Kominikeeshinii Aanaa Geeraa
389 subscribers
163 photos
2 videos
2 files
52 links
Sirna kominikeeshiinii ammayyaa’aa, si’ataafi bu’a qabeessa ta’e diriirsuun mootummaafi ummata gidduutti yaa’insi odeeffannoo qulqulluu ta’e akka jiraatu taasisuuf
https://t.me/GComn2011
Download Telegram
          Gaazexaa Bariisaa sadarkaa ummanni Oromoo barbaadutti guddisuuf
                                          xiyyeeffannaan kenname.
                  =============================================

Dhaabbata pireesii Itoophiyaatiin torbanitti al tokko maxxanfamaa kanturte Gaazexaan Bariisaa hawwattummaafi qabiyyeesaa fooyyessuun sadarkaa ummanni Oromoo barbaadutti guddisuuf xiyyeeffannaan kennamee riifoormiin hojjetamaa akka jiru dhaabbattichi beeksise.

Marii paanaalii Gaazexaa Bariisaarratti xiyyeeffachuun har'a Finfinneetti qophaa'eerratti haasaa baniinsaa kan taasisan hojii gaggeessaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa Obbo Getinnat Taaddasaa akka jedhanitti ji'oottan jaha darbanitti riiformii hojiilee Gaazexaa  foyyeessan gaggeeessuun jijjiiramoonnii gama qabiyyeefi dizaayiniitiin galmaa'an jajjabeessoo turan.

Har'as sagantaan marii paanaalii Gaazexaa Bariisaarratti qophaahe gaazexicha tamsaasaan dabaluun qabiyyeefi dizaayiiniitiin hawwataa taasisuuf Oromoo hundinu gahesaa akka bahatuuf yaadameti jedhaniiru.

Walitti qabaan Boordii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa Obbo Kaasaahuun Gofee gamasaanitiin Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa gaazexawwan isa jalatti maxxanfaman qabiyyeefi dizaayininsaa hawataa dubbifama taasisuuf hojiileen hojjechaa jiru jajjabeessaadha jedhaniiru.

Gaazexaan Bariisaas haaluma walfakkatuun qabiyyeefi dizaayiiniitiin hawwataa taasisuun mootummaan kan ergasaa ittiin dabarsu otoo hin taane, ummanni Oromoo kan itti ergaasaa dabarfatu, ittiin dubbatuufi ittiin boonu taasisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Gara fuuldurattis sadarkaa gaanfa Afriikaatti dubbifamaa akka ta'uuf ummanni Oromoo hundinuu gaheesaa bahachuu akka qabu dhaamaniiru.

Sagantaa marii Kanarratti haasaa kan taasisan kan biroon Doktar Diimaa Nagawooti. Isaanis hundeessitoota gaazexichaa keessaa isaan tokkodha.Akka Dr.Diimaan dubbatanitti,- Bariisaafi warraqsi siyaasa Oromoo wal qabata.
- Dhaaba Oromoo hundeessuuf gahee guddaa bahateera.
- Afaan Oromoo guddisuuf bakka Olaanaa qaba.
- Qubee Saabaatiin eegalame.
- Hacuuccaan mootummoota darbanii irra tureera. Kanaaf kana booda ummanni Oromoo hundinu guddinasheef ciminaan hojjechuu qabu jedhaniiru.

Gaazexessaan Bariisaa duraanii Mahaammad Ahmad (Qophee) gamasaaniin, gaazexaan kun seenaafi qabsoo meeqa keessa darbe as gaheera jechuun

- Qabsoo Oromoo gurmeessuufi leellisuuf gahee guddaa taphateera.
- namootni bebbekamoo kanneen akka Tasfaayee Aagaa, Luba Guddinaa Tumsaa, Huseen Adamiifi kkf irratti hirmaataniiru.

Kanaaf gaazexaa seenaa qabeessa ta'e kana kunuunsuu fi guddisuun gaheefi itti gafatamummaa ummata Oromooti jedhaniiru.
Hirmaattonni marii kanaas"Gaazexaan bariisaa kufuuf jedha, osoo hin kufiin dura abbaan Bariisaa qaqqabadhaa jettanii nu waamu keessaniif galatoomaa" jedhanii,

- Bariisaan har'a bari'eef
- Guddina Bariisaaf jaalalaan otoo hin taane dirqamatu nurra jira.
- Oromoon waajjira federaalaa galee hojjetu Oromummaasaa gatee miti.
- Gareen Bariisaa bilisa baasu hundaa'uu qaba.
- Fedhii ummataarratti xiyyeeffatee maxxanfamuu qaba jedhaniiru.

Bara dukkanaa  keessatti sagalee ummata Oromoo taatee barii lafaa labsuuf bara 1967 dhoksaan hojiishee jalqabde Gaazexaan Bariisaa. Ji'a Bitootessaa Bara 1969 ammoo beekamtii mootummaa argachuun ifatti hundoofte. Walumaa galatti Bariisaan sagalee Ummata Oromoo taatee socha'uu erga jalqabde,waggoota 44 lakkoofsisuushee ragaan ni mul'isa.
Bariisaan akka hin guddanne dhiibbaan garaa garaa irra gahaa tureera. Bariisaan yeroo hundeeffamashee torbanitti koppii kuma 30 maxxansaa kan turte yeroo ammaa kuma 9,200 maxxansuurratti argamti. Bara 2006-2007tti ammoo sadarkaa du'aatirra geessee turuushee ragaan ni agarsiisa.

Maddi BDHKMNO
Masfin Tasfaayeetiin
Mareen Haala Yeroo Irratti Hojjattoota Mootummaa Woliin Gaggeeffamee jira.
=================================
{WDHKMAG.Sadaasa 1/2013 } Aanaa Geeraatti  Mareen haala Yeroo irratti Tarkaanfii  Murna ABUT (TPLF) Raayyaa ittisa Biyyaa irratti  Fudhate irratti Mareen hojjattoota Mootummaa woliin Gaggeeffamee jira.

Marichi Woraana Murni ABUT (TPLF) Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti taasifteeee fi Aggaammii  Murni kun Shanee woliin Ta'uun Biyya kana Diiguu fi Biyya Nagaa akka hin taane gochuuf sochoo'aa jiru irratti Tarkaanfii Mootummaan Olaantummaa Seeraa Kabachiisuuf Fudhataa jiru irratti ibsi Godhamee jira.

Hirmaattonni Woltajjii kanaas Yaada kennaniin Tarkaanfii Bakka Addaddaatti Mootummaan Humnoota Farreen Nageenyaa irratti fudhataa jiru Sirri akka ta'e Dubbachuun,Murna Raayyaa Ittisa Biyyaa Nageenya Biyyaaf Dhaabbatee jiru Duubaan Woraana itti banuun Ganee jiru kana Bira Dhaabbachuuf Mindaa fi Dhiiga Arjoomuun Deeggarsa Taasisuuf qophii qaban Dubbatanii jiru.

NAGEENYA BIYYAAF TUMSI QAAMOLEE  HUNDAA MURTEESSAADHA!
NAGEENYA BIYYAAF TUMSI QAAMOLEE  HAWAASAA MURTEESSAADHA!
                      =================================
{WDHKMAG.Sadaasa 1/2013 } Aanaa Geeraatti  Mareen haala Yeroo irratti Qaamolee Hawaasa Garaa Garaa woliin Taasifamee jira.

Marii kanaan Woraana Murni ABUT (TPLF) RIB irratti taasisee fi Aggaammii  Murni kun Shanee woliin Ta'uun Biyya kana Diiguu fi Biyya Nagaa akka hin taane gochuuf sochoo'aa jiru irratti Tarkaanfii Mootummaan Olaantummaa Seeraa Kabachiisuuf Fudhataa jiru irratti Mareen  taasifamee  jira.

Hirmaattonni Maree  kanaas Yaada kennaniin Tarkaanfii Bakka Adda addaatti Mootummaan Humnoota Farreen Nageenyaa irratti fudhataa jiru Sirri akka ta'e Dubbachuun,Nageenya Amansiisaa fiduuf Nuti Ummannii Naannoo Keenya Eeggachaaa Waan qabnuun Cinaa RIB Dhaabachuu qabna jechuun dubbatan.
Jiilli I/G W/ra Geejjiba Godinaa Obbo Mashuu Baqqalaatiin Durfamu Leenjii Tarsimoo Badhaadhina maatii Sadarkaa Gandaatti kennamaa jiru Daawwatee jira.

Badhaadhina maatii gama Hundaan Milkeessuuf Leenjiin Dandeettii fi Gahumsa Qonnaan Bulaa Cimsu Kennuun Murteessaadha!

( WDHKMAG Muddee 13/2013) Aanaa Geeraa gandoota hunda keessatti Leenjiin Tarsimoo Badhaadhina Maatii Qonnaan Bultootaa kennamaa jiru Bifa ho'aadhaan itti fufee jira.

Leenjii kana irrattis Itti Gaafatamaan w/ra Geejjiba Godinaa Obbo Mashuu Baqqalaa fi I/G W/ra Paartii Badhaadhinaa Aanaa Geeraa Obbo Haawwii Sayid Ganda W/Qarsaa,Q/Andaraachaa,G/Caallaa fi G/Naasootti Argamuun Yaada Kennaniin Badhaadhinni Jechaan Osoo Hin Taane Hojii Dhaan Dhogoomsuu qabna Jechuun Dubbatanii jiru.

Hirmaattonni Woltajii kana irratti argaman tokko tokkos Yaada kennaniin Mootummaan Nageenya Biyya Keenyaa Dhugoomsuun Tarsimoo Badhaadhina Maatii irratti Hoggantoota olaanoo Naannootiin Bifa kanaan Leenjii nuu kennamaa jiru irraa hubannoo ga'aa argataa akka jiran Dubbatanii jiru.


Maatii Badhaadhe Horachuun Badhaadhina Biyyaa Dhugoomsina!
#_Hirmaattonni koonfaransii Paartii Kunis guyyaa harraa Ijaarsa Gamoo Paartii Badhaadhinaa Aanaa Geeraatiif Qarshii 124,470 Waada Galanii jiru.