Firii Qulqulloota
1.63K subscribers
30 photos
1 video
95 links
🔈"Warrii #Waaqayyoo_abdiidhaan eegatan garuu #humni isaanii ni #haareffama ;akka joobiraas baalleedhan #ol ni ka'u , ni #fiigu hin dadhaban, ni #adeemu garuu hin dadhaban" Isaa 40:31
Download Telegram
#Bagaa_geessan
#Sooma_Raajota
#Raajonni , Gooftaan , "Inbu'a ; indhalata" jedhanii raajiisaan dubbatan akka raawwatuuf hawwanii #sooman , kadhatan. #Nuti waa'ee maaliif #soomna? #Kiristoos dhalatee , cuuphamee , barsiisee , fannifamee , du'ee , du'aa ka'ee , ol-ba'ee , #mirga abbaasaa hinjiruu ree? amma maaliif soomna? jennee yaanna.

#Gooftaan yaada #garaakoof kee keessatti dhuguma dhalateeraa? #Dhuguma lappheen keenya akka dallaa #Beeteliheemiin bultoo Kiristoosiin ta'eeraa? #Bultoo isa dhowwannee #haadhasaa wajjin isa hindeebifnee ree?

#Kasoominni cuupphaasaatii yaada garaa keenya bira yoom ga'e? #Dhukkubbiin #fannifamuusaatii yoom #sammuu keenya keessatti barraa'e?

Kanaaf #Raajotiin , "Bu'ii , #Dhaladhu" jedhanii #soomasaan sooman insoomna. #Yaa Gooftaa , #jireenya_koo keessatti bu'ii #dhaladhu ; #namummaakoo #bulteekee taasisi. #Qaamonni miiraa koo #cubbuurraa aaragalfatanii akka dallaa #Beeteliheemiin bultoo kee haa ta'an'an.

#Bineeldonni Beeteliheem #afuura isaanii harka fuudhiin siif dhiyeessani , #Dhagoonni #Biitaaniyaa faarfataan dhibnaan faarfachuuf qopphaa'oo turani , #Golgaan mana qulqullummaa ulfinakeef tarsa'e , #Jiinis siif dhiiga uffatte , #Biiftuun waa'eekeef dukkanoofte , #Uurjileen maqaakeef harca'aani , Q#arsaawwan jaalalakeef baqaqani.

#Bineeldoota Beeteliheemirra , #dhagootii Biitaaniyaarra , #golgaa mana qulqullummaarra akkamin xiqqaadhee argama? #Amma dhagaan Biitaaniyaan #sibeeke utuun si hinbeekin , #amma golgaan mana qulqullummaan si hubate utuun si hin #hubatin akkamiin jiraa dhu?

#Qarsaan yommuu siif baqaqu #lappheenkoo maaliif qarsaa caalaa jabaate? Yommuu #Jiini dhiiga uffattu anatti maaliif gidiraankee hin dhaga'aamne? Du'oonni du'akeetiin yommuu ka'aan maal #anoo du'a #cubbuurraa ka'uun dadhabee tii?

#Kanaafidha kanan ammayyuu #jireenyakoo keessatti ati #hindhalanne kanan jedhuuf.

#Kanaafuu , #Yaa Gooftaa, #soomaaf kadhannaa #Raajotaa dhageessee kan buute , kan #dhalatte Yaa Gooftaa #Jireenyakoo keessatti bu'i #dhaladhuu tii anis #ergamootaa wajjinan faarfadha , #Jarreen ogeeyyii wajjin harka fuudhiin lakka'a , #Tiksoota wajjin ajaa'ibsiifa dha. #Utuu_dhalachuun kee naaf hingalin #dhufaatiin kee akka natti #hindhufneef #n_gargaari.

Kitaaba Daaqun Haayilee irraa

Fuula channel keenyaa

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'u." 🙏