Kominikeeshinii Aanaa Geeraa
389 subscribers
163 photos
2 videos
2 files
52 links
Sirna kominikeeshiinii ammayyaa’aa, si’ataafi bu’a qabeessa ta’e diriirsuun mootummaafi ummata gidduutti yaa’insi odeeffannoo qulqulluu ta’e akka jiraatu taasisuuf
https://t.me/GComn2011
Download Telegram
Baga Gammaddan, Baga Gammanne!

Muummeen Minsteerotaa Itoophiyaa
Dr.Abiy Ahimad bara 2018 A.L.Atti Afriikaa keessatti gama siyaasaa fi gaggeessummaatiin namoota dhiibbaa uumuu danda'anu jedhamanii filatamaniiru.baga gammaddan.

እንኳን ደስ አላችሁ፣እንኳን ደስ አለን።

ጠ/ሚንስትር ዶ/ር አብይ አህመድ በ2018 በአፍሪካ ውስጥ በፖለቲካና አመራርነት ዘርፍ ምርጥ ተፅዕኖ ፈጣሪ ሰው ተብለው ተመረጡ፣
Tapha kilaboota Liigii Oromiyaa Torban 2ffaa'n Geeraa Shanan Gibee Injifannoon Goolaban..
=====================================
Jaalattootaa fi Deeggartoota Ispoortii Aanaa Keenyaa hundaaf Baga Gammaddan Baga Gammanne Kilabiin Keenya Geeraa shanan Gibee ammas abbaa injifannoo ta'ee jira.

Sadaasa 23/2011 Waldorgommii kubbaa Miilaa Kilaaboota liigii oromiyaa irratti hirmaataa kan jiru kilabiin Geeraa Shanan Gibee tapha torbee 2ffaa guyyaa harraatiin dirree isaatti Kilabii Sadan Sooddoo 1:0'n injifatee jira

Kilabiin Geeraa shanan Gibee Tapha liigii Torban Jalqabaatiin akkuma Injifannoon Eegale Guyyaa harraas tapha torban 2ffaatiinis Wol morkii Cimaa Kilabii Sadan Sooddoo Gidduutt taasifamaa tureen Kilabiin Geeraa Shanan Gibee Adabbii Cimaa argateen Rukuttaa peenaalitii Taphataan Amiir Bazzaabbii rukutee Galchii lakkoofsiseen Gareen kun Injifannoon Xumuranii jiru.

Egaan Tapha Kilaboota Liigii Oromiyaa torban 2ffaa kana Bulchaa Bulchiinsa Aanaa obbo Xaahir A/Firaa Dabalatee Hoggansi Aanaa fi Jaallattoonni ispoortii bakka Argamanitti Tapha kana eegalchiisanii jiru.

Injifannoo aragame kanaaf Deeggarsii Jaalattootaa fi maatiiwwan Ispoortii Dirree Harootti argamuun taasisaniin kilabiin keenya injifannoon akka xumuru gochuu keessatti gahee guddaa bahataniiru.

Gareen keenya Geeraa shanan Gibee torban dhufu tapha Kilabii Qarsaa Maallimaa woliin Dirree isaa irratti keessummeessufis Gamanumaan Qophaa'uun Abbaa injifannoo ta'uuf kilabiin keenya Ciminaan kan hojjatu ta'uu I/G W/ra Ispoortii Aanaa Geeraa Obbo Musxafaa Zinaab Dubbatanii jiru.
Baga Gammaddan Baga Gammanne
===============================$$
Tapha Liigii Oromiyaa Torbee 3faatiin Geeraa shanan Gibee 6:1Qarsaa Maallimaa injifatee jira.

Tapha torbee 3ffaa kilaboota Liigii Oromiyaa Sadaasa 30/2011 kilabiin Geeraa shanan Gibee Dirree isaa irratti Kilabii Qarsaa Maallimaa woliin Taphataa tureen abbaa injifannoo ta'e.

Tapha guyaa harraa taasifameen Taphataan Geeraa shanan Gibee Habtaamuu Naasir Goolii 3,Antene Naasir goolii 1 akkasumas Tasfaahun Worquu goolii 2 galchuun Geeraan Goolii 6 fi 1n injifatee jira.

tapha kana irrattis wol morkiin guddaan keessatti taasifamaa ture Injifannoo Geeraa shanan Gibeetiin Goolaba argatee jira.

kilabiin Keenya Geeraa shanan Gibee tapha torban 4faatiin kilabii Ammayyaa woliin Dirreen alatti taasisu Injifachuuf Shaakallii isaatti Cimuu akka qabu I/G Waajjira Ispoortii Aanichaa Obbo Musxafaa Zinaab Dubbachuun Jaalattootaa fi Maatii Ispoortii Cinaa Ispoortessitoota keenyaa Dhaabbachuun Haamileen Humna ta'anii Injifannoo kana akka goonfataniif ga'ee isaanii ba'an Galatoomfatanii jiru.
Jaallattootaa fi Maatiiwwan Ispoortii Aanaa Geeraa hundaaf.

Baga Gammaddan Baga Gammanne Kilabiin Keenya Geeraa shanan Gibee Tapha torbee 4ffaa kilaboota liigii Oromiyaa Dirree isaan alatti kilabii Shawaa kibba lixaa Ammayyaa woliin taasiseen Geeraa shanan Gibee 2 fi 1 'n Abbaa injifannoo ta'uun xumuree jira.
#_BAGA_GAMMADDAN_BAGA_GAMMANNE
                🏆🏅🏆🏅🏆🏅🏆🏅🏅🏆🏅🏆🏆🏅🏆🏅🏆🏅
#Kilabiin Geeras Shanan Gibee Tapha Moo'aa Mo'attootaaf (Tornament) Darbuu isaa Mirkaneeffatee jira.Tapha Liigii
#_Baga_Gammaddan_Baga_Gammanne.
================================
Gaaffiin Ummata Aanaa Geeraa Hoggansa Badhaadhinaatiin Deebii argateera.

Mootummaan Xiyyeeffannaa Guddaa hojii Misoomaaf kennee hojjataa jiruun Daandii Geeraa,Gommaaf naanoo kibba keesaa Aanaa Meddaabboo wol qunnamsiisu km 100 qarshii Biliyoona 3.7 Waggota Afran itti aanan keessatti ijaaramee xumuramuuf Dhaabbanni Raamaa konistiraakshinii fi ATD Federaalaa muddee 22/2013 Wolii galtee mallatteesanii jiru.

Imalli keenya Ida'amuu,Galmi Keenya Badhaadhina.