Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
29.8K subscribers
506 photos
3 videos
425 files
402 links
Biiroo Barnoota Oromiyaa is strongly working on improvement of quality education in Oromia Regional State and all over the country

This channel is created to help students with what we can and what we have!
Download Telegram
Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu Ijaaruun Carraa Barnootaa Babal'isuufi Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuu Keessatti Gahee Olaanaa Qaba Jedhame.
-------------------
BBO- Muddee 19/2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Mootummaan Naannoo Oromiyaa daa'imman naannoo keenyaa carraa barnootaa akka argataniifi qulqullinni barnootaa bu'uura irraa akka mirkanaa'u taasisuuf manneen barnootaa Bu'uura Boruu kanneen dhalootni Bu'uura Boruu keessa darbuu qabu 15,000 ol ta'an ijaarsa xumuruun ji'a tokko booda guutumaa guututti tajaajilaa akka kennan taasisuuf hojjachaa jiru.
Hanga ammaatti Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu kuma 14 ol xumuramanii tajaajila baruufi barsiisuu kennaa kan jiran yoo ta'an, karoora bara 2016 hanga Muddee 30/2016tti MB BB 4574 ijaaruuf karoorfame keessaa 3800 ol yoo xumuramee tajaajilaaf olu, kan hafan immoo ji'a tokko keessatti xumuruuf hojjatamaa jira.
Ijaarsa Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu Godinaaleen 4fi Bulchiinsi Magaalotaa 2 xumuruun karooraa isaanii irratti dabalataan kan hojjatan yoo ta'u,
#Godinaalee_Hojii_Boonsaa_Hojjatan;
#1_Harargee_Bahaa:
#Karoorri - 206, #Raaw'in -361;
#2_Jimmaa;
#Karoorri - 690, #Raaw'in -737;
#3_Shawaa Lixaa:
#Karoorri -302, #Raaw'in - 310;
#4_Baale:
#Karoorri - 96, #Raaw'in -100;

#Bulchiinsa Magaalotaa Keessaa immoo,
#1_Magaalaa_MAAYAA:
#Karoorri - 8, #Raaw'in -15;
#2_Magaalaa Roobee:
#Karoorri - 4, #Raaw'in -4 ijaaruun tajaajilaaf yoo oolchan, godinaaleefi magaalotni hafan ijaarsa kan jalqaban yoo ta'an garuu xumuranii guutumaa guututti tajaajilaaf ji'a tokko akka itti fudhatu hoggantootni godinaaleefi bul/ magaalotaa himaniiru.
#Karaa_biraatin bulchiinsi Magaalotaa ijaarsa Mana Barnootaa tokkollee karoora bara 2016 keessa xumuruu dadhaban;
1- Shaakkisoo
2- Dodolaa
3- Hoolootaa
4- Asallaa
5- Naqamtee
6 -Shanoofi
7- Walisoo ijaarsa Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu kan jalqaban ta'ullee, #hanga 18/04/2016tti Mana Barnootaa #tokkollee_ijaaranii_hin_xumurre.
Walumaa galatti, carraa barnootaa babal'isuun lammiin hundi barnoota dhihootti akka argatan gochuufi dhalootni Ifa Boruu barnoota qulqullina qabu bu'uura irraa argachuu akka danda'an, daa'imman gara Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa galahan dubbisuu, barreessuu, lakkoofsota shallaguu akka danda'an gochuuf Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu murteessaa waan ta'eef ijaarsa karoorfame hanga Muddee 30/2016 xumuruun qulqullina mirkaneessuu qofarratti hojjachuu akka dandeenyu qaamni dhimmi ilaalu keessattuu #Gumiin_Tiraansiformeeshinii_Barnootaa_Oromiyaa #sadarkaa_Godinaa,_Bul/_Magaalaa,_Aanaa,_Gandaafi_Mana_Barnootaa jiran gahee isaanii akka bahan dhaamsa biiroo keenyaati.
#Hub:- Ragaan ijaarsa MB BB kan hanga Muddee 18/2016 jiru qofa kan hammateedha.

♻️ Join & 🔗SHARE
       👇👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1

ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!
Galmeen Barattoota Kutaa 12ffaa Bara 2016 #Torban_Kana_Keessa_Xumurama Jedhame.
----------------
BBO- 25/06/2016 Barattootni kutaa 12ffaa bara 2016 Qormaata Biyyoolessaa fudhachuu danda'an galmeen isaanii Guyyaa 30/06/2016 kan xumuramu ta'uu I/A hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Galaanaa W/mikaa'el ibsaniiru.

#Galmeen_kun_Guraandhala #30/2016 #booda_karaa_kamiinuu waan_hindanda'amneef, hoggontootni manneen barnootaa, barattootni, barsiisotni manneen barnootaafi maatiin barattootaa xiyyeeffannoo itti kennuun guyyaa kaa'ame dura akka xumruu qaban kan dhaaman Dr. Galaanan, #Sarvarii barattootni 'online' irratti galmaa'an guyyaa 30/06/2016 booda siistamni waan cufuuf galmee fudhachuu hin danda'u.
Kanaafuu, barataan #Sarvarii_kanarratti_hin_galmaa'in #Qormaata_Biyyoolessaa bara 2016 #fudhachuu_hin_danda'u, carraan barataa kan bara 2016 jala gubata. Galmeen Sarvarii irratti gaggeeffamu akka biyyoolessaatti(Itoophiyaatti) waan ta'eef duubatti deebisuun hin danda'amu.
Kanaafuu, Qaamni dhimmi barattoota keenyaa ilaallatu hundi, #Gumiin_Tiraansiformeeshinii_Barnootaa_Oromiyaa( #GTBO) sadarkaa sadarkaan jirtan, #dura_bu'aan_MB, #Barattootni, #Maatiin_Barattootaa, #Barsiisotni, #Supparvaayizarootni Barnootaafi kan biroo barataa tokkollee ta'u/taatu, dogoggora galmeetiin carraan qormaata fudhachuu akka isaan hin dabarre miira itti gaafatamummaatin hojjachuu akka qaban Dr. Galaanaan dhaamsa dabarsaniiru.

#Sababa_Dogoggor_Galmeetii_Carraan_Barataa_tokkollee_waggaa_tokkoof_gubachuu_hinqabu!
#Dogoggora_Uumuun_Ittigaafatamummaa_fida!

#Share godhaa!
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1    
​Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 Akka Biyyaatti Kennamu Barattootni 35% ol Oromiyaa Irraa Ta'uun Beekame.
---------------
BBO- 10/10/ 2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa #qormaata_biyyoolessaa_kutaa_12ffaa_bara_2016_barattoota 246,575 kan qorsiisu yoo ta'u, #akka_biyyaatti_barattoota_qormaata_fudhatan_jedhamanii_eegaman 701,489 keessaa naannoon Oromiyaa 35% ol ta'uun beekameera.

Oromiyaa keessatti baay'inni barattoota qormaata fudhatanii hedduu waan ta'eef xiyyeeffannoo Biiroon Barnootaa Oromiyaa kennee hojjataa jiru cinatti karaa loojistikiifi humna namaa bobbaasu irratti Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa hordoffiifi deeggarsa olaanaa gochuu akka qabu waliigalameera.
Kanaafuu, hawaasni naannoo keenyaa, maatiin barattootaa, barsiisotni, hoggansi barnootaa, GTB, GMB, BBLG, Caasaan Mootummaa, Qaamni Nageenyaafi Yunivarsiitiwwan Naannoo keenyaa hundi qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 nagaafi milkiin akka xumuramu akkuma kanaan duraa deeggarsi keessan cimee akka itti fufu dhaamsa dabarsineerra.

#Gumiin_Tiraansiformeeshinii_Barnootaa_Oromiyaa (GTBO) sadarkaan jirtan, Komishiiniin Poolisii Oromiyaa, Maatiin Barattootaa, Barsiisotni, Hoggansi Barnootaa sadarkaan jiru, qaamni nageenyaafi caasaan mootummaa naannoo keenyaa sadarkaan jiru hundi #haaluma_kanaan_dura_qormaata_naannoo_kutaa_6ffaafi_8ffaa(barattoota milyoona 1.4 ol ta'an) milkeessineen #ammas_milkaa'ina_ammaffaa_akka_galmeessiftan gamanumaa abdii guddaa qabna.

Muuxannoo darberra waan hedduu waan hubanneef kan darbe caalaa qulqullinaafi iftoomaan barattoota keenya jajjabeessuu qabna.

- Qormaatn kan qophaa;
#Sirna_Barnootaa_Darbe(Moofaa) keessaa- Barnoota kutaa 9ffaa - 11ffaa jiru yoo ta'u,
#Sirna_Barnootaa_Haaraa keessaa immoo - Barnoota Kutaa 12ffaa ti.

- Guyyaa Qormaataa;
#Barnoota_Saayinsii_Hawaasaa - Adoolessa 03-05/2016
#Barnoota_Saayinsii_Uumamaa - Adoolessa 09-11/2016tti Waraqaafi 'Online'n kennama.

Barattoota keenyaaf:
#CARRAA_GAARII_HAWWINEERRA!
- BBO -


@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1