Faana Sinbiraa
26.1K subscribers
3.5K photos
619 videos
15 files
326 links
Download Telegram
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Diddaa Uummataa
Adaamaa

🕳️Dhalootichi obsa fixatee jira. Lafa dhabee manas yoo dhabe dhumarra ofiif akka dhabamu hubatee jira.
Qeerroon Bulchiinsa Shaggar City hojii guddaatu isiin eggata.
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Diddaa Uummata Adamaati ta'a jirun hanga ammatti namni 7 rasaasa PPn itti dhukaaften yoo rukutamu dubartiin ulfaa tokko lubbuun darbee jira.
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Raayyaa Allamaaxaa

Isiin akka ummati TPLF irratti fincila kaasuuf kakaasa nun immoo dahaanno isiniif taana jechun L/Jeneraal Balaay Siyyuum ergaa dhoksaa bilbilaan warra Amaaraaf dabarsee jira.

Kan maqaaf ani Oromoo dha ofiin jedhu immoo ol-aadema kararraa qabe ati Shanee dha jechun galafate hojii kontorbaandi isaati gadii ta'e jira haati garaa.
Lola qindaa'aa WBOn Zoonii Lixa aanaa Sayyoo kaampi ganda Guutee Sooyyomaati geggeesseen waraana faashistii PP irraa battalatti
~16 ajjeesuun
~6 irraa madeessee ari'ee fiigsisuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

IUOf
Injifannoo

Dagam Alii Doorootti 9 gombisee 6 madeessuun tikoota 2 konkolaata waliin to'ateera.
IUOf
Injifannoo

Boojji naanno magaalaa Fiigaatti hogganaa farra riphee lolaa kan ofiin jettu Saajin Abdii dabalate wayiiloota isa 5 biyyeen makee jira leencichi.

IUOf
Injifannoo Galiilaa

Tarkaanfi laleessa leencichi Wallaggaa Bahaa Galiilaatti fudhateen
~30 biyyeen makee
~20 madoo dandammii hin qabneen wal-irra naqe jira.
IUOf
𝙒𝘽𝙊 𝙒𝙖𝙡𝙞𝙞𝙣 𝙁𝙪𝙡𝙙𝙪𝙧𝙖𝙩𝙩𝙞
Siidaa Nama Seenaa Dabaa Qabu Kana Hojjeechuf Birr Miliyoona 21 Itti Nyaatte Kaadironi Naqamtee.

Kumsaa Morodaan

Seenaan isaa fi waan inni harkatti qabate waliif faallaadha.
Namni siidaa (statue) hojjetus ta'e hojjechiisu nama seenaa beeku ta'uu qaba ture.

Kumsaa Morodaa nama sirna Gadaa Leeqaa keessaa luqqifachuun "sirna mootota xixiqqaa" abbaasaarraa dhaale baballisee itti fufsiisedha.

[Garuu, "kan dhaabsisu eenyu?" gaafa jettu "Gara fira-firaatti jennaan itilleen gara horii" jedhan. Kan gaaffii namatti ta'u dhaloota qubee deemee jalatti suura ka'udha]
Fonqolchi Mootummaa yaadamaa jira garuu hin milkaa'u jedhe K/Abiyyi.

Maqaa fonqolchatu yaadame jedhuun garee haadha garaa hedduu dhabamsiisuuf tooftaa haara qopheeffachaa jirudha ajandaa kun.
Araarri Fi Amaarri Oromoof Milkaahe Hin Beeku!

Dibbeen marii marsaa 3ffaa jedhamee dibbeeffamaa jiru kun sirba dirqamaati.
Qaamni aangoo of harkaa qabu kan mootummaa ofiin jedhu marii kana hin barbaadu, utuu barbaadeeti marii marsaa 2ffaa irratti bakka bu'oota Waraa-na Bilisummaa Oromoo irratti shira hamaa hin xaxu ture.
Qaamni sadaffaa mariidhaaf jedhee erga hooggantoota dirree irra baasee bakkatti deebisuuf rakkataa tureera. Sana hooggantoonni gaafatama guddaa ofitti fudhatanii balaa hedduu dandamatanii dirree qaqqaban. Sana qofaas miti.
Mootummaa Oromooti inni isin jettan kun hanga Taanzaaniyaa (Dar-selamitti) tika isaa bobbaasuun hooggantoota kana ajjee-suuf yaalii guddaa akka godhaa turan warrumti waa'ee marii kanaa irra deddeebiin dubbatan matumti isaanii bareechanii beeku.
Imala isaan biyya irra biyyatti taasisuun Oromiyaa seenuuf taasisaa turan irrattis mootummichi tikoota isaa bobbaasee hordoffii guddaa taasisaa turee utuu itti hin milkaa'iin hafe. Erguma Oromiyaa seenanii as humna qilleensaatiin yaaliiwwan hedduu taasisaa turan.
Amma erga hammeenyi kun hundi hooggantoota kana irratti raawwatameeti akkamitti wal amantaan jiraatee marii marsaa 3ffaaf taa'uun danda'ama?
Qaamni mootummaadha jedhamu kun mari'atee nagaa buusuuf gahaa miti. Qaama nagaa barbaadus miti.
Inni qaama ajjee-suuf araada qabu malee qaama mari'atee nagaa buusuuf hawwii qabu miti.
Jawar Mohammed hammenya warri mootummaa bakka bu'oota waraa-na bilisummaa Oromoo irratti hojjetan irraa utuu hin dubbatiin waa'ee marii marsaa 3ffaa dubbachuun hin turre. Sababni isaas daba yeroo sana hojjetamte bareechee beeka waan ta'eef.
Kana jechuu daba Taanzaaniyaa hanga Oromiyaa lixaa fi Kibba Oromiyaatti ta'e bareechee beeka waan ta'eefidha. Kana immoo uummati qabsaa'amuuf yoo hubate dhugaa jiru beekee waan dhufuuf of qopheessa waan ta'eefidha!

Oromoof Falli Jiru Humna Isa Gitu Ijaaru Dha.
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Ethiopia has never engaged with us regarding the illegal MoU. On the contrary, they are teetering around asking others for mediation. Somalia is neither the instigator nor opposed to mediation. Ethiopia continues to evade responsibility for its diplomatic misstep.' Hassen Sheikh Mohamud
Jaal Gamtaa Wagiin Wal Baraa

Jaal Gamtaan Waggaa Sadaan Kana barnootaa isaa University Finfinnee irraa Digirii Jalqabaa Barnoota Economics dhaan qabxii Gaarii fiduudhan achumatii Barsiisaa ( lecture ) tahe utuu barsiisu Diigirii isaa lammataas Mcs (master of Degree) DEVELOPMENT Economics dhaan Achumaa University Finfinnee irraa bara Darbee Xummuree.
Dhiraa waan jedheeti Amaanu kun rakkoo uummata kootu dursaa jechun yeroo ammaa dirree irraa diinaan kokkee wal qabuutti jira.
Jaal Gamtaa Wagii Ykn Gurraacha Gurra Lootii Mirgaan Gaalii
Koormee koo
Dhiraa amma jedhuu Gahuu
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Uummati Oromoo mataa akka ol hin qabanneef hojii Amaarri hojjeettu keessaa tokko hojii Xibaara/Toshaati.
Manni amantaa Kiristaana Gimbii hojii jaroota kana dursaan haa saxilaniyyu malee hojiin jaroota kun Oromiyaa bakka maraatti.

Sababa kanaaf nunis Yeroo hundaa olmaa/Sochii ilmaan qomcee naanno keessan jirtu hordofaa kan jennuf.
Injifannoo

Birgeediin Odaa Kaarraa
Injifannoon galeera💪💪💪
INJIFANNOO

Gootichi  WBO'n zoonii kibbaa godina Gujii lixaa bobbaa duula Irbuu Shinniggaa  milkeessuuf, Aanaa  Abbayaa ganda Ladoo Daadaa jedhamutti, ganama sa'a 3:00-5:00 tarkaanfii laalessa waraana maafiyaa Abiy Ahmad  irratti fudhateen nama 35 ol yommuu ajjee**ssu 23  ma*doo adabeera.
Gama meeshaatin
Akm  12
Rasaasa Pkm 635
Rasaasa AKM 500
Bomb4
Kaazina 21
Nyororoo PKM 200
irraa hiikkatuun galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif oolchee jira.