Turullee Dhugatu Mo'ata
11K subscribers
514 photos
129 videos
110 files
414 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦
#Kutaa #25ffaa
πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦

#Hojii #manaa
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

Ragaa #Maatewos 26:39 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
πŸ‡πŸ‡πŸ‡πŸ‡πŸ‡πŸ‡

#Maatewos 26:39
" Xinnoos irraa hiiqee #adda #isaatiin #gombifamee, 'Yaa abbaa, ko! In danda'ama yoo ta'e #xoofoon #dhiphinaa #kun #ana #irra #haa #darbu, garuu akka jaalala koo miti, #akka #jaalala #kee haa ta'u malee" jedhee #kadhate. "
αŒ₯α‰‚α‰΅αˆ α‹ˆα‹° αŠα‰΅ αŠ₯ልፍ α‰₯ሎ #α‰ αŠα‰± #α‹ˆα‹°α‰€αŠ“ αˆ²αŒΈαˆα‹­α’ αŠ α‰£α‰΄α₯ α‰’α‰»αˆαˆ΅α₯ #α‹­αˆ…α‰½ #αŒ½α‹‹ #ከαŠ₯αŠ” #α‰΅αˆˆαα€ ነገር αŒαŠ• #αŠ αŠ•α‰° #αŠ₯αŠ•α‹°αˆα‰΅α‹ˆα‹΅ #α‹­αˆαŠ• αŠ₯αŠ•αŒ‚ #αŠ₯αŠ” #αŠ₯αŠ•α‹°αˆα‹ˆα‹΅ #αŠ α‹­αˆαŠ• አለፒ
And he went a little farther, and #fell #on #his #face, and #prayed, saying, O my Father, if it be possible, let this cup pass from me: nevertheless not as I will, but as thou wilt.

Gafii πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Akka ragaa #Maatewos 26:39 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?

A. Yesuus adda isaatiin gombifamee, xoofoo dhiphinnaa (du'a) na oolchiif Waaqaa kadhate.βœ…

B. Yesuus adda isaatiin gombifamee, akka cubbuu ilma namaatiif du'u barbaadu Waaqatti hime.❌

C. Yesuus adda isaatiin gombifamee, yaa abbaa, akka jaalala fi aangoo kootti (kiyyaatti) , xoofoon dhiphinnaa kun ana irra dabruu qabaa jedhe.❌

D. Hunduu deebii sirriiti.❌


πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦

β†ͺ Worroonni Amantii Kiristaanaa mee waan sammuu keessaa qabdanii fi raga kana wol bira qabaa laalaa.

β†ͺ hawaasni keenna ammoo, worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran, ka dhugaa kitaabuma isaanii keessatti argamtu hubatuu dadhaban, ragaawwan asii olii kana biraan gahaa, haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Maatewos 26:39 irraa argannu;

1ffaa- Yesuus adda isaatiin gombifamee #kadhataa/#sagadaa akka ture. ( #α‰ αŠα‰± #α‹ˆα‹°α‰€αŠ“ #αˆ²αŒΈαˆα‹­ /#fell #on #his #face and #prayed) . Kun ammoo maal agarsiisa yoo jedhame, Waaqummaa mitii, hafuurri aangoo waan takkatu, akka harka isaa keessa hin jirree fi gabricha Rabbii ka rakkoo keessatti Rabbiin irraa tumsa hajamu, ta'uu isaa ifatti mirkaneessa.

2ffaa- Yesuus adda isaatiin gombifamee, #xoofoo #dhiphinnaa (#du'a) ana irra haa darbu ( #α‹­αˆ…α‰½ #αŒ½α‹‹ #ከαŠ₯αŠ” #α‰΅αˆˆαα€) yeroo jedhu, karoora Yahuudonni natti baastee na ajjeesuuf jettu kana na oolchiif akka Waaqaa kadhate mudhisa. Yaada kana irraa qabxiin ijoon nuti fudhannu, Yesuus cubbuu ilma namaatiif jecha fannifameen, haasawa ololaa ta'uu, sababni isaalle osoo akka namoonni tokko tokko yaadan taate, waan karoora isaatiin raawwatuu hedu tokkotti, Waaqaan na oolchi jedhee, sanuu addaan gombifamee hin kadhatu ture.

3ffaa- Yesuus adda isaatiin gombifamee, yeroo #xoofoo #dhiphinnaa (#du'a) na oolchiif Waaqaa kadhatu, akka aangoo kiyyaatti yookaa akka fedha kiyyaatti jedhee osoo hin taane, 'Yaa abbaa, ko! In danda'ama yoo ta'e, akka jaalala koo miti, #akka #jaalala #keetti (fedha kee yoo taate, aangoo kiyyaa mitii aangoo keetiin) du'a na oolchi jedhe. Kun maal mirkaneessa yoo ka jedhamu taate? Yesuus aangoo ilma namaa biroo du'a ittiin oolchuu mitii, aangoo ufuu baraaruun akka hin qabnee fi akkasumas, wonti Rabbiin hojjatu, fedha Yesuus irratti hundaahee yookaa marii isaatiin osoo hin taane, akkuma Rabbiin tokko ta'e, waan hojjatu kamuu, fedha isaa qofaan, fedhii nama tokkootiin ala jechuudhaa (Yesuusillee dabalatee), akka raawwatu ifatti mudhisa.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa πŸ‘‡

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦
#Kutaa #29ffaa
πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦

#Hojii #manaa
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

Ragaa #Maatewos 20:20-23 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
πŸ‡πŸ‡πŸ‡πŸ‡πŸ‡πŸ‡

#Maatewos 20:20-23
❝Ergasii haati ilmaan Zabdewos ilmaan ishee wajjin, gara Yesus dhuftee, waa kadhachuudhaaf miilla isaatti kufte. Inni immoo, "#Maal #barbaadda?" isheedhaan jedhe. Isheen itti fuftee, "#Ilmaan #koo #kun #lamaan #mootummaa #kee #keessatti #inni #tokko #gara #mirga #kee, #inni #tokko #immoo #gara #bitaa kee akka taa'aniif abboomi!" ittiin jette. #Yesus, garuu #deebisee, "#Waan #kadhattan #hin #beektan! Isin immoo xoofoo dhiphinaa ani keessaa dhuguuf jiru keessaa dhuguu in dandeessuu?" jennaan, isaan immoo, "In dandeenya" jedhaniin. Innis, "Xoofoo koo keessaa illee dhuguuf jirtu #gara #mirga #koo yookiis #gara #bitaa #koo #taa'uu garuu #kennuun #kan #koo #miti; taa'umsi sun warra kanaan dura abbaa kootiin qopheeffameefiif ta'a" isaaniin jedhe.❞
α‰ α‹šα‹«αŠ• αŒŠα‹œ α‹¨α‹˜α‰₯α‹΄α‹Žαˆ΅ αˆαŒ†α‰½ αŠ₯αŠ“α‰΅ αŠ¨αˆαŒ†α‰½α‹‹ αŒ‹αˆ­ αŠ₯α‹¨αˆ°αŒˆα‹°α‰½αŠ“ αŠ αŠ•α‹΅ ነገር αŠ₯α‹¨αˆˆαˆ˜αŠα‰½ α‹ˆα‹° αŠ₯ርሱ α‰€αˆ¨α‰ α‰½α’
αŠ₯ርሱምፒ αˆαŠ• α‰΅αˆαˆαŒŠα‹«αˆˆαˆ½? αŠ αˆ‹α‰΅α’ αŠ₯αˆ­αˆ΅α‹‹αˆα’ #αŠ₯αŠα‹šαˆ… #αˆαˆˆα‰± #αˆαŒ†α‰Ό #αŠ αŠ•α‹± #α‰ α‰€αŠαˆ… #αŠ αŠ•α‹±αˆ #α‰ αŒαˆ«αˆ… #α‰ αˆ˜αŠ•αŒαˆ₯α‰΅αˆ… #αŠ₯αŠ•α‹²α‰€αˆ˜αŒ‘ #αŠ₯α‹˜α‹ #αŠ αˆˆα‰½α‹α’ #αŠ’α‹¨αˆ±αˆ΅ αŒαŠ• መልሢፒ #α‹¨αˆα‰΅αˆˆαˆαŠ‘α‰΅αŠ• #αŠ α‰³α‹α‰αˆα’ αŠ₯αŠ” αˆαŒ αŒ£α‹ α‹«αˆˆα‹αŠ• αŒ½α‹‹ αˆα‰΅αŒ αŒ‘ αŠ₯αŠ”αˆ α‹¨αˆαŒ αˆ˜α‰€α‹αŠ• αŒ₯αˆα‰€α‰΅ αˆα‰΅αŒ αˆ˜α‰ α‰΅α‰½αˆ‹αˆ‹α‰½αˆαŠ•? አለፒ αŠ₯αŠ•α‰½αˆ‹αˆˆαŠ• αŠ αˆ‰α‰΅α’ αŠ’α‹¨αˆ±αˆ΅ αŒαŠ• መልሢፒ α‹¨αˆα‰΅αˆˆαˆαŠ‘α‰΅αŠ• αŠ α‰³α‹α‰αˆα’ αŠ₯αŠ” αˆαŒ αŒ£α‹ α‹«αˆˆα‹αŠ• αŒ½α‹‹ αˆα‰΅αŒ αŒ‘ αŠ₯αŠ”αˆ α‹¨αˆαŒ αˆ˜α‰€α‹αŠ• αŒ₯αˆα‰€α‰΅ αˆα‰΅αŒ αˆ˜α‰ α‰΅α‰½αˆ‹αˆ‹α‰½αˆαŠ•? አለፒ αŠ₯αŠ•α‰½αˆ‹αˆˆαŠ• αŠ αˆ‰α‰΅α’ αŠ₯ርሱምፒ αŒ½α‹‹α‹¬αŠ•αˆ΅ α‰΅αŒ αŒ£αˆ‹α‰½αˆα€ #α‰ α‰€αŠαŠ“ #α‰ αŒαˆ« #αˆ˜α‰€αˆ˜αŒ₯ #αŒαŠ• #αŠ¨αŠ α‰£α‰΄ #α‹˜αŠ•α‹΅ #αˆˆα‰°α‹˜αŒ‹αŒ€αˆ‹α‰Έα‹ #αŠα‹ #αŠ₯αŠ•αŒ‚ #αŠ₯αŠ” #α‹¨αˆαˆ°αŒ₯ #αŠ α‹­α‹°αˆˆαˆαˆ αŠ αˆ‹α‰Έα‹α’

Gafii πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Akka ragaa #Maatewos 20:20-23 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?

A. Haati ilmaan Zabdewos ilmaan ishee wajjin, gara Yesus dhuftee, Ilmaan koo kun lamaan mootummaa kee keessatti inni tokko gara mirga kee, inni tokko immoo gara bitaa kee akka taa'aniif abboomi!" ittiin jette. βœ…
B. Yesus, haadha ilmaan Zabdewos deebisee, homa na kadhatuu qabdu na gaafatte jedheen.❌
C. Yesuus haadha ilmaan Zabdewosiin, mirga koo yookiis gara bitaa koo taa'uu kan kennu anaa jedhe. ❌
D. Yesuus haadha ilmaan Zabdewosiin, mirga koo yookiis gara bitaa koo taa'uu sun warra kanaan dura anaan qophaayee fi worrota akka kee na gaafataniif kenname isiin jedhe. ❌

πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Maatewos 20:20-23 irraa argannu;

1ffaa- Dubartiin haati ilmaan Zabdewos jedhamtu, Yesuus #Nabiyyii Rabbii fi #gabricha Rabbii ta'uu hubattee, aakeratti #gaafa #Jannata #seentu ilmaan tiyyalle akka si woliin Jannata naaf seentu naaf taasisii jetteen (Isheen itti fuftee, "#Ilmaan #koo #kun #lamaan #mootummaa #kee #keessatti #inni #tokko #gara #mirga #kee, #inni #tokko #immoo #gara #bitaa kee akka taa'aniif abboomi!" ittiin jette yeroo jedhu).

2ffaa- Yesuus haadha ilmaan Zabdewosii, ta ilmaan tiyya si wojjiin Jannata naaf haa seentuu jettee kadhattee, #Jannata #nama #seensisuun #akka #gahee #isaa #hin #taane #mirkaneessuuf jecha, homa na kadhatuu qabdanuu hin beektanii, kun gahee kiyyaa mitii #kadhaa #dogongora na gaafattee isiin jedheen ("#Waan #kadhattan #hin #beektan! yeroo jedhuun).

3ffaa- Yesuus yeroo haati ilmaan Zabdewos gaafii gaafattu, deebisee akka ani haqa Rabbii irratti jiraadhee haqa irratti du'u hedutti raawwatu dandeettuu? jennaan, ee ni dandeenna jetten (Isin immoo xoofoo dhiphinaa ani keessaa dhuguuf jiru keessaa dhuguu in dandeessuu?" jennaan, isaan immoo, "In dandeenya" jedhaniin yeroo jedhaniin). Kun waan lamaan gurguddaa agarsiisa, atillee haqumaaf jecha rakkattee nullee haqa irratti dhaabbanne rakkannaa fi akkasuma akkuma ati haqa irratti du'uu heddu #nullee #haqa #irratti #ni #duunaa jechuudha. Yesuusille akkuma ani Rabbitti amane yoo amantani akkuma ani rakadhetti rakkatuuf jirtuu jedheen (Innis, "Xoofoo koo keessaa illee dhuguuf jirtu yeroo jedhu).

4ffaa- Yesuus xumura irratti #homa #feetanuu #hojjattan, #Jannata #ka #nama #seensisu #anaa #mitii #Rabbii #tokkicha malee jedhee himeef (#gara #mirga #koo yookiis #gara #bitaa #koo #taa'uu garuu #kennuun #kan #koo #miti; taa'umsi sun warra kanaan dura abbaa kootiin qopheeffameefiif ta'a" isaaniin jedhe.❞ yeroo jedhu).

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️

https://t.me/Xaalibu6504