Ragaan A/Alangaa erga dhaga'aameen booda Galmeen Himata yakkaa cufamuu hin qabu.
Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 211518 ta'e irratti Guyyaa gaafa 30/5/2014 murtii kenneen "ragaan abbaa alangaa dhagahaamee Galmeen jala murtii kennuuf qorannoof bule irratti himatamaan beellama irraa yoo bade,
Galmeen cufamuu akka hin qabnee fi dhimmichi itti fufamee murtiin kennamuu akka qabu" hiikoo dirqisiisaa kennee jira.
Sababni isaas:-
1ffaa,himatamaan kun mirga ragaa abbaa alangaa gaaffii qaxxaamuraa gaafachuu heera Mootummaa kwt. 20(4) jalatti tumame fayyadamee waan badeef,
#.2ffaa,mirga haqa argachuu miidhamaa heera Mootummaa kwt.37 fi dirqama Mana Murtii mirga namaa kabachiisuu heera Mootummaa kwt 13 waliin bal'ifamee ilaalamuu waan qabuufidha
.https://t.me/Ijooseera
👍1
𝐁𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐝𝐮𝐫𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐧𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢'𝐮𝐮 (𝐑𝐞𝐢𝐧𝐬𝐭𝐚𝐭𝐞𝐦𝐞𝐧𝐭) 𝐕𝐒 𝐒𝐞𝐞𝐫𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐚𝐟𝐚𝐭𝐚𝐦𝐞 (𝐂𝐕𝐏𝐂-𝟏𝟖𝟐)
//
MMWF Dhaddacha Ijibbaataa Lakk.Galmee 248670 (hin maxxanfamne) ta'erratti murtii kenneen ''...Waliigalteen yeroo akka diigamu murtaa'etti Wal falmitoota keessaa gareen Waliigalteen akka hin diigamne mormu akka filannootti yoo kan waliigalteen diigamu ta'e Bakka dura jirutti deebi'uuf (reinstate) Bu'uura SDFHH kwt.182tiin osoo seerummaa gaafachuu baatee illee MM Gareen wal falmitootaa ''..seerummaa hin gaafanne sababa jedhuun Reinstate gochuu dhiisuu..'' akka hin qabnee fi Manni murtii bu'aa Diiggamuu waliigaltee keessaa tokko bakka dura jiranitti deebi'uu ta'uu hubatee kaka'umsa Mataa isaatiin bakka dura jiranitti akka deebi'an murteessuu akka qabu...'' murtii dirqisiisaa kenneera.

Ragaan A/Alangaa erga dhaga'aameen booda Galmeen Himata yakkaa cufamuu hin qabu.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 211518 ta'e irratti Guyyaa gaafa 30/5/2014 murtii kenneen "ragaan abbaa alangaa dhagahaamee Galmeen jala murtii kennuuf qorannoof bule irratti himatamaan beellama irraa yoo bade,
Galmeen cufamuu akka hin qabnee fi dhimmichi itti fufamee murtiin kennamuu akka qabu" hiikoo dirqisiisaa kennee jira.
Sababni isaas:-
1ffaa,himatamaan kun mirga ragaa abbaa alangaa gaaffii qaxxaamuraa gaafachuu heera Mootummaa kwt. 20(4) jalatti tumame fayyadamee waan badeef,
#.2ffaa,mirga haqa argachuu miidhamaa heera Mootummaa kwt.37 fi dirqama Mana Murtii mirga namaa kabachiisuu heera Mootummaa kwt 13 waliin bal'ifamee ilaalamuu waan qabuufidha
.https://t.me/Ijooseera
❤1👍1
DhIMMWF Lakk.galmee 240493 ta'e irratti gaafa guyyaa 29/10/2015 ooleen himata Abbummaa Haaluu 'Disowing' ilaalchisee murtii kennamee!
Himannaa haaluu kan dhiyeessuu dandahu nama tilmaaama seeraatiin Ati Abbaadha jedhamee qofa akka ta’ee dubbisa SMF keewwata 168 170 fi 174 irraa ni hubatama. Karaa biraatiin Nama ani abbaa mucaati jechuun ilmummaa ofitti fudhatee jiru fi Nama murtii mana murtiidhaan ati abbaadha jedhamee jiru ykn namni nama kana irraa mirga argatee jiru himata Haaluu 'Disowing' dhiyeessuuf seerri waan isaaf hin hayyamneef himatni haala kanaan dhiyaatuu bu'uura S.d.f.h.h keewwata 231(1(A)) tiin sababa himannaa hin qabu.
ሰ/መ/ቁ.240493 ግንቦት 29/2015
የመካድ ክስ ለማቅረብ የተፈቀደው ግን በህግ ግምት አባት ነህ" የተባለው ሰው ብቻ ስለመሆኑ ከቤተሰብ ህጉ አንቀፅ 168 170 እና 174 ድንጋጌዎች ጣምራ ንባብ መገንዘብ ይቻላል፡፡ በሌላ አነጋገር አባትነትን ፈቅዶ የተቀበለ እና በፍርድ ቤት ውሳኔ አባት ነህ የተባለው ሰው ወይም ከዚሁ ሰው መብቱ የተላለፈለት ሰው የመካድ ክስ ለማቅረብ ህግ ስለማይፈቅድለት ክሱ በፍ/ብ/ሥ/ሥ/ህ/ቁጥር 231(1(ሀ))ድንጋጌ መሠረተ የክስ ምክንያት የለዉም
https://t.me/Ijooseera
Foormiin Barreeffamaa SHH kwt 2472 Jalatti Ibsame Kan Barbaachiseef Kaayyoo Mirkaneessa Waliigaltichaatiif (Proof) moo Kaayyoo Ragga'iinsa (fudhatamummaa) (Validity) Waliigaltee Liqiitiifidha? Ulaagaa Barreeffamaa Seerichi gaafatu Irratti Garee Kamtu Dirqama Qabaachuu Isaa Ibsuun Mallatteessuu Qaba? (Qabiyyee barreeffamichaa)
======✓✓✓✓======✓✓✓✓✓✓✓====
Seerri Hariiroo Hawaasaa kwt 2472, mata duree 'Proof of loan' jedhu jalatti:
"(1) Where the sum lent exceeds five hundred Ethiopian dollars, the contract of loan may only be proved in writing or by a confession made or oath taken in court.
(2) The contract of loan may not be proved by any other means." jechuun tumeera.
Bu'uura tumaa kanaatiin, jiraachuun waliigaltee liqii qarshii 500 olii kan mirkanaa'u barreeffamaan ykn jecha amantaa kennameen ykn kakaa mana Murtii fuulduratti taasifameen qofadha; tooftaa mirkaneessaa biroodhaan hin danda'amu.
Eenyutu jiraachuu waliigaltee liqii mirkaneessuuf dirqama qabaa? gaaffii jedhuuf deebii kan kennu SHH kwt 2001dha (Tumaa Waliigalaa). Bu'uura kanaan, namni dirqamni tokko naaf haa raawwatamu jedhu dirqamni sun jiraachuu mirkaneessuuf dirqama waan qabuuf, namni maallaqa liqeesseera jedhu ragaa akkaataa seera kanaatti irraa barbaadamu dhiyeessuu qaba jechuudha.
Jiraachuu (existence) waliigaltee liqii mirkaneessuu jechuunhoo maal jechuudhaa? Seerichi kwt 2471 jalatti maalummaa waliigaltee liqii ibseera. Haala kanaan waliigaltee liqii keessatti; liqeessaan liqeeffataadhaaf maallaqa kennuufi mirga abbaa qabeenyummaa dabarsuuf, liqeeffataan immoo hanguma maallaqaa liqeeffate sana deebisuuf dirqama seena. Egaan, bu'uura tumaa kanaatiin namni liqeeffataa himatu sanada liqeeffataan dirqama seenuu isaa agarsiisu dhiyeeffachuu qaba jechuudha. (Waa'een jecha amantaafi kakuu akkuma jirutti ta'ee).
Liqeeffataan maallaqicha deebisuuf dirqama seenuun isaa maaliin hubachiifama? Barreeffama dhiyaate irratti 'nan deebisa' ykn 'idaatu narra jira' jedhee mallatteessuu isaatinidha. Hubadhu!, waraqaa Hawaalaa Baankii irratti kan mallatteessu liqeessaadha malee liqeeffataa (nama dirqamni irra jira jedhame) miti. Ragaan barreeffamaas ragaa qabiyyeeti waan ta'eef, murteessummaan firiiwwan dubbii qabiyyee sanadichaa keessatti eeramanii ol'aanaa ta'uun isaa kan beekamudha. Namni dirqama qaba jedhame dirqama sana fudhachuu isaa firiin dubbii mirkaneessu (mallattoodhaan) jiraa? jennee of gaafachuu qabna jedheen amana.
As irratti wanti hubatamu qabu, akka SHH biyya keenyatti waliigalteewwan kan eeraman kitaaba 5ffaa mata duree 'Obligations' jedhu jalatti ta'u isaati. Waliigalteen garee tokkoof mirga kan uumu ta'ullee, seerichi waliigalteen maddoota dirqamaa keessaa tokko ta'uu isaas xiyyeffannoodhan agarsiisuuf yaadee kan bocame fakkaata.
Kana malees, waliigalteen Liqii qr.500 olii barreeffamaan mirkanaa'a jechuun waliigalteen liqii osuma hin hundeeffamin (osoo liqeessaafi liqeeffataan fedhii guutuudhaan, meeqa akka waliif liqeessan, yoom akka waliif deebisan hin dubbatin, ykn akka SHHtti 'offer & acceptance'n hin jiraatin) barreeffamuma gareen tokko dhiyeessu irraa ka'ee Manni murtii hiikkoodhaan gudunfaa jira jedhurra gaha jechuu miti. Adeemsi akkasii waliigaltee liqii gareewwan hin qabne (kan isaan irratti hin dubbanne) hiikkoodhaan akka uumamu taasisuun waan seerri hin feene raawwachuutti nama geessuu danda'a.
Dhimmi biroon hubatamuu qabu, waliigalteen liqii qarshii 500 olii kan mirkanaa'u barreeffamaanidha jechuun waliigaltichi afaaniin yoo hundeeffame gatii dhaba jechuu miti. Fkn, namni tokko gaafa 20/01/2016 qarshii Miliyona tokko afaaniin dubbatee, guyyaa itti deebi'uu qabu Irratti yaada wal jijjiiree, erga liqeessee booda gaafa 10/10/2016 mallatteessifachuu ni danda'a. Namni liqeeffate erga mallatteessee booda deebi'ee ka'umsa irraayyuu waliigalteen liqii kun afaaniin raawwatame waan ta'eef fudhatama hin qabu jechuu hin danda'u.
....itti fufa....👇👇👇👇
Desalegn B.
https://t.me/Ijooseera
👍1
☝️☝️☝️☝️
Cheekiin (Cheque) Wabummaadhaan Qabamuu (Wal Amantaadhaaf Kennamuu) Ni Danda'aa? Gosti Cheekii Wal Amantaadhaaf Kennamuu Danda'u Kamidhaa? Garaagarummaan Cheekiifi Waraqaa Hawaalaa (Bills of Exchange) Maalidhaa?
£££££✓✓✓££££££✓✓✓✓✓££££
Barreeffamni pdf dhaan olitti dhoobame kun daran hawwataadha. (Murtii Dhaddachi Ijibbaataa MMWF kenne irrattis yaada qeeqa fakkaatu kan kennedha) (Dubbifamuu qaba!)
Barreeffamicha keessatti:
✍️Cheekiin gosa sanadoota daldalaa daddarboo ta'ee maloota kaffaltiin ittiin raawwatamu keessaa tokko ta'uu,
✍️Cheekiin sanada liqii osoo hin taane, sanada battala baankiitti ykn dhaabbata wal fakkaataa birootti dhiyaatetti kaffaltiin itti raawwatamu ta'uu,
✍️Cheekiin sanada maallaqa bakka bu'uudhaan kaffaltii ariifachiisuuf gargaaru ta'uu,
✍️Wal fakkeenyummaan Cheekiifi Waraqaa Hawaalaa (Bills of Exchange) kan baay'atu ta'ullee, Waraqaan Hawaalaa yeroo hunda (kaffaltiidhaaf) baankiidhaaf qofa kan dhiyaachuu qabu ta'uu dhabuun, gama birootiin wabummaadhaan qabamuu kan danda'u ta'uun isaafi qaama kaffaluuf itti dhiyaateen fudhatama argachuu (tole jedhamuu) kan qabu ta'uun isaa amaloota waraqaa Hawaalaa kana adda taasisu ta'uu,
✍️Gosoonni cheekii bebbeekamoon baay'inaan torba ta'uufi isaan keessaa, seera daldalaa biyya keenyatiin beekamtii qabaachuu baatus, namni maallaqa liqeeffate hanga deebisutti wal amantaadhaaf kennuu danda'u cheekii 'Memorandum Cheque' jedhamee waamamu ta'uu,
✍️Cheekiin qabeenya socho'aa ta'uufi ittisoonni hariiroo dhuunfaa bu'uureffatani (personal defences) fi ittisoonni nama kamirrattiyyuu ka'uu danda'an (real defences) kan irratti ka'uu danda'an ta'uu,
✍️Seerri Daldalaa waraqaan hawaalaafi Sanadni waadaa (abdii) akka qabeenya socho'aatti idaadhaaf qabsiifamuu (pledge) kan danda'u ta'uu ibsuun ala cheekinis bifa kanaan kan qabsiifamu ta'uu kan hin ibsine ta'uu,
✍️Murtii dirqisiisaa Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Galmee lakk.24435 ta'e irratti cheekiin wabummaadhaan qabsiifamuu danda'a jechuun kenne sirrii akka hin taane kan ibsameefi raawwiin murtichaa yoo itti fufe cheekiin gahee daldala ariifachiisuu taphachuu qabu akka hin taphanne kan taasisu ta'uu,
✍️Dhuma irratti, seera baastuun 'Memorandum Cheque' kan jedhamuuf beekamtii kennuu qaba jechuun yaada dhiyeessee kan golobe ta'uutu hubatama.
❓❓Dhaddachi Ijibbaataa xiinxala murticha keessatti; seerri daldalaa cheekiin wabummaadhaan kan hin qabamne ta'uu hin tumne kan jedhe yemmuu ta'u, barreessaan maqaan isaa olitti eerame immoo seerri daldalaa hin hayyamne yaada jedhu calaqqisiiseera. Seerri Daldalaa Cheekiin wabummaadhaan qabamuu (Wal amantaadhaaf Kennamuu) ni danda'a jedhee hayyamuu ykn hin danda'u jedhee dhorkuu qaba turee? Gareewwan waliigaltee, Waliigaltee wabummaa ifa ta'e qopheessuudhaan qabiyyee waliigaltichaa keessatti cheekiin wabummaadhaaf qabsiifamuu isaa ifatti ibsuun yoo tajaajila cheekii gara wabumatti fidan dantaan uummataa ni tuqamamoo hin tuqamu?
Desalegn B.
https://t.me/Ijooseera
☝️☝️☝️☝️
Waliigalteen Qabiyyee Nama Biroo Irratti Mana Kutaa Lama Ijaaruun Tokko Abbaa Qabiyyeetiif Kennaniifi Tokko Immoo Ofiif Fudhachuuf Raawwatamu Foormii Kamiin Ta'uu Qaba? (Seera Kamiin Hogganama?) Seerri Hariiroo Hawaasaa Kwtni 2876 Dirqama Namni Tokko Mana Duraan Hin Turre Ijaaruun Nama Biroodhaaf Dabarsuuf Seenu (Fkn Ijaarsa 'Real Estate') Ni Hogganaa?
=====✓✓=====✓✓✓======✓✓✓✓✓✓
Waliigaltee isaanii irraa ifatti hubachuun kan danda'amu, himatamaan qabiyyee lafaa kan himataa ta'e irratti manneen kutaa lama ijaaruun, tokko himataadhaaf kennuudhaan isa biraa immoo ofiif fudhachuuf kan waliigalan waan ta'eef, waliigalteen kun SHH kwt 1723n hin hogganamu. Qabeenya hin sochoone ijaaruufi gurguruu ilaalchisee, SHH kwt 2876 jalatti akka ibsametti, gareen waliigaltee tokko garee biroodhaaf mana kutaa tokko ykn gamoo fuulduratti ijaaramu (hojjetamu) kennuuf dirqama seenamu waliigaltee hojii ijaarsaa yoo jedhame malee waliigaltee bittaa jedhamuu hin danda'u jedheera"
(Murtii dhaddacha Ijibbaataa MMWFtiin Galmee Lakk.32222 ta'e irratti kenname)
👁️Murtiin kun waliigaltee ijaarsa 'Real Estate'tiifis rogummaa akka qabu ogeessonni seeraa tokko tokko ni kaasu.
ከስምምነታቸውም በግልጽ መገንዘብ የሚቻለው ይዞታው የከሳሽ በሆነ ቦታ ላይ ተከሣሽ ሁለት ክፍል ቤቶችን በመስራት አንዱን ለከሳሽ በመስጠት ሌላውን ቤት ደግሞ ለእራሳቸው ለመውሰድ መስማማታቸውን ስለሆነ ይህ ስምምነት በፍ/ብ/ሕ/ቁ.1723 ድንጋጌ የሚገዛ አይሆንም፡ ይልቁንም የማይንቀሳቀስ ንብረት መሥራትና መሸጥን አስመልክቶ በፍ/ብ/ሕ/ቁ. 2876 ላይ እንደተመለከተው አንዱ ወገን ተዋዋይ ለሌላው ወገን ተዋዋይ አንድ ቤት አንድ የቤት ክፍል ወይም ገና የሚሰራ ሕንፃ ለመስጠት ግዴታ የሚገባበት ውል የአንድ ሕንፃ የሥራ ውል ከሚባል በስተቀር የሽያጭ ውል ሊባል እንደማይችል ስለተመለከተ የበታች ፍ/ቤቶች ጉዳዩን ከፍ/ብ/ሕ/ቁ. 1723 አኳያ መመልከታቸው በአግባቡ ሆኖ አልተገኘም፡፡
(ሰ/መ/ቁ-32222, ቅጽ-)
Desalegn B.
https://t.me/Ijooseera
Forwarded from Desalegn B. (Desalegn B.)
235053.pdf
822 KB
Murtii dirqisiisaa Dhaddachi Ijibbaataa MMWF, dhaddacha gaafa 29/07/2015 ooleen Lakk.Ga.235053 ta'e irratti aangoo kaartaa haquu ilaalchisee kenne. (Kan hin maxxanfamne, Bifa fooyya'een)
👉Garagalcha Murtichaa kan nuuf erge Bilisummaa Muummee Jilooti. Galatoomi jennaan🙏🙏
Desalegn B.
#DHADDACHA_IJIBBAATAA_FEDERAALAA_JILDII 26ffaa:𝐒𝐄𝐄𝐑𝐎𝐓𝐀 𝐇𝐀𝐑𝐈𝐈𝐑𝐎𝐎 𝐇𝐀𝐖𝐀𝐀𝐒𝐀𝐀 ....
...
𝐀. 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒕𝒆𝒆
1. "Waliigalteen bittaaf gurgurtaa Manaa qaama aangoo qabu biratti yoo hin galmoofnee fi namni gurgure yoo mormee falme wixinee qofa ta'a malee waliigaltee bittaa fi gurgurtaa Manaa ulaagaa Seeraa guutee kan raawwatame waan hin taaneef,bu'aa seeraa hin hordofsiisneedha" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 215762 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennuun murteessee jira.
2. "Gareen waliigaltee hin raawwanne sababa humnaa oliitiin yoo raawwachuu dhabe malee,garee miidhaa qaqqabeef dursanii waliigalaniiru yoo ta'e bu'uura waliigalteetiin kisaaraa kaffaluu qaba,yoo dursanii waliigalanii hin jirre ta'e ammoo Manni Murtii ragaan qulqulleessee kisaaraa kaffalchiisuu qaba,akkaataa 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑮𝒂𝒂𝒇𝒂𝒕𝒂𝒎𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒕𝒆𝒆𝒏 𝑨𝒍𝒂𝒂(𝑻𝒐𝒓𝒕 𝑳𝒂𝒘) tiin kan taasifame yoo ta'es,beenyaan kanfalu miidhaa dhaqqabe waliin kan wal madaalu ta'uu qaba" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 216155 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kenneera.
3. "Waliigalteen bittaa fi gurgurtaa Manaa hin jiru wixineedha gaafa jedhamu gareen bitaa mirgaa bakka duraan turanitti deebi'uu qabu malee qarshii dachaa godhanii gaafachuun bu'uura seeraa hin qabu" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 211204 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennuun murteessee jira.
2. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑮𝒂𝒂𝒇𝒂𝒕𝒂𝒎𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒕𝒆𝒆𝒏 𝑨𝒍𝒂𝒂 (𝑻𝒐𝒓𝒕 𝑳𝒂𝒘)
"Namni maallaqa kanfaluu hin qabne kan kaffale qarshichi akka deebi'uuf gaafachuu kan danda'u ta'us,dogoggorri osoo hin jiraatin akka qarshii sana kaffaluuf dirqisiisu seerri ykn waliigalteen kan hin jirre ta'uu osoo hubatu,maqaa nama qarshii kaffalamuu fi Lakkoofsa herrega Baankii barreessuun qarshii galii godhe fedhii isaatiin qarshii kan kaffale(galii tolche) jedhamee waan tilmaamamuuf,qarshichi akka deebi'uuf gaafachuu hin danda'u" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 211204 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennuun murteessee jira.
3. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑫𝒉𝒂𝒂𝒍𝒂𝒂 𝑰𝒍𝒂𝒂𝒍𝒄𝒉𝒊𝒔𝒆𝒆
1. Akkuma beekamu,Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 12ffaa Lakkoofsa Galmee 56795 ta'e irratti "namni tokko yeroo falmiin namoota biroo jidduu Mana Murtiitti gaggeeffamaa ture osoo beeku erga dhimmicha irratti murtiin kennameen booda bu'aa Murtii eegee murtichi mirga isaa tuqu/miidhu argee iyyata mormii Murtii Kan dhiheessu yoo ta'e,iyyanni mormii murtii fudhatama akka hin qabne"sdfhh keewwata 358,153(3),418-421 waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa laatee ture.Hiikoon kun dhimma falmii dhaalaa irratti raawwatiinsa hin qabu,kana jechuun falmii qabeenya dhaalaa irratti Gareen 3ffaa falmii bu'uuraa yoo beekes mormii Murtii dhiheessuu danda'a jechuudha(kana hiikoo Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 144359 ta'e irratti kenne irraa ni hubatama.
2. "Qoodiinsa qabeenya dhaalaa qabeenya hin sochoone ilaalchisee waliigalteen qoodinsaa yookiin waliigalteen jijjiirraa dhaaltota jidduutti taasifamu barreeffamaan ta'ee mallattaa'ee Mana Murtii biratti ykn qaama waliigaltee raawwachiisuu aangoo qabu biratti galmaa'uu qaba" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 199901 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennee jira.
4. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑸𝒂𝒃𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂
1. "Waliigalteen bittaa fi gurgurtaa Lafaa seeraan kan dhoorkame waan ta'eef,gareen laficha bite ragaa abbaa qabiyyummaa baafatee gibira Mootummaa gabbarus,haalli argannaa isaa seeraan ala waan ta'eef,karaan argannaa qabiyyee Lafaa seera qabeessa ta'uu fi dhiisuu osoo hin qulqullaa'in murtiin kennamuu hin qabu" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 201894 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennee jira.

👍2
Seerri Yakkaa Kwtni 88(3) Imaammattoota Murteessa Adabbii Kanneen Akkamii Milkeessuuf Tumame?
¢¢¢¢¢¢✓✓✓¢¢¢¢¢¢¢✓✓✓✓✓✓¢¢¢¢¢¢
Kanatti aansuun gaajeeltoo murteessa adabbii isa kan biroo yoo ilaalle, qajeeltoo ADABBIIWWAN GADI AANOODHAAF DURSA KENNUU jedhu arganna. Qajeeltoon kun kan maddu, yaada "adabbiin isa adabamutti miidhaa, isa adabutti (mootummaa) baasii fida waan ta'eef sababa gahaa malee cimuu hin qabu" jedhu irraati. 👁️Adabbiin akka qorichaatti (dawaatti) fudhatamee hanga kennamuu qaburra osoo hin darbine kennamuufi fudhatamuu qaba.
Yaadni kun seera keenya keessatti akka yaada haarayaatti tumamee argama. (Seera Yakkaa kwt 88(3)) Kunis IMAAMMATA murteessa adabbii 'sirreeffamtoota hir'isuufi baasii hir'isuu' jedhu milkeessuuf waan ta'uu maludha jedhameeti. Tumaan kun akka agarsiisutti abbaan seeraa wayita adabbii murteessu adabbii salphaa irraa eegalee hanga isa cimaatti jiru qoratee adabbii malu filachuutu irraa eegama. Haala kanaan wayita adabbiin murtaa'u, abbaan seeraa adabbii isa gadi aanaadhaaf dursa kenna jechuudha.
Qajeeltoon kun IMAAMMATA sirreeffamtoota hir'isuun baasii xiqqeessuu qofa osoo hin taane IMAAMMATA biroos ni milkeessa jedhamee yaadamuu isaa tumichi akkamitti seerichaa keessatti akka hammachiifame seensa seerichaaf barreeffame irratti ibsamee argama (Seensa Seera Yakkaa bara 1996, fuula iii). Kunis walfakkaattummaa murteessa adabbii mirkaneessuuf (fiduuf) dha.
(Moojula Nuuruu Seyid, bara 2000 keessa qopheesse keessaa kan fudhatame)
Desalegn B.
https://t.me/Ijooseera
🔜#DHIMMA_YAKKAA IRRATTI MORMII SADARKAA DURAA HIMATAMAAN KAASUU DANDA'U:
⚫🔴⚪⚫🔴⚪⚫🔴⚪⚫🔴⚪⚫🔴⚪
✅1️⃣.Himatamaan foormii himannaa,bifa, yookiin qabiyyee himannaa mormuun akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a,sdfy keewwata 130(1).
✔#A.Himatamaan foormii fi qabiyyee himannaa irratti mormii dhiheessee Manni Murtii yoo fudhate akka haala dhimmichaatti himanni akka jijjiiramu yookiin akka dabalamu yookiin himannaa haaraa akka qopheessu ajajuu ni danda'a,sdfy keewwata 130(1) fi 119(1).
☑#B.Bu'uura Manni Murtii ajajeen Abbaan Alangaa yoo hin raawwanne,himatamaan yeroodhaaf too'annaa jalaa gadi lakkifama,sdfy keewwata 122.
☑#C.Himanni Abbaa Alangaa yoo jijjiirame,yoo dabalame yookiin himanni haaraa yeroo dhihaatu Manni Murtii himatamaaf dubbisuun akka hubatu ni taasisa,sdfy keewwata 119(2).
☑#D.Itti aansuunis himata jijjiirame,dabalame ykn haaraa banamee dhihaateef himatamaan dhagahuuf qophii ta'uu fi dhiisuu Manni Murtii himatamaa gaafachuu qaba,sdfy keewwata 120(1).
☑#E.Akkuma himanni himatamaaf qaqqabeen battalumatti himata dhagahuu yoo itti fufe mirga ofirraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta'ee Mana Murtiitiif yoo mul'ate dhimmicha dhagahuu itti fufa.
☑#F.Manni Murtii dhimma battalumatti itti fufuun mirga ofirraa ittisuu kan himatamaa yookiin haala himannaa Abbaa Alangaa jijjiiru ta'ee yoo argame garuu,himata dhagahuuf beellama biraa kennuu qaba,sdfy keewwata 120(3).
✅2️⃣.Himatamaan darbiinsa yeroo akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a.Himanni Abbaa Alangaa darbiinsa yerootiin kan daangeeffame yoo ta'e,himatamaan mormii kaasuu baatus Manni Murtii kaka'umsa isaatiin Galmee cufuu qaba.
✅3️⃣.Himatamaan gocha yakkaa raawwate jedhamee ittiin himatameef itti gaafatamaa ta'uu dhabuu ibsuun akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a(criminal irresponsibility).
✔#Keessattuu,himatamtichi dhukkuba sammuu ykn gaggabdoon kan jeeqamu yoo ta'e waan gocha raawwatu beekuu fi dhiisuu isaa fi kan kana fakkaatan yaada ogeessa beekumsa addaa qabuun(Hospitaala dhimma kana adda baasuu danda'uun) qulqulleessuun dirqama.
✅4️⃣.Dhimmichi dursa Murtii kan argate yoo ta'e akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a,sdfy keewwata 130(1)(b).
✅5️⃣.Dhimmichi dhiifamaan yookiin maaruudhaan/baraarsaan kan hafe yoo ta'e himatamaan akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a.
✅6️⃣.Dhimmichi Mana Murtii birootti dhihaatee ilaalamaa kan jiru yoo ta'e akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a.
✅7️⃣.Himanni dhihaate mirga ofirraa ittisuu himatamaa kan tuqu yoo ta'e himatamaan kanuma sababaan deeggaruun ibsuun akka mormii sadarkaa duraatti dhiheessuu danda'a.
✅8️⃣.Himatamaan akkuma himanni dubbifameefi hubateen booda mormii qabu duguugee kaasuu qaba.Yoo battalumatti mormii sadarkaa duraa qabu hin kaafne booda kaasuu hin danda'u.Garuu,murtii mormii irratti kennamu haqa kan daangeessu yoo ta'e(prohibit to give valid judgment) mormiin booda irratti ka'uu akka danda'u sdfy keewwata 130(3) jalatti ifa taasiseera.
#Mormiiwwan sadarkaa duraa seera deemsa falmii yakkaa keewwata 130 jalatti tumaman duguugamanii kan kaa'amanii miti.Mormii sadarkaa duraa seera kana jalatti hin tumamnes dhimmichaaf rogummaa qaba taanaan himatamaan mormii biraa kaasuu danda'a.
#Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 14ffaa Lakkoofsa Galmee 73514 ta'een"himatamaan mormii sadarkaa duraa seera deemsa falmii yakkaa keewwata 130 jalatti hin tumamnes akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu akka danda'u" hiikoo kennee ture.

❤2
DhIMMWF Lakk.galmee 240493 ta'e irratti gaafa guyyaa 29/10/2015 ooleen himata Abbummaa Haaluu 'Disowing' ilaalchisee murtii kennamee!
Himannaa Abbummaa haaluu kan dhiyeessuu danda'uu nama tilmaaama seeraatiin ati Abbaadha jedhamee qofa akka ta’ee dubbisa Seera Maatii Feederalaa keewwata 168 170 fi 174 irraa ni hubatama. Gama biratiin karaalee Abbummaa itti mirkaneessinuu sadeen isaaniis tilmaama seeraa, ilmummaa ofitti fudhachuu fi murtii mana murtitiin mirkana'uu akka danda'amuu tumame jira. Haa tahuu garuu lameen booda namni ani abbaa mucaati jechuun ilummaa ofitti fudhatee fi murtii mana murtitiin abbaa jedhamee ykn namni nama kana irra mirga argate jiru himata Abbummaa Haaluu(Disowing) dhiyeessuuf seerri waan isaaf hin hayyamneef himannaa haala kanaan dhiyaatuu sababaa himannoo hin qabuu jechuun murtii dirqisisaa kennamee jirra.

Dhaddachi ijibbaata Manni Murtii Waliigala Federaalaa Lakk.G 282248 gaafa 06/02/2017 Murtii dirqisiisaa laateen.
Dhimma yakkaa irratti tumaan seeraa himatamaan jalatti balleessadha jedhame ifatti Adabbii daangessuu kan dhoorku yoo ta’e malee, manni murtii himatamaan abbaa ijoollee tahuu ibsuun Adabbii akka irraa daangahu gaafate yoo jiraate, manni murtii himatamaan dhugaan ijoollee kan bulchu yoo tahe, rakkoo xinsammuu fi diinagdee ijoollee irra gahuuf jedhamee Adabbiin himatamaa irraa daangahuu akka qabuu fi sababa quubsaa malee gaafii dangaa adabbii dhiyaate fudhatama dhabsiisuun dogongora Bu'uura seera tahu Murtii dirqisiisaa laateera.

ክስን ስለማሻሻል
👇በፍ.ስ.ስህ.ቁ. 91. መሰረት አንድ ፍ/ቤት ውሳኔ ከመስጠቱ በፊት ማንኛውም ጊዜ ተከራካሪዎች ሲያመለክቱ ወይም በራሱ ጊዜ አቤቱታ እንዲሻሻል ሊያዝ ይችላል፡፡ ይህ ድንጋጌ በጠባቡ ሊተረጎም የሚገባው ነው፡፡ ለምሳሌ በአዲስ ማስረጃ ለማቅረብ ማሻሻልን ነሚጠቀሙ አሉ፡፡
👇በክስ ማሻሻል ስርዓቱና ዓላማ ቀድሞ ዳኝነት ከተጠየቀበት ጉዳይ ፈጽሞ የተለየ ጥያቄ ለማቅረብ የማይችል ስለመሆኑ አንቀጽ 91፣342 (መዝ.ቁ 100475(ቅጽ 19)
👇ለአንድ ክስ መሻሻል ወይም ለክርክሩ መለወጥ ቀደም ሲል የቀረብን የክስ ምክንያት በመቀየር ለመሞገት ማቅረብ ነገሩን ይበልጥ የሚያብራሩ ወይም ትክክለኛ ፍትህ ለመስጠት የሚረዳ ነው በሚል ክስ እንዲሻሻል የሚፈቅድበት የህግ ምክንያት ስላለመኖሩ የፍ/ስ/ስ/ቁ. 91(1፣2)
👇 በመጀመሪያ በቀረበ የክስ መከላከያ መልስ ያልተካተትን የመጀመሪያ ደረጃ መቃወሚያ መልስ አንዲሻሻል በሚል ፍ/ቤት በሰጠው ትእዛዝ መነሻነት ተካቶ ሲቀርብ ተቀባይነት ሊያገኝ የሚችልበት የህግ አግባብ የሌለ ስለመሆኑ አንቀጽ 91፣244፣ መዝ.ቁ. 55973(ቅጽ 12)
👇 ከሳሽ ያቀረበው ክስ እና የክሱ ዝርዝር ይዘት የተለያየ ሆኖ የተገኘ ከሆነ ፤ ጉዲዩ የቀረበለት ፍ/ቤት ክሱ ተሻሽሎ እንዲቀርብ በማዘዝ ፤የክርክሩን ሂደት መምራት ያለበት ሰለመሆኑ፤ ፍ/ሥ/ሥ/ህ/ቁ 91(1) (መዝ.ቁ 122249 (ቅጽ 20).

#LIQII_FI_MAALLAQA_LIQII_DEEBISUU
✍️ Liqaa jechuun akkuma beekkamu dhimmoota garaagaraa fi waliin jireenya haawasummaa keessatti waligaltee baratamaadha.
✍️ Liqaaniis seeran haguuggi qaba kuniis mirkaneessa ragaa waligaltee liqaa( SHH 2472 fi 2473 fi dhaddachi ijibbaataas mirkaneessa sanadaa irratti murtii kennee jira.
👉Waliigalteen liqaa mallaqa qarshii dhibba shanii (500) ol ta'e jirachuu isaa ragaa barruu dhiyeessuu qofan yookiin jecha amantaa yookiin kakuu Mana Murtii godhameen qofan mirkanaa’an
👉Namnni liqaa kiyya kaffaleen jiraa jedhus, kaffaluu isaa haala olitti ibsame qofan mirkaneessuu danda'a. (SHH Keewwata 2472).
✍️ Mirkaneessa waliigaltee liqii fi sanadaa irratti dhaddachii ijjibbaa mana murtii waliigalaa murtii kennee ture inniis
⚖️ "mallattoon sanada waliigaltee liqii irra jiru yoo mormame mallattoon waliigaltee irra jiru jedhame kan mirkanaa'u karaa tokkoffaan qorannoo teeknikaa taasisuunidha.Ta'us,mallattoo waliigaltee irra jiru qorannoo teeknikaatiin yoo mirkanaa'uu baate yeroo mallattoon sun mallattaa'u ragoolee turan jecha isaanii dhagahuun mallattoon kan eenyuu akka ta'e madaaluun waliigaltee mirkaneessuu akka danda'amu" shh keewwata 2472(1) waliin wal qabsiisuun
#Dhadd_Ijj_MMWF_Jildii_20ffaa_Lakk_Galmee_114553 ta'een hiikoo kennee ture.
✍️
Dabalataanis,Jildii 13ffaa Lakk.Galmee 71927 ta'eenis "mallattoo sanada irratti mallattaa'e kan eenyuu akka ta'e ragoolee namaa waliigaltee irratti maqaan isaanii ibsamee fi ragoolee birootiin qulqulleessuun adda baasuun akka danda'amu" hiikoo dirqisiisaa kennee ture.
#Hambiifannoon keewwata 2473 jalati tumame ni jira
✍️ Haa ta'u garuu tumaan SHH Keewwata 2472 hariiroo namoonni yookiin kaampaaniiwwan, daldala baankiilee waliin akka maammila qaban irratti raawwatamummaa kan qabu mitii. Waliigalteewwan liqaa yookiin liqaa of irraa kaffaluu daldala baankiilee wajjiin walqabatan ragaa nama yookiin tilmaama seeraan mirkaneessuun ni danda'ama. (SHH Kew. 2473).
#LIQII_DEEBISUU
✏️ Maallaqa Liqaa Deebisuun Walqabatee, Yeroon Kaffaltii Tureera Yoo Ta'e, Nama Liqeesseef Dhala Seera Qabeessa Bifa Kasaaraatiin Kaffalamuun Alatti, Kaffaltiin Bifa Adabbiitiin Kaffalamuuf Waliigalamu Diigamaa Ta'uu ‼️ ( SHH kwt 2489, Jildii 12ffaa L.G. 59882)
✅ Akka qajeeltotti qaamni waliigaltee raawwatu qaamni tokko bu'uura waliigalteetiin dirqama isaa kan hin raawwanne ykn hir'isee ykn kan tursiise yoo ta'e adabbii kaffalamuu qabu irratti waliigaluu akka danda'an SHH kwt 1889 jalatti tumameera. Ta'ullee qajeeltoo waliigalaa kana haala addaatiin daangessuun tumaan addaa kan tumame yoo ta'e qajeeltoon waliigalaa kan hin raawwanne ta'uu hiikoo raawwatiinsa seerota waliigalaa fi seerota addaa irraa hubachiisuun ni danda'ama.
✅ Maallaqa liqii deebisuun walqabatee liqeeffataan maallaqa liqeeffate yeroo waliigalticha keessatti caqafametti kan hin deebisne (tursiise) yoo ta'e, nama liqeesseef dhalli seera qabeessi bifa Kasaaraatiin Kaffalamuu qabu shh kwt 2489(1) jalatti tumameera.
✅ Kanaan alatti bifa adabbiitiin akka kaffalamu kan waliigalame yoo ta'e, waliigaltichi diigamaa ta'uu kwt 2489(2) jalatti tumameera.
✅ Kanarraa kan hubatamu liqii irratti kasaaraa kaffaluun alatti adabbiin kan hin jirre ta'uu dha.
✍️ Dhiimmi liqii yeroo heddu wal amanuun walitti kennanii xumura irratti wal waakkachuu jira wan taheef isiniis barreeffamaan yoo godhu hin dagatinaa.
#Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 172365 ta'e Irratti Qarshii Liqii Ilaalchisee Murteesse:
Ka'umsi dhimmichaa gabaabinaan,dhaabbanni himataa fi himatamtoonni waliigaltee liqii qarshii raawwatanii turan.Himatamtoonni qarshii 91,666.60 dhala waggaatti dhibbeentaa kudha shan(15%) waliin kanfaluuf waliigalanii dhaabbata himataa(Maayikiroo Faayinaansii) irraa liqeeffatanii turan.Himatamtoonni akkaataa waliigalteetiin qarshii liqeeffatan dhala isaa waliin himataaf yeroon waan hin kanfalleef himataan mana murtii jalaatti sirna gabaabaan himata banee ture.

❤1
#Kennaa_lafa_baadiyyaa_ilaalchisee_seerri_maal_jedha?
Labsii lakk-248/2015 kwt 13 jalatti
👉Qonnaan bulaan, gamisa horsiisee bulaan ykn horsiisee bulaan mirga abbaa qabiyyummaa ykn biqiltuu dhaabbataa dhuunfaan qabu ijoollee isaa ykn ijoollee ijoollee isaatiif kennaan dabarsuu, Ijoollee ykn ijoolleen ijoollee yoo hin jirre abbaa ykn haadha ykn obboleewwaaniif kennuu danda’uu,
👉Qabiyyee ykn biqiltuu dhaabbataa qabu keessaa 1/2 ol kennuun dhoorkaa ta'uu,
👉Qonnaan bulaan ykn gamisa horsiisee bulaan ykn horsiisee bulaan mirga a/qabiyyummaa lafaa qabu yeroo gaa’ila raawwatu nama gaa'ela waliin raawwatuuf kan dhuunfaa ykn kan waloo taasisuun kennuu danda’uu,
👉Qabiyyeen lafa baadiyyaa ykn biqiltuun dhaabbataan abbaa warraa
fi haadha warraa ykn namoota birootiin waloon qabame kennaan dabarsuuf waloon yoo irratti waliigalan qofa ta'uu.
👉#Waliigalteen_kennaa barreeffamaan ta’uu qabaachuu f afaaniin yoo raawwatame fudhatama kan hin qabne ta'uu
👉Waliigaltichi Waajjira Lafaa Aanaatti galmaa’u qabaachuu fi Waliigalteen kennaa ulaagaa kana hin guunne seera duratti fudhatama kan hin qabne ta'uu
👉Namni mirga a/qabiyyummaa kennaan argate, namni kennaadhaan mirga a/qabiyyummaa dursee argate ture erga namni dhaalamu du’ee kan argachuu danda’u hanga osoo kennaan hin raawwatamne ta’ee dhaalmaan argachuu danda’u qofa ta’uu.
👉Hangi qabiyyeen kennaan argate hanga dhaalmaan argachuu danda’uu ol yoo ta’e qabiyyee kennaa argate qabatee kan hafuu fi dabalataan dhaalmaadhaan kan hin arganne ta'uu,
👉Kennan haala irratti hunda’e naaf haa diigamu jechuun himanni dhiyaatu haalichi yeroo uumamee yk uumamuu isaa namni kennaa kennu yeroo beekee kaasee waggaa 2 keessatti ta'uu.?namni qabiyyee lafaa akkaataa kanaan argate mirga a/qabiyyummaa qonnaan bulaan ykn horsisee bulaan ykn gamisa horsisee bulaan qabu kan qabaatu ta'uu labsii armaan olii fi SHH kwt 1723,2005 fi 2443, MMMWFDHI jiildii 8ffaa LGMM-39803 fiJildii 26ffaa LGMM- 215762 irraa hubachuun ni danda'ama.

Dhimma yakkaan walqabatee ajjeechaa dasiiba (SY kwt 540) fi ajjeechaa cimaa (SY kwt 539) maaltu gargar baasa?
Yaada dhuunfaa letireeturii fi hiikkoo murtii Dhaddacha Ijibbaataa Jld 10ffaa glme lkk 45927 irratti kenname waliin xiinxalameedha
Akka waliigalaatti yakki tumaalee lamaan jalatti tumame gosa yakkaa itti yaadamee lubbuu Ilma namaa irratti raawwatamu ta’ee inni yakka cimaa jedhamee kwt 539 jalatti tumame haalota firii ijoo dubbii kwt 540 irra adda isa taasisaniin kan ibsamudha. Seericha kwt 540 jalatti yakki ajjeechaa raawwatamu hariiroo olii bulii namootaa keessatti walitti bu’iinsa tasa otuma ittihinyaadnee fi ittihinqophoofne uumamuun gochaa hanga lubbuu walbaasuu geessisudha. Kanaafidha ajjeechaa dasiibaa ykn ordinary homicide/murder ykn ተራ ግድያ kan jedhamuufis.
Gama biroon haalonni SY kwt 539 jalatti ajjeechaa cimaa hundeessan isaan bu’ura ta’’an
1) haaloon jiraachuu ; haaloodhaan miidhaa ykn gochaa hamaa nama irratti raawwachuun hawaasa keessattis safuudha amantaanis cubbuudha. Kana jechuun gochaan badii haaloodhaan raawwatamu hameenyummaa ykn gara jabummaa addaa nama gochicha raawwatee kan agarsiisuudha.
2)haalota adabbii cimsan SY kwt 84 ykn 86 jalatti ibsaman yoo ta’an isaanis halkan dawoo godhachuu ykn gareen ta’uun (waliigalteen yakka raawwachuuf dursee taasifame jiraachuu) fi kkf akka waliigalaatti meeshaan fayyadamame ykn tooftaan filatame garajabeenna addaa raawwataa yakkichaa kan agarsiisu ta’uu (meeshaa jiruu fi jireenyaa isaa ittiin gaggeeffatu akka carraa walitti bu’iinsa uumame irratti fayyadamuu otuu hintaane yakkichumaaf ittiyaadamee kan filatame ta’uu qaba).
Kanaan walqabatee Dh Ijbta MMWF Jld 10ffaa glme lkk 45927 ta’erratti murtii kenneen haalota olitti ibsaman kan xiinxale yoo ta’u G. Gravenis haaluma kanaan bal’inaan ibsee jira. Hayyuun Lewiston jedhamus commentaries on Ethiopan Penal Code kitaaba jedhu irratti kanuma kan xiinxale yoo ta’u Tsahaay Waadaas akkasuma.
Kanaaf waliigalatti yakki ajjeechaa tokko ajjeechaa cimaa kwt 539 jalatti gaafachisu kan jedhamu haaloo qabachuun ykn meeshaa ykn tooftaan ittiin raawwatame balaafamaa fi garjabeenyummaa gaddaa kan agarsiisu ykn hawaasa keessatti akkaan kan nama sururu yoo ta’u kana irraan kan hafe ajjeechaan intentionally raawwatamu ajjeechaa dasiibaa jedhamee kwt 540 jalatti kan adabsiisudha,
Gama kanaan murtiin Dhaddacha Ijibbaataa ijibbaataa olitti caqafame haaloon ulaagaa yakka ajjeechaa cimaa kwt 539 jalatti gaafachiisuuti jechuun isaa sirrii ta’us dhimmicha keessatti dhuguma haaloon jiraachuu isaa irratti garuu hanqina ifaan mul’atu qaba.
Innis himatamaa fi duutuun waggaa sadiif jaalallee akka turan, kanfaltii ofii kanfaleefii kolleejjii barsiisotaatti akka barsiise, san booda ittiheerumuu waan diddeef halkan mana sireetti waliin eega bule booda barii isaa cuubeen itti deddeebisee woraanee akka ajjeese himannaa fi ragaan AA ni ibsa. MMO hanga Dhaddacha Ijbta naannichaatti kwt 540 jalatti kan murteessan yoo ta’u Dhaddachi Ijb Federaalaa waan ittiheerumuu diddeef haaloo qabatee ajjeese waan ta’eef ajjeechaa cimaadha jedhee kwt 539 jalatti balleessaa godhee adabee jira. Egaa Dhaddachi ijbt Federaalaa wanti ifa hingoone haaloon eega jiraate akkamitti halkan beergoo waliin bulan? Eega waliin bulan booda barii hotiilecha keessaa bahanii bakka ragaan AA jiranitti waraanuun isaa haaloon jiraachuu ni agarsiisaa? Kanaaf murtiin Dhaddacha Ijibtaa Federaalaa haaloo fi miira aarii battalaa walkeessa kan fuudhe fakkaata.