisee akkaataa amantaa ykn aadaa ofiitti furachuun ykn haqa argachuun Heera Mootummaa kwt 34(3) jalatti mirga beekamtii fi eegumsa heeraa qabu dha. Haaluma kanaan akka fakkeenyaatti manneen murtii sharia a Labsii Lkk 188/92 (sadarkaa Federaalaatti) fi Labsii Lkk 53/94n irra deebiin hundaa’uun akkaataa seera Shari’aatti tajaajila kennaa kan jiran yoo ta’u akkasumas manneen murtii aadaatis naannolee adda addaatti hundaa’uun hojii jalqabaa jiraachuun manneen murtii aadaa Naannoo Oromiyaa Labsii Lkk 240/2013 waggoota afur dura hundaa’uun godinaalee naannichaa hundatti hojii eegaluun fakkeenya tokko dha.
Manneen murtii kun dhimmoota labsiilee kana keessatti akka ilaalan tarreeffaman irratti aangoo kan qabaatan yoo gareewwan falmii fedhii kennan, keessaayyuu himatamaan fedhii isaa barreeffamaan kenne, qofa akka ta’e Labsii Lkk 188/92 fi 53/94 kwt 5 jalatti, Labsii Lkk 240/2013 kwt 25 jalatti ifaan tumamee argama.
Himatamaan fedhii isaa kan ibsatu yoo waamichi sirnaan isa dhaqqabee fi isa dhaqqabuun mirkanaa’e qofa akka ta’e beekamaadha.
Waamichi kan dhaqqabuu qabu akkaataa maloota kenna waraqaa waamichaa SDFHH kwt 94-110 jalatti bal’inaan duriirfamee waan jiruuf keessaayyuu manneen Murtii Shari’aa tumaalee kanneen hordofuu akka qaban Labsii Lkk 188/92 fi Labsii Lkk 53/94 kwt 6(2) jalatti ifaan tumamee argama.
Manneen murtii Aadaatis waamichi himatamaa karaa nama jaarsoliin Mana Murtii Aadaa itti amananiin akka isa dhaqqabu taasisuu akka qaban Labsii Lkk 240/2013 kwt 27(5) jalatti ibsamee jira.
Bu’ura tumaalee seeraa olitti ilaalamaniin waamichi himatamaa sirnaan dhaqqabuu isaa mirkanaa’uun mirga dhagahamuu himatamaa qofaaf otuu hintaane aangoo manneen murtii kanneenii hundeessuufis haalduree dirqamaa akka ta’e hubatamuu qaba (parties’ consent is a prerequisite for the assumption or constitution of courts jurisdiction).
Kanumaan walqabatee Manni Maree Federeeshiinii dhimma aadde Raaniyaa Ahimed fi Dr Ibraahim Mohaammed irratti yaada Murtii Gumiin Calaltuu Dhimmoota Heeraa galmee Lkk 1352/07 irratti ilaaluun dhiyeesseef irratti murtii gaafa 03/07/2008 kenneen manneen murtii Shari’aa keessaayyuu nama biyya keessa hinjirre ykn biyya ormaa jiraachuun beekame waamicha karaa gaazexaa yeroo ajajan yeroo gahaa kennuun dhiyaatee fedhii isaa akka ibsatu carraa kennuufii kan qaban ta’uu fi kana otuu hingoone waamicha karaa gaazexaa qofa irratti maxxansiisuun himatamaan waamichi akka dhaqqabetti bira darbanii bakka hinjirretti dhimma ilaaluun mirga dhagahamuu himatamaa kan sarbu qofaa otuu huntaane mana murtii Shari’aa dhimmicha qabate dhimmicha irratti aangoo akka hinqabaanne taasisa jechuun bal’inaan xiinxalee murteessee jira.

SHH keeewwata 1195 fi 1196
Mirkaneeessa abbaa qabeenyummmaa manaa ilaalchisee ejjennoo Manni Maree Federeshinii SHH keewwata 1195 irratti qabu dhodhommooqiinsa akka hin qabne Murtii isaa lakkoofsa galmee 022/08 ta’e irratti kenne irraa eegalee, Murtiiwwan gara garaa yeroo gara garaatti kenneen beeksisee jira. Mirga abbaa qabeenyummaa Heera Mootummaan eegame tiksuuf ragaan abbaa qabeenyummaa bu’uura SHH keewwata 1195 tiin kennamu cimaa ta’uufi tilmaama tumaa kana jala taa’e fashaleessuuf kan tumame SHH keewwati 1196 dhiphatee hiikamuu kan qabu ta’uu Murteesseera.(Murtiiwwan Sadii PDF Obbo Eeliyaas nuuf qoode kana keessatti ni argamu-galmee lakk.106/15 ,105/15 fi 116/16)
https://t.me/http_Ijooseeraa
Mirkaneeessa abbaa qabeenyummmaa manaa ilaalchisee ejjennoo Manni Maree Federeshinii SHH keewwata 1195 irratti qabu dhodhommooqiinsa akka hin qabne Murtii isaa lakkoofsa galmee 022/08 ta’e irratti kenne irraa eegalee, Murtiiwwan gara garaa yeroo gara garaatti kenneen beeksisee jira. Mirga abbaa qabeenyummaa Heera Mootummaan eegame tiksuuf ragaan abbaa qabeenyummaa bu’uura SHH keewwata 1195 tiin kennamu cimaa ta’uufi tilmaama tumaa kana jala taa’e fashaleessuuf kan tumame SHH keewwati 1196 dhiphatee hiikamuu kan qabu ta’uu Murteesseera.(Murtiiwwan Sadii PDF Obbo Eeliyaas nuuf qoode kana keessatti ni argamu-galmee lakk.106/15 ,105/15 fi 116/16)
https://t.me/http_Ijooseeraa
Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
𝐇𝐢𝐦𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐀𝐝𝐞𝐞𝐦𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐛𝐚𝐚𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐮 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐞𝐞 𝐃𝐞𝐞𝐛𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐇𝐚𝐲𝐲𝐚𝐦𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚 𝐇𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐞𝐞𝐟𝐚𝐭𝐮
🔰Adeemsa gabaabaan yeroo himanni dhiyaatu himatamaan ittisa yoo qabaate deebii dhiyeefatee falmachuuf akka manni murtii isaaf hayyamuuf iyyata isaa kakuun deeggaruun mana murtiiti dhiyeeffachuu qaba.
✅Himatamaan dhimmicha mormuuf ittisa gahaa akka qabu ibsuu bira darbee himannaa dhiyaateef itti gaafatamummaa kan hin qabnee fi dhimmichi fudhatama akka hin qabne ragaa sanadaa fi kan birootis qabaachuu isaa akkaasumaas sababoota dhimmichi fudhatama hin qabneef iyyata isaa keessatti ifatti ibsuu qaba.
✅Kunis manni murtichaa ittisaa fi ragaan dhiyaatu gara falmii dhimmaati seenuuf gahaa ta’uu fi dhiisuu isaa salphaatti akka madaaluuf ni gargaara.
✅Adeemsa gabaaban himanni yeroo dhiyaatu himatamaan deebii akka dhiyeefatu manni murtii yoo hayyameef himatamaan himanna dhiyaateef itti gaafatamummaa qabaachuu fi dhabuun kan beekkamu manni murtii gara falmii idileeti seenun bitaa fi mirga falmisiisuun ragaa bitaa fi mirgaa erga madaalee booda.
✅Sadarkaa iyyata hayyamsiisaa dhiyaate irratti manni murtii kan ilaalu ittisni himatamaan dhiyeefatee fi ragaan ibsame gara falmii haadhooti seenuuf gahaa tahuu fi dhabuu isaa qofa.
https://t.me/http_Ijooseeraa
🔰Adeemsa gabaabaan yeroo himanni dhiyaatu himatamaan ittisa yoo qabaate deebii dhiyeefatee falmachuuf akka manni murtii isaaf hayyamuuf iyyata isaa kakuun deeggaruun mana murtiiti dhiyeeffachuu qaba.
✅Himatamaan dhimmicha mormuuf ittisa gahaa akka qabu ibsuu bira darbee himannaa dhiyaateef itti gaafatamummaa kan hin qabnee fi dhimmichi fudhatama akka hin qabne ragaa sanadaa fi kan birootis qabaachuu isaa akkaasumaas sababoota dhimmichi fudhatama hin qabneef iyyata isaa keessatti ifatti ibsuu qaba.
✅Kunis manni murtichaa ittisaa fi ragaan dhiyaatu gara falmii dhimmaati seenuuf gahaa ta’uu fi dhiisuu isaa salphaatti akka madaaluuf ni gargaara.
✅Adeemsa gabaaban himanni yeroo dhiyaatu himatamaan deebii akka dhiyeefatu manni murtii yoo hayyameef himatamaan himanna dhiyaateef itti gaafatamummaa qabaachuu fi dhabuun kan beekkamu manni murtii gara falmii idileeti seenun bitaa fi mirga falmisiisuun ragaa bitaa fi mirgaa erga madaalee booda.
✅Sadarkaa iyyata hayyamsiisaa dhiyaate irratti manni murtii kan ilaalu ittisni himatamaan dhiyeefatee fi ragaan ibsame gara falmii haadhooti seenuuf gahaa tahuu fi dhabuu isaa qofa.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
Cheekiin Akka Wabumatti (Security) ykn Meeshaa Qabsiifamuutti (Pledge) Kennamuu Ni Danda'aa? Haala Kamiin?
====✓✓====✓✓✓✓======✓✓✓✓✓
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 26/08/2012 ooleen Lakk.Ga.166392 (Jildii 27ffaa) ta'e irratti kenne keessatti:
✅"Waliigalteen Wabummaa ykn Qabsiisaa waliigalteewwan seerichi foormii barreeffamaatiin yoo raawwataman malee gatii hin qaban jechuun tume keessaa isa tokko ta'uun isaa ifadha (SHH kwt 1725(a), 1922(1-3), 2828(1-2)). Waliigalteen wabummaa ykn qabsiisaa kun dirqama kamiif akka seename, hanga dirqamichaa (baaxii ol'aanaa maallaqichaa) of eeggannoodhaan ifa taasifamuu akka qabuufi guyyaa waliigaltichi raawwatame ifatti teechifamuu akka qabu seerichi bifa dirqisiisaa ta'een kaa'eera (SHH kwt 2828 (1-2), 2864-2868 fi Seera Daldalaa kwt 952).
✅Tumaaleen seerichaa dirqisiisoon kun yoo guutamne malee waliigalteen wabummaa jira jechuun hin danda'amu. Dhimma kana keessattis, waamamtoonni cheekiin iyyataadhaaf kan kenname kaffaltiin akka ittiin raawwatamuuf osoo hin taane wabummaadhaaf haa jedhaniyyuu malee wabummaadhaaf ta'uu isaa haala tumaaleen armaan olitti ibsaman gaafataniin sanada waliigaltee wabummaa hubachiisuu danda'u hin dhiyeessine.
✅Haa ta'u malee, Dhaddachi Ijibbaataa kun lakk.Ga.123984 ta'e irratti cheekiin meeshaa kaffaltiin ittiin raawwatamu ykn meeshaa kaffaltiiti malee qofaa isaatti sanada waliigalteen jiraachuu mirkaneessuu danda'u miti jechuun murtii dirqisiisaa kenneera. Hima biraatiin cheekiin kennamuu isaatiin qofa gareewwan lamaan: jechuunis nama kenneefi nama dhiyeesse gidduutti waliigaltee (wabummaas haa ta'u qabsiisaa) jira jechuuf seerri nama dandeessisu hin jiru jechuudha (Lakki.Ga.123984(Jildii 21).
✅Gabaabumatti, falmii waamamtoonni cheekiin ulaagaa foormii tokko malee wabummaadhaaf kennamuu danda'a jechuun kaasan tumaalee seeraa ifa ta'anifi murtii dhaddachi Ijibbaataa kenne kan hubannoo keessa hin galchine waan ta'eef fudhatama hin qabu.
✅Cheekiin amala isaatiin ajaja haala irratti hin hundoofne kan ofirraa qabuufi maallaqa hangi isaa murtaa'e kaffaluuf qaama kaffaluuf (Payee) akkuma dhiyaateen itti kaffalamu, sanada daddarbuu danda'uufi maallaqni ittiin gaafatamu ta'uun isaa ifadha (Seera Daldalaa kwt 850, 827, 732, 715). Kaayyoon isaa inni muummenis sirni gabaa amansiisaa ta'e, saffisa qabuufi bu'a qabeessa ta'e akka jiraatu taasisuu akka ta'e amaloota bu'uuraa cheekiifi tumaalee seera daldalaa, Sdfs fi Seera Yakkaa keessa falmiiwwan cheekii irratti hundaa'anii dhiyaataniin walqabatanii teechifaman irraa ni hubatama" jedheera. Haala kanaan dhaddachichi kaayyoo ibsame kana irraa maquuf ulaagaan addaa guutamuu akka qabu ibseera. Murtiin kun murtiilee kanaan dura cheekiidhaan walqabatee kennamaa turan irraas hanga tokko kan fooyya'e fakkaata.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
❤1