Turullee Dhugatu Mo'ata
12K subscribers
537 photos
163 videos
120 files
451 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
Namni #Yesuus #fannifame jedhee yaadu hundi nama #Yesuus #abaarame jedhu ta'uu beektuu⁉️

#Namni muka irratti #fannefame #hundi #abaaramaadhaa kunoo Macaafa Qulqulluu isa jedhamutu jedhaa, Yesuus fannifamee jedhanii Worroonni dubbattan, #Yesuus #abaarame akka jechutti jiran hoo hubatanii jiruu laata
Yesuus abaaramee jechuu tana sammuun isaanii fudhataa

#Yesuus #hin #abaaramnee yoo ka jedhan taate, #Yesuus #hin #fannifamnee jechuu hoo maaf didu ree

#Yesuus #fannifame jedhanii amanuun dubbii #ololaa akka ta’e yoo mirkaneefatuu feetan #Seera #keessa #Deebii 21:22-23 dubbisaa👇🏻
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
(Seera Keessa Deebii 21:22-23👇🏻
Namni tokko cubbuu du'a itti farachiisu waan hojjeteef ajjeefamee mukatti yoo rarraafame, guyyaadhuma sana haa awwaalamu malee, reeffi isaa mukicha irra hin bulin! #Namni #mukatti #rarraafame #Waaqayyo #duratti #abaaramaadha; biyya Waaqayyo gooftaan kee akka dhaaltuuf siif kennu hin xureessin!
ኦሪት ዘዳግም 21 22፤ ማንም ሰው ለሞት የሚያበቃውን ኃጢአት ቢሠራ፥ እንዲሞትም ቢፈረድበት፥ በእንጨትም ላይ ብትሰቅለው፥
#በእንጨት #ላይ #የተሰቀለ #በእግዚአብሔር #ዘንድ #የተረገመ #ነውና ሬሳው በእንጨት ላይ አይደር፤ ነገር ግን አምላክህ እግዚአብሔር ርስት አድርጎ የሰጠህን ምድር እንዳታረክስ በእርግጥ በዚያው ቀን ቅበረው።
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
Yesuus nuuf jechaa fannifame jedhanii worroonni olola odeessan, namni muka irratti fannifame kamuu Waaqa biratti #abaaramaadha jedhaa, kanaafuu akka worronni Yesuus ni jaalanna jedhanii waan hin jirre odeessan osoo taatee #Yesuus #abaaramaadha jechuu
garuu dubbituu olola malee👌

Yesuus hin abaaramnee namni amanee fudhatu, jaalatus jibbus Yesuus hin fannifamne amanee fudhatuun dirqama isaati beekaa👌👌👌
Nuti Muslimni, akkuma Rabbiin nuuf himetti, Yesuus hin fannifamnelle jennee amanna. Kana jechuu Yesuus hin abaaramnelle jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
#Yesuus (Nabi Iisaan nageenni Rabbii isa irratti haa jiraatu) #du'ee du'aa ka'e dubbiin jedhu akka #dubbii #ololaa ta'e yoo hubatuu barbaaddan kitaabuma worrota waan kana haasawuu keessaa mee ragaa takka haa ilaalluu koottaa. Nama sammuun nagaha ragaan tokkoo ni gahaa waan taatee gaafiin jiru tokko, Yesuus Yahuudonni ajeesuudhaaf yaaluun duratti wonta dubbate tokkotuu turee jedhame yaaddama ka ammoo dhugaa hin taane, sunis;👇
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
#Maatewos 12:40
" Akkuma Yoonaas garaa qurxummii guddichaa keessa #guyyaa #sadii fi #halkan #sadii ture, ilmi namaas akkasuma #guyyaa #sadii fi #halkan #sadii garaa lafaa keessa turuuf jira."
12:40 ዮናስ በዓሣ አንባሪ ሆድ ሦስት ቀንና ሦስት ሌሊት እንደ ነበረ፥ እንዲሁ #የሰው #ልጅ #በምድር #ልብ #ሦስት #ቀንና #ሦስት #ሌሊት ይኖራል።
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Mee worrota Yesuus ajjefamee fannifame du'ee du'aa ka'ee jedhan, ragaa kitaaba isaanii ka wangela #Maatewos 12:40 asii olitti tuqame irratti hundaahuun raajiin dubbatame kun raajii dhugaati moo raajii kijibaat? Yoo raajii dhugaate ka jedhamu taate, raajiin dubbatame sun guuttame moo hin guuttamne?
Yoo raajii dhugaati guuttamu qaba jettanii ka yaaddan taate #guyyaan #3 fi #halkan #3 Yesuus #garaa #dachii keessa ture akka raajii kanaattii guyyoota kami namni nuuf himuu danda’u jiraa?

Deebiin gonkumaa hin argamu waan dubbiin du'uu Yesuus kijiba taateef jecha.

Akka worroonni Kiristaanaa yaadanitti guyyaan du'e jedhamu #Jimaata sa'aa 9 booda, yoo laakkahamu guyyaan isaa, sanuu Jimaataa guutuu ta'uu dhabuu wojji osoo guutuunuu herreegneefii guyyaa #Jimaata fi #Sanbata Xinna, guyyaa #2 ta'aa jechu, sanbanni guddaan ganama ka'e waan jedhaniif hin laakkahamuu waan taateef. #Halkan ammoo #Jimaata galgalaa fi #Sanbata Xinnaa galgala, halkanille guyyaa #2 ta'aa jechu. Akka ragaa kanaatti yookaa Yesuusituu dubbii sobaa dubbate jechuu qabuu yookaa kitaaba isaaniittu waan Yesuus hin dubbanne dubbate jedhee sobaan bareesse jechuuf deemuu jechu. Lameenuu dubbii isaan hin baasne waan taateef wonti isaan baasuu yeroo gaafiin akkanaa isaanitti dhuftu ija qabadhaa fudhaa bira kutaa jechuu qofa yoo taate male.

Dhugaa akka aduutti mudhatu, cim jedhaa dukkana jedhaa dubbadhaa ammas fudhaa bira kutaan tun (Yesuusii hin duune dirqamaan du'e jedhaa amanaa fudhaan) nama sammuu waa yaaddu fi qalbii dhugaa barbaaddu qabuuf gonkumaa hin taatu.

Wolumaa galatti
Yesuus du’ee dubbiin jedhu haasawa kijibaa ta'uu ifatti mudhisaa jechu.

Worrota dukkana keessa ta'ee dukkanaan ifa jedhee mormu hunda Rabbiin ifnanatti isaan haa baasu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #11ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa Wangeela Maarqos 12: 29 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Maarqos 12: 29
" #Yesus deebisee, "Inni hundumaa #irra #caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi #Waaqayyo #keenya #kophaa #isaa #gooftaa dha. "

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa Wangeela #Maarqos #12:29 keessatti dubbatametti, hima kamtuu barsiisaa Yesuus?
A. Inni hundumaa irra caalu Anaan Gooftaa jechuu keessan jedhe.
B. Inni hundumaa irra caalu Waaqayyo Gooftaa keessan jedhe.
C. Inni hundumaa irra caalu Waaqayyo Anaan wojji Gooftaa keessan jedhe.
D. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa Wangeela #Maarqos #12:29 irraa argannu;

1ffaa- Wonti barsiisaa Yesuus barsiisaa ture keessatti hundumaa irra caalaa ilmi nama beekuu qabu, wa'ee Waaqaa irratti akka ture. Sunis:

I. #Waaqni uumaa hundaa, #Waaqa #Yesuusille ta'uu isaa. (#Waaqayyo #Keenya Yeroo Yesuus jedhu).

II. #Waaqni #Waaqa #qabaa jechuun sammuu fayyaa qabdu biratti akkuma #kijibaa, Yesuus ani Waaqa qaba osoo jedhu, dubbii #Yesuus faallessanii #innuu #Waaqaa jechuun dubbii #ololaa akka ta'e ifa taasisa.

III. Ammas Gooftummaan waaqaa, akka afooshaa fi woldaa yookaa sheerii kaampaaniitti kan gamtaan ijaaramte osoo hin taane, Waaqni Gooftaa uumama hundaa #kophama #isaatti #Gooftaa akka ta'e.

IV. Wolumaa galatti, Yesuus Gooftaa jedhamee eddoo gara garaatti (Macaafa Qulqulluu jedhumu keessatti jechuudha) argamuun, Waaqumma Yesuus ibsuuf akka hin taane ifa taasisa jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #15ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #Hojii #Ergamootaa #10:38 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Hojii #Ergamootaa #10:38
" Waaqayyo, #Yesus #nama #Naazireet kana #hafuura #qulqulluudhaan #dibee humnaan akka isa guute, inni naanna'ee hojii gaarii akka hojjete, Seexanaan kan cunqurfaman akka fayyise, #Waaqayyo #isaa #wajjin #akka #tures beekamaa dha."

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa #Hojii #Ergamootaa #10:38 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?
A. Yesus waan Waaqa ta'eef, hafuura qulqulluudhaan ufi dibee.
B. Yesuus waan Waaqa ta'eef, humna guuttachuu nan barbaachisu jedhe.
C. Yeroo Yesuus naanna'ee hojii gaarii hojjataa turee fi Seexanaan kan cunqurfaman fayyisu, Waaqayyo isaan wajjin hin turre.
D. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Hojii #Ergamootaa #10:38 irraa argannu:

1ffaa- #Yesus #nama Naazireet akka ture (Yesuus Waaqa jechuun olola dharaa akka ta'e) hubanna.

2ffaa- Yesuus #kophaa #isaatti dandeetti yookaa humna waan #hin #qabneef, Waaqayyo hafuura qulqulluudhaan dibee #humnaan #akka #isa #guute .

3ffaa- #Waaqni, #Yesuus fi #Hafuurri #qulqulluun waan #gara #garaa akka ta'anii fi sadiin Waaqaa tokko jechuun #haasawa #ololaa akka ta'e. (Waaqni ka kajeelamu yookaa tumsaa, Yesuus ka fudhatu yookaa qarqaarsa barbaadaa, Hafuurri qulqulluun ammoo uumama ajaja Waaqaa raawwatu) ta'uu mirkaneeffanna.

4ffaa- #Yesuus hojii gaarii yeroo hojjataa turee fi worroota seexanaan cunqurfaman fayyisaa turetti, #Waaqni #isa #qarqaaraa akka ture hubanna (#Waaqayyo #isaan #wajjin akka tures beekamaadha yeroo jedhu).

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #32ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Gilgaala Hubannoo sammuu qabnu madaalu;

Ragaawwan asii gadii keessa, kan #namummaan #Yesuus #lama (tow personality) qabaachuu agarsiisu jiraa?

A. #Maarqoos 12:29
" Yesus deebisee, "Inni hundumaa irra caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi #Waaqayyo #keenya #kophaa #isaa #gooftaa dha. " የማርቆስ ወንጌል 12:29 ኢየሱስም መልሶ እንዲህ አለው። ከትእዛዛቱ ሁሉ ፊተኛይቱ። እስራኤል ሆይ፥ ስማ፤ #ጌታአምላካችን #አንድጌታ ነው፥ Kanaafuu, Yesuus Waaqayyo keenya, sunuu tokkicha jedhee, namummama tokko malee lama hin garsiisuu.

B. #Maatewos 27:46
" Gara sa'aatii salgaffaatti #Yesus sagalee guddaadhaan, "#Elii, #Elii lamaa sabaktanii?" jedhee waammate; kunis, "#Waaqayyoko, #Waaqayyoko maaliif na dhiifte?" jechuutti in hiikama. " በዘጠኝ ሰዓትም ኢየሱስ። #ኤሎሄ #ኤሎሄ ላማ ሰበቅታኒ? ብሎ በታላቅ ድምፅ ጮኸ። ይህም። #አምላኬ #አምላኬ፥ ስለ ምን ተውኸኝ? ማለት ነው። Kanaafuu, Yesuus Waaqayyo koo, Waaqayyo koo jedhee, namummama tokko malee lama hin garsiisuu.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Eega #gara #samiitti #olbahee #booda #hoo?

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

C. #Mul’ata #Yohannis 3:2
" Ka'i, dammaqaas ta'i! Wanta hafee du'uuf jedhus jabeessi! Ani fuula #Waaqayyo #koo duratti hojiin kee fiixaan ba'uu isaa hin argine. " የዮሐንስ ራእይ 3:2 ሥራህን #በአምላኬ ፊት ፍጹም ሆኖ አላገኘሁትምና የነቃህ ሁን፥ ሊሞቱም ያላቸውን የቀሩትን ነገሮች አጽና። Kanaafuu, erga gara samiitti Rabbiin isa ol fudhateelle, #Yesuus #Rabbiin #qabaachuu, namuumman Waaqumma aka gahee isaa hin taane mirkaneessa.

D. #Mul’ata #Yohannis 3:12
" Isa mo'u sana mana qulqullummaa #Waaqayyo #koo keessatti utubaa nan godha; isa keessaas matumaa hin baafamu. Maqaa #Waaqayyo #kootii, maqaa mandara #Waaqayyo #kootii, Yerusaalem ishee haaraa ishee Waagayyo koo biraa waaqa keessaa gad buutu, maqaa koo isa haaraas utubaa kana irratti nan caafa." የዮሐንስ ራእይ 3:12 ድል የነሣው #በአምላኬ መቅደስ ዓምድ እንዲሆን አደርገዋለሁ፥ ወደ ፊትም ከዚያ ከቶ አይወጣም፤ #የአምላኬን ስምና የአምላኬን ከተማ ስም፥ ማለት ከሰማይ ከአምላኬ ዘንድ የምትወርደውን አዲሲቱን ኢየሩሳሌምን፥ አዲሱንም ስሜን በእርሱ ላይ እጽፋለሁ። kunillee ragama cimsuu, Yesuus aangoon Waaqummaa gonkumaa akka isaaf hin taane ifa baasu ta'aa jechuudha.

🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀

#Qabxiiwwan #ijoon nuti argannu;

1ffaa- #Waaqni akka #Waaqa #hin #qabne namuu waan beekuuf, Yesuus akka Waaqa hin taane hubannaa. Sammuu fayyaa qabduu mitii, maraattuun waan biroo hin beekne jedhamuu Waaqni Waaqa ni qabaa osoo jettee, deebiin isaa mitii jechuu ifa. Yesuus Waaqaa qaba jechuun, yoma booda irralle tooftaa birootiin Waaqatti ni jijjiramaan ka dhuftulle taatee, yeroo saniif akka Yesuus Waaqa hin taanee, namuu ni amanaa jechuudha.

2ffaa- Worroonni Rabbiin qajeelluma isaanii hin qoodin, #Yesuus #namummaa #lama #qaba (#two #personality) jedhanii nama gowwoomsan. Wonti rakkoo ta'e ammoo, #Yesuus #namummaa #lama #qabaan, #haasawa #jette #jettee #malaan #haasawamu malee, #eddoo #tokkottu #ragaa #hin #qabne ta'uu isaa.

3ffaa- #Yesuus gaafa dachii tana gubbaa turee qofa namaa (Waaqatu foon uffatee dhufee), worra jedhee yaaduuf, Yesuus gaafa gara samiitti ol bahellee akka #Rabbiin/ #Waaqa qabu fi Yesuus ammoo #Rabbiin/#Waaqaa #hintaane yeroo ragaa qabatamaa argan, Yesuus Waaqa jechuun #dubbii #sobaa/#ololaa ta'uu, namni kamuu ifatti beeka.

4ffaa- Yesuus yeroo tokko yookaa bara wohii nama turee, booda sanii Waaqa ta'ee, kana jechuun ni jijjirama worra jedhee yaaduuf ammoo, ragaa #Ibroota 13:8 👇
#Yesus #Kristos #kaleessa #isuma #ture, #har'as #bara #baraanis #isuma #sana !” #ኢየሱስ #ክርስቶስ #ትናንትና #ዛሬ #እስከ #ለዘላለምም #ያው #ነው
Jesus Christ the same yesterday, and to day, and for ever.
👆👆👆 ka jedhu yeroo argan, haasawa #Yesuus #namalle, akkasumas #Waaqallen #dubbii #fudhatama #hin #qabne, #dubbii #dogongoraa ta'uu ifatti mirkaneessa.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah