Faana Sinbiraa
26K subscribers
3.47K photos
609 videos
14 files
325 links
Download Telegram
Eeruu

Bulcha Anaa Mandii kan ture, yeroo amma Bulchaa Aanaa Noolee Kabba (Godina wallaga lixaa) Kan ta'e Abbayyaa Dabalaa kan jedhamu Abiyyiin simachuuf kan Naqamteen dhufe ijoollee dargaggoo 2 Naqamtee Naannoo Wagageniif Farmiland giddutti RIB qabsiisee jira. Ijoolleen sun kambii waranaa naanno Rift valley university galteetti ijoolleen lamaanuu ijoolle Wallagga lixati.
Eeruu
Jaallan toora Ada'aa Bargaa fi Meettaa Walqixxee jirtan of eeggannoo taasisaa
Adaamaa fi Bishooftun raafama cimaa keessa wan jirtuf hunduu haalan socho'aa
Keenya Lolaan Waaqa

Godina Boraana aanaa Miyootti WBO sakattaana jette waraani pp imalarra turte konkolaatan ittin garagaluun hunda fixee jira.
Eeruu
Shamarran Finfinnee keessatti buna danfisan hojii basaasummaa kan hin hojjenne buna danfisanii gurguruu hin danda'an jechuun warra waraqaa basaasummaa hin qabne ugguraa jirti PPn.
Qeerroon Sirritti Adda Baafadhu

Aanaa fi Godina irraa Bakka Buute Abiy Ahmed'n Simachuuf Istadiyeemi Wallagaa jirtu Hundi Tikaa Mafia PP Akka ta'ee Hubadhuu of Eeggannoo godhii.
Baatiiwwan saglan darbanitti miseensonni Komishinii Poolisii Oromiyaa 4225 Waraana Bilisummaa Oromootti makamuu sanadni komishinichaa OMN dhaqqabe mul'ise.

Waliigalaan baatiiwwan saglan darban miseensonni Komishinii Poolisii Oromiyaa 4800 ol sababoota garagaraatiin hojii gad dhiisuu sanadichi eereeti jira.

Komishiiniin Poolisii Orimiyaa qaamota gurguddaa afur, jechuun Poolisii Idilee, Poolisii farra riphee lolaa, poolisii to’attoota fincilaa fi Poolisii eeggumsa qaama VIP jedhaman kan qabu yoo ta’u, walumaagalatti yeroo ammaa miseensota kuma 51 fi 761 qaba jedha sanadni keessoo dhaabbatichaati OMN dhaqqabe.

Ragaan sanadaa Komishiinii Poolisii Oromiyaa keessaa OMN dhaqqabe akka mul’isutti baatiwwan saglan darban keessa miseensoonni poolisii Oromiyaa 4867 sababoota garagaraatiin hojii gad dhiisanii jiru.

Akka sanadni qorannoo komishiinii poolisii Oromiyaa irratti Qajeelcha Olaanaa Bulchiinsa Qabeenya Namaatiin adeemsifame agarsiisutti, Komishiinii poolisii Oromiyaa keessatti haalli gadilakkisni hojii irra jiru yeroodhaa gara yerootti dabalaa fi hammaachaa kan dhufe ta’u isaa mul’isa.

Miseensota Komishiinii Poolisii Oromiyaa gad dhiisan 4867 keessaa Waraana Bilisummaa Oromootti dabalamuun hojii kan gad dhiisan miseensota 4225 akka ta'an sanada kana irratti ibsamee jira.

Poolisoota 4225 WBOtti makamuun komishiinicha gad dhiisan jedhaman keessaa miseensoonni poolisii 3039 poolisii idilee fi poolisii farra riphee lolaa keessaa, miseensoonni 172 poolisii qaama eegumsa VIP keessaa, miseensoonni 1048 ammoo poolisii too’attoota fincalaa keessaa ta’uu addeessaa sanadni iccitii OMN dhaqqabe.

Miseensoonni 642 sababoota akka Namusaa, Wareegamaa, Sooramaa, murtee boordii, Fedhiidhaan hojii gad dhiisuu, adabbii mana murtiitiin fi lola keessatti booji'amuun hojii kan gadi dhiisan ta'uun ibsamee jira.

Miseensota Komishiinii Poolisii Oromiyaa godinaalee waraanni keessatti adeemsifamaa jiru kanneen akka Horroo Guduruu Wallagga, Wallagga Lixaa, Qeellam Wallaggaa, Wallagga Bahaa, Shawaa Bahaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Lixaa, Shawaa Kibba Lixaa, Gujii, Gujii Lixaa, Iluu Abbaa Boor, Jimma, Arsii, Arsii Lixaa, Baale, Baale Bahaa, Bunnoo Badallee ,Harargee Bahaa, Harargee Lixaa fi Booranatti ramadaman keessaa 4133 kan komishinicha dhiisan yoo ta’u kanneen hafan ammoo magaalotaa irraa ta’uu sanadichi addeessee jira

Sababoonni akka dirqamni hojii dheerachuu, rakkoo hooggansaa fi bulchiinsa gaarii, rakkoo hawaasummaa, rakkoo naamusaa, mindaan kafalamu gad aanaa ta’uu irraa kan ka’e ofii maatii ofii jiraachisuu dadhabuu, rakkoo qulqullinna qaxarrii, ilaalcha fi gochaan garee faallaatti makamuu dha jedha sanadni qorannoo komishiinii poolisii Oromiyaa irratti adeemsifame.

Rakkoo bulchiinsa gaarii irraa ka’uun komishinicha gadlakkisuun cinatti rakkoon hooggansaa miseensoonni komishiinii poolisii Oromiyaa danuun hojii akka gad dhiisaniif sababa ta’u isaa ragaan kun addeessee jira.

Hooggansi murtee hojii kamuu irratti miseensota poolisii hirmaachisuu dhabuu fi mirga miseensotaa sarbuun, arrabsuu, reebuu fi seeraan ala hidhuun miseensoonni hojii akka gadilakkisan taasisee jira jedha.

Mindaan poolisootaaf kafalamuu fi hojiin hojjatamu wal madaaluu dhabuu fi miseensoonni poolisii yeroo gara yerootti wareegama lubbuu kafaluun isaanii hojii akka gad lakkisaniif dhiibbaa irratti uumaa jirachuu ibsamee jira.
ᴅʜᴀᴀᴍsᴀ ᴏғᴇᴇɢᴀɴɴᴏᴏ

ᴘᴘn yeroo ammaa aanaalee hundaratti humna dabaltee toora jajjabeen ittiin suunu jettee shakkitu qarqara maagaalaa hunda galgalaa eegaltee marsitee eegaa bultii waan taheef, akkasumaa eegaa jirti wan ta'eef ofeegannoo godhan dhaamsa!

OROMIYAAN BIYYA
Dhaamsa Hatattammaa

Kutaalee magaalaa shaggar jedhaman keessatti dargaggoota dirqamaan gara waraanaatti akka ergamanif miseensoni pp namni tokkichi akka dargaggoo 5n fiduuf dirqamneerra jechun ijoolle hojii humnaa hojjeetan hunda dirqiin guuruun jalqabamee wan jiruf hunduu haalan akka ofeeggattanif waraqaa eenyummaa malee akka hin sochoone isiniif dhaamna.
Kumaandoon K/Abiyyi mulluu taate.
Jajjabe-duratti💪💪
Kuyyuu Xiyyeeffannoo!
kaabinoonni aanaa Kuyyuu keessatti gochaa jibbisiisaa hojjechaa jirtan gatii keessan ni argattu.
Kaabinoonni halkan mana hidhaati baastani lubbuu nama nagaa ajjeesaa jirtan godaannisa bara baraa kaayachaa jirtu.
Bakki isin itti baatan hin jiru
Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Ammayyaatti guyyaa har'aa mootummaan humna qilleensa irraa Jeettii fayyadamuudhaan uummataafii qabeenya uummataa gaaga'uun barbadeeysuutti ture. Yeroo bakkeen garaa garaa deemuun "biyyi bilisoomteeyti" jadhee uummata kijibuun harka rukuchiifachuuf yaalaa jiru kanatti, yaada uummataa gara ifii isaatti hatuun, waraana bilisummaa oromoo jeettii fayyadamee daguuguuf qophii irra jira. Waraanni Bilisummaa Oromoo naannawwaa Ammayyaa, Wallagga Bahaa jalaa, Waayyuu tuqaa, Sibuu Sireefii Jimmaa Arjoo jala jiraattan if-eeggannoo jabaadha isin barbaachisa.

Bakkeen waamaman kanatti uummanni guutummaatti buqqa'ee akka jeettiidhaan W-B-O irratti tarkaanfii fudhatuuf karoorfateedha jira. Uummanni aanaa kana jalaa bakkoota takka takkaatillee akka buqqa'aniif mootummaan abbaa irree kun uummatatti ajaja dabarseedha jira. Tooftaan kun ammoo tooftaa marii araara kijibaa darbe booda qindeessuun waraana bilisummaa Oromoo cabsuuf koratanidha. Kanaanis waktii arfaasaa kanatti dalagaa isaa irraa uummata buqqisanii beeleysuun harka ifii keeysa galfachuufii uummata keeysaa baasanii jeettiin W-B-O dhayuuf karoorfateedha jira.

Videon agaruutti jirtan kan guyyaa har'aa mootummaan abbaa irree Abiyyi Ahamd, aanaa Ammayyaa jalatti uummata irratti Jeettiin harcaasaati turedha. Kanaanis lubbuun qote bulaa lamaa darbuufii kaan ammoo madeeysiteeti jirti. Akkasiin afaaniin uummata sobuun tooftaa ittiin W-B-O dhabamsiisan korachuu irratti argamu. Tooftaan W-B-O dadhabsiisuuf koratamaa jiru kunis, marii kijibaafii shiraa Keeniyaa keeysatti taayamaa jiru waliinis walitti hidhata kan qabanidha.

Yeroo kamiyyuu caalaatti W-B-On kan inni if-tiksuun socho'uuti qabu ammadha. Warreen maqaa isaatiin marii taayaa jiranis, isaaf mariyachaa jiru adoo hintaane isatti mariyachaa akka jiran beekuun if-tiksuufii if-jabeeysuudha qaba.

Akka seera idil-addunyaatitti Jeettiin biyya takka keeysatti tasumaa kaasanii fayyadamuun yakkadha ture. Garuu mootummaan Abiyyi kun W-B-O dhabamsiisee uummata Oromoo if-jalatti dhiitee bulchuuf jacha jeettiin uummataafii waraana bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf dhamaatiitti jira. Garuu hin dandayamtuufi.

W-B-On hinbada adoo hintaane kan durii daran diina isaa balleeysee, Oromiyaa bilisoomsuuf jira. W-B-On yoomiyyuu durattidha.
Erga ta'e Akkas!

Impaayerri tophiyaa keessaaf alaan jibba akkuma horaatetti jira. Akkuma jalqabeetti amma moo biyyoota gamtaa Awurooppaa keessa jiranif akeekkachiisa kennuu isaa Rippoortar har'a gabaasee jira.
Warri OBN maliif booji'aamtota shawaa lixaa Tolee guyyaa harraa kana nuf gabaasu dagattani? 🤣🫡
Dubbiin ololaan miti gochaan dhiiroo.
𝙒𝘽𝙊 𝙒𝙖𝙡𝙞𝙞𝙣 𝙁𝙪𝙡𝙙𝙪𝙧𝙖𝙩𝙩𝙞
Bachoo Tulluu Boolloo gootichii akkuma dursee eegaletti itti seenee tumuu eegeleera💪

Milkeessi🤲
Wan achirrati ololaa ooltu sana yeroo itti bu'aa isaa argattu dhiyoo yaa gadhe
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Injifannoo
Kibba lixa shaggar Ona Tolee magaaloota 2 habeebee fi Tolee irratti diina daannoo qotattee turte leencichi gobee keessaa baasun *Du'aan - 56
*Madoo - 79 fi
*15 harkaan qaqqabuun diina daareessee mirgaan galeera.
IUOf
𝙒𝘽𝙊n 𝙃𝙖𝙖 𝙒𝙖𝙖𝙧𝙪
Murni gidirsaan PP Mirga namummaa dhala namaa sarbuun rakkoo ulfaataa ilma namaarraan gahaa jira!

(SQ-Caamsaa13, 2024)

Godina Harargee Bahaa Aanaa Jaarsoo Araddaa Gaara Abdullaatitti Abbaa Maatii Obbo Iisaa Abdii Ussoo jedhaman dirqamaan Mooraa Leenjii Waraanaa deemuu qabdu jechuun reebicha jajjabaa irratti raawwachuun bifa suuraan mul’atu kanaan miidhaa ulfaataa irraan gahanii jiru.

Duulli ilmaan Oromoo Mooraa Leenjii Waraanaatti guuruu kun kan duraa olitti jabaachuudhaan Oromiyaa cufa keessaa Saala, Umurii fi fayyummaa osoo adda hin baasne kan guuraa jiran ta'uu Maddeen SQ bakkoota hedduurraa nuuf mirkaneessaniiru.
Bu'a duula PP guyyaa 40tin WBOn akkuma milkaa'eti jira.
Injifannoon kun kan Sadan caanqaa bakka addaa Miidhagaa Birbiir jedhamutti leencichi biyyeen makee dha.
IUOf.
https://youtu.be/eiu_GUmQzCE?si=jOQro_y_gNvqx62X

👉Eeruu Magaalaa Gimbiif
=======================
Uummanni Keenya M/Gimbii Naannoo Meediinii Of-Eeggannoon Socho'aa.

Loltuun faashistii murna Biltsiginnaa galgala kana sa'a 12:50 keessa konkolaataa hedduun dhufuun Gamoo Dhaabbata Inshuraansii Meediinii buufattee jirti.

Kanaanis adeemsa jiraattota naannoo sanii  daangessitee jirti akkasumas, Suuqiis cufsiisuun uummata goolaa waan jirtu of-eeggannoon barbaachisaadha.

Kanaaf, uummanni keenya magaalaa Gimbii of-eeggannoo taasisaa isiniin jenna.