Firii Qulqulloota
1.46K subscribers
19 photos
1 video
83 links
🔈"Warrii #Waaqayyoo_abdiidhaan eegatan garuu #humni isaanii ni #haareffama ;akka joobiraas baalleedhan #ol ni ka'u , ni #fiigu hin dadhaban, ni #adeemu garuu hin dadhaban" Isaa 40:31
Download Telegram
"#Kana_booda_cubbuu_hin_hojjatin" Yoh 5:14

#Iyyasuus yommuu namicha dhukkubsatee ciisu sana arge, yeroo dheeraa hammana ga'u dhukkubsachuu isaa erga beekee, "#Fayyu_barbaaddaa?" jedhee

# Namichi dhukkubsataan sun, "#Gooftaa, bishaanichi yommuu raafamu kuufama bishaanichaa keessa #nama_na_buusu hin qabu; #ofii_kootii immoo utuu ani itti rakkadhuu, #namni biraa #na_dura keessa lixa" jedhee deebiseef.

#Iyyasuus immoo, "Ka'i, #siree kee #fudhadhuutii adeemi!" ittiin jedhe.
#Namichis achumaan #fayyee, siree isaa fudhatee achii adeeme; guyyaan #namichi kun fayye guyyaa Sanbataa ture.

Yommus warri #Yihudootaa namicha fayye sanaan, "Har'i Sanbata, #siree baachuu seerri si dhowwa" jedhan.

#Inni garuu deebisee, "#Namicha isa ana #fayyisetu, '#Siree kee fudhadhuutii adeemi!' anaan jedhe" isaaniin jedhe.

Isaan immoo, "#Eenyu namichi, '#Siree kee fudhadhuutii adeemi' jedhee sitti hime?" jedhanii isa gaafatan.

#Namichi fayye sun garuu eenyu akka isa #fayyise hin beekne; Yesus immoo namoonni iddoo sanatti waan tuuta'aniif achii adeemee ture.

Ergasii #Iyyasuus namicha #fayye sana mana qulqullummaatti argatee, "Kunoo, amma #fayyiteetta; egaa kan kana irra caalu akka sitti hin dhufnetti, si'achi #cubbuu_hin_hojjetin!" ittiin jedhe.

#Waaqayyoo akkaa nu #fayyinu fi #yakkaa keenya isaa darbeeti akkaa hin #deebiine barbaada.

Ega nuti maatii #waaqayyoo yeroo ammaas
Har'a #amanee boru shaakkiina
Har'a #gaabii galee #boruu cuubbu hojana
Har'a #icciitif dhiyaane #boruu icciiti irraa faggaana
Har'a #sagalee waaqayyoo daageffane boruu #sirba, Filmii daageefana
Har'a #uffaana sirna mana amanta egate uffane #boruu kan namaa dogogorsiisu(manii amantaa hin eeyyaamne ) uffaana

#Nuti_ammaa_yoomiti_jijirama jiraana.
#Nuti har'as, #borus #akkaa_fedha_waaqayyooti_jiraachu qabna.

#Waaqayyoos akkaa nuti #gochaa ykn dogogora ykn #cuubbu keenya #durati akkaa nuti hin deebine barbaada.

Mul Yoh 2:10 "#Hanga du'atii kan #amantee ta'ii" jedha. Kanaf nutis #hanga_dhumaati #amanamne ajjaaja isaa akkaa eegnu #waaqayyoo nu haa gargaaru. Ameen!!!.

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #waaqayyoof galanii haa ta'uu "🙏🙏🙏