Kominikeeshinii Aanaa Geeraa
397 subscribers
163 photos
2 videos
2 files
52 links
Sirna kominikeeshiinii ammayyaa’aa, si’ataafi bu’a qabeessa ta’e diriirsuun mootummaafi ummata gidduutti yaa’insi odeeffannoo qulqulluu ta’e akka jiraatu taasisuuf
https://t.me/GComn2011
Download Telegram
Milkaa'ina hojii Bara 2011'f Sirni Hordoffii fi Deeggarsaa taasifamee jira.

Hojii Bara 2011 karoorfanne milkeessuuf waajjirri Dhimmoota kominikeeshinii Godina Jimmaa Sirna hordoffii fi Deeggarsaa kurmaana 1ffaa gaggeessee jira.

Sirna Hordoffii kana kan gaggeessan obbo Seefuu Isheetee cheekliistii Abbaa Qabxii 3'ii irratti bu'uureffachuun sirni hordoffii fi Deeggarsaa kurmaana 1ffaa taasifamee jira.

1.Qophii karooraa Hojii,kan ijaaramaa irratti
2.Hojii ijoo Adeemsa kenniinsa odeeffannoo mootummaa karooraa fi Raawwii fi
3.Adeemsa Qorannoo yaada ummataa irratti karooraa fi Raawwii ilaaluun ciminaa fi Hanqina jiru ilaaluun kallattiin fuula duraa irratti Hoggamtootaa fi ogeessota waajjiraa woliin mareen taasifamee jira.

Maree kanaanis hojiiwwan foyyee qaban itti fufsiisuun bakka hanqinni jirutti fooyyeffachuu akka nurra jiraatu ilaaluun irratti wolii gallee jirra.
Kilabiin Kubbaa Miilaa Geeraa Shanan Gibee Tapha Torbee 4ffaa Dirree isaan Alatti taasisuuf Imala isaa eegalee jira.
=====================================
Tapha Kubbaa Miilaa Kilaboota Liigii Oromiyaa Bara kanaa irratti hirmaataa kan jiru kilabiin Geeraa shanan Gibee Taphoota torban 3'n Darban Dirree isaa irratti taasiseen injifachuun qabxii 9 kan qabu Tapha torban 3ffaatiin Dirree isaatiin Ala ba'uun tapha isaa kilabii Ammayyaa woliin gaggeessuuf imala isaa guyyaa harraa eegalee jira.

Egaan Kilabiin keenya Geeraa Shanan Gibee Taphoota Liigii Oromiyaa Bara kanaa keessatti tapha hanga yoonaa taasiseen Ramaddii isaa keessaa sadarkaa tokkoffaan kan dursaa jiru Geeraa shanan Gibeen Tapha isaa Amajjii 07/2011 Ammayyaatti taphatu irrattis injifannoon deebi'uuf Shaakallii Cimaa taasisaa turee imala isaa eegalee jiruuf Waajjirri Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Aanaa Geeraa Kilabii keenya kanaa woliin Bakkichatti argamuun Odeeffannoo isiniin ga'uuf ispoortessitoota keenyaa woliin imaleetiin jira.

kanaaf w/rri Bulchiinsa Aanaa Geeraa fi w/rri Dhimmoota kominikeeshinii Aanaa Geeraa Kilabii keenya kun Injifannoon akka Deebi'uuf Hawwii qabu ibsee jira.

***Carraa Gaarii*********
Sirni Hordoffii fi Deeggarsaa taasifamu hojii itti aanu milkeessuu keessatti gahee guddaa qaba.
---------------------------------
(WDHKMAG Muddee 16/2011) Aanaa Geeraatti Hojii Bara 2011 hojjachuuf karoorfame milkeessuuf waajjirri Dhimmoota kominikeeshinii Godina Jimmaa Sirna hordoffii fi Deeggarsaa kurmaana 2ffaa gaggeessee jira.

Sirna Hordoffii fi Deeggarsaa kana kan gaggeessan Aadde Alem cheekliistii Abbaa Qabxii 3'i irratti bu'uureffachuun sirna hordoffii fi Deeggarsaa kurmaana 2ffaa taasisanii jiru.
Qabxiiwwan kunis:-
1.karooraa Hojii Mootummaa fi ijaaramaa irratti
2.Hojii ijoo Adeemsa kenniinsa odeeffannoo mootummaa karooraa fi Raawwii fi
3.Hojii Adeemsa Qorannoo yaada ummataa irratti karooraa fi Raawwii ilaaluun ciminaa fi Hanqina jiru ilaaluun kallattiin fuula duraa irratti Hoggantootaa fi ogeessota waajjiraa woliin mareen taasifamee jira.

Maree kanaanis hojiiwwan foyyee qaban itti fufsiisuun bakka hanqinni jirutti fooyyeffachuu akka nurra jiraatu ilaaluun irratti wolii galamee jira.

Dhuma irrattis Hojii akka waajjira Dhimmoota kominikeeshinii Milkeessuuf hoggansi aanaa Deeggarsa barbaachisaa akka gochuu qabuuf Aadde Alem Itti Bulchaa obbo Ahmad Ashim woliin Deeggarsa Waajjirichaa taasifamuu qabuu fi meeshaalee Jara barbaachisuu akka guutamuu qabu irratti marii taasisan.

***Bara Hojii Gaarii!******
HUBANNOOF
TAATEEN BU'UURA HAWAASUMMAA MAAL?
                  ---------------------------------
Biyyi Tokko Karoora Misoomaa ,Diinagdee fi Siyaasa  Qopheeffachuun  ummata tajaajiluuf Ragaalee Bu'uura Hawaasummaa Waqtaawaa fi Ammayyaawaa qabaachuun dhimma murteessaadha!

Ragaalee bu'uura hawaasummaa kanneen jedhaman kan akka dhalootaa ,du'aa,gaa'ila hundeesuu fi gaa'ila karaa nagaan(seeraan  dhaabuu ykn diiguu)addaan kutuu yemmuu ta'an battala isaan mudatanitti sirnaan galmeessanii tajaajila seera qabeessaaf oolchuun dhimma murteessaa fi barbaachisaa ta'uu isaa irraa  kan ka'een Ejensiin galmeessa ragaalee bu'uura hawaasummaa oromiyaa bu'uura labsii mootumma federaalaa lakka 760/2004 dambii lakka 169/2006AlH kan hundeeffame yemmuu ta'u xumura bara 2007ALH irraa eegalee hojiitti galee jira .

Naannoo keenya keessatti sirna galmeessa ragaalee bu'uuraa hawaasummaa waqtaawaa fi ammayyaawaa ta'e diriirsuu fi ragaa qaama kamiyyuu biratti fudhatama qabu qulqullinaan galmeessuu,qindeessuu fi mijeessuun imaammataa fi tarsimoo misoomaa Naannoo fi Biyyaa keenyaa karaa guutuu ta'een bocuu fi faayidaa hawaasaaf hojiirra oolchuun lammileen mirgaa fi bilisummaa heeraa fi seera naannoo fi biyya keenyaan kennameefitti kallattiin fayyadamoo akka ta'aniif kan gargaaruudha.

kana malee ragaaleen galmaa'an madda odeeffannoo tarsimoo fi imaammata misooma siyaas dinagdee ,hawaasummaa ,nageenyaa,fi bulchiinsa gaarii ta'uu dhaan hudhaalee gufuu misoomaa, bulchiinsa gaarii hiikuu fi olaantummaa heeraa fi seeraa kabachiisuu fi mirkaneessuun ummanni kallattii maraan itti fayyadama imaammataa fi tarsimoo siyaas dinagdee misoomawaa akka ta'u gochuu keessaatti galmeessi ragaalee taatee bu'uura hawaasummaa qulqullina isaa eeggate hundaa ol murteessaa dha.

Kanaaf mootummaan misoomawaa fi dimookiraatawaa tajaajila bulchiinsaa kennu keeasatti
hirmaannaa ummataa hunda galeessa ta'e uumuun rakkoolee bulchiinsa gaarii hiikuuf ragaaleen bu'uura hawaasummaa waqtaawaa fi qulqullina qabu galmaa'ee tajaajila /faayidaa hawaasaaf madda odeedfannoo bu'uuraa akka ta'uuf galmeessi ragaa bu'uuraa akka raawwatu haal-dureen mijataa jira.

Kana irraa ka'uun qaamni ulaagaan dhimmi kun ilaallatu hundi ragaa /odeeffannoo dhugaa fi qulqullina qabu yeroo gaafatametti bakka galmeessa ragaaleef qaamoleen mootummaa gaafatametti ykn buufata galmeessa ragaalee bu'uuraaf mijatetti  kennuu ( galmeesisuuf dirqama fi gahee seeraan kenname waan ta'eef yeroo barbaadametti bahachuun galmeesisuun barbaachisaadha.
Kutaa Itti Aanuun hanga woliitti Deebinutti Nagayaan.
Geeraa,Eebila 14/2011
Kabajamtoota Hordoftoota page waajjira keenyaa Odeeffannoo Taateewwan Galmeessa Ragaa Bu'uuraa irratti  Kutaa kutaan akka Dubbisaaf ta'utti qoqqodnee isin biraan ga'aa turuun kee
Hiriirri gocha gantummaa biyyaa juuntaa ABUT balaaleffatu magaalaa Aggaarootti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC)- Hiriirri gocha gantummaa biyyaa juuntaa ABUT balaaleffatu magaalaa Aggaarootti gaggeeffamaa jira. Jiraattoonni magaalaa Aggaaroo fi naannoo isheerra walitti babba’an dhaadannoo Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaruu fi gocha gantummaa biyyaa juuntaa ABUT balaaleffatu qabatanii bahaniiru. Tarkaanfiin Raayyaan Ittisa Biyyaa garee kana irratti fudhachaa jiru akka deeggaran hirmaattooni hiriirichaa ibsaniiru. Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/hiriirri-gocha-gantummaa-biyyaa-juuntaa-abut-balaaleffatu-magaalaa-aggaarootti-gaggeeffamaa-jira/
Odeeffannoo Garaa Garaa argachuuf
https://t.me/Gcomn2011
Telegramii=Kominikeeshinii Aanaa Geeraa
Fb=Waajjira Dhimma kominikeeshinii Aanaa Geeraa
Forwarded from FBC Afanoromo
Mariin siyaasaa sadarkaa olaanaa dhimmoota daangaa Ityoo-Sudaan 2ffaa Sudaan Kaartuumitti har’a ni eegala

Finfinnee, Muddee 13, 2013 (FBC) -Mariin siyaasaa sadarkaa olaanaa dhimmoota daangaa Ityoo-Sudaan 2ffaa Sudaan Kaartuumitti har’a ni eegala. Mariin siyaasaa sadarkaa olaanaa dhimmoota daangaa Ityoo-Sudaan 2ffaa Sudaan Kaartuumitti guyyaa har’a ni eegala. Lammiileen lamaan waloon dhimmoota waqtaawaa naannoo daangaa ilaalchisuun ni mari’atu. Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa. Karaa…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/mariin-siyaasaa-sadarkaa-olaanaa-dhimmoota-daangaa-ityoo-sudaan-2ffaa-sudaan-kaartuumitti-hara-ni-eegala/
Aanaa Geeraatti Biqiltuun Mil,15 ol ta'uu Ashaaraa Magarisummaa Gannaatiif  Qophaa'uun  ibsamee jira.
==========================================================
(WDHKMAG,Bitootessa 01/2013)Aanaa Geeraatti Sirna Ashaaraa Magariisummaa Ganna Dhufuu Milkeessuuf Biqiltuun Mukkeen garaa Garaa mil,15 ol ta'u Buufata Biqiltuu Mootummaa fi Dhuunfaatti qophaa'aa jiraachuun W/ri MQQU Aanichaa ibsee jira.

Aanichatti bara kana Sirna Ashaaraa Magarisummaa Ganna dhufuutiif Qophii Taasifamaa jiruun Biqiltuun Muduraa adda addaa,Bosonaa,Biqiltuun eegumsa Biyyoo fi Bishaanii,Nyaata horii hunda galeessa of keessaa qaban Mil,15,100,000 ta'u Buufata Biqiltuu Mootummaa fi Dhuunfaa 362 keessatti Haala gaariin qophaa'aa jiraachuu I/G W/ra MQQU Aanichaa Obbo Abdulaziiz Jamaal Dubbatanii jiru.

Qophii Ashaaraa Magarisummaa kanaaf taasifamaa jiru kanas Buufata Biqiltuu Waanjaatti argamuun Sadarkaa inni erra jiru ilaaluun hojjattoota Buufatichaa kunuunsa Biqiltuu irratti argaman jajjabeessanii jiru.

#_Odeeffannoo Dabalataaf karaa......

#_  Fb.page.....Gera woreda Ciommunication
#_  Telegraamii... https://t.me/GComn2011
#_ Fb.Progile...Kominikeeshinii Aanaa Geeraa
Oolmaa Gabaa Ayyaanaa Guyyaa har'aatiin Gatii horii  fi meeshaalee gara garaa irratti Waajjirri Daldalaa Fi Misooma Gabaa Aanichaa odeeffannoo Gabaa  beeksise.
==========================
Aanaa Geeraatti Ayyaana Qillee  sababeeffachuun Waajjirri Daldalaa Misooma Gabaa oolmaa gabaa ayyaanaa ilaalchisee odeeffannoo sassaabe akkaataa armaan gadiitiin nu qaqqabsiisee jira.

https://www.facebook.com/100028996862050/posts/707553176887905/