Caffee Mooraa-Jimmaa
3.41K subscribers
345 photos
7 videos
42 files
395 links
Jaalala_Qabaadhu
Waaqayyoon jaaladhu; mootummaasaa jaaladhu; nama hundaa jaaladhu; jaalalli jaalala fida. Haa ta'uutii ati tajaajila kee akka hojiitti qofa, akka dirqamaatti, ykn kaayyoo ta'eef qofa akka ta'eetti kan ilaaltu yoo ta'e bu'aan kee maalinni?
Download Telegram
KANA BEEKTUU

Gosoota Fannoo

"Iddaa jalaa gara isaatti akka baqataniif, ati warra si sodaataniif #faajjii isaaniif kennite." ( Faar. 60: 4)

✝️Manni Kiristaanaa keenyi bu'uura bu'uureffama ishee fi utubaa ishee kan ta'e jaalala Kiristoos afaan qofaan kan lallabdu osoo hin taane ofii ishees itti qabamtee kan jiraattudha. Kana waan ta'eef tajaajila kennitu kamirratti iyyuu dursitee mallattoo fannoodhaan eebbisuun ijoolleen ishee miila yaada isaaniin gara Qaraaniyoo akka deeman taasisti! Diinnii fi darboon diinaa immoo akka fashalaa'u gooti! Qulqulluun Daawitis, "faajjii isaaniif kennite" kan jedhe isa kanadha.

Manni Kiristaanaa jaalalaa fi hidhata cimaa faajjii bilisummaa kana wajjin qabdu irraan kan ka'e ogummaa ajaa'ibsiisaa ta'een wantoota baay'ee #miidhagoo fi #qaalawaa ta'an irraa fannoo ni hojjetti! Keessumaa fannoowwan mana kiristaaanaa ortodoksii tawaahidoo Itoophiyaatiin hojjetaman immoo sadarkaa addunyaatti illee hamma dinqisiifaman fi daawwatamanitti gahaniiru. Wanti baay'ee nama ajaa'ibu immoo gosoonni fannoo hundi fakkeenya fi hiika afuurawaa mataa mataa isaaniin hojjetamuu isaaniiti! Osoo diinni mallattoo kana isheerratti jibbuu isheen garuu fayyadamuu bira dabartee hamma gosawwan garaagaraan hiika afuurawaa mataa isaanii qabanii hojjechuutti geesseetti! Mee isin hoo gosoota fannoo kana hammam beektu

Gosoota fannoo hiikaa fi fakkii isaaniin argachuuf #link gadii👇"INSTANT VIEW" jedhu tuquun dubbisaa; #share gochuu hin dagatiinaa!

Yaada ykn gaaffiif - @lamtesh

Miseensa chaanela keenyaa ta'uuf👇

👇👇
@Kalabhiyahu
☝️☝️

https://telegra.ph/Gosoota-Fannoo-08-27

#Share_Share_Share