Caffee Mooraa-Jimmaa
3.28K subscribers
345 photos
7 videos
42 files
393 links
Jaalala_Qabaadhu
Waaqayyoon jaaladhu; mootummaasaa jaaladhu; nama hundaa jaaladhu; jaalalli jaalala fida. Haa ta'uutii ati tajaajila kee akka hojiitti qofa, akka dirqamaatti, ykn kaayyoo ta'eef qofa akka ta'eetti kan ilaaltu yoo ta'e bu'aan kee maalinni?
Download Telegram
⚜️Dubrittii Dubbii Abbootiin⚜️

➭"Waaqayyo osoo Mucaa dubaraa mooticha Heeroodsi irraa dhalateera ta'e arii'atamuun Isaa hafee mootummaa  isaa dhaala ture. Inni garuu mucaa warra hiyyeessaa kan taate Dubroo filate" Abbaa Giyoorgis Isa Gaasiccaa

➭"Yaa tulluu guddichaa! Mucaa xiqqoon kan si baatte atumti akka isheen dandeessee si baattu taasifteeti; Yaa ibidda guddichaa! Mucaa xiqqoon si baattee kan hin gubanne, akka isheen dandeessuuf ishee jabeessiteeti!"  Q. Efreem isa Sooriyaa

➭"Addunyaan kun kallattiidhaan Ilma Waaqayyoo Waaqa Abbaa irraa fudhachuuf kan gahe ta'ee waan hin argamneef, addunyaan akka ishee irraa fudhatuuf Ilma isaa tokkicha haadha isaa akka taatuuf Dubroo Maariyaamiif kenne!" Q. Awugisxiinoos

➭"Yaa gooftaa haadha kee eenyu jennee waamnaa? Haadha qofa akka hin jenne Dubroo taatee argine; Dubroo akka hin jenneef ilma haammattee argine. Yaa gooftaa haadha kee waamuuf akkas kan nama rakkisu yoo ta'e siin immoo mee maal jennee waamnaa?" Q. Efreem

➭"Waa'ee Dubroo Maariyaam dubbachuuf yammuun yaadu jechi tokko na keessa dhufa. Kunis Museen tulluu Siinaarra dhaabbatee osoo jiruu, "mukni tokko yammuu ibbiddi isheerratti boba'u, ibiddichi mukittii osoo hin gubiin, mukittiinis osoo ibiddicha hin balleessiin" ilaalee 'akkamitti ibiddi kun  muka kana hin gubne? Raajii kana nan ilaala jedhee kalattii mukittiitti dhiyaate. Yammuu achitti dhiyaatu  garuu jechi tokko garasaatti dhufe, 'Gara kanatti hin  dhiyaatiin bakka ati dhaabbatte kan eebbifamte waan taateef kophee miila kee baafadhu!' kan jedhu; Waa'ee Dubroo Maariyaam dubbachuuf yammuun yaadu "As hin dhiyaatiin!"waan jedhu natti fakkaata. Sababni isaas muka sanarratti kan boba'e ibiddadha. Dubroon Maariyaam kan baatte garuu ibidda Waaqummaati" Q. Saawuroos isa Antsookiyaa

➭"Dubroo qulqulleettiin dhugumatti waaqayyoon kan deesse ta'uushee ni dubbanna, Waaqayyo Ilmi/JECHI/ isheerraa foon waloomfateeraatii" Q. Gorgooriyoos isa Inzinaazuu

Caamsaa 01; guyyaa kanatti dhaloonni ishee kan yaadatamu Eebbii fi araarsummaan Haadha Waaqaa Dubroo Maariyaam  nurraa adda hin bahiin! Ameen!

Telegram: https://t.me/Kalabhiyahu
Forwarded from ♻️
Forwarded from ♻️
Suuraa Guyyaa ayyaanaa galgala kaafaman
AMANTAA ABBOOTAA

"Obbolootaa nuti hoo akkasitti amannna: Kan hin dhalanne Waaqayyo Abbaan qaama isaa adda ta'een tokkodha. Kan dhalate Ilmi Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos qaama isaa adda ta'een tokkodha. Kan jaalaterra kan bulu Afuurri Abbaa, Ilmaa Waaqayyo Afuura Qulqulluun qaama isaa adda ta'een tokkodha.Abbaan hin dhalanne, addunyaa dura Ilma dhale malee, Ilmis addunyaa dura Abbaarraa dhalate. Afuurri qulqulluus addunyaa dura Abbaa irraa bahe!"

Amantaa Abbootaa kan Atnaatewoos
Waaqayyoof galatni haa ta'u!
Fedha uumaa keenya Qulqulleetti Sillaaseen guyyaa har'aa(guyyaa yaadannoo ji'aa Qul.Sillaaseen) speaker(sagalee guddistuu) kana bitachuu dandeenyeerra. Warreen bakka adda addaa teessanii jaalala Xoofoo Sillaaseef qabdaniif maqaa Qulqulleettii Sillaaseen gargaarsa nuuf gochaa jirtan waaqayyo uumaan keenya bakka jirtanitti isin haa eegu, kan hafe isiniif haa eebbisu, guyyaa dhufaatiisaa nama mirgasaa dhaabbatu isin haa taasisu.
Warreen nu gargaaruu barbaaddanis Herreega baankii maqaa Xoofoo keenyaan banameen akka nu gargaartan maqaa uumaa keenya Sillaaseen sin gaafanna.

1000421540687 Tofo Sillasie Jimma
YAADA BADAA (HAMAA)

🚸Yaa ijoollee koo! Jalqabarraa yaada hamaa yaaduu osoo dhiisnee gaariidha.Yoo dhuma yaadanillee garuu yoo xiqqaate baastanii hin dubbatinaa. Achumatti qalbii dhuma keessan keessatti  hambisaa; Daqiiqaa muraasa booda gara wanta hin jirreetti ni jijjirama.

🧍‍♂🚶👨‍✈️.Nuti namootadha.  Kanaaf yeroo baay'ee waan hamaa ,hin mallee fi xuraa'aa ; akkasumas jibisiisaa ta'e ni yaadna. Garuu yoo xiqqaate  yaadota  sana osoo baasnee dubbachuu dhiisnee; gara jechaattis osoo jijjiiruu baannee gaariidha.Gara alaatti baasuu dhiisnee ciniiffannee of keessatti yaa qabannu.Yeroo muraasaan booda nu keessaa hirdhachaa, dadhabaa fi bahaa deemu.

🦁 Bineensa tokko gara boollatti  darbattanii otoo boollichas duuchitanii; bineensi gara boollatti darbattan sun qilleensa ittin harganu dhabee ni du'a.Akka carraa ulaa xiqqoo qilleensi ittin galu yoo argatte garuu qilleensa gara ulaa sanaan seenuun lubbuun turuu ni danda'a .
Yoo isa dhiphisu, hammeenyaan  isin miidhuuf isinitti dhaadata,erga boollicha keessaa baheen boodas sin miidha.
👉 Haaluma wal fakkaatuun isinis yaada hamaa sammuu keessan keessa deddeedi'u,ulaa (karra) ittin bahu yoo duuchitan ni du'a; Jiraachuu irraa gara wanta hin jirreetti  ni jijjiirama.

👅Arraba keessaniin dubbachuudhaan  ulaa xiqqoo yoo bantaniif,akkasumas akkuma bineensichaa hafuura baafannaa yoo eyyamtaniif garuu yaadni badaan hojii hamaa ni daha.Namas ni aarsa.Yeroo sadarkaa yaadaa irra jiru  caalaa hojiin dhalatee,jijjiiramee garmalee sin miidha.


Madda :Kitaaba Gidiraa Kiristaanootaa. (Yohaannis Afaan Warqee)
Akka Malaakuu Kabbadaan hiiketti
⚜️ Ijoollee Sahaaraa Ta'aa⚜️

➭Qulqulluun Pheexiroos ergaa isaa kanarratti haati manaa hammam abbaa manaaf fakkeenya guddaa ta'uu akka dandeessu, akkasuma kabaja haadhummaa yeroo ibsu akkas jedha (1Phex 3:1-6);

➭"Akkasumas isin dubartoota nana, warra dhiiraa keessaa kan dubbii Waaqayyoo hin amanne yoo ta'an iyyuu, isin waan tokko utuu hin dubbatiin, amala isin warri haadholii manaa isaanii taatan argisiiftaniin akka mo'amanitti, abboota manaa keessaniif abboomamaa!  Isaan amala keessan isa qullaa'aa fi isa sodaa Waaqayyoo argisiisu in argu.  Of kuuluun keessan, wanta alaan mul'atu, mataa tolfachuudhaan, warqee naqachuudhaan, uffata babba'eessa uffachuudhaanis hin ta'iin!  Garuu of kuuluun keessan inni hin badne keessa namummaa keessanii isa dhokataadhaan haa ta'u! Kunis afuura garraamummaa fi gabii isa Waaqayyo duratti guddaa gati-jabeessa ta'e sanaan haa mul'atu!  Bara duriitti dubartoonni Waaqayyoof qulqullaa'anii isa abdatan, akkasitti abboota manaa isaaniitiif abboomamuudhaan of kuulaa turan.  Sahaaraan akkas Abrahaamiif abboomamaa, gooftaa koo jettees isa waamaa turte; ammas isin doorsisa tokko illee osoo hin sodaatiin gaarii yoo gootan, ijoollee ishee ta'uu keessan!"

➭Haadholiin akka waliigalaattis akka mana kiristaanaattis itti gaafatamummaa dachaatu isaanirra jira. Dhaloota gaarii duuba, tajaajila mana kiristaanaa gaarii duuba haadhummaa gaariitu jira. Makmaaksi hawaasaa, "Duuba abbaa manaa cimaa haadha manaa cimtuutu jira" jedhus gatii haadhummaa kana ibsa mitiiree! Haadhummaa hamma kana guddaa ta'eef gatii/xiyyeeffannoo gadi aanaa kennuun gaarii miti. Warri haadha ta'uuf jiran karaa hundaan of-qopheessanii itti seenuun barbaachisa; warreen ta'anii jiran immoo haadhummaa isaaniif gatii kennuu qabu!

Telegram: https://t.me/Kalabhiyahu
Maatii Taatanii Jirtuu

➭Jaalatamaa/tuu obboleessa/eettii koo nageenyi Waaqayyoo siif haa baay'atu; waa si yaadachiisuu?! Tole! Bara keenya kanatti dhiibbaa miidiyaan hawaasaa fi ammayyummaa ana fi si'i dabalatee dhaloota irratti fidaa jiru hammam akka ta'e sitti hin himu, atiyyuu beekta waan ta'eef! Dhiibbaan kun guyyaa irraa gara guyyaatti dachaan dabalaa deemuun isaa immoo waan nama rifachiisuu fi sodaachisudha. Kanaan walqabatee manni kiristaanaa kee , haati kee ishee dhugaan baduu dhalootaa hin barbaadne kun osoo maal fa'a hojjette furmaatadha jetta? Tarii akkuma koo tajaajila afuurawaa qindaa'aa ta'ee fi bilchaataa ta'e  miidiyaalee hawaasaatiin tamsaasuun dhiibbaa jiru kana akka carraa gaariitti fayyadamuu qabdi jetta ta'a. Dhugaadha mana kiristaanaaf miidiyaaleen hawaasaa hedduun ishee barbaachisu; hedduu qofa osoo hin taane miidiyaa guddaatu isheef mala. Miidiyaa guddaan immoo kan jiraatu yoo anaaf si'i, obboloonni keenyi biroonis walirraa gargar faca'uu dhiisnee walitti dhufnee karaa dandeenyuun tumsa taasisnedha. Tumsa taasisuu barbaaddaaree?! Koottu kunoo miidiyaa mana kiristaanaa kan ta'e tokko  "Miidiyaa Sootiriyaa" #Subscribe #Follow #Like #Join gochuun maatii haa taanu; obboloota keenyas affeeruun tumsuma xiqqoo kana  irraa haa eegallu. Obboloota jaalattu qabda mitii?!; mee affeerraa kana ergiif!

Toora miidiyaalee hawaasaa Miidiyaa Sootiriyaa👇

➭YouTube►https://youtube.com/@soteriamedia21

➭Telegram Channel►https://t.me/Soteriamedia

➭Facebook Page►https://www.facebook.com/soteriamedia21
⚜️Eeyyama Waaqayyoo⚜️
        [ፈቃደ እግዚአብሔር]

➭Namni baay'een, "kanan yaade hunduu homaa naaf hin milkoofne" akkaa jedhe ni gumguma; "Anaan hoo Waaqayyo na irraanfachuu hin oolu" akkaa jedhe Uumaa isaa gaddisiisa. 'Naaf kenna' jedhee osoo hin taane 'nan argadha' jedhee jalqabee yammuu argachuu dhabu akka waan Waaqayyo isa duraan qabu isa harkaa fudhateetti  Waaqa isaarraatti boo'a. Waaqa yeroo karoorsitu hin yaadanne gaafa waan yaadde siif milkaa'uu didu maaliif komatta? Jireenya kee keessatti yoom bakka kenniteefi? Akkan yaade haa ta'u jette malee 'akka eeyyama kee haa ta'u' jettee yoom kadhatte? Isa duraan isa marii'anna amma maaliif himatamaa isa taasista?

➭Guyyaa itti nan hojjedha jettee manaa baate akkanumatti maal na dhibdeedhaan maqaa isaa waamteetta yoo ta'e deebi'ii of qoradhu! Akka ta'utti kadhattee karaa kee hundattis akka si dursuuf eeyyamamaa taatee yoo jalqabde garuu homaa hin shakkiin tiksee kee amani. Ati akka Loox yoo filatte,  Sodoomiif Gomoraa yeroodhaaf gaarii fakkaatee garuu Waaqayyo immoo keessatti  hin kabajamne  irra amma homaa kan hin fakkaanne booda garuu dammaa fi aannan kan maddisiisu ijoollee keefis qabeenya [dhaala] kan ta'u [biyya] Kana'aan siif wayya!

✍️Dn Abeel K. akka Dn Lammeessaa T. hiiketti

Obboleessa koo ati hoo kan ofii barbaaddu moo kan Waaqayyo siif kennuu barbaadu kadhatte?  Ati kan ofii barbaaddee argattu yeroof si ceessisuu danda'a garuu rakkoo inni sitti fidutu caala; Waaqayyo kan siif kennu garuu yeroof obsa si barbaaduu danda'a garuu barootaaf hamma dhuma jireenya keetti kan si ceessisudha. Inni nu caalaa nuyiif yaada
Telegram: https://t.me/Kalabhiyahu
Forwarded from Chala
Waa’ee Dubroo

👉"Waa'ee Dubroo Maariyaam dubbachuuf yammuun yaadu jechi tokko na keessa dhufa, kunis Museen tulluu Siinaarra dhaabbatee osoo jiruu, "mukni tokko yammuu ibbiddi isheerratti boba'u, ibiddichi mukittii osoo hin gubiin, mukittiinis osoo ibiddicha hin balleessiin" ilaalee 'akkamitti ibiddi kun  muka kana hin gubne? Raajii kana nan ilaala jedhee kalattii mukittiitti dhiyaate. Yammuu achitti dhiyaatu  garuu jechi tokko garasaatti dhufe, 'Gara kanatti hin  dhiyaatiin bakka ati dhaabbatte kan eebbifamte waan taateef kophee miila kee baafadhu!'

👉Waa'ee Dubroo Maariyaam dubbachuuf yammuun yaadu "As hin dhiyaatiin!"waan jedhu natti fakkaata. Sababni isaas muka sanarratti kan boba'e ibiddadha. Dubroon Maariyaam kan baatte garuu ibidda Waaqummaati"

Qulqulluu Saawuroos isa Antsookiyaa

"Yaa giiftii keenya kadhannaan qulqullootaafi amantoota hundumaa ultuu (Maaxantii) isaanitiin lafaatii gara samiitti kan ittin ol baasan ultuu warqeerraa kan tolfamee harka hangafoota luboota samii keessa jiruun si fakkeessina. Akkasumas maqaa kee waamudhaan kadhannaa dhala nama hundumaa gara sadan adda ta'an gara Abbaa, Ilmaafi Afuura qulqulluutti ni dhiyeessu. Cubbuu lammiikee akka dhisistuuf Abbaa, Ilmaafi Afuura Qulqulluu biratii siif eeyyamameera. Akkasumas, dhala namaaf riqaa jireenyaa bara baraa akka taatuuf. Yaa qoricha addunyaa lammiikee amantootaaf qorichasaanii jedhamuu qabda."
  Qulqulluu Yaareed
Giiftiin keenya qulqulleettiin dubroo maariyaam godoo dookimaasii  hir'uu isa ilaaltee hir'uu isa immoo ilaaltee kan hin dhiisne kan guuttef hir'uu keenya keessatti nuf argamtee hir'uu keenya nuf haa guuttu.

Araarsummaa fi kadhannaan haadha keenya qulqulleetti dubroo maariyaam hunda keenya waliin haa ta'u. AMEEN!!!
CINAACHA GOOFTAA KEENYAA ISA EEBOON WARAANAME

✍️
Wangeela yohaannis 19:34 irratti "Haa ta'u malee loltoota keessaa tokko eeboodhaan cinaacha isaa waraane. Battaluma sanatti bishaaniifi dhiigni ba'e" dubbisa jedhu ni arganna. Abboonni qulqulloonni Sooriyaa dhugaa kana raawwii Fannoo dura raawwatameefi kennaawwan fannoo booda ilmaan namaatiif kennameen wal bira qabanii barsiisu. Fannoo dura raawwiiwwan
raawwataman wajjiin yeroo jennu, cinaacha Addaamii argamuu Hewaaniifi Addaamiif Hewaan deebi'anii Gannatatti akka hin galleef seefii ibiddaa isaan dhoorkeen wal bira qabanii kan barsiisanidha. (Uum3:1). Fannoo booda yeroo jennu immoo cuuphaafi qurbaana wajjiin tokko taasisanii kan barsiisanidha. Raawwii karoora Waaqayyootiin raawwatamee kana kallattiidhaanis jireenyaafi du'a Kiristoosiin barsiisuuf itti fayyadamu. Fakkeenyaaf  Yaa'iqoob inni Siruug "Kiristoos nuti jiraattota akka taanuuf, nuuf jecha du'uun isaa dhugaa akka ta'e nuuf mirkaneessuuf bishaan cinaacha isaarraa  dhangala'e. Inni fannoorratti du'a yoo fudhates jiraataa akka ta'e nuuf lallabuuf cinaachuma sana irraa dhiigni dhangala'e" jedhee barsiisa.
Wangeela Yohaannis 19:34 hiikkaa iccitii ta'e Qulqulluun Efreem Diyaatoosaaroon kan jedhamu wangeelota afran iddoo tokkotti walitti fidee kitaaba hiike irratti akkatti  nuuf teechisee arganna." Yaa Gooftaa koo kutaawwan qaama keetii addunyaa taasiseen keessa deddeebi'e. Isaan keessaattis kennaawwan hundumaa nan argadhe. Ergamaan seefii ibiddaa ishee naannoftu qabatee Gannata inni eegaa ture sana, ani karaa cinaachakee isa waraaname sanaanan ol seene. Gorsa Hewaan, ishee cinaacha Addaam irraa argamteen kennaa Waaqayyoo irraa duwwaa keenyatti hafnee kan turre, nuti karaa cinaachakee isa waraaname sanaan gara keessa  Gannataa galuu arganne. Ibiddi gaddaa Addaam irratti qabatee ture sababa dubra cinaacha isaarraa argamteen ture. Kanaaf bishaan cinaacha isaarraa dhangala'uun ibidda gadda Addaam irratti qabate sana dhaamsuuf cinaachi Gooftaa keenyaa eeboodhan waraaname" jedha.

👉Qulqulluun Yaa'iqoob inni Siruugis dhimma kanarratti ilaalcha dinqisisaa ta'e qaba.
"Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos fannoo irratti mugee osoo jiruu cinaacha isaatiin cuuphaan uumamte, akkasumas misirroon inni samii Kiristoos fannoorratti mugee osoo jiruu cinaachi isaa eeboodhaan yeroo waraaanamu, akkuma cinaacha Addaam irraa Hewaan argamte sana misirroo isaa kan taate Manni Kiristaanaa uumamte. Hanguma hirribni du'aa isarratti cimaa dhufe akkasuma cinaacha isaatiin jiraattota kan deessu cuuphaa argamsiise. Uumaan Addaam hirriba du'aatiin Hewaan ishee haaraa nuuf uume, ijoollee Addaamiif akka haadha taatee tajaajiltu iddoo Hewaan ishee duraa bishaaniifi dhiiga cinaacha isaarraa dhangala'een ijoollee afuuraa kan deessu haati nuuf kennamte."

✍️ "Ilmi (mootiin) Gologootaatti cidha taasise. Guyyaa sanattis durba jedhamte sana kan isaa akka taatuuf kaadhimate. Kaadhimachuun kun dhangala'uu dhiiga isaatiin akka raawwatamuuf qubeelaa kaadhimummaa ulaawwan harka isaa mismaaraan waraaname keessaatti kaawwate, harka isaatin harka misirroo isaa jabeessee qabe. Sababni isaas yeroo dhukkubbii isaa jaalala isaaf qabdu argeeraatii, kan isaa akka taatuuf mirga isaa teessise, ishees gara iddoon biqiltoonni jiranii gara mana cidhaatti ishee qajeelche."

👉Qulqulluun Yaa'iqoob inni siruug, sababa Muuseen uffataan of golge sana geechisa isaa barreesse irratti, waayee cinaacha isaa waraanamee kan akkas jedhee nuuf barreesse arganna. "Bishaan cuuphaa keessaa tawaahidoon (waloominni) qulqulluu ta'e misirroofi misirritti, bishaaniifi Afuura gidduutti muul'ate. Haa ta'u malee waloominni Kiristoosiifi Mana kiristaanaa gidduutti raawwatame. Kun immoo waloomina haati manaafi abbaan manaa raawwatan irraa adda. Gooftaa keenyaan ala kaadhima isaaf mataasaa dabarsee kan laate eenyudha? Mana Kiristaanaatiin alattis nama du'e isheedhaaf abbaa mana akka ta'uuf kan barbaaddu eenyu? Addunyaan erga uumamtee eegalee dhiiga isaa kennaa kaadhimaa taasisee kan dhiyeesse hin jiru.👇
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Abukatoo kaleessa abbaa murtii har'aa


Intala yeroo baayyee cubbuu wal fakkaatu deddeebitee hojjechuun beekkamtuu tokkotu ture intalli kunis yeroo baayyeef cubbuu baayyee ciggasisa hojjettii turtee cubbuu kananis himaatamtee gara mana murtii deemte gaafa mana murtii deemtus abbaan murtii akka cubbuu fi yakka isheetti duuti akka itti murtaa'u taasise abukatoon dhabbaatefii murtii du'a kana jala ishee baase lammaata yakka kanatti hin deebi'iin jedhee ishee gaggeesse isheenis ammas si'a 3f cubbuu(yakka) wal fakkaatun himaatamtee gara mana murtii deemte har'aa garuu innii kaleessa abukatoo ishee ture abbaa murtii akka ta'ee argitee baayyees gammaaddee sabaabni isas kaleessa abukatoo koo ta'ee naf morme bilisaa na baase har'aa immoo abbaa murtii ta'ee jira murtiin harkaa isa keessa jira natti hin murteessu jettee waan yaaddef garuu akka isheen yaadde hin taane abbaan murtii kunis ani "abukatoo kee kaleessa abbaa murtii har'aatii" yaa dubartii nana  kaleessa abukatoo keen ture si'a baayyeef yakka kee keessa bilisaa si baase siif dhabbadhee siif morme jira har'aa garuu abbaa murtii ta'ee jira kanaf akka abbaa murtiitti murtee dhugaan siif murteessa kanaf cubbuu(yakka) kee irra deebi'u hin dandeenye waan taatef du'atu siif ta'a jedheenii. Yaa hubannuu maatiiwwaan waaqayyoo innii kaleessa abukatoo keenya ta'ee du'a keenya fudhaate du'u isan madaa keenya fudhaate madaa'u isan abukatoo nuf ta'ee bilisaa nu baase jira. cubbuu fi yakka keenya nuf obse nuf dhiise nu eege gaafa nuti yakka fi cubbuu wal fakkaatun himannaan nutti baayyatee akka murtii keenyatti nuf murteessa.akka seenaa kanatti dubartii kan jedhamtee nu'i dhala nama hunda ykn ilmaan addaamidha. Kaleessa abukatoo keenya kan ture nuf jedhee dhiiga isa kan dhangaalasee gooftaa keenya iyyasus kiristoosidha. Abbaa murtii har'aas kan ta'ee akka abbaa murtii lafa irra osoo hin taane abbaa murtii isa dhugaa kan sooressa fi hiyyeessa addaa baase hin ilaallee murtii dhugaa kan kennuu gooftaa keenya iyyasus kiristoosidha.

Galaanni waaqayyoof deessuu isa dubroo maariyaamiif ulfaata fannoo isaf haa ta'u. AMEEN!!!!
+++ "Waliin haa callisnu" kiristaanumma immoo haa jiraannu +++


Abbaan Bemwaa addunyaa gadhiisee gara gammoojjii yeroo deemu, jireenya haaraa kanaaf gorsa faayidaa qabu akka isaaf kennu jaarsa qulqulluu tokkotti dhiyaatee "Maal gochuu qaba?"  Jaarsi kun dubbii faarfannaa qulqulluu Daawit "Arraba koo malee karaa koo nan eega" jedhuun jalqabe.  (Far 39:1) Abbaan Mwam jecha kitaabichaa kana yommuu dhaga'an, "Kun gahaadha yaa abbaa, hangan kana baradhee hojjedhutti barumsa haaraa na hin barsiisin" jedhan.

Guyyaa sana booda yeroo hedduu gara jaarsa sanaatti hin deebine.  Gaaf tokko abbaan qajeelaan dulloomaan kun Mwaaniin wal arganii maaliif barnoota dabalataaf gara isaatti hin deebine jedhee gaafate.  Innis, "Na amanaa abbaa, ani ammallee barumsa jalqabaa akka gaariitti hin baranne" jedhee deebiseef.  Waggoota hedduu booda monokseen hiriyyaa isaa ta’e tokko jecha Nabi Daawit kan dhaga’e qo’achuun xumurteetta jedhee gaafate.  Qulqulleessichis gad of qabuun "Dubbii raajii kana irratti xiinxaluu fi hojiitti hiikuuf waggaa afurtamii shan natti fudhate" jedhee deebiseef.  Seenaa Abbaa Mwaa kan barreesse akka qulqulluu Paalaadiyoos jedhutti, Abbaan Mwaan jireenya callisaa guutuu ta'e jiraachaa kan turan yoo ta'u, yeroo du'a isaaniis "osoo akkana hin dubbannee natti tola" jedhee qalbii yakkamaa tokko malee nagaan boqotan. "

Qulqulluun Antiyoon yeroo tokko duuka buutota isaa akkas jedhee gorse: "Waaqayyo nama callisee akka ergamoota fuuldura isaa jiran keessaa tokkootti waan ilaaluuf callisaa." Kiristanumma immoo jiraadhaa

Kanaaf ergamoota waliin akka lakkaa'amnuuf waliin haa callisnu!