Hiikoo Seeraa Dirqisiisaa Abbootii Seeraa Torbaan Kenname:

🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼

⚖️ #Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa  Lakkoofsa Galmee 193067 ta'e xiinxala isaa keessatti hiikoo dirqisiisaa kenne:
Shh keewwatni 2443 fi 881 (2) gosa kennaa yeroo namni kennaa laate sun lubbuudhaan jiru raawwatiinsa qabaatu (donation intervivos) fi gosa kennaa erga namni kennaa laate du’een booda raawwatu(donation mortis causa) irratti raawwatiinsa ni qabaata.Akka dhaddachichaatti keewwattoota dhimma foormii tuman kunneeniif yeroo hiikoon kennamu jechoota keewwattoota kunneen keessattti hammataman qofa osoo hin taane,kaayyoo seerri jechoota sanaan galmaan gahuu barbaade giddu galeessa godhachuun kan hiikamu ta’uu mala.Akkasumas wayitii keewwattoota 881(2) fi 2443 tiif hiikkoon kennamu Labsii Galmeessaa fi Mirkaneessa Ragaalee Lakk. 922/2008 fi haala sirna hojii Ejensichaa hubannoo keessa galchuun barbaachisaa ta’uu ibseera.Kaayyoon inni ol’aanaan seerri waliigalteen kennaa (dhaamoo) yeroo taasifaman qabiyyeen isaanii nama kennaa(dhaamoo) laateef dubbifamuu isaa himni ibsu qabiyyee sanada waliigaltee kennaa(dhaamoo) keessatti caqafamuu qaba jedhu kennaan (dhaamoon) gosa kanaa qaama waliigaltee galmeessuu fi ragaalee mirkaneessu duratti galmaa'uun isaa waan dirqama hin taaneef,qabiyyeen sanadichaa dhugumaan kan fedhii irratti hundaa'e karaa seerri ittiin mirkaneessu keessaa isa tokko waan ta’eefidha.Bu’uuruma kanaanis,kennaan (dhaamoon) qabeenya hin sochoone irratti taasifamu ejensii galmeessaa fi mirkaneessa ragaalee duratti kan hin galmoofne yoo ta’e,barreeffamaan ta’uu,ragoolii afuriin mirkanaa'uu fi qabiyyeen waliigaltee kennaa (dhaamoo) dubbifamuu isaa himni ibsu sanada waliigaltee keessatti caqafamuu qaba.Haa ta’uutii garuu,kennaan (dhaamoon) ejensii galmeessaa fi mirkaneessa ragaaleen galmaa'e qaamni waliigalticha galmeesse sun dhugumaan wanti galmaa'uuf dhiyaate sun kan nama galmeessisuuf dhiyaate sanaan fedhiin taasifame ta’uu isaa mirkaneessuun galmeesse waan ta’eef,himni dubbifamuu qabiyyee sanadichaa ibsu sanada waliigaltee keessatti caqafamuun dirqama akka hin taane ibseera.Kanaafuu,waliigalteen kennaa falmii kaase qaama waliigaltee galmeessuuf aangoon kennameef biratti waan taasifameef,himni dubbifamuu qabiyyee sanadichaa ibsu sanada waliigalticha keessatti caqafamuu dhabuun isaa qofti waliigalticha bu’aa dhoorgisiisuu hin danda’u" jechuun hiikoo kennee ture.
Murtii Ijibbaataa kanarraa kan hubatamu:-

➢ Qabiyyeen waliigaltee kennaa qabeenya/qabiyyee hin sochoone irratti taasifamu nama kennaa laate sanaaf kan dubbifame ta’uu himni ibsu sanada walii galtichaa keessatti ifaan caqafamuu qaba.Haa ta’uutii garuu,sanadni waliigaltee sanaa qaama ragaalee mirkneessuu fi galmeesuuf angeeffame biratti galmaa'e yoo ta’e,himni dubbifamuu qabiyyee waliigaltichaa ibsu sanadicha keessatti caqafamuu baatus waliigalteen kennaa sun fudhatama ni qabaata jechuudha.

#Hiikkoo dhaddacha ijibbaataa duraan kennamanii turan Lakk.G.70057,Lakk.G.147331,Lakk.G.17429,Lakk.G.22712, Lakk.G.32337,fi foormii fi adeemsa dubbisuu waliigaltee dhaamoo fi kennaa waliin wal qabatanii jiran murtii Abbootii Seeraa 7'n kenname kanaan jijjiiramaniiru
https://t.me/http_Ijooseeraa
1