Turullee Dhugatu Mo'ata
11K subscribers
514 photos
129 videos
110 files
414 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
Kutaa 8ffaa

Waaqni ati waaqeffattu (gabbartu) Waaqa qaba moo hin qabu?

Waaqni Gooftaa yookaa Waaqaa isaa olii ni qabaata jettee yaadda?
Waaqni mootii waa hundaa ta’e Waaqaa isaa olii yooka Gooftaa isaa olii qaba osoo siin jedhanii sammuun kee si fudhataa?

Yesuus Waaqa qabaatuu ammoo namni shakku jiraa?
Yesuus gaafa dachii tana gubbaa turee fi gaafa gara samiitti ol bahellee akka Waaqa (Rabbiin) qabu fi Waaqni ammoo akka Waaqaa (Rabbiin) hin qabne beektuu?
Mee gaafiiwwaan asii olitti argamaniif deebii quubsaa argachuuf ragaawwan asii gadii haa ilaalluu:-

1- Yohannis 20:17👇🏻
" Yesus immoo, "Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqii, 'Ani gara #abbaa #kootii fi #abbaa #keessaniitti, gara #Waaqayyo #kootii fi #Waaqayyo #keessanitti ol nan ba'a' jedhii isaanitti anaaf himi!" jedhee ishee abboome."
የዮሐንስ ወንጌል 20:17 ኢየሱስም። ገና ወደ አባቴ አላረግሁምና አትንኪኝ፤ ነገር ግን ወደ ወንድሞቼ ሄደሽ። እኔ ወደ #አባቴና ወደ #አባታችሁ ወደ #አምላኬና ወደ #አምላካችሁ ዓርጋለሁ ብለሽ ንገሪአቸው አላት።

2- Maarqoos 12:29 👇🏻
" Yesus deebisee, "Inni hundumaa irra caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi #Waaqayyo #keenya #kophaa #isaa #gooftaa dha. "
የማርቆስ ወንጌል 12:29 ኢየሱስም መልሶ እንዲህ አለው። ከትእዛዛቱ ሁሉ ፊተኛይቱ። እስራኤል ሆይ፥ ስማ፤ #ጌታአምላካችን #አንድጌታ ነው፥

3- Maatewos 27:46 👇🏻
" Gara sa'aatii salgaffaatti #Yesus sagalee guddaadhaan, "#Elii, #Elii lamaa sabaktanii?" jedhee waammate; kunis, "#Waaqayyoko, #Waaqayyoko maaliif na dhiifte?" jechuutti in hiikama. "
27:46 በዘጠኝ ሰዓትም ኢየሱስ። #ኤሎሄ #ኤሎሄ ላማ ሰበቅታኒ? ብሎ በታላቅ ድምፅ ጮኸ። ይህም። #አምላኬ #አምላኬ፥ ስለ ምን ተውኸኝ? ማለት ነው።

Qabxiiwwan ijoon Yohannis 20:17, Maarqoos 12:29 fi Maatewos 27:46 irraa nuti hubannu:-

1ffaa- Yesuus Waaqayyoo kootii fi Waaqayyoo keessanii Yeroo jedhu ifatti akka Waaqa akkuma namuu qabu innillee qabaachuu mudhisa, keessattuu ‘kootii’ (Waaqayyoo kootii) jecha jettuun adda baasee addeesse. Kanaafuu Yesuus Waaqa qabaatuu fi Waaqni akka Waaqa hin qabne namni sammuun nagahaa kamuu ifatti beekaa jechu.

2ffaa- Keessattuu ragaan Maarqoos 12:29 akka ibsutti, Yesuus afaan isaatiin Waaqayyo keenya kophaa isaa goofta jedhee qabxii 2 ijoo ilma namaatii hime. Ta duraa Waaqayyoo keenya Yeroo jedhu, Waaqni uumaa birootii Waaqaa isaafis akka Waaqa ta’eef kan lammaffaa immoo Waaqni Yesuusiinille dabalate uumaa hundaa Waaqaa akka kophama isaatti (kan Yesuusille isa wojji gooftaa hin taane) goofta akka ta’e ifatti muldhisa jechu.

3ffaa- Yesuus gaafa Yahuudunni isa ajjeesuuf jettu akka Waaqni isaa birmatuuf Waaqayyoo koo jedhaa akka Waaqa isaa tumsuu danda’utti iyyata turee fi Waaqa Waaqefatuu fi gaafa rakkoo tumsa irra barbaadu qabaatuu ifatti mirkaneessa jechuuudha


Eega gara samiitti ol bahee booda hoo Yesuus Waaqa qaba moo hin qabu laata? Mee ragaawwan armaan gadii haa ilaallu:-

4️⃣ Mul’ata Yohannis 3:2
" Ka'i, dammaqaas ta'i! Wanta hafee du'uuf jedhus jabeessi! Ani fuula #Waaqayyo #koo duratti hojiin kee fiixaan ba'uu isaa hin argine. "
የዮሐንስ ራእይ 3:2 ሥራህን #በአምላኬ ፊት ፍጹም ሆኖ አላገኘሁትምና የነቃህ ሁን፥ ሊሞቱም ያላቸውን የቀሩትን ነገሮች አጽና።
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
5️⃣ ↪️ Mul’ata Yohannis 3:12👇🏻
" Isa mo'u sana mana qulqullummaa #Waaqayyo #koo keessatti utubaa nan godha; isa keessaas matumaa hin baafamu. Maqaa #Waaqayyo #kootii, maqaa mandara #Waaqayyo #kootii, Yerusaalem ishee haaraa ishee Waagayyo koo biraa waaqa keessaa gad buutu, maqaa koo isa haaraas utubaa kana irratti nan caafa."
የዮሐንስ ራእይ 3:12 ድል የነሣው #በአምላኬ መቅደስ ዓምድ እንዲሆን አደርገዋለሁ፥ ወደ ፊትም ከዚያ ከቶ አይወጣም፤ #የአምላኬን ስምና የአምላኬን ከተማ ስም፥ ማለት ከሰማይ ከአምላኬ ዘንድ የምትወርደውን አዲሲቱን ኢየሩሳሌምን፥ አዲሱንም ስሜን በእርሱ ላይ እጽፋለሁ።

Qabxiin ijoon Mul’ata Yohannis 3:2 fi 3:12 irraa hubannu, Yesuus erga gara samiitti Rabbiin ol isa fuudhee boodalle akka mul’ata kanaatti (mul’ata Yohannis jechuudhaa) akka Waaqa qabuu ifatti nama hubachiisa. Mul’anni Yohannis seenaan inni dubbatu waan eega Yesuus gara samiitti ol bahe ta’uun beekamaadha waan ta’eef.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇
https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #11ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa Wangeela Maarqos 12: 29 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Maarqos 12: 29
" #Yesus deebisee, "Inni hundumaa #irra #caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi #Waaqayyo #keenya #kophaa #isaa #gooftaa dha. "

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa Wangeela #Maarqos #12:29 keessatti dubbatametti, hima kamtuu barsiisaa Yesuus?
A. Inni hundumaa irra caalu Anaan Gooftaa jechuu keessan jedhe.
B. Inni hundumaa irra caalu Waaqayyo Gooftaa keessan jedhe.
C. Inni hundumaa irra caalu Waaqayyo Anaan wojji Gooftaa keessan jedhe.
D. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa Wangeela #Maarqos #12:29 irraa argannu;

1ffaa- Wonti barsiisaa Yesuus barsiisaa ture keessatti hundumaa irra caalaa ilmi nama beekuu qabu, wa'ee Waaqaa irratti akka ture. Sunis:

I. #Waaqni uumaa hundaa, #Waaqa #Yesuusille ta'uu isaa. (#Waaqayyo #Keenya Yeroo Yesuus jedhu).

II. #Waaqni #Waaqa #qabaa jechuun sammuu fayyaa qabdu biratti akkuma #kijibaa, Yesuus ani Waaqa qaba osoo jedhu, dubbii #Yesuus faallessanii #innuu #Waaqaa jechuun dubbii #ololaa akka ta'e ifa taasisa.

III. Ammas Gooftummaan waaqaa, akka afooshaa fi woldaa yookaa sheerii kaampaaniitti kan gamtaan ijaaramte osoo hin taane, Waaqni Gooftaa uumama hundaa #kophama #isaatti #Gooftaa akka ta'e.

IV. Wolumaa galatti, Yesuus Gooftaa jedhamee eddoo gara garaatti (Macaafa Qulqulluu jedhumu keessatti jechuudha) argamuun, Waaqumma Yesuus ibsuuf akka hin taane ifa taasisa jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #32ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Gilgaala Hubannoo sammuu qabnu madaalu;

Ragaawwan asii gadii keessa, kan #namummaan #Yesuus #lama (tow personality) qabaachuu agarsiisu jiraa?

A. #Maarqoos 12:29
" Yesus deebisee, "Inni hundumaa irra caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi #Waaqayyo #keenya #kophaa #isaa #gooftaa dha. " የማርቆስ ወንጌል 12:29 ኢየሱስም መልሶ እንዲህ አለው። ከትእዛዛቱ ሁሉ ፊተኛይቱ። እስራኤል ሆይ፥ ስማ፤ #ጌታአምላካችን #አንድጌታ ነው፥ Kanaafuu, Yesuus Waaqayyo keenya, sunuu tokkicha jedhee, namummama tokko malee lama hin garsiisuu.

B. #Maatewos 27:46
" Gara sa'aatii salgaffaatti #Yesus sagalee guddaadhaan, "#Elii, #Elii lamaa sabaktanii?" jedhee waammate; kunis, "#Waaqayyoko, #Waaqayyoko maaliif na dhiifte?" jechuutti in hiikama. " በዘጠኝ ሰዓትም ኢየሱስ። #ኤሎሄ #ኤሎሄ ላማ ሰበቅታኒ? ብሎ በታላቅ ድምፅ ጮኸ። ይህም። #አምላኬ #አምላኬ፥ ስለ ምን ተውኸኝ? ማለት ነው። Kanaafuu, Yesuus Waaqayyo koo, Waaqayyo koo jedhee, namummama tokko malee lama hin garsiisuu.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Eega #gara #samiitti #olbahee #booda #hoo?

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

C. #Mul’ata #Yohannis 3:2
" Ka'i, dammaqaas ta'i! Wanta hafee du'uuf jedhus jabeessi! Ani fuula #Waaqayyo #koo duratti hojiin kee fiixaan ba'uu isaa hin argine. " የዮሐንስ ራእይ 3:2 ሥራህን #በአምላኬ ፊት ፍጹም ሆኖ አላገኘሁትምና የነቃህ ሁን፥ ሊሞቱም ያላቸውን የቀሩትን ነገሮች አጽና። Kanaafuu, erga gara samiitti Rabbiin isa ol fudhateelle, #Yesuus #Rabbiin #qabaachuu, namuumman Waaqumma aka gahee isaa hin taane mirkaneessa.

D. #Mul’ata #Yohannis 3:12
" Isa mo'u sana mana qulqullummaa #Waaqayyo #koo keessatti utubaa nan godha; isa keessaas matumaa hin baafamu. Maqaa #Waaqayyo #kootii, maqaa mandara #Waaqayyo #kootii, Yerusaalem ishee haaraa ishee Waagayyo koo biraa waaqa keessaa gad buutu, maqaa koo isa haaraas utubaa kana irratti nan caafa." የዮሐንስ ራእይ 3:12 ድል የነሣው #በአምላኬ መቅደስ ዓምድ እንዲሆን አደርገዋለሁ፥ ወደ ፊትም ከዚያ ከቶ አይወጣም፤ #የአምላኬን ስምና የአምላኬን ከተማ ስም፥ ማለት ከሰማይ ከአምላኬ ዘንድ የምትወርደውን አዲሲቱን ኢየሩሳሌምን፥ አዲሱንም ስሜን በእርሱ ላይ እጽፋለሁ። kunillee ragama cimsuu, Yesuus aangoon Waaqummaa gonkumaa akka isaaf hin taane ifa baasu ta'aa jechuudha.

🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀

#Qabxiiwwan #ijoon nuti argannu;

1ffaa- #Waaqni akka #Waaqa #hin #qabne namuu waan beekuuf, Yesuus akka Waaqa hin taane hubannaa. Sammuu fayyaa qabduu mitii, maraattuun waan biroo hin beekne jedhamuu Waaqni Waaqa ni qabaa osoo jettee, deebiin isaa mitii jechuu ifa. Yesuus Waaqaa qaba jechuun, yoma booda irralle tooftaa birootiin Waaqatti ni jijjiramaan ka dhuftulle taatee, yeroo saniif akka Yesuus Waaqa hin taanee, namuu ni amanaa jechuudha.

2ffaa- Worroonni Rabbiin qajeelluma isaanii hin qoodin, #Yesuus #namummaa #lama #qaba (#two #personality) jedhanii nama gowwoomsan. Wonti rakkoo ta'e ammoo, #Yesuus #namummaa #lama #qabaan, #haasawa #jette #jettee #malaan #haasawamu malee, #eddoo #tokkottu #ragaa #hin #qabne ta'uu isaa.

3ffaa- #Yesuus gaafa dachii tana gubbaa turee qofa namaa (Waaqatu foon uffatee dhufee), worra jedhee yaaduuf, Yesuus gaafa gara samiitti ol bahellee akka #Rabbiin/ #Waaqa qabu fi Yesuus ammoo #Rabbiin/#Waaqaa #hintaane yeroo ragaa qabatamaa argan, Yesuus Waaqa jechuun #dubbii #sobaa/#ololaa ta'uu, namni kamuu ifatti beeka.

4ffaa- Yesuus yeroo tokko yookaa bara wohii nama turee, booda sanii Waaqa ta'ee, kana jechuun ni jijjirama worra jedhee yaaduuf ammoo, ragaa #Ibroota 13:8 👇
#Yesus #Kristos #kaleessa #isuma #ture, #har'as #bara #baraanis #isuma #sana !” #ኢየሱስ #ክርስቶስ #ትናንትና #ዛሬ #እስከ #ለዘላለምም #ያው #ነው
Jesus Christ the same yesterday, and to day, and for ever.
👆👆👆 ka jedhu yeroo argan, haasawa #Yesuus #namalle, akkasumas #Waaqallen #dubbii #fudhatama #hin #qabne, #dubbii #dogongoraa ta'uu ifatti mirkaneessa.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah