Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
33.2K subscribers
110 photos
39 files
95 links
Biiroo Barnoota Oromiyaa is strongly working on improvement of quality education in Oromia Regional State and all over the country

This channel is created to help students with what we can and what we have!
Download Telegram
BEEKSISA HATATTAMAA!
Waamicha #Galmee_Barattoota_Haaraa_Bara_2016_Kutaa_9ffaatti Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaafi Waldaa Misooma Oromiyaa Bultii Addaa Sad.2ffaa Ramaddii Argattan Hundaaf.
------
Barattoonni qormaata seensaa fudhattanii gara kutaa 9ffaatti dabartanifi ramadamtan Guyyaan galmee Fulbaana 23 fi 24/2016 waan geggeeffamuuf waantoota armaan gaditti eeraman qabachuun mana barumsaa ramadamtanitti argamtanii akka galmooftan isin hubachiifna.

Wantoota Barattootni Qabatanii Argamuu Qaban:
1. Ragaa tiraaniskiriiptii kutaa 7ffaa fi 8ffaa oriijinaala kooppii tokko waliin;
2. Ragaa Qormaata Naannoo kutaa 8ffaa oriijinaala kooppii tokko waliin;
3. Waraqaa qulqullinaa mana barumsaa duraan turan irraa;
4. Dosee (kilaaseerii) tokko;
5. Uffata halkanii (Uffata Qorraa, ansoolaa, uffata boraatii)
6. Hidhannoo(uffata) ispoortii guutuu;
7. Kophee kutaa ciisichaa (isliipparii);
8. Suuraa abbaa 3x4 kan barataa 6 fi kan maatii/ wabii 2;
9. Baruulee fi meeshaalee barnootaa biroo barbaachisoo ta'n;
10. Maatii/ wabii barataa galmeessisu;
11. Kaffaltii baasii qooddannaa (cost share) qarshii 3,000.00 herrega baankii mana barumsaatti galchuun nagahee qabattanii dhiyaachuun galmee raawwattanii barnoota keessan akka eegaltan Biiroon Barnootaa Oromiyaa waamicha isinii taasisa.
#Hubachiisa:- Lakkoofsa herrega Baankii Manneen Barnootaa irraa kan isiniif kennamu ta'uu ni beeksifna.
#Barattootni_Keenya; Baga Gara #Mooraa_Qaxaleewwan_Oromiyaatti Nagaan Dhuftan!
Bara Barnootaa Gaarii Isiniif Haa Ta'u!

🔎#Telegram
👇👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
👇Join👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_8_fi_12
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_8_fi_12
#LIKE #SHARE

💬Yaadaaf Qeeqa💬
@BiirooBarnoota0romiyaabot
YAADACHIISA!
Qormaatni Naannoo #Kutaa_6ffaafi Qormaatni Biyyoolessaa #Kutaa_8ffaa Bara 2016 Yeroo Jalqabaatiif Ni Kennama.
-----------------
BBO-Onkololeessa 25/2016 Qormaatni Naannoo Kutaa 6ffaa akka Mootummaa Naannoo Oromiyaatti yeroo jalqabaatiif kan kennamu yoo ta'u, qornaatni kutaa 8ffaa kanaan dura akka naannootti kennamaa ture bara 2016 garuu akka biyyaatti ni kennama.
Kanaafuu, barattootni, barsiisotni, maatiin barattootaa, hoggantootni barnootaa(dura bu'oota MB, supparvaayizaroota barnootaa . . .), caasaan mootummaa sadarkaan jiru, jaarsoliin, abbootiin amantii hunduu manneen barnootaafi barattootaaf deeggarsa barbaachisaa ta'e akka gootan gamanumaa akka yaadattan dhaamsa dabarsina.
#Qormaatni_Naannoo_Kutaa 6ffaa, akka naannootti kennama.
#Qormaatni_Biyyoolessaa_Kutaa_8ffaa akka Itiyoophiyaatti kennama.
#Barattootni_Keenya_Gamanummaa_Qophaa'uu_Qabdu!
Bara Barnootaa Gaarii Isiniif Haa Ta'u!

Join👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_8_fi_12
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!
​Bu'aa Supparviizhinii Barnootaa Manneen Barnootaa Bultii Addaa (9)fi Manneen Barnootaa Addaa(33) Irratti Mari'atame.
------------
BBO- Sadaasa 12/2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa bara barnootaa 2016 Manneen Barnootaa Bultii Addaa(MBBA)fi Manneen Barnootaa Addaa(MBA) hojiiwwan hojjataa jiraniifi qophii taasisaa jiran irratti hojii Supparaviizhinii gaggeessaa ture bu'aa argame irratti dura bu'oota manneen barnootaa fi haala mijeessitoota manneen barnootaa 42(MBBA + MBA) waliin Magaalaa Adaamaatti Sadaasa 11/2016 marii gaggeessaniiru.
Maricha haasaan kan banan Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo yoo ta'an, haasaa taasisaniin xiyyeeffannoon Mootummaan Naannoo Oromiyaa Barnootasfi Teeknooloojii dagaagsuuf qabu seektaroota hundaa caalaa dursa kennee irratti hojjataa akka jiru ibsuun, manneen barnootaa keenya immoo, barnoota qulqulluu dhalootaaf dhiheessuun dinagdee Saayinsiifi Teeknooloojiin deeggarame uumuu, dhaloota siyaasa, aadaafi duudhaa Oromoo hubate Sirna ijaarru keessatti gahee olaanaa taphachuu danda'u oomishuu qabna, keessattuu Manneen Barnootaa Bultii Addaa(Boarding Schools)fi Manneen Barnootaa Addaa(Special Schools) irraa immoo manneen barnootaa biroo caalaa mootummaanifi hawaasni keenya gahee olaanaa kan irraa eegaa jiru waan ta'eef dura bu'oota MB, haala mijeessota(Yunivarsiitiiwwan, Bulchiinsa Magaalotaafi Godinaalee) fi biiroo keenyarraa hojiin guddaan kan eegamu ta'uu kan ibsan Dr. Tolaan, dabalataanis hojiiwwan MBBAfi MBA adeemsa baruufi barsiisuu irratti hojjataa jiran, sochii barachuu barattootaa fooyyessuuf hojjataa jiran, mala baruu-barsiisuu, haala madaallii barattootaa(haala qormaatni itti kennamu) fi gabaasa supparviizhinii dhihaatu irratti mari'achuun muuxannoo wal jijjiiruu akka qaban dhaamsa dabarsuun mariin ifaan ifatti banamuu ibsaniiru.

Itti aansuun haasaa kan taasisan Daayirektara Daayirektoreetii Manneen Barnootaa Addaafi Addaa obbo Siyyum Kabbadaa yoo ta'an, hojii supparviizhinii yeroo gaggeessan keessatti muuxannoowwan isaan qunnamaa ture, manneen barnootaa haala gaariirra jiran, hir'ina qaban keessatti waan lafarra jiru ibsuun dura bu'ootnifi haala mijeessitootni marii kan irratti argaman yaadaafi qalbiin marii akka gaggeessan, dhaloota ceesisuuf cimnee akka waliin hojjannu dhaamsa dabarsuun, gabaasni supparviizhinii walii galaa obbo Alamaayyoon akka dhihaatu ibsaniiru.
Gabaasni supparviizhinii erga dhihaatee booda mariin gadi fageenyaan gaggeessuun, muuxannoo MB isaanii keessa jiru kan wal jijjiiraa oolan yoo ta'u. dhumarratti rakkoowwan humnaa ol ta'an adda baasuun tarreessaniiru.
Rakkoowwan kanniinis Biiroon Barnootaa Oromiyaa dhimmamtoota(stakeholders) barnootaatiif dhiheessun furmaatni akka laatuuf hubannoo tokkorra gahameera.

Walumaa galatti, Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa 7, Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa Sad.2ffaa 33fi Manneen Barnootaa Waldaa Misooma Oromiyaa Sad.2ffaa 2 dura bu'ootnifi haala mijeessitootni hunduu kan hirmaatan yoo ta'u, #manneen_barnootaa_kanneen(kutaa 9 - 12) keessatti #barattootni 10,352 barataa jiru.

♻️ Join & 🔗SHARE
       👇👇👇👇👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1


ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!
BEEKSISA
12/06/2016

Hoggansa Barnootaa , Barsiisota , Maatii Barattoofi Barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa Oromiyaa hundaaf.
Akkam Jirtan?

#Qormmaata_Kutaa_6ffaafi_8ffaa_bara_barnootaa_2016_kennamu ilaalchisee gamanummaa qophiin akka taasiftan isin beeksifna.

#A- Bara Barnootaa 2016 akka Naannoo Oromiyaatti,
#Barattootni_kutaa_6ffaa;
Dhiirri - 386,703,
Dubartiin - 345,540,
waliigala barattootni kutaa 6ffaa 732,243 yeroo duraatiif qoruumsa Naannoo ni fudhatu.
Biiroon Barnoota Oromiyaa hir'ina dhiyeessii kitaabaafi muuxannoo dhabuu barattootni qormaatichaarratti qaban yaada keessa galchuu, bara kanaaf akka shaakalaaf(ka'umsaaf) ta'u bara duraa kanaaf qofa Qoruumsi Naannoo Kutaa 6ffaa Gosa Barnoota Shan qofa akka ta’uufi qabiyyeen isaas kutaa 6ffaa keessaa qofa kan qophaa'u ta’uu isin beeksisina .

#Gosa_Barnootaa_Qormaatn_Kutaa_6ffaa_keessaa_qophaa'u;
1.Afaan Dhalootaa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. (Barnoota Gadaafi Safuu )
#Yeroon_Qoruumsaa immoo,  #Caamsaa 26-30/2016 ta’a.

#B- Barattoota #Kutaa_8ffaa_Bara_Barnootaa 2016 Qormaata Naannoo Fudhatan Ilaalchisee;
Barattootni Qormaata Fudhatan
- Dhiirri  347,313
- Dubartiin  323,963
Waliigala  barattooni 671,276 qoruumsa naannoo bara 2016 ni fudhatu jedhamee eegama.
Qoruumsi kutaa 8ffaatis qabiyeen isaa kan kutaa 8ffaa keessaa qofa kan qophaa'u yoo ta'u ,
#Yeroon_qorumsaa 
#Waxabajjii 3-7/2016 ta’a .

#Gosa_Barnootaa_Qorumsi Kutaa_8ffaa keessaa_qophaa'us;
1.Afaan Dhalootaa
2.Afaan Lammaffaa
3.Afaan Ingilizii
4.Herrega
5.Saayinsii Hawaasaa
6.Saayinsii Waliigalaa
7.Barnoota gosoota  hunda galaa (Gadaa fi Lammummaa ) ta'uu gamanumaa isin beeksifna.
Maatiin, Barsiistoniifi hoggansi barnootaa kana beektanii barattoota keenya akka qopheessitan dursinee isin hu bachiisaa, barattootnis haaluma kanaan qoohii akka gootan
Isin hubachiifna.

Biiroo Barnootaa Oromiyaa.
Guraandhala 12/2016
FINFINNEE
#Share
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Galmeen Barattoota Kutaa 12ffaa Bara 2016 #Torban_Kana_Keessa_Xumurama Jedhame.
----------------
BBO- 25/06/2016 Barattootni kutaa 12ffaa bara 2016 Qormaata Biyyoolessaa fudhachuu danda'an galmeen isaanii Guyyaa 30/06/2016 kan xumuramu ta'uu I/A hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Galaanaa W/mikaa'el ibsaniiru.

#Galmeen_kun_Guraandhala #30/2016 #booda_karaa_kamiinuu waan_hindanda'amneef, hoggontootni manneen barnootaa, barattootni, barsiisotni manneen barnootaafi maatiin barattootaa xiyyeeffannoo itti kennuun guyyaa kaa'ame dura akka xumruu qaban kan dhaaman Dr. Galaanan, #Sarvarii barattootni 'online' irratti galmaa'an guyyaa 30/06/2016 booda siistamni waan cufuuf galmee fudhachuu hin danda'u.
Kanaafuu, barataan #Sarvarii_kanarratti_hin_galmaa'in #Qormaata_Biyyoolessaa bara 2016 #fudhachuu_hin_danda'u, carraan barataa kan bara 2016 jala gubata. Galmeen Sarvarii irratti gaggeeffamu akka biyyoolessaatti(Itoophiyaatti) waan ta'eef duubatti deebisuun hin danda'amu.
Kanaafuu, Qaamni dhimmi barattoota keenyaa ilaallatu hundi, #Gumiin_Tiraansiformeeshinii_Barnootaa_Oromiyaa( #GTBO) sadarkaa sadarkaan jirtan, #dura_bu'aan_MB, #Barattootni, #Maatiin_Barattootaa, #Barsiisotni, #Supparvaayizarootni Barnootaafi kan biroo barataa tokkollee ta'u/taatu, dogoggora galmeetiin carraan qormaata fudhachuu akka isaan hin dabarre miira itti gaafatamummaatin hojjachuu akka qaban Dr. Galaanaan dhaamsa dabarsaniiru.

#Sababa_Dogoggor_Galmeetii_Carraan_Barataa_tokkollee_waggaa_tokkoof_gubachuu_hinqabu!
#Dogoggora_Uumuun_Ittigaafatamummaa_fida!

#Share godhaa!
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1