Kominikeeshinii Aanaa Geeraa
395 subscribers
163 photos
2 videos
2 files
52 links
Sirna kominikeeshiinii ammayyaa’aa, si’ataafi bu’a qabeessa ta’e diriirsuun mootummaafi ummata gidduutti yaa’insi odeeffannoo qulqulluu ta’e akka jiraatu taasisuuf
https://t.me/GComn2011
Download Telegram
#_Baga_Gammaddan_Baga_Gammanne.
================================
Gaaffiin Ummata Aanaa Geeraa Hoggansa Badhaadhinaatiin Deebii argateera.

Mootummaan Xiyyeeffannaa Guddaa hojii Misoomaaf kennee hojjataa jiruun Daandii Geeraa,Gommaaf naanoo kibba keesaa Aanaa Meddaabboo wol qunnamsiisu km 100 qarshii Biliyoona 3.7 Waggota Afran itti aanan keessatti ijaaramee xumuramuuf Dhaabbanni Raamaa konistiraakshinii fi ATD Federaalaa muddee 22/2013 Wolii galtee mallatteesanii jiru.

Imalli keenya Ida'amuu,Galmi Keenya Badhaadhina.
(WDHKMAG Amajjii 22/2013) Aanaa Geeraatti Gamaggamni Raawwii hojii Mootummaa fi Paartii ji'oottan jahan darbanii gaggeeffamaa jira.
=============================
Gamaaggama kanaan hojiiwwan Ji'oottan jahan darban keessatti gama mootummaa fi paartii akkasumas hojii guyyaa 15 keessa raawwatamaa turan ilaaluun ciminaa fi hanqinoota mul'atan adda baasuun kan irratti mari'atamu dha.

Marii kana irratti argamuun haasawa Baniinsaa kan godhan I/G ATG Godina Jimmaa Obbo Mashuu Baqqalaa fi Bulchaan bulchiinsa aanaa Geeraa Obbo Xaahir A/Firaa Hojiiwwan Ji'oota jahan Darban keessa Sochii hojii Aanaa keenya keessatti taasifamaa ture Daran Cimsuun Fedhii Hawaasa keenyaa Dhugoomsuun Karoora bara kanaa milkeessuuf Raawwii hojiiwwan keenyaa madaaluun Ciminaa fi Hanqina Jiran adda baasuun Xiyyeeffannaa addaatiin hojjachuun murteessaa akka ta'e dubbatanii jiru.

Gamaaggama raawwii hojii kana irrattis Gabaasni raawwii hojiiwwanii Seektaroota Hundaa,Gabaasni Hojii Paartii fi Hojii Guyyaa 15 dhiyaataa kan jira.
                             Aanaa Geeraatti Daawwannaan Hojii Misoomaa Taasifame.
                                  ===========================================
(WDHKMAG Gurraandhala 02/2013) Jiilli Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseeniin Durfamu Hojiiwwan misoomaa Aanaa Geeraa keessatti hojjatamaa jiran Daawwatee jira.

Mootummaan Xiyyeeffannoo Guddaa Fayyadamummaa Ummataa Guddisuuf kennee hojjataa jiruun Hojiiwwan Misoomaa Qonnaan Bultootni Hojjataa jiran hanga gandaatti gadi bu'uun  Daawwannaa taasisaa jiruun Aantummaa fi Quuqama Hawaasa keenyaaf qabu gochaan agarsiisaa jira.
 
Jiilli  kun Egaa Guyyaa harraa Aanaa geeraatti  hojiiwwan Misoomaa Aanichatti   Xiyyeeffannaa Guddaan itti kennamee hojjataamaa jiran kunneen keessaa
Hojii Buna Dulloomee gamashuu Hektr,kuma 1,387 fi Buna Goge Buqqisuu hekt,kuma 1,054 fi Hojii Misooma Bunaa Qonnaan Bultoota 240'n Hektaara 120 irratti kilaastera 6'n ijaaramee hojjatamaa jiru akkasumas Dhaabbii Bunaa Ganna Dhufuuf Biqiltuu Bunaa Mil.1,068,560 buufata biqiltuu shan keessatti  hojjatamaa jiru  fi Biqiltuu Ogiyoo kuma 71,963 Buufata biqiltuu shan keessatti biqilfamaa jiruu fi Biqilaa Avokaadoo akkasumas Maashina Ammayyaa Buna Muluqsu kan woldaa Qonna maraa Naannoo Caallaa Daawwatamee jira.

Hojii Misooma Bunaa Hojjatamaa jiruu Milkeessuufis Ministeerri Qonna Federaalaa obbo umar Huseen Hojii Waajjirichaa saffisiisuuf Deeggarsa Mootora lamaa akka taasisan waadaa galanii jiru.

Sagantaa kana irratti Hoggansi Federaalaa Ministeera Qonnaa,Daayayirikteera Bunaa fi Shaayii Fedeeraalaa fi Woldaa hojii gamtaa federaalaa irraa argamuun Sirni daawwannaa kun Gaggeeffamee jira.

===================================
 
Seeliin Waajjira Misooma BQQU Aanaa Geeraa jala Bultii koonfaransii paartii gaggeeffamuuf maree taasisan.
#_Hirmaattonni koonfaransii Paartii Kunis guyyaa harraa Ijaarsa Gamoo Paartii Badhaadhinaa Aanaa Geeraatiif Qarshii 124,470 Waada Galanii jiru.
leenjiin Jijjiirama Hunda Galeessaa fi Haala Qabatamaa Paablik Sarviisii irratti  Hojjattoota Mootummaaf kennamaa jira.
                          ==========================
(WDHKMAG,Gurraandhala 08/2013) Leenjiin kun kenna tajaajilaa saffisiisuu fi jijjiirama akka biyyaatti argame karaa milkaa'ina qabuun itti fufsiisuun jijjiirama itti aanuuf of qopheesssuu jedhu irratti hojjattoota mootummaaf  kennamaa jira .

Bulchaan Aanaa Geeraa obbo Xaahir A/Firaa Haasaa Saaqiinsaa taasisaniin Paablik sarvaantii cimaa Miira Tajaajiltummaa Goonfate uumuun,kenna Tajaajilaa Fooyyessuun itti Quufiinsa maamilaa fiduuf Murteessaadha jedhan.

Jijjiirama hunda galeessaa fi Haala Qabatamaa Paablik Sarviisii irratti kan xiyeeffatu yemmuu ta'u,Guyyootabsadan itti aananiif leenjiin kun kan itti fufu ta'uun ibsamee jira.
Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin Imbaasii Ityoophiyaa Ankaaritti ijaarame eebbisan

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2013 (FBC)- Imbaasiin Ityoophiyaa Tuurki Ankaaraatti ijaarame guyyaa har’aa ebbifameera. Sirna eebbaa kanarratti Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonninii fi Ministirri Dhimma Alaa Tuurki Meevuuluut Kaavuusoogiluu argamaniiru. Imbaasichi dhagaan bu’uura isaa preezdaantii duraanii Mulaatuu Tashoomaan kaa’amee waggoota arfan darbaniif ijaarsa irra ture. Ministirri Dhimma Alaa Tuurki Meevuuluut…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/ministirri-dhimma-alaa-obbo-dammaqaa-mokonnin-imbaasii-ityoophiyaa-ankaaritti-ijaarame-eebbisan/
Forwarded from FBC Afanoromo
Godina Jimmaatti dhaabbiilee fayyaa hawwataa fi miidhagaa taasisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2013 (FBC)- Godina Jimmaatti dhaabbiilee fayyaa hawwataa fi miidhagaa taasisuuf hojjetamaa jira Godinichatti hojiin dhaabbilee fayyaa miidhagsuu bara darbe buufatalee fayyaa 63 fi hospitaaloota 4 keessaatti hojjetamu kan eegale. Hojichi bu’a qabeessa ta’uu isaatiin walqabatee yeroo ammaa aanolee godichaa 21 keessatti buufatalee fayyaa 121 fi hospitaaloota 8 keessatti hojjetamaa jiraachuu isaati kan…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/godina-jimmaatti-dhaabbiilee-fayyaa-hawwataa-fi-miidhagaa-taasisuuf-hojjetamaa-jira/
Forwarded from FBC Afanoromo
Dooktar Abiy Ahimad sagantaan ‘Maaddii Biyyaa’ bifa egziibiishinii akka dhiyaatuuf qaamolee tumsa taasisaan galateeffatan

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2013 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad sagantaa ‘Maaddii Biyyaa’ har’a gaggeeffamuuf qaamolee ibsa ga’umsaalee 3 bifa egziibiishinii akka dhiyaatuuf tumsa taasisaan galateeffataniiru. Dooktar Abiy fuula Feesbuukii isaaniitin akka ibsanitti, yeroo dheeraaf hawwiin eegamaa kan tureefi har’a kan gaggeeffamuu sagantaan ‘Maaddi Biyyaa’ qaamolee bifa egziibiishinii akka dhiyaatuuf tumsa taasisaan galateeffataniiru. Heddummina…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/dooktar-abiy-ahimad-sagantaan-maaddii-biyyaa-bifa-egziibiishinii-akka-dhiyaatuuf-qaamolee-tumsa-taasisaan-galateeffatan/
Imala Badhaadhinaa Maatii Mirkaneessuuf hojjatamaa jira

Mootummaan Naannoo Oromiyaa imala badhaadhinaa maatii mirkaneessuu keessatti dhimmoottan gurguddoo xiyyeeffannoon hojjatamaa jiran keessaa Diinagdee biyyaa qixa sirrii ta’een karaa biyya jijjiiruu danda’uun hojjachaa kan jiruudha.Sochii fooyya’iinsa diingdee fiduu keessatti inni guddaa fi inni duraa nyaatan of-danda,uun iddoo olaanaa kan qabatuudha.

Haaluma Kanaan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuf yeroo ammaatti xiyyeefannoon guddaan itti kennamuun qonnaan bulaa naannoo Oromiyaa kilaastaraan ijaaruun, makaanayzeeshinii irratti xiyyeeffachuu , sanyii filatamaa babal’isuun,meeshalee galtee midhaaniitiif haala mijeessuu fi kanneen akka kombaaynaraa dhiyeessuun sochii daandii guddina diinagdee abdii namatti horu mul’achaa jira.

Badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuu keessatti inni itti aanuu oomisha biyya alaati galan biyya keessan bakka buusuu yoo ta’u, inni kun immoo baasii maallaqa bu’aa biyyaa keessaf ooluu danda’uu waggaatti bahu hambisuun guddinnaaf oolchudha.

Diinagdee biyyaa ijaarun badhaadhina hunda hammataa fi tarkaanfataa ta’e daran lafa qabsiisuuf oomisha al-ergiif oolan irrattin xiyyeeffachuun hojjatamaa kan jiruudha.

Oomishni al-ergiif oolan biyya keessatti baay’inaa, qulqullinaa fi yeroo isaatti oomishuun rakkoo gama sharafa alaatin jiru furuu keessatti iddoo olaanaa kan qabu waan ta’eef Sochiiwwan taasifamaa jiran milkeessuun biyya badhaate ijaaruf eeggatummaa rooba jalaa bahuun haalota jiratti fayyadamuun murteessadha. Kanuma dhugoomsuuf Mootummaan naannoo Oromiyaa misooma jallisiitti gargaaramuun Qamadii jallisiin iddoowwan garaa garaa duraan oomisha qamadii tif hin baratamne irratti oomishuun muuxannoon gaarin argamuu danda’eera.

Haaluma Kanaan bara kanatti kallattiidhan misooma jallisii irratti kaayyefachuun Godinaalee Oromiyaa Misooma Jallisiif oolan irratti hojiin misooma qamadii fi kan biroo irratti hojjatamaa kan jiru yoo ta’u Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaattis Qamadiin Jallisiidhan Misooma jiru sadarkaa gaarirratti argama. Imala badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf hunduu xiyyeeffannaan socho'uun gahee ofii bahachuun murteessadha.
         GURMUUN HOJJANNEE BADHAADHINA DHUGOOMSINA!
         ===============================================
(WDHKMAG,Gurraandhala 27/2013) Aanaa Geeraatti Dargaggootni woldaan Gurmaa'anii   Lafa hekt,14 ol irratti Jallisii  Hojjataa turan Omisha isaanii Wolitti qabaa jiru.

Mootummaan xiyyeeffannaa Guddaa Hojii Dahabeeyyii Hojiitti galchuun Fayyadamummaa Dargaggootaa Gama hundaan akka mirkanaa'uuf hojii qindoominaa cimaa hojjatameen  Dargaggootni Ganda Qollaa Qimbiibiit Woldaan ijaaramanii Jallisii aadaan lafa hektaara 11 ol irratti Kuduraalee garaa garaa misoomsaa turan bu'aa isaanii wolitti qabaa jiru.

Dargaggoonni  kunis Hojii jallisii kanaan Shunkurtii (Qullubbii )Diimaa lafa hek,5 Qullubbii adii lafa  hekt,3 Raafuu maraa lafa  hekt,...3.5 Moosee lafa hekt,.3 wolii gala lafa hektaara 14.5 irratti Dhiira 12 fi Dubara 8 woliigala  miseensota  20'n Gurmaa'anii  misoomsaa turan keessaa guyyaa harraa Shunkurtii diimaa sassaabaa jiru.

Dargaggoonni Bu'aa Dadhabbii isaanii wolitti qabaa jiran kunis Yaada nuu..
SASAABBIIN OMISHA QAMADII ITTI FUFEE JIRA
=======================================
(WDHKMAG,Gurraandhala 27/2013)Aanaa Geeraatti Sassaabbiin Qamadii karaa qinda'een itti Fufee jira.

Bara kana Mootummaan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuf   xiyyeefannoon guddaan itti kennamuun qonnaan bulaa kilaastaraan ijaaruun,sanyii filatamaa babal’isuun Badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf Yeroo  itti aanuu oomisha Qamadii biyya alaati galu biyya keessan bakka buusuuf Qindoominaan Hojiin Hojjatamaa ture Bu'aan isaa wolitti qabamaa jira.

Haaluma kanaan Bara kana Aanichatti  Qamadii Jallisii Hektaara 1,428 Gandoota aanichaa 15 keessatti Misoomaa ture Rooba Tibbanaa Jalaa Baasuuf Karaa qindaa'een sassaabamee Calleeffamaa jiraachuu I/G W/ra. MQQU Aanaa Geeraa obbo Abdulaziiz Jamaal Dubbatanii jiru.

Qonnaan Bultootni Qamadii Jallisiin Calleessaa jiran yaada Kaasaniin  Qamadii Jallisiin Qotuun Callaa Gaarii wolitti qabaa jiraachuu ibsuun Omisha itti aanuuf lafa qopheessuuf Ciminaan hojjataa akka jiran dubbatanii jiru.
Forwarded from Personal Development
#MinistryOfPeace

Ministeerri Nageenyaa dargaggoota tola ooltootaa biyyaalessaa kuma 10 Marsaa duraan leenjisaa ture eebbisiisee.

Sirna eebbaa paarkii michummaatti gaggeeffameerratti Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa argamaniiru.

Dargaggoonni kunneen tajaajila tola ooltummaa biyyaalessaa hawaasaa laachuu Kan isaan dandeessisu guyyoota 45f leenjii fudhachuu isaanii ibsameera.

Dargaggoonni dhaabbilee barnootaa olaanoorraa eebbifaman fedhii isaaniin tajaajila tola ooltummaa biyyaalessaa laachuuf leenjii fudhatan baatiwwan kurnan dhufan kutaalee biyyattii hundaatti tajaajila laachaa turu jedhameera.

Tajaajilli tola ooltummaa biyyaalessaa hawaasaa kun marsaan itti aanuu kan gaggeeffamu ta’uu Ministeerri Nageenyaa beeksiiseera.

Maddi:- FBC
@GADAAMAGAZINE
@GADAAMAGAZINE
Deeggarsa SGQ/AGP-II tiin Ijaarsi Piroojektii Qarshii Mil,16 ol ta'uun  Hojjatamaa jiru Daawwatame.
====================================================
(WDHKMAG,Gurraandhala 28/2013)Aanaa Geeraatti Deegarsa Sagantaa Guddina Qonnaa (AGP-II) Marsaa 2ffaatiin Ijaarsi Piroojektii Jallisii Giichoo Qarshii Mil,16.24'n ijaaramaa Jiraachuu I/G w/ra Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Aanaa Geeraa obbo Abdulaziiz Jamaal dubbatanii jiru.

Jallisiin Deeggarsa Sagantaa Guddina Qonnaa marsaa 2ffaa kanaan Hojjatamaa jiru kunis yeroo Xumuramu Ganda Tumaa Xessoo gi Sadii Liooyyaa keessatti Lafa hektaara 80 kan Misoomsu yemmuu ta'u Abbaa worraa 150 ol fayyadamaa ni taasisa jedhamee yaadama.

Pirojektiin  Hojjatamaa jiru  Qulqullinaa fi Siyoominaan Hojjatamee Tajaajilaaf akka oluuf  bakkichatti argamuun  jajjabeessuun murteessaadha jedhan obbo Abdulaziiz.
Aanaa Geeraatti Biqiltuun Mil,15 ol ta'uu Ashaaraa Magarisummaa Gannaatiif  Qophaa'uun  ibsamee jira.
==========================================================
(WDHKMAG,Bitootessa 01/2013)Aanaa Geeraatti Sirna Ashaaraa Magariisummaa Ganna Dhufuu Milkeessuuf Biqiltuun Mukkeen garaa Garaa mil,15 ol ta'u Buufata Biqiltuu Mootummaa fi Dhuunfaatti qophaa'aa jiraachuun W/ri MQQU Aanichaa ibsee jira.

Aanichatti bara kana Sirna Ashaaraa Magarisummaa Ganna dhufuutiif Qophii Taasifamaa jiruun Biqiltuun Muduraa adda addaa,Bosonaa,Biqiltuun eegumsa Biyyoo fi Bishaanii,Nyaata horii hunda galeessa of keessaa qaban Mil,15,100,000 ta'u Buufata Biqiltuu Mootummaa fi Dhuunfaa 362 keessatti Haala gaariin qophaa'aa jiraachuu I/G W/ra MQQU Aanichaa Obbo Abdulaziiz Jamaal Dubbatanii jiru.

Qophii Ashaaraa Magarisummaa kanaaf taasifamaa jiru kanas Buufata Biqiltuu Waanjaatti argamuun Sadarkaa inni erra jiru ilaaluun hojjattoota Buufatichaa kunuunsa Biqiltuu irratti argaman jajjabeessanii jiru.

#_Odeeffannoo Dabalataaf karaa......

#_  Fb.page.....Gera woreda Ciommunication
#_  Telegraamii... https://t.me/GComn2011
#_ Fb.Progile...Kominikeeshinii Aanaa Geeraa