Hordoftoota keenya kun Sagantaa keenna #Seerri_Maal_Jedha? Jedhuudha. Sagantaa keenya har’aatiin #Adabbii_Maallaqaa_Gara_Hojiitti_yookaan_Hojii_Dirqiitti_Jijjiiruu jedhu qabannee dhiyaannee jirra.
#Adabbii_Maallaqaa_Gara_Hojiitti_yookaan_Hojii_Dirqiitti_Jijjiiruu
Adabbiin maallaqaa sababoota garaagaraatiif raawwatamuu yoo baate, manni murtii bakka adabbii maallaqaa sana hojiin humnaa hojjatamuun adabbiin sun bu’uura murtiitiin akka raawwatu gochuun akka danda’amu seerri yakkaa tumee jira (SY kwt 95, 96). Hojiin bakka adabbii maallaqaa hojjatamu adda bahee maqaa garaagaraatiin moggaafamanii jiru: isaanis, hojiifi hojii dirqii jedhamanii ibsamu. Adabbiiwwan hojii bakka adabbii maallaqaa bu’uu danda’an lamaan gabaabinaan akka asii gadiitti tarreeffamaniiru.
A) #Adabbii_maallaqaa_gara_hojiitti_jijjiiru
Seerri yakkaa kwt 95 akka tumutti, namni adabbii maallaqaatiin adabamee maallaqa adabame battalatti, yeroo murtaa’e keessatti yookaan irraa-jala kaffaluu kan hin dandeenye yoo ta’e yookaan qabeenya gurguramee idaan sun ittiin kaffalamu kan hin qabne yoo ta’e, kaffaltiin adabbii maallaqaa sun hojii hojjatamuun bakka bu’uu ni danda’a (SY kwt 95,96). Adabamaan hojii (humnaa) hojjatee adabbii maallaqaa sana akka kaffalutti, manni murtii adabamaa ajajuu danda’a. Murtii sana keessatti hangi adabbii maallaqaafi yeroo hojiin sun keessatti hojjatamu murtii murtaa’u keessatti ifa ta’uu qaba (SY kwt 95). Hangi adabbii maallaqaa guddaa ta’uun yookaan kaffaltiin hojii hojjatamu irraa argamu yookaan argamuu malu xiqaachuutiin, yeroon hojii itti hojjatamu baay’ee dheerachuu hin qabu. Hangam yoo dheeratellee waggaa lama caaluu akka hin qabne seerri tumee jira (SY kwt 95). Hojii hojjatamu kaffaltii maallaqaa hagam argamsiisuu akka danda’u shallaguun murtii adabbii maallaqaa murtaa’ee wajjiin kan wal-simu murtiin murtaa’uu qaba.
Bu’uura SY keewwata 95tiin jijjiirraan adabbii gara hojiitti taasifamu kan keewwata 96 jalatti tumamee jiruu wajjiin garaagara akka ta’uu keewwattoota kanneeniifi maqeeffama isaaniirraa hubachuun ni danda’ama. Maqeeffama isaatiin yoo ilaalame hojiin bakka adabbii maallaqaa bu’uura kwt 95tiin hojjatamu kanneen kwt 96, 97, 103, 104fi 105 irratti tumamanii jiranii wajjiin addummaa qaba. Bu’uura SY kwt 95tti adabamaan kaffaltii isarraa eegamu kaffaluu hojii isa dandeessisu akka hojjatuuf mana murtiin ajajama- raawwii murtii adabbii maallaqaatu kennama malee murtiin adabbii hojii dirqamaa itti hin murtaa’u jechuu dha. Adabamaan maallaqa argate kaffaltii kan raawwatu yoo ta’e, ajajjiin duraan kenname irraa ka’uu ni mala. Itti dabalees, bu’uura kwt 103 ykn 104tiin to’annoofi hordoffiin eerame kwt 95 jalatti ifa ta’uu dhabuun waajjirri mootummaa ykn dhaabbatni tajaajila hawaasaa hojiin keessatti hojjatamu ofdanda’e gabaasa dhiyeessu kan danda’u ta’uufi adabamaanis sadarkaa amanamummaa fooyya’aarra kan jiru ta’uun ni tilmaamama.
B) #Adabbii_Maallaqaa_Gara_Adabbii_Hojii_Dirqiitti_Jijjiiruu
Adabamaan adabbii maallaqaa itti murtaa’e kaffaltii maallaqaa kaffaluun raawwachuu yoo dhabe yookaan bu’uura kwt 95tiin hojii ajajame hojjachuu yoo dhabe, manni murtii adabamaan hojii dirqii akka raawwatuuf itti murteessa; murtii kana keessatti hangi maallaqaa wanti murtaa’u hin jiru, hanga yeroo adabbiin hojii dirqii keessatti hojjatamee xumuramu qofatu jira. Murtiin bu’uura kwt 96tiin murtaa’u murtii bu’uura SY kwt 92-93 murtaa’erraa adda bahee of danda’ee dhaabachuun, bu’uura kwt 103fi 104tiin kan raawwatu ta’a jechuu dha. Adabamaan murtii duraanii keessaa kaffaltii muraasa qofa kaffalee adda kan kute yoo ta’e, manni murtii hanga kaffaltii hafee ilaalchisee murtii hojii dirqii murteessuun kaffaltii argatu irraa mootummaaf akka kutu taasisuu SY kwt 753 jalatti tumameera.
https://t.me/Ijooseera

#Kennaa_lafa_baadiyyaa_ilaalchisee_seerri_maal_jedha?
Labsii lakk-248/2015 kwt 13 jalatti
👉Qonnaan bulaan, gamisa horsiisee bulaan ykn horsiisee bulaan mirga abbaa qabiyyummaa ykn biqiltuu dhaabbataa dhuunfaan qabu ijoollee isaa ykn ijoollee ijoollee isaatiif kennaan dabarsuu, Ijoollee ykn ijoolleen ijoollee yoo hin jirre abbaa ykn haadha ykn obboleewwaaniif kennuu danda’uu,
👉Qabiyyee ykn biqiltuu dhaabbataa qabu keessaa 1/2 ol kennuun dhoorkaa ta'uu,
👉Qonnaan bulaan ykn gamisa horsiisee bulaan ykn horsiisee bulaan mirga a/qabiyyummaa lafaa qabu yeroo gaa’ila raawwatu nama gaa'ela waliin raawwatuuf kan dhuunfaa ykn kan waloo taasisuun kennuu danda’uu,
👉Qabiyyeen lafa baadiyyaa ykn biqiltuun dhaabbataan abbaa warraa
fi haadha warraa ykn namoota birootiin waloon qabame kennaan dabarsuuf waloon yoo irratti waliigalan qofa ta'uu.
👉#Waliigalteen_kennaa barreeffamaan ta’uu qabaachuu f afaaniin yoo raawwatame fudhatama kan hin qabne ta'uu
👉Waliigaltichi Waajjira Lafaa Aanaatti galmaa’u qabaachuu fi Waliigalteen kennaa ulaagaa kana hin guunne seera duratti fudhatama kan hin qabne ta'uu
👉Namni mirga a/qabiyyummaa kennaan argate, namni kennaadhaan mirga a/qabiyyummaa dursee argate ture erga namni dhaalamu du’ee kan argachuu danda’u hanga osoo kennaan hin raawwatamne ta’ee dhaalmaan argachuu danda’u qofa ta’uu.
👉Hangi qabiyyeen kennaan argate hanga dhaalmaan argachuu danda’uu ol yoo ta’e qabiyyee kennaa argate qabatee kan hafuu fi dabalataan dhaalmaadhaan kan hin arganne ta'uu,
👉Kennan haala irratti hunda’e naaf haa diigamu jechuun himanni dhiyaatu haalichi yeroo uumamee yk uumamuu isaa namni kennaa kennu yeroo beekee kaasee waggaa 2 keessatti ta'uu.?namni qabiyyee lafaa akkaataa kanaan argate mirga a/qabiyyummaa qonnaan bulaan ykn horsisee bulaan ykn gamisa horsisee bulaan qabu kan qabaatu ta'uu labsii armaan olii fi SHH kwt 1723,2005 fi 2443, MMMWFDHI jiildii 8ffaa LGMM-39803 fiJildii 26ffaa LGMM- 215762 irraa hubachuun ni danda'ama.

Hiikkoo Seeraa Dirqisiisaa Haala Itti Waldaan Dhuunfaa Itti Gaafatamummaan isaa Murtaa'e Tokko (PLC) Sababa Gahaadhaan Itti Diigamuu Danda'u Ilaalchisee Dhaddacha Ijibbaataa MMWFtiin Kenname.
"WALDHABDEE CIMAA" (ብርቱ አለመግባባት (Serious Disagreement or Deadlock) Jechuun Maal Jechuudhaa? (Akka Seera Daldalaa Haarayaatti) Hiikkoo Seeraa Dirqisiisaa Dhaddachi Ijibbaataa Ga.Lakk.258350 Ta'e Irratti Kenne (Murtii Olitti Dhoobame 👆👆👆 ilaali) Keessatti Haala Kamiin Ibsamee?
=====✓✓=====✓✓✓====✓✓=
👉Dhimmi kun kan eegale Mana Murtii Ol’aanaa Godina Adda Adaamaa duraanii (Yeroo ammaatti “Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Adaamaa” jedhamee kan waamamu) irraa yemmuu ta’u, ka’umsi dhimmicha himannaa himattoonni (miseensota Waldaa baay'inni isaanii 25 ta'e keessaa 14n); himatamtoonni miseensa Warshaa Zayitaafi Saamunaa ‘Nazreeti’ fi Arsii waldaa Dhuunfaa IGM (PLC) ta’anii gocha seeraan alaa garaagaraafi jeequmsa miseensota waldichaafi boordii irratti uumuudhaan miseensa gidduutti hariiroo gaariin akka hin jiraanneefi waliin hojjechuunis akka hin danda’amne taasisaniiru. Kanarraa ka’uun waldichi kaayyoo hundeeffameef galma geessisuu dadhabee kasaarees jira. Waldhabdeen miseensota gidduutti uumame sadarkaa waliin hojjechuun hin danda’amne irra gahee waan jiruuf bu’uura seera daldalaa haarayaa kwt 181(6)tiin waldichi akka nuuf diigamu ykn himatamtoonni gahee isaanii fudhatanii waldaa keessaa akka gaggeeffaman nuuf haa murtaa’u jechuun dhiyeessanidha.
👉Himannaa kana irratti himatamtoonni deebii erga kennanii booda himannaa qaxxaamuraa himattoota irratti dhiyeessaniin himattoonni gahee isaanii fudhatanii akka bahan nuuf haa murtaa’u jechuun gaafataniiru.
👉Itti fufuun, manni murtii ol’aanaa, dhimmicha ragaa bitaafi mirgaafi sanadaatiin qulqulleeffatee sababoota garaagaraa kaa’uudhaan waldhabdee cimaan miseensota gidduutti uumamuufi waldichis kasaaruu ibsee, haala kanaan waldichi kaayyoo hundeeffameef galma ni geessisa jedhamee hin tilmaamamu jechuun waldichi diigamee herregni waldichaa akka qulqullaa’u ajajeera. Murtiin kun Dhaddacha Dhaabbii Bahaa MMWOtiin cimeera.
👉Kana booda, dhimmichi dhaddacha Ijibbaataa MMWF gahee dhaddachichis; waldhabdee cimaan kaayyoo waldichi hundeeffameef akka galma hin geenye taasisu waldhabdee akkamiiti kan jedhu ilaalchisee kuusaa jechoota seeraa, xiinxala ogeessota seeraafi kitaabota biyya keessaa erga sakatta'ee booda "Waldhabdee Cimaan" (ብርቱ አለመግባባት (Serious Disagreement or Deadlock) uumameera kan jedhamu sochii hojii waldichi hundeeffameef itti fufsiisuu irratti sadarkaa danqaa ta’uun miseensota murtii waldichaa tokko deeggaraniifi morman gidduutti sagaleen 50:50 (walqixa) yoo uumame ykn miseensota lakkoofsa walqixa ta’e qaban gidduutti waliigaltee barbaachisaa ta’e tokkorra gahuuf sochii hojii waldichaa itti fufsiisuuf sagalee caalmaa barbaachisu argachuun kan dadhabame yoo ta'edha.
👉Bu'uuraan, miseensa waldichaa nama 25 keessaa kan himannaa dhiyeesse nama 14 yemmuu ta’uu, gaheen aksiyoonaa namoonni Kudha afran kun qaban dhibbeentaa 65.12 ture. Erga waldichi akka diigamu murtaa’ee booda miseensonni kun waliigaltee araaraa raawwachuu, adeemsa keessa harca’uudhaan akka diigamuuf kan yaada isaanii ifatti ibsatanifi hanga dhaddacha ijibbaataatti akka diigamuuf cimsanii falman %30.8titti gadi xiqqaachuu, murtii waldaan diigamuu hin qabu jedhu yaa’ii waliigalaatiin darbuu kan danda’u deeggarsa namoota gahee %75 ol qabanii yoo argatedha jedhamee dambii ittiin bulmaataa keessatti tumameera jechuun mormiin dhiyaate falmii haarayaa mana murtii jalaatti ifatti hin kaanedha waan ta'eef fudhatama hin qabu.
👉Gochi himatamtoonni raawwatan jedhames kan isaan akka miseensaatti mirga fi dantaa isaanii kabachiifachuuf raawwatan akka ta’etti kan ilaalamudha. Gama birootinis himatamtoonni jeequmsaafi gocha seeraan alaa raawwatan yoo ta’e waldichi qaama seerummaa waan qabuuf akkaataa seeraatti mirga isaa kabachiifachuu qaba malee sababoonni ibsaman sababoota kaayyoon waldichi hundeeffameef akka galma hin geenye taasisan miti.

𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐀𝐚𝐧𝐠𝐨𝐨 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐍𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐈𝐝𝐝𝐨𝐨𝐧 𝐉𝐢𝐫𝐞𝐞𝐧𝐲𝐢 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐁𝐢𝐲𝐲𝐚 𝐀𝐥𝐚𝐚 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐞𝐞𝐬𝐬𝐞.
📕Mana Murtii Waliigala Fedaraalaa Dhaddacha Ijibbaataa galmee lakkoofsa 237269 ta'e irratti gaafa 07/02/2016 oolen falmii nama iddoon jireenyq isaa dhaabbiin biyya alaa ta'ee fi nama jireenyi isaa naannoolee biyya keenya keessaa isa tokko keessa jiru waliin falmii yoo qabaate bu'uura labsii manneen murtii federaalaa labsii Lakkoofsa 1234/2013 kwt 5(1)(f) tiin dhimmichi dhimma federaalaa ta'ee manni murtii federaalaa dhimmicha ilaaluug aangoo akka qabu murteessee jira.
📕Dhaddachi ijibaataa murtii galmee kana irratti dabalatan kanneen namoonni dhalootaan biyya keessa ta'aanii hojiif biyya alaa deemanii iddoon jireenyi isaa dhaabbiin biyyaa sana waan ta'uuf falmii nama biyya keessa jiraatu waliin yoo qabaatan dhimmicha ilaalee murteessuuf aangoo kan qabu mana murtii Federaalaatti jechuun murteessee jira.

#Ajaja_Qabiinsaa ( #Arrest_Warrant )
Haalota ajajni qabiinsaa shakkamtootaa ittiin kennamu:-
#1.Ajajni qabiinsaa gaafatameef qofa battalumatti kennamuu hin qabu.Sababni isaas Heera Mootummaa Federaalaa
Dimokiraatawaa Itoophiyaa keewwata 17(2) jalatti mirga bilisummaa waan eegeef;
#2 .Qorataa poolisii kamiiniyyuu gaaffiin yoo dhihaate,Manni Murtii kamiyyuu ajaja qabiinsaa kennuu ni danda'a,seera
deemsa falmii yakkaa keewwata 53(1);
#3 .Ajajni qabiinsaa sa'aatii kamiyyuu fi guyyaa kamiyyuu kennamu danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 53(2);
#4 .Ajajni qabiinsaa bulchiinsa Itoophiyaa kamiiyyuu keessatti poolisii kamiiniyyuu raawwachuu ni danda'a,sdfy kew.53(3);
#5 .Ajajni qabiinsaa poolisiidhaan gaafatameef qofa kennuu osoo hin taane,namichi haa qabamuuf gaafatame sun karaa biraatiin gonkumaa yoo argamuu(dhihaachuu)hin dandeenyeedha, sdfy keewwata 54;
#6 .Ta'ullee,Manni Murtii ajaja qabiinsaa kennuun dura qabxiiwwan armaan gadii qulqulleeffachuu qaba:-
A.Yakki raawwatamuu;
B.Himata yakkaa(accusation) ykn himata dhuunfaa(complaint) yoo dhihaate qabiyyee fi maalummaa namicha dhiheessee kan beekamu yoo ta'e;
C.Yakka raawwatameera jedhame raawwatamuu fi raawwataan
akka qabamu namicha barbaadame ta'uu isaa shakkiin gahaan jiraachuu;
D.Shakkamaa qabuun qorannoo yakkaatiif dirqama barbaachisaa ta'uu/shakkamaan qabamu malee qorannoo gaggeessuun kan hin danda'amne ykn rakkisaa yoo ta'e;
E.Shakkamaan karaa biraatiin Fkn:waraqaa waamichaa qofaan
Mana Murtii akka dhihaatu gochuun kan hin danda'amne ta'uu.
#7 .Manni Murtii qabxiiwwan armaan olitti ibsame qulqulleeffachuuf ajajni qabiinsaa akka kennamuuf poolisii gaafate jechaan(afaaniin) qorachuu qaba.Barbaachisaa yoo ta'e galmee qorannoo poolisii fichisiisee qorachuu ni danda'a.
#8 .Manni Murtii ajaja qabiinsaa kennuun barbaachisaadha jedhee yoo amane, bu'uura sdfy kew. 52(2) tiin foormii
seericha keessatti ibsameen ni kenna;
#9 .Ajajni qabiinsaa qabxiiwwan armaan gadii qabaachuu qaba:
A.Namicha akka qabamu ajajame,teessoo fi maqaa shakkamaa;
B.Yakka itti shakkame fi ibsa yakkichaa;Fkn:duuchumaan nama ajjeessuu ykn hanna kan jedhu osoo hin taane,ibsa yakkichaa,yakki yoom,eessaa fi akkamitti raawwatame,fi miidhamaan yoo jiraate maqaa miidhamaa;
C.Maqaan namicha qabamu/maqaan shakkamaa yoo hin beekamne garuu,shakkamaa adda baafachuuf ibsa dandeessisu;
D.Guyyaa,ji'aa fi bara ajajni itti kenname;
E.Mana Murtii ajajicha kenne,mallattoo Abbaa Seeraa; fi tarreeffama barbaachisaa ta'an qabaachuu qaba.
#10 .Manni Murtii rogummaa qaba jedhee yoo itti amane ajaja qabiinsaa kennamu,bu'uura ajaja irratti ibsameen nama akka qabamu(shakkamaa akka qabamu) ajajame wabiin ykn qabeenyaan wabummaan qabsiisee poolisiin shakkamaa akka qabuuf(too'annaa jala oolchuuf) ajajame,akka hin qabne,yoo
qabee jiraates akka gadi lakkisu ajaja qabiinsaa irratti ajaja dabalataa kennuu ni danda'a.Seera deemsa falmii yakkaa keewwata 65.
✅A warrant of arrest shall remain in force until executed or cancelled by the Court which issued it notwithstanding the
death,retirement or replacement of judge having issued the warrant.Seera deemsa falmii yakkaa keewwata 52(3).Akkaataa
seera kanaatiin yeroo turtii ajajichaa ibsuun barbaachisaa miti.
✅Yeroo turtii ajajichaa akka ibsamu dirqama ta'ee seeraan osoo tumame gaarii ture,sababni isaas qaamni ajajicha
fudhate ajaja kana dawoo godhachuun mirga seeraan eegumsa sarbuu danda'a.
#12 .Ajajni qabiinsaa sa'aatii kamiyyuu raawwatamuu ni danda'a.
#13 .Haalli hatattamaa yoo qunname qorataan poolisii Bilbilaan ykn Telegraamiin ajajni qabiinsaa akka kennamu gaafachuu danda'a,sdfy keewwata 55(1).Ajajni qabiinsaa kan kennamu garuu,akka sa'aatii kamiiyyuu foormii kan hordofe barreeffamaan ta'uu qaba.
✅Ajaja kennuun dura qabxiiwwan armaan olitti lakk.6 jalatti tuqaman qulqulleeffachuu qaba.Poolisiin Bilbilaan yookiin Telegraamaan gaaffii dhiheesse sa'aatii 24 keessatti barreeffamaan mirkaneessuu qaba,sdfy keewwata 55(2).

👍2
Murtii MMWFDIJ Jildii 17 lak.G.92141 Jecha Ragummaa ogeessaan kennamee haala akkaminni fudhatama dhabuu akka danda'uu jecha ragummaa ogummaa tiraafiikaatiin kennamee fi ragaa ijaatiin kennamee xiinxaluun murtii dirqisisaa kennamee dubbisa!
Jechi ragummaa ogummaa tiraafiikaatiin kenname akka ragaatti fudhatama dhabuu kan danda’u yaadni kenname adeemsa dambii ogummichaa osoo hin eegin kan kenname ykn kan dhiyaate yoo ta’e;jecha ragoota namaa bakka balaan tiraaffiikaa gaheetti argamanii ijaan argan ragaa bahan waliin bu’uuraan garaagarummaa kan qabu ta’uun isaa yoo mirkanaa’e malee adda baateewwan(garaagarummaa) sasalphaa qofaaf gatii akk hin dhabne xiinxalee jira. Jechi ragummaa ogummaa yommuu kennamu ogeessichi bilisa ta’ee kennuu akka qabu fi jechi ragummaa ogeessaan kenname haala salphaatiin sababa gahaa fi amansisaa malee fudhatamummaa dhabuu akka hin qabne duudhaaleen seera ragaa sadarkaa addunyaatti fudhatamaa argachuun hojiirra oolan ni agarsiisuu jechuun Sdfy kwt. 141፣142፣194 fi SY kwt.24፣59፣239(2)፣57፣543(2) wal qabsiisuun murtii dirqisisaa kennee jira
For more follow our fb page https://www.facebook.com/habtamu.tariku.5

#Mirga_Wabii_fi_Hamma_Wabii:
I.☔#Mirga_Wabii:-
✔Mirgi wabii mirga bu'uuraa dhala namaa seerota idil Addunyaa,heeraa fi seera Biyyattiitiin beekamtii kan argateedha.
♠️Karaan gaaffii mirga wabii shakkamaa eegamuu danda'u afuriidha.Isaanis:-
#1ffaa,xalayaa ajaja qabiinsaa irratti mirga wabii eeguun,mirga wabii shakkamaa eeguun ni danda'ama.Seera deemsa falmii yakkaa keewwata 29,53 fi 65;
#2ffaa,shakkamaan Waajjira/Qajeelcha Poolisiitti wabii waamee yookiin wabummaa mataa ofiitiin bahuu,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 28;
#3ffaa,Poolisiin shakkamaa Mana Murtiitti dhiheessuun,Manni Murtii yeroo beellamaa poolisiin gaafatu dhorkuun(eeyyamuu dhiisuun) mirga wabii shakkamaa eeguu ni danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 29,59 fi 63;
#4ffaa,shakkamaan iyyata mirga wabii Mana Murtiitti dhiheeffachuun,Manni Murtii iyyata gaaffii mirga wabii dhiyaate Abbaa Alangaa yookiin qorataa poolisii deebii/yaada irratti kennisiisuun mirga wabii himatamaa eeguu ni danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 64.
✔Namni(shakkamaan) kamiyyuu too'annaa jala jiru tokko sa'aatii 48 keessatti Mana Murtii dhihoo jirutti mirgi wabii akka eegamuuf gaafachuuf mirga qaba.Manni Murtiis haqaaf jecha shakkamaa/nama too'annaa jala tursuun yoo barbaachise malee yookiin yakka ittiin shakkameef seerri mirga wabii kan dhoorku yoo jiraate malee mirga wabii eeguu qaba,Heera Mootummaa keewwata 19(3)(4)(6) fi seera deemsa falmii yakkaa keewwata 29(1) fi 64.
✔Mirga wabiitiin gadhiifamuun qajeeltoo yoo ta'u,yeroo muraasaaf too'annoo jala turuun haala addaati yookiin hambifannoodha.Haalli addaa kun dhiphatee hiikamuu qaba.
✔Nama yakkaa raawwachuutiin shakkamee too'annaa jala oolfame tokkoof mirgi isaa yookaan ishee jalqaba karaa Waajjira/Qajeelcha Poolisiitiin eegamuu danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 28.
✔Bu'uura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 28 tiin poolisiin wabiidhaan yoo gadi lakkisuu baate;Mana Murtiitti gaaffii mirga wabii barreeffamaan dhiheeffachuun ni danda'ama,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 64.
✔Shakkamaan yookiin iyyataan Mana Murtii sadarkaa kamittuu mirgi wabii akka eegamuuf gaafachuu akka danda'u,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 64(3) ifa taasiseera.
✔Shakkamaan mirga wabii Mana Murtii Aanaatti gaafatee,gaaffiin isaa kufaa yoo ta'e yookiin mirgi wabii kan dhorkame yoo ta'e;Mana Murtii sadarkaa itti aanutti ol'iyyannoo gaafachuuf mirga qaba,Heera Mootummaa keewwata 20(6).
✔Shakkamaan too'annaa jalaa akka gadi lakkifamuuf ajaja kenname irratti qaamni komii qabu Mana Murtii sadarkaa itti aanutti ol'iyyannoo gaafachuu ni danda'a.Hanga ol'iyyannoo gaafatutti ajaja Mana Murtii jalaa raawwachuuf/kabajuuf dirqama qaba.
👉#Mirgi_wabii_kan_gaafatamu:
#1ffaa,nama yookiin namoota ajaja Mana Murtii malee too'atamee/too'atamanii osoo Mana Murtii hin dhihaatin jiran bu'uura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 64 tiin mirgi wabii akka eegamuuf gaafachuuniidha.
🖋Namoonni adabbii Mana Murtii malee too'annaa jala jiran mirga bilisummaa qaamaa(Habeas Corpus) gaafachuu ni danda'u,Heera Mootummaa keewwata 19(4),fi seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 177.
🖋Mirga bilisummaa qaamaa irratti aangoo Mana Murtii ilaalchisee seerri deemsa falmii yakkaa keewwatni 15(2)(i) aangoo Mana Murtii Ol'aanaatti kan kenne yoo ta'u;Labsii Lakkoofsa 216/2011 immoo iyyata qaama bilisa baasuuf dhihaatu ilaaluuf aangoo abbaa seerummaa Mana Murtii Aanaa aangeessee jira.
#2ffaa,namoonni/namni yakkaan shakkamanii too'annoo jala jiran akkaataa seera deemsa falmii yakkaa keewwata 59(2) tiin yeroo beellamaa hanga guyyoota 14 gaafatame irratti yeroon beellamaa jalqabaas ta'e dabalataan kennamuun barbaachisaa miti,mirgi wabii akka naaf eegamu jechuun gaafachuu ni danda'u.
#3ffaa,namni yookiin shakkamaan/himatamaan Abbaan Alangaa himannaa irratti dhiheesse,dhaddacha yookiin shanacha irratti dhihaatee mirgi wabii akka eegamuuf gaafachuu ni danda'a.

#Mirga_Eeruu_Yakkaa_Dhiyeeffachuu_Hojjetaa_Mootummaa
↘️Labsii Farra Malaammatummaa Labsii Lakk.881/2007 fi Labsii Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Labsii Lakk.104/1997 fi isa amma fooyya'e labsii lakk. 215/2012 wal bira qabnee yemmuu ilaallu dhimma hojjetaan mootummaa yakka malaammaltummaa raawwateen akkaataan itti gaafatamuu qabu ilaalchisee adeemsa garaa garaatu hordofamaa jira.
💎Labsiin Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa, (kana booda LHMNO), kan jedhu murtii fi ajaja Komishinii Siivil Sarvisii Oromiyaatiin(karaa Mana Murtii Bulchiinsaatiin) kenname qaama raawwachiisuu diderratti/hogganaa mana hojichaa/ Komishinichi gara Biiroo Haqaa fi Nageenyaatti(yeroo ammaa Mana Hojii A/Alangaa) erguudhaan akka seeraan gaafatamu ni taasisa kan jedhuudha. Murtiin Komishiniin kuni kennus dhimma adabbii naamusaa kennamee fi hojjetaan seeraan ala hojiirraa dhorkamuu ykn gaggeeffamuu fi sababa hojiitiin miidhaa isarra gaheef faayidaa irraa hir’ifame ykn dhorkame irratti hojjetaan dhimmasaa iyyannoodhaan yoo dhiyeeffate qofaadha. Kunneenis Labsii Lakk.61/1994 keewwata 70 labsii lakk. 215/2012 keewwata 81 jalatti tokko tokkoon tarreeffamanii argamu.
💠Murteewwan Manni Murtii Bulchiinsaa murteesse kana ilaalchisee hoogganaan ykn qaamni kana raawwachuuf fedhii hin qabne ykn kan dide yoo ta’e kanuma raawwachuu diduu isaa qofaaf akka seeraan gaafatamuuf gama Mana Hojii Abbaa Alangaatti qajeelfama kan jedhuudha labsiin Lakk.104/1997 keewwata 2/4/ jalatti kan fooyya’e fi labsii 215/2012 kew. 82 jalatti immoo mana murtii idileetti himata banuu/raawwii fi miidhaa qaqqabeef hooggansi raawwachuu dide akka gaafatamu tumeera.
♦️Haa ta’u malee hojjetaan mootummaa ykn hoogganaan mana hojii tokko yoo yakka malaammaltummaa raawwate /shakkame adeemsi ittiin seeratti dhiyaatu akkam ta’a kan jedhuuf hoj-maanni amma jiru labsiileen kun lamaan(Labsiin Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Fooyyessuuf Bahe Labsii Lakk.104/1997 fi Labsii Farra Malaammaltummaa 881/2007) qixa sirrii ta’een kan hubataman natti hin fakkaatu.
🔘Akkaataa labsii farra malaammaltummaatiin adeemsa hoj-maata mana hojichaa cabsuun hojjechuu; tarkaanfiilee nama biroo fayyaduuf ykn ofii faayidaa argachuuf ykn nama biroo irraan miidhaa qaqqabsiisuuf fudhatamu kamuu yakka malaammaltummaa akka ta'e ifatti tumamee argama.
🔴Kanaafuu hooggansi ykn hojjetaan mootummaa qajeelfama ifa jiru cabsuun hojjetaa tokko fayyaduuf ykn miidhuuf dhimma guddinaa, jijjiirraa, ramaddii hojjettootaa fi dhimmoota faayidaa hojjettootaan wal qabatanii akkasumas hojiilee biroo mirga hojjettootaa tuqan raawwatee yoo argame yakka malaammaltummaatiin kan gaafachiisu ta'a jechuudha.
♦️Hojjetaan mootummaa ykn hoogganaan mana hojii tokko yakka malaammaltummaatiin yeroo shakkamee eeruun Mana Hojii A/Alangaa ykn Waajjira Poolisiitti dhiyaate qaama eeruu dhiyeesseen deemitii adeemsa karaa bulchiinsaa xumuriitii xalayaa Biiroo Paabilik Sarvisii Oromiyaarraa fidi malee akkanatti eeruun hin fuudhamu kan jedhu argina.
👉Namni kamuu yeroo yakki malaammaltummaa raawwatu arge ykn odeeffannoo qabu qaama aangoo qabuuf eeruu dhiyeessuu akka danda’u ifaadha.
Dhimma yakka malaammatummaa keessummeessuu fi ilaalufis aangoo kan qabu akkaataa Labsii 197/2008tiin ykn Labsii 433/1997 fi 883/2007tiin isa amma fooyya'e labsii lakk. 1236/2013tiin Komishinii Farra Malaammaltummaa Oromiyaa ykn Komishinii Farra Malaammaltummaa Federaalaa walduraa duubaan ture.
🔴Akkaataa Labsii Mana Hojii A/Alangaa Oromiyaa hundeessuuf bahe labsii lakk.214/2011tiin yeroo ammaa aangoon dhimma yakka malaammaltummaa ilaaluu(eeruu fuudhuu, qorachuu fi himachuu) Mana Hojii Abbaa Alangaa Oromiyaa fi Federaalaa akkasumas naannoodhaaf dhimmi federaalaa bakka bu’iinsaan kennameefii jira.
💥Kana jechuun akkaataa Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Federaalaa hundeessuuf bahe labsii lakk.943/2008 keewwata 8(2(b)) fi 22(2)tiin dhimma federaalaa yakka malaammaltummaa Komishinii Farra Malaammaltummaaf akkaataa labsii 433/1997 fi 883/2007 isa amma fooyya'eenis kennamee ture Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Federaalaaf kan kenname waan ta’eef naannoleen

Biiroon Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa baatii saglan darbanitti qabeenya qarshii bil.1 fi mil 153 olitti timaamamu kaazinaa mootummaatti deebisiisuu beeksise.
Bitootessa 12/2017,BAAWO, Finfinnee.,..
Hoogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo raawwii hojii baatii sagalii irratti xiyyeeffachuun ibsa miidiyaaleef kennanii qabeenya mootummaa, jarmiyaaleefi uummataa malaammaltummaaf saaxilaman adda baasuun akka deebi'u taasisuun murtiin itti kennamuu ibsuun kan hafe adeemsa seeraa irra jiraachu himaniiru.
Haaluma kanaan qabeenyi seeran alaa qarshii 1,002,716,104 ta'u dhoorkamuun qoratamaa fi falmiin irratti gaggeeffamaa jiraachuu kan eeran Obbo Guyyoon raawwii galmee qorannoo yakkaa malammaltummaa wajjiin wal qabatee galmee 1,197fi shakkamtoota 2,362 qaratamaa turan keessaa galmeen 1,163 fi shakkamtoonni 2,213 irratti Abbaa Alangaan murtiin kan itti kenname ta'uu dubbataniiru
Dandeettiin galmee of harkaa xumuruu Abbaa Alangaa dabalaa dhufuun akka waliigalaatti yeroo ammaa %97.15 irra gahuus kaasaniiru.Galmee murtii Abbaa Alangaa argatan keessaa galmeen dhibba saddeetiif afur himatamtoota 1448 Irratti himannii dhiyaatee, kanneen keessaa galmeen 717 himatamtoota, 1319 irratti murtiin garaa garaa kennamee jiraachuu kaasanii jiru.
Yakkoota malaammaltummaa deddeebiin raawwataman irratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu kan ibsan Obbo Guyyoon yakkoota aangoo seeraan ala fayyadamuun raawwataman, matta'aa fudhachuu, sanadoota sobaa fayyadamuufi qabeenya maddisaa hin beekkamne kanneen horatan irratti tarkaanfin akka fudhatamuuf cichee hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Qabeenya bu'aa yakka malaamaltummaatin adda bahaniin dhaalaman Lafa magaalaa hektaara 42.08, mana jireenyaa 27,konkolaataa 5 fi qarshii callaa 131,291,045.83, xaa'oo kuntaala 3,315.36 akkasuma qabeenyi garaagaraa karaa seeran alaatiin horataman dhaalamuu Obbo Guyyoon himanii jiru.
Hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetamu keessatti hirmaannaan uummataa bakka guddaa qaba waan ta'eef uummanni eeruu kennuun, ragaa kennuufi saaxiluu akka qaban yaadachiisaniiru.
https://t.me/Ijooseera
Bitootessa 12/2017,BAAWO, Finfinnee.,..
Hoogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo raawwii hojii baatii sagalii irratti xiyyeeffachuun ibsa miidiyaaleef kennanii qabeenya mootummaa, jarmiyaaleefi uummataa malaammaltummaaf saaxilaman adda baasuun akka deebi'u taasisuun murtiin itti kennamuu ibsuun kan hafe adeemsa seeraa irra jiraachu himaniiru.
Haaluma kanaan qabeenyi seeran alaa qarshii 1,002,716,104 ta'u dhoorkamuun qoratamaa fi falmiin irratti gaggeeffamaa jiraachuu kan eeran Obbo Guyyoon raawwii galmee qorannoo yakkaa malammaltummaa wajjiin wal qabatee galmee 1,197fi shakkamtoota 2,362 qaratamaa turan keessaa galmeen 1,163 fi shakkamtoonni 2,213 irratti Abbaa Alangaan murtiin kan itti kenname ta'uu dubbataniiru
Dandeettiin galmee of harkaa xumuruu Abbaa Alangaa dabalaa dhufuun akka waliigalaatti yeroo ammaa %97.15 irra gahuus kaasaniiru.Galmee murtii Abbaa Alangaa argatan keessaa galmeen dhibba saddeetiif afur himatamtoota 1448 Irratti himannii dhiyaatee, kanneen keessaa galmeen 717 himatamtoota, 1319 irratti murtiin garaa garaa kennamee jiraachuu kaasanii jiru.
Yakkoota malaammaltummaa deddeebiin raawwataman irratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu kan ibsan Obbo Guyyoon yakkoota aangoo seeraan ala fayyadamuun raawwataman, matta'aa fudhachuu, sanadoota sobaa fayyadamuufi qabeenya maddisaa hin beekkamne kanneen horatan irratti tarkaanfin akka fudhatamuuf cichee hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Qabeenya bu'aa yakka malaamaltummaatin adda bahaniin dhaalaman Lafa magaalaa hektaara 42.08, mana jireenyaa 27,konkolaataa 5 fi qarshii callaa 131,291,045.83, xaa'oo kuntaala 3,315.36 akkasuma qabeenyi garaagaraa karaa seeran alaatiin horataman dhaalamuu Obbo Guyyoon himanii jiru.
Hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetamu keessatti hirmaannaan uummataa bakka guddaa qaba waan ta'eef uummanni eeruu kennuun, ragaa kennuufi saaxiluu akka qaban yaadachiisaniiru.
https://t.me/Ijooseera
#Ajaja_Qabiinsaa ( #Arrest_Warrant )
Haalota ajajni qabiinsaa shakkamtootaa ittiin kennamu:-
#1.Ajajni qabiinsaa gaafatameef qofa battalumatti kennamuu hin qabu.Sababni isaas Heera Mootummaa Federaalaa
Dimokiraatawaa Itoophiyaa keewwata 17(2) jalatti mirga bilisummaa waan eegeef;
#2 .Qorataa poolisii kamiiniyyuu gaaffiin yoo dhihaate,Manni Murtii kamiyyuu ajaja qabiinsaa kennuu ni danda'a,seera
deemsa falmii yakkaa keewwata 53(1);
#3 .Ajajni qabiinsaa sa'aatii kamiyyuu fi guyyaa kamiyyuu kennamu danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 53(2);
#4 .Ajajni qabiinsaa bulchiinsa Itoophiyaa kamiiyyuu keessatti poolisii kamiiniyyuu raawwachuu ni danda'a,sdfy kew.53(3);
#5 .Ajajni qabiinsaa poolisiidhaan gaafatameef qofa kennuu osoo hin taane,namichi haa qabamuuf gaafatame sun karaa biraatiin gonkumaa yoo argamuu(dhihaachuu)hin dandeenyeedha, sdfy keewwata 54;
#6 .Ta'ullee,Manni Murtii ajaja qabiinsaa kennuun dura qabxiiwwan armaan gadii qulqulleeffachuu qaba:-
A.Yakki raawwatamuu;
B.Himata yakkaa(accusation) ykn himata dhuunfaa(complaint) yoo dhihaate qabiyyee fi maalummaa namicha dhiheessee kan beekamu yoo ta'e;
C.Yakka raawwatameera jedhame raawwatamuu fi raawwataan
akka qabamu namicha barbaadame ta'uu isaa shakkiin gahaan jiraachuu;
D.Shakkamaa qabuun qorannoo yakkaatiif dirqama barbaachisaa ta'uu/shakkamaan qabamu malee qorannoo gaggeessuun kan hin danda'amne ykn rakkisaa yoo ta'e;
E.Shakkamaan karaa biraatiin Fkn:waraqaa waamichaa qofaan
Mana Murtii akka dhihaatu gochuun kan hin danda'amne ta'uu.
#7 .Manni Murtii qabxiiwwan armaan olitti ibsame qulqulleeffachuuf ajajni qabiinsaa akka kennamuuf poolisii gaafate jechaan(afaaniin) qorachuu qaba.Barbaachisaa yoo ta'e galmee qorannoo poolisii fichisiisee qorachuu ni danda'a.
#8 .Manni Murtii ajaja qabiinsaa kennuun barbaachisaadha jedhee yoo amane, bu'uura sdfy kew. 52(2) tiin foormii
seericha keessatti ibsameen ni kenna;
#9 .Ajajni qabiinsaa qabxiiwwan armaan gadii qabaachuu qaba:
A.Namicha akka qabamu ajajame,teessoo fi maqaa shakkamaa;
B.Yakka itti shakkame fi ibsa yakkichaa;Fkn:duuchumaan nama ajjeessuu ykn hanna kan jedhu osoo hin taane,ibsa yakkichaa,yakki yoom,eessaa fi akkamitti raawwatame,fi miidhamaan yoo jiraate maqaa miidhamaa;
C.Maqaan namicha qabamu/maqaan shakkamaa yoo hin beekamne garuu,shakkamaa adda baafachuuf ibsa dandeessisu;
D.Guyyaa,ji'aa fi bara ajajni itti kenname;
E.Mana Murtii ajajicha kenne,mallattoo Abbaa Seeraa; fi tarreeffama barbaachisaa ta'an qabaachuu qaba.
#10 .Manni Murtii rogummaa qaba jedhee yoo itti amane ajaja qabiinsaa kennamu,bu'uura ajaja irratti ibsameen nama akka qabamu(shakkamaa akka qabamu) ajajame wabiin ykn qabeenyaan wabummaan qabsiisee poolisiin shakkamaa akka qabuuf(too'annaa jala oolchuuf) ajajame,akka hin qabne,yoo
qabee jiraates akka gadi lakkisu ajaja qabiinsaa irratti ajaja dabalataa kennuu ni danda'a.Seera deemsa falmii yakkaa keewwata 65.
✅A warrant of arrest shall remain in force until executed or cancelled by the Court which issued it notwithstanding the
death,retirement or replacement of judge having issued the warrant.Seera deemsa falmii yakkaa keewwata 52(3).Akkaataa
seera kanaatiin yeroo turtii ajajichaa ibsuun barbaachisaa miti.
✅Yeroo turtii ajajichaa akka ibsamu dirqama ta'ee seeraan osoo tumame gaarii ture,sababni isaas qaamni ajajicha
fudhate ajaja kana dawoo godhachuun mirga seeraan eegumsa sarbuu danda'a.
#12 .Ajajni qabiinsaa sa'aatii kamiyyuu raawwatamuu ni danda'a.
#13 .Haalli hatattamaa yoo qunname qorataan poolisii Bilbilaan ykn Telegraamiin ajajni qabiinsaa akka kennamu gaafachuu danda'a,sdfy keewwata 55(1).Ajajni qabiinsaa kan kennamu garuu,akka sa'aatii kamiiyyuu foormii kan hordofe barreeffamaan ta'uu qaba.
✅Ajaja kennuun dura qabxiiwwan armaan olitti lakk.6 jalatti tuqaman qulqulleeffachuu qaba.Poolisiin Bilbilaan yookiin Telegraamaan gaaffii dhiheesse sa'aatii 24 keessatti barreeffamaan mirkaneessuu qaba,sdfy keewwata 55(2).
https://t.me/Ijooseera
Haalota ajajni qabiinsaa shakkamtootaa ittiin kennamu:-
#1.Ajajni qabiinsaa gaafatameef qofa battalumatti kennamuu hin qabu.Sababni isaas Heera Mootummaa Federaalaa
Dimokiraatawaa Itoophiyaa keewwata 17(2) jalatti mirga bilisummaa waan eegeef;
#2 .Qorataa poolisii kamiiniyyuu gaaffiin yoo dhihaate,Manni Murtii kamiyyuu ajaja qabiinsaa kennuu ni danda'a,seera
deemsa falmii yakkaa keewwata 53(1);
#3 .Ajajni qabiinsaa sa'aatii kamiyyuu fi guyyaa kamiyyuu kennamu danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 53(2);
#4 .Ajajni qabiinsaa bulchiinsa Itoophiyaa kamiiyyuu keessatti poolisii kamiiniyyuu raawwachuu ni danda'a,sdfy kew.53(3);
#5 .Ajajni qabiinsaa poolisiidhaan gaafatameef qofa kennuu osoo hin taane,namichi haa qabamuuf gaafatame sun karaa biraatiin gonkumaa yoo argamuu(dhihaachuu)hin dandeenyeedha, sdfy keewwata 54;
#6 .Ta'ullee,Manni Murtii ajaja qabiinsaa kennuun dura qabxiiwwan armaan gadii qulqulleeffachuu qaba:-
A.Yakki raawwatamuu;
B.Himata yakkaa(accusation) ykn himata dhuunfaa(complaint) yoo dhihaate qabiyyee fi maalummaa namicha dhiheessee kan beekamu yoo ta'e;
C.Yakka raawwatameera jedhame raawwatamuu fi raawwataan
akka qabamu namicha barbaadame ta'uu isaa shakkiin gahaan jiraachuu;
D.Shakkamaa qabuun qorannoo yakkaatiif dirqama barbaachisaa ta'uu/shakkamaan qabamu malee qorannoo gaggeessuun kan hin danda'amne ykn rakkisaa yoo ta'e;
E.Shakkamaan karaa biraatiin Fkn:waraqaa waamichaa qofaan
Mana Murtii akka dhihaatu gochuun kan hin danda'amne ta'uu.
#7 .Manni Murtii qabxiiwwan armaan olitti ibsame qulqulleeffachuuf ajajni qabiinsaa akka kennamuuf poolisii gaafate jechaan(afaaniin) qorachuu qaba.Barbaachisaa yoo ta'e galmee qorannoo poolisii fichisiisee qorachuu ni danda'a.
#8 .Manni Murtii ajaja qabiinsaa kennuun barbaachisaadha jedhee yoo amane, bu'uura sdfy kew. 52(2) tiin foormii
seericha keessatti ibsameen ni kenna;
#9 .Ajajni qabiinsaa qabxiiwwan armaan gadii qabaachuu qaba:
A.Namicha akka qabamu ajajame,teessoo fi maqaa shakkamaa;
B.Yakka itti shakkame fi ibsa yakkichaa;Fkn:duuchumaan nama ajjeessuu ykn hanna kan jedhu osoo hin taane,ibsa yakkichaa,yakki yoom,eessaa fi akkamitti raawwatame,fi miidhamaan yoo jiraate maqaa miidhamaa;
C.Maqaan namicha qabamu/maqaan shakkamaa yoo hin beekamne garuu,shakkamaa adda baafachuuf ibsa dandeessisu;
D.Guyyaa,ji'aa fi bara ajajni itti kenname;
E.Mana Murtii ajajicha kenne,mallattoo Abbaa Seeraa; fi tarreeffama barbaachisaa ta'an qabaachuu qaba.
#10 .Manni Murtii rogummaa qaba jedhee yoo itti amane ajaja qabiinsaa kennamu,bu'uura ajaja irratti ibsameen nama akka qabamu(shakkamaa akka qabamu) ajajame wabiin ykn qabeenyaan wabummaan qabsiisee poolisiin shakkamaa akka qabuuf(too'annaa jala oolchuuf) ajajame,akka hin qabne,yoo
qabee jiraates akka gadi lakkisu ajaja qabiinsaa irratti ajaja dabalataa kennuu ni danda'a.Seera deemsa falmii yakkaa keewwata 65.
✅A warrant of arrest shall remain in force until executed or cancelled by the Court which issued it notwithstanding the
death,retirement or replacement of judge having issued the warrant.Seera deemsa falmii yakkaa keewwata 52(3).Akkaataa
seera kanaatiin yeroo turtii ajajichaa ibsuun barbaachisaa miti.
✅Yeroo turtii ajajichaa akka ibsamu dirqama ta'ee seeraan osoo tumame gaarii ture,sababni isaas qaamni ajajicha
fudhate ajaja kana dawoo godhachuun mirga seeraan eegumsa sarbuu danda'a.
#12 .Ajajni qabiinsaa sa'aatii kamiyyuu raawwatamuu ni danda'a.
#13 .Haalli hatattamaa yoo qunname qorataan poolisii Bilbilaan ykn Telegraamiin ajajni qabiinsaa akka kennamu gaafachuu danda'a,sdfy keewwata 55(1).Ajajni qabiinsaa kan kennamu garuu,akka sa'aatii kamiiyyuu foormii kan hordofe barreeffamaan ta'uu qaba.
✅Ajaja kennuun dura qabxiiwwan armaan olitti lakk.6 jalatti tuqaman qulqulleeffachuu qaba.Poolisiin Bilbilaan yookiin Telegraamaan gaaffii dhiheesse sa'aatii 24 keessatti barreeffamaan mirkaneessuu qaba,sdfy keewwata 55(2).
https://t.me/Ijooseera
👍1
#DARBIINSA YEROO DHAAMOO IRRATTI MORMII DHIYAATU
Darbiinsa yeroo dhaamoo irratti mormii dhiyeessuuf daangaa yeroo taa'e SHH kwt. 973 fi 974 jalatti tumameera. Fkn, namni tokko dhaamoo bu’uura gochuun kallattiidhaan Waraqaa Ragaa Dhaaltummaa (WRDH) fudhachuun qabeenya dhaalaa harka galfatee yoo jiraate, dhaaltuun dhugaa booda WRDh kun akka haqamuuf fi dhaaltummaan isaa akka mirkanaa’uuf gaafatu himannaa dhaaltummaati. Darbinsi yeroo raawwii qabus eenyummaa garee wal-falmu irratti hundaa’ee kwt 1000 fi kwt 1845 akka ta’edha.
Gama biraatiin, sirna qulqulleessuu keessa yeroo darbamutti dhaaltoonni ykn namoonni dhaaltoonni sirnaan bakka bu’an dhaamoon yeroo dubbifamuufitti dhaamoo waliigala isaa irratti, qabiiyyee dhaamoo keessaa tokkoo isaarratti mormi yoo qabaatan dhaamichi kufaa akka ta'uuf himannaa daangaa yeroo seerichaan kwt 973 fi 974 jalatti haala tumamee jiruun dhiyeessuu qabu. Kanaaf, dhaamoo bu’uura gochuun himannaan dhiyaatu himannaa dhaaltummas ta’uu danda’aa, himannaa mormii dhaamo irratti dhiyaatus ta’uu danda’a waan ta’eef dhimmoota adda baasuu danda’uun dirqama ta’a.
Akka seerichaatti dhaaltootni himannaa kana dhiyeessuuf duraan dursanii yammuu dhaamichi dubbifamu himannaa dhiyeessuuf yaada akka qaban guyyaa dhaamichi dubbifamee kaasee guyyaa 15 keessatti qulqulleessituu dhaalaatiif ykn MMtiif barreeffamaan ibsuu qabu. Darbinsi yeroo guyyaa 15 jedhamee taa’e himannaa kan dhiyeessan ta’uu qulqulleessituu dhaalaatti beeksisuu dha malee himannaa dhiyeessuuf darbiinsa yeroo taa’e miti.
Ibsa dhiyeessuun qofti garuu dhaamicha kufaa hin godhu. Dhaamichi kufaa ta'u kan danda’u, dhaaltootni Mana Murtiitti himata dhiheeffatanii himannaan isaanii yoo fudhatama argate qofa dha. Darbiinsi yeroo himannaan kun itti dhiyaatu immoo guyyaa ibsi barreeffamaan dhiyaatee kaasee hanga ji’a sadiitti mana murtiiti dhiyaachuu qaba.
Via Bikila Birhanu Geremu
Join https://t.me/BikilaFreeLegalAwareness

Qallaba daa'ima ulfaa'ame kan gadameessa keessa jiru ilaalchisee seerri maal jedha?
.....
Seerri keenya Seera hariiroo hawaasaa kwt.1 jalatti namni tokko guyyaa dhalate irraa eegalee hanga du'uutti mirga seeraa ni qaba" jedha. Kana jechuun osoo hin dhalatin mirgi seeraa namni gonfatu hin jiru jechuudha. Haa ta'u malee,seerichuma kana kwt.2 ,3 fi 4 jalatti immoo waa'ee daa'ima ulfaa'amee jiruus tumee jira. Akka tumaa keewwata kanaatti daa'imni ulfaa'ame tokko ulaagaalee 2(lama)kan guuttate yoo ta'e nama jechuun tuma.
Innis 1ffaa Lubbuu kan qabu ta'ee yoo dhalatee fi 2ffaa dhalatee immoo sa'aa 48 (afurtamii saddeet) yoo ture akka namaatti lakkaawwamee mirga seeraa argata jechuudha. Gama biraatin, Seera Yakkaa Kwt.545 fi keewwattoota itti aananii jiran irratti ulfa baasuun yakka ta'uu tumeera. Kana jechuun ulfa baasuun akka ajjeechaa namaatti lakkaawwama. Dabalataan Seerri hariiroo hawaasaa Kutaa Seera dhaalaa kwt.834 jalatti daa'imni ulfaa'ame dhaala akka argatu tumaan kun ni agarsiisa. Hayyuun Oromoo Makkoo Bilii illee tumaa seeraa tume keessatti 'Ulfi garaa jiru nama' jedhee tumeera.
Gara dhimma ijoo waa'ee qallaba daa'ima ulfaa'amee garaa jiruutti yoo deebinu seerri maatii Oromiyaas ta'ee Seera maatii Federaalaan wanti jedhu hin jiru. Seera baastuun dhimma kana callisaan bira darbuunis yaadama mataa isaa qabaatus jechuudha.
Akkaataa Seera maatii Oromiyaa labsii lakk.69/1995 fi 83/1996 tin qallaba daa'imman dhalatanii lafa gahanii malee daa'ima ulfa ta'e ilaalchisee tumaan tokkollee hin jiru. Manuwaaliin murteessa qallaba daa'immanii Oromiyaa immoo lakk.2 jalatti hiikkoo daa'ima jedhu hiikeen daa'imni kan garaa jirus ni dabalata jedheera. Dhimmi kun immoo wanta labsiidhan hin tumamne maanuwaalii irratti hiika itti kennuun rakkoo qabatamaa daa'imman ulfaa'aman mirga qallaba argachuu qabu moo hin qaban? gaaffii jedhu kaasuudha. Qallabni Manneen murtiin kan murtaa'u maqaa guutuu fi umurii tokkoo tokkoo daa'immaniin adda bahee waan ta'eef ulfa gadameessa keessa jiruuf murteessuuf ijjannoon add addaa yeroo calaqqisu ni mul'ata.
1ffaa Ulfi sun haadha daa'imichaa irraa hanga hin dhalannetti qaama isheetti jira waan ta'eef ulaagaa seeraa hin guutu qallabni hin muramu ejjannoo jedhu
2ffaa Ulfis nama waan ta'eef qallabni muramuu qaba ejjannoo jedhuudha. Kanas ta'ee sana dhimmi kun haala walfakkaataa ta'een ilaalamee murtaa'uu qaba. Dhimmi kun dantaa daa'imaa HMRDFI kwt.36 jalatti tumame ,waliigaltee mirgoota daa'immanii Idil-Addunyaa fi mirga seerota olitti caqasame keessatti argatan eegsisuunis walqabatee ilaalamuu feesisa. Akkasumas,abbaan warraa fi haati warraa tokko walfuudhanii sababa diiggaa gaa'ilaan yeroo gargar bahan haati daa'ima ulfaa'amee kun ofiishees of gargaaruu humna waan hin qabneef;daa'imni sunis boru dhalatee nama ta'uuf hordoffii fi kunuunsa gahaa yeroo ulfaa kanatti argachuu waan qabuuf nyaata madaalawaa haati fi daa'imni akka argattuu fi hordoffii mana yaalaa akkasumas baasiiwwan adda addaatiif abbaan daa'imichaa qallaba kennuu qaba. Seerri maatii keenyas keessa deebiin dhimma kanaa fi kanneen biroo hojiirratti rakkoo qaban ilaaluu fi fooyyessuu barbaachisa.