#Mirga_Wabii_fi_Hamma_Wabii:
I.☔#Mirga_Wabii:-
✔Mirgi wabii mirga bu'uuraa dhala namaa seerota idil Addunyaa,heeraa fi seera Biyyattiitiin beekamtii kan argateedha.
♠️Karaan gaaffii mirga wabii shakkamaa eegamuu danda'u afuriidha.Isaanis:-
#1ffaa,xalayaa ajaja qabiinsaa irratti mirga wabii eeguun,mirga wabii shakkamaa eeguun ni danda'ama.Seera deemsa falmii yakkaa keewwata 29,53 fi 65;
#2ffaa,shakkamaan Waajjira/Qajeelcha Poolisiitti wabii waamee yookiin wabummaa mataa ofiitiin bahuu,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 28;
#3ffaa,Poolisiin shakkamaa Mana Murtiitti dhiheessuun,Manni Murtii yeroo beellamaa poolisiin gaafatu dhorkuun(eeyyamuu dhiisuun) mirga wabii shakkamaa eeguu ni danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 29,59 fi 63;
#4ffaa,shakkamaan iyyata mirga wabii Mana Murtiitti dhiheeffachuun,Manni Murtii iyyata gaaffii mirga wabii dhiyaate Abbaa Alangaa yookiin qorataa poolisii deebii/yaada irratti kennisiisuun mirga wabii himatamaa eeguu ni danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 64.
✔Namni(shakkamaan) kamiyyuu too'annaa jala jiru tokko sa'aatii 48 keessatti Mana Murtii dhihoo jirutti mirgi wabii akka eegamuuf gaafachuuf mirga qaba.Manni Murtiis haqaaf jecha shakkamaa/nama too'annaa jala tursuun yoo barbaachise malee yookiin yakka ittiin shakkameef seerri mirga wabii kan dhoorku yoo jiraate malee mirga wabii eeguu qaba,Heera Mootummaa keewwata 19(3)(4)(6) fi seera deemsa falmii yakkaa keewwata 29(1) fi 64.
✔Mirga wabiitiin gadhiifamuun qajeeltoo yoo ta'u,yeroo muraasaaf too'annoo jala turuun haala addaati yookiin hambifannoodha.Haalli addaa kun dhiphatee hiikamuu qaba.
✔Nama yakkaa raawwachuutiin shakkamee too'annaa jala oolfame tokkoof mirgi isaa yookaan ishee jalqaba karaa Waajjira/Qajeelcha Poolisiitiin eegamuu danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 28.
✔Bu'uura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 28 tiin poolisiin wabiidhaan yoo gadi lakkisuu baate;Mana Murtiitti gaaffii mirga wabii barreeffamaan dhiheeffachuun ni danda'ama,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 64.
✔Shakkamaan yookiin iyyataan Mana Murtii sadarkaa kamittuu mirgi wabii akka eegamuuf gaafachuu akka danda'u,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 64(3) ifa taasiseera.
✔Shakkamaan mirga wabii Mana Murtii Aanaatti gaafatee,gaaffiin isaa kufaa yoo ta'e yookiin mirgi wabii kan dhorkame yoo ta'e;Mana Murtii sadarkaa itti aanutti ol'iyyannoo gaafachuuf mirga qaba,Heera Mootummaa keewwata 20(6).
✔Shakkamaan too'annaa jalaa akka gadi lakkifamuuf ajaja kenname irratti qaamni komii qabu Mana Murtii sadarkaa itti aanutti ol'iyyannoo gaafachuu ni danda'a.Hanga ol'iyyannoo gaafatutti ajaja Mana Murtii jalaa raawwachuuf/kabajuuf dirqama qaba.
👉#Mirgi_wabii_kan_gaafatamu:
#1ffaa,nama yookiin namoota ajaja Mana Murtii malee too'atamee/too'atamanii osoo Mana Murtii hin dhihaatin jiran bu'uura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 64 tiin mirgi wabii akka eegamuuf gaafachuuniidha.
🖋Namoonni adabbii Mana Murtii malee too'annaa jala jiran mirga bilisummaa qaamaa(Habeas Corpus) gaafachuu ni danda'u,Heera Mootummaa keewwata 19(4),fi seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 177.
🖋Mirga bilisummaa qaamaa irratti aangoo Mana Murtii ilaalchisee seerri deemsa falmii yakkaa keewwatni 15(2)(i) aangoo Mana Murtii Ol'aanaatti kan kenne yoo ta'u;Labsii Lakkoofsa 216/2011 immoo iyyata qaama bilisa baasuuf dhihaatu ilaaluuf aangoo abbaa seerummaa Mana Murtii Aanaa aangeessee jira.
#2ffaa,namoonni/namni yakkaan shakkamanii too'annoo jala jiran akkaataa seera deemsa falmii yakkaa keewwata 59(2) tiin yeroo beellamaa hanga guyyoota 14 gaafatame irratti yeroon beellamaa jalqabaas ta'e dabalataan kennamuun barbaachisaa miti,mirgi wabii akka naaf eegamu jechuun gaafachuu ni danda'u.
#3ffaa,namni yookiin shakkamaan/himatamaan Abbaan Alangaa himannaa irratti dhiheesse,dhaddacha yookiin shanacha irratti dhihaatee mirgi wabii akka eegamuuf gaafachuu ni danda'a.
https://t.me/Ijooseera

👍2