Wabii Sanyii
6.69K subscribers
860 photos
26 videos
56 files
964 links
Namni waan danda'uun nama
gargaaru doqna hin jedhamu
Download Telegram
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Beeksisa Qaxarrii

Biiroon Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee qaxarriifi jijjiirraan Barsiisota 475 dorgomsiisee qaxaruu barbaada.

Waliif qooduu hin dagatiinaa!
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#GUFUULEE_MILKAA'INAA

1. Ofittummaa
2. Sodaa kufaatii
3. Karoora qabatamaa qabaachuu dhabuu
4. Galmaawwan beekkamoo qabaachuu dhabuu
5. Jijjiirama haala jireenyaa
6. Waan har'a hojjechuu dandeenyu yeroo biraatti dabarsuu
7. Hanqina karoora/qarshii
8. Itti gaafatamummaa maatii
9. Waan tokko irratti xiyyeefachuu dhabuu
10. Faayidaa yeroof jennee mul'ata ykn kaayyoo keenya dagachuu
11. Qofaa keenya hedduu hojjechuu
12. Humna ofii ol yaaduu
13. Kutannoo qabaachuu dhabuu
14. Leenjii barbaachisaa qabaachuu dhabuu
15. Obsa dhabuu
16. Filannoo beekkama ykn qabatamaa dhabuu

Waliif #Share godha Galatoomaa!🙏
Audio
#Namni kamiyyuu Share gochuun ijoolleen keenya waan akkasii irraa of eeggannoo akka godhanni aadara. Hattuun tooftaalee adda addaa fayyadamuu namoota irraa qarshii gurraa jirruu.

Walii dubbii.

Wiixtata ganama sa'a 2:30 Irratti Boolee Airport irraa siif bilbila meeshalee biyyaa ala dhufe jirra akka fuudhatu, Eessaa akkamitti eenyuu erge gaafii koo ture.

UK irraa siif ergaame qarshii ittiin Delivers ta'ee qarshii 20,000 dursaa kanfaltee fuudhachuu dandeessa jette. Aja'ibaa kootuu nyaata jedhe abbaa laataa...?

Odeeffannoo guutuu bilbila, Account, teessoo isaanii qamaa #Seeraa dabrsee keene jirraa namonni akkasii irratti tarkaanfii seeraa fuudhatamuu qaba.
Audio
#Namni kamiyyuu Share gochuun ijoolleen keenya waan akkasii irraa of eeggannoo akka godhanni aadara. Hattuun tooftaalee adda addaa fayyadamuu namoota irraa qarshii gurraa jirruu.

Walii dubbii.

Wiixtata ganama sa'a 2:30 Irratti Boolee Airport irraa siif bilbila meeshalee biyyaa ala dhufe jirra akka fuudhatu, Eessaa akkamitti eenyuu erge gaafii koo ture.

UK irraa siif ergaame qarshii ittiin Delivers ta'ee qarshii 20,000 dursaa kanfaltee fuudhachuu dandeessa jette. Aja'ibaa kootuu nyaata jedhe abbaa laataa...?

Odeeffannoo guutuu bilbila, Account, teessoo isaanii qamaa #Seeraa dabrsee keene jirraa namonni akkasii irratti tarkaanfii seeraa fuudhatamuu qaba.
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Formal education will make you a #living; #Self-education will make you a #fortune.” Jim Rohn #PersonalDevelopment

Telegiramii irratti #Live dha
Participants: Lecturer and Above
"Abdii hin kutatiin" Jack Maa"

Nan milkaa’a jedhee yaadee hin beeku!
Sooressa beekamaa biyya Chaayinaatti 1ffaa Jack Ma“ Ani maatii homaa hin qabne, hiyyeessa; harka qalleessa irraan dhaladhe.
Carraan gaarii na mudatee hin beeku
 Qormaata biyyoolessaa sadarkaa 1ffaa (primary School) si’a 2n kufe.
 Qormaata biyyoolessaa sadarkaa 2ffaa (High School) si’a 3n kufe.
 Qormaata biyyoolessaa qophaa’inaa (Preparatory School) si’a 2n kufe.
 Harvard Yuunivarsiitii seenuu barbaade qormaata seensaa si’a 10n kufe.
Hojiifis ulaagaa guutee hin beeku
 Hojii humnaas ta’e dhaabbata hojjechuuf wanta ani hin yaaliin hin jiru.
 Induustirii garagaraa 30 ol ta’an keessatti qacaramuuf dorgomeera, hundi isaanii iyyuu ulaagaa hin guuttu jedhanii na deebisu. Keessa ba’anii kan na arrabsan, natti dheekkamaniifi na tuffatanis jiru.
 Kaan dhiisaati Pooliisii biyyaa ta’u barbaade dorgomeera, garuu naaf hin taanee. Yeroo tokko nama shaniif baasanii jennaan shan taanee dorgomne, nama afur fudhatanii anan ulaagaa hin guuttu jedhanii na hambisan.
Walumaagala anaan namni dhuunfaas ta’ee gareen, dhaabbanni mootummaas ta’e miti mootummaa kan ani keessatti fudhatame hin jiru. "Dorgommiin tokko nama 24 barbaada yoo ta’e; 23 fudhatanii anaan kuffisu.
• Dorgommiin tokko nama 10 barbaada yoo ta’e; 9 fudhatanii anaan kuffisu
Kana irraa kan ka’e:
o Ani nama carra dhabeessa
o Nama abdii hin qabne
o Nama ulaagaa hin guunne
o Nama tuffatamaaf gatamaa
o Nama milkaa’inaaf hin uumamnedha jedheen of yaada ture. "Garuu akkas miti: "Har’a yeroon taa’ee yaaduu kufaatiin koo yeroo sanaa milkaa’ina koo har’af sababa ta’eera!. "Ulaagaa guutuu dhabuun koo, tuffatamuuf salphachuun koo gaafasii har’a kabajaan na ga’eera!."Milkaa’inni harki caalu kufaatii keessa darba! Ani har’a: Sooressa beekamaa (1ffaa) Biyya Chaayinaati.
"Kaleessa dhaabbata namaa keessa hojjechuuf jedhee carraan dhabe, har’a geggeessaa Kaampaanii Alibaba.com ti. Jack Ma.

Seenaa kan irraa maal baranna..
Yaada keessan nu barreessaa

Badhaasa Kaardii Abbaa 100 namoota 5f. Uulaagalee liinkii armaan gadii kara fuula barruu/Fb/ koo irratti Walaloo Abdii hin kutatiin jedhu barreessuun Comment irratti, hiryoota keessan mention itti godha. Namoonni like baay'ee argaate 1ffaa hangaa 5ffaa Kaardii argattu hangaa galgalaa sa'aa 24:00 qofaf tura. Carraa gaarii
https://www.facebook.com/100070669717820/posts/378758197823168/?mibextid=eimWu5Utm3dJgHwj
Badhaasa Kaardii Abbaa 100 namoota 5f. Uulaagalee liinkii armaan gadii kara fuula barruu/Fb/ koo irratti Walaloo Abdii hin kutatiin jedhu barreessuun Comment irratti, hiryoota keessan mention itti godha. Namoonni like baay'ee argaate 1ffaa hangaa 5ffaa Kaardii argattu hangaa galgalaa sa'aa 24:00 qofaf tura. Carraa gaarii
https://www.facebook.com/100070669717820/posts/378758197823168/?mibextid=eimWu5Utm3dJgHwj
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Mucaa jabaa barreessaa Kitaaba Xiin-sammuu ICCIITII KEESSOO Balaay Mootummaa. Waliin Finfinneet.

Kitaaba Xiin-sammuu kan kennaa waan naf kenniteef hedduu sii dinqisiifadhaa. Anaaf kennaan kennaa caalu kitaaba keessattuu kitaabaan Mul'ata, abjuu, kayyoo fi karoora koo keessatti of ilaaluu waan ta'eef guddaa galatoomi.

Mucaa kana ilaaleen, Situ barreessee? jedheen gaafadhe. ''Eeyyee!'' nan jedhe. tole jedheen kitaabasaa fudhee gale. kitaaba sana dubbiseen hedduu raajeffadhe! waantonni kitaabicha keessa jiran dhugumaa dhoksaa 'Keessoo' keenyaati!

1. Yaadotni lamatu jiru. Isaanis: yaada dhaabbataa fi yaada guddinaati. Yaada dhaabbataa keessatti namoonni dandeettii fi kennaan isaanii dhaabbataa akka ta'eetti amanu. Qaroomina, kennaa fi kalaqa hamma murtaa’e qabatanii akka dhalatan, sana jijjiiruuf wanti isaan gochuu danda’an akka hin jirreetti amanu. Yaada guddinaa keessatti namoonni kennaa fi dandeettiin isaanii guddachuu akka danda’utti amanu. Ciminaan hojjachuu fi carraaqqii gochuun caalaatti qaroo, kennaa kan qabanii fi kalaqa kan qaban akka ta'uu danda’anitti amanu.

2. Yaadni dhaabbataan yaada daanga'aadha. Dandeettii namootaa daangeessa akkasumas galma isaanii akka galmaan hin geenye dhorka. Namoonni yaada dhaabbataa qaban qormaata ni sodaatu, sababiin isaas kufaatii waan sodaataniif. Qeeqas ni sodaatu, sababni isaas akka gaarii hin taaneetti itti murtaa'uu waan sodaataniif.

3. Yaadni guddinaa yaada dandeessisuudha. Namoonni dandeettii isaanii guutuu bira akka ga'an taasisa. Namoonni yaada guddinaa qaban qormaata hin sodaatan, sababiin isaas qormaata akka carraa barachuu fi guddachuutti ilaalu. Qeeqas hin sodaatan, sababni isaas qeeqa akka yaada fooyya’iinsaaf isaan gargaaruutti ilaalu.

4. Yaadni guddinaa yaada dhaabbataa caalaa kan madaquudha. Addunyaa yeroo hunda jijjiiramaa jiru keessatti dandeettiin barachuu fi madaquu milkaa’inaaf barbaachisaadha. Namoonni yaada guddinaa qaban jijjiiramatti caalaatti madaqu, sababiin isaas qormaata haaraa hin sodaatan.

5. Yaadni guddinaa hariiroof caalaatti faayidaa qaba. Namoonni yaada guddinaa qaban namoota biroo deggeruu fi jajjabeessuuf carraan isaanii guddaadha. Akkasumas yaada kennuudhaaf banaa ta’u akkasumas dogoggora isaanii irraa barachuu danda’u.

6. Yaadni guddinaa fayyaa fi nageenyaaf caalaatti faayidaa qaba. Namoonni yaada guddinaa qaban, bu’aa ba’ii mudatu keessatti dandamachuu danda’u. Akkasumas fayyaa qaamaa fi sammuu isaanii kunuunsuuf carraan isaanii guddaadha.

7. Yaada guddinaa barachuun ni danda’ama. Yaada kee dhaabbataa irraa gara guddinaatti jijjiiruuf yeroon isaa hin darbine.

8. Yaadni guddinaa furtuu milkaa’inaati. Kaayyoo kee galmaan gahuu fi jireenya gammachiisaa jiraachuu yoo barbaadde yaada guddinaa horachuu qabda. Kallattii jireenyaa hundaan milkaa’inaaf furtuudha.

9. Yaadni guddinaa namoota dhuunfaa qofaaf miti. Dhaabbilee irrattis hojiirra oolchuun ni danda’ama. Dhaabbileen yaada guddinaa qaban carraa kalaqaa fi milkaa’inaa guddaa qabu.

10. Yaadni guddinaa egereedha. Addunyaa yeroo hunda jijjiiramaa jirtu keessatti dandeettiin barachuu fi madaquu milkaa’inaaf barbaachisaadha. Yaadni guddinaa jaarraa 21ffaa keessatti furtuu milkaa’inaati.

Kitaaba kun imala milkaa'inaa keetiif akka si gargaaru abdiin qaba. Dhugumayyuu mucaan kun nama abdii boruuti kitaaba kana dubbisaa itti jijjiiramaa! Mucaa qaxalee kanas jajjabeessaa! Bilbila 0993487583
#Congratulations

Deemsi itti fufa🏃🏻‍♂️🏃🏻‍♂️🏃🏻‍♂️

Telegiramii t.me/segnigudeta Odeeffannoo beeksisa guyyaa guyyaan bahuu argachuuf hiryoota keessan afferraa galatoomaa
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
DUUDHAALEE JIREENYAA
Principles of Life
የህይወት መርሆች •

1. Of Fudhachuu (simachuu)
 👉 Self Acceptance
       ራስን መቀበል
2. Kaayyoo jireenyaaf jiraachuu
 👉 Living for life purpose
ለህይወት አላማ መኖር
3. Dorgommii irraa fagaachuu
 👉 Avoiding competition
ከዉድድር መራቅ
4. Yaada qajeelaa(Gaarii) yaaduu
 👉 Positive Thinking
ቀና ማሰብ
5. Barachuuf fedhii qabaachuu
👉 Being willing to learn
ለመማር ፍቃደኛ መሆን
6. Ogummaadhaan deddeebi'uu
👉 Walking with wisdom
በጥበብ መመላለስ
7. Gamna (qaxalee) Ta'uu
 👉 Being Intelligent
     ብልህ መሆን
8. Salphaatti mufachuu dhiisuu
👉 Taking no offence easily
   በቀላሉ አለመቀየም
9. Jireenya ofii galateeffachuun gaggeessuu
 👉 Leading a life with gratitude
      የምስጋና ህይወት መኖር
10. Waan gaariidhaaf (Fooyya'aadhaaf) deemuu
 👉 Going for the best
     ምርጡን  መፈለግ
11. Yeroo hubachuu
 👉 Understand the timing
     ግዜውን ማወቅ
12. Waan jijjiiruu hin dandeenye fudhachuu 
👉 Accept what you can't change
መለወጥ የማይችሉትን መቀበል
13. Waraana kee filadhu
 👉 Chose your Wars
የሚዋጉትን ጦርነት መምረጥ
14. Hundaaf dhiifama gochuu fi haaloo bahuu irraa fagaachuu
👉 Forgiving all and avoiding vengeance
ሁሉን ይቅር ማለትና በቀልን መተው
15. Gidiraa keessatti cimanii dhaabbachuu
👉 Preserve in suffering
በመከራ ዉስጥ መፅናት
16. Gammachuu fi boqonnaa qulqulluu qabaachuu
 👉 Pure joy and rest
ንፁህ ደስታና እረፍት
17. Bareedina keessaaf iddoo guddaa kennuu
 👉 Value inner beauty
ለዉስጥ ዉበት ዋጋ መስጠት
18. Gad ofqabuu fi nama tuffachuu dhiisuu
 👉 Being humble and not despising others
ትሁት መሆንና ሌሎችን አለመናቅ
19. Jireenya keessatti naamusa qabaachuu
 👉 Being disciplined in life
በስነ ስርአት መኖር
20. Kennuu fi fudhachuu baruu
👉 Giving and receiving
መስጠትና መቀበል
21. Onnee kee hordofi!
👉 Follow your heart (Instinct)
ልብን መከተል
22. Kabajni kan maluuf kabaja kennuu!
 👉 Give due honor
ክብር ለሚገባው ክብር መስጠት
23. Cimanii kadhachuun!
👉 Pray seriously
ተግቶ መፀለይ
24. Seenaa hojjechuu! yaadannoo (ashaaraa) kaa'anii darbuu
👉 Make history, leave legacy
ታሪክ መስራት አሻራ መተው viv Getu
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu #carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhiisuudha. Carraan aduu miti naanna'ee dhufuu dhiisuu danda'a jijjiirama jireenya dinagdee keessatti wanti hundumtuu xiqqaa irraa jalqaba. Kanafuu xiqqoo irraa ka'uun hin sodaatamus hin saalfatamus Dr. Gutu Tesso

Namoonni baay'ee gaafa carraa waliin hojjanna kennituuf osoo Sookoo fi soorgoo itti baasan carraa jaala darba, guyyaa ati milkaa’uu eegaltu moo........!


Gaafa waan haaraa eegaltu..!.

Inumaayyuu akka ofiitti waan si ilaalaniif waan isaaniif hin danda'amneef atillee waan hin dandeenye isaanitti fakkaata.
#Sammuun Akka Iddoo #Biqiltuuti 🪴|

❍ Mul'ata kee namoota Ijaarama sammuu guddataa/#GrowthMindset fi qajeelaa qabaniif qoodi malee namoota sammuu Ego fi ijaarama sammuu dhaabbataa/#FixedMindset qabaniif hin qoodin!

» Yoo akka gaariitti misoomsite daraaraan miidhagaa, namatti kan tolu ija godhachuuf kan daraaru ta'a. Garuu yoo tuffatte margi hin barbaachifnee fi qoraattiin bakka isaa biqiluu danda'a.

» Yaadni kee akka  sanyii ati facaaftu ti. Yaada gaarii yoo facaafte bu’aa gaarii argatta. Garuu yaada gadhee yoo facaafte, waan hamaa qofa haammatta. Filannoon kan keeti.

» Gammachuun waan ari’amu yookiin horachuu danda’an miti. Duraan si keessa jira.

» Milkaa’inni dhugaa, qabeenya yookiin aangoo kuufachuu osoo hin taane, jireenya hiika qabu kan ofis, namoota biroos fayyadu jiraachuudha.

» Of beekuun guddina dhuunfaa fi jijjiirama dhuunfaaf furtuudha. Yaada, miiraa fi amala keenya caalaatti yommuu hubannu, jireenya keenya irratti jijjiirama gaarii gochuu jalqabuu dandeenya.
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Yaadadhu | Dubbiilee Hayyootaa •

➊. Abrahaam Liinken
— Namoonni hammuma gammaduuf sammuu isaanii qopheessan gammadu.
— Waan feete ta'i; garuu itti cimi!
— Suuta jedheen deema; garuu tasumaa booddeetti hin deebi'u.
— Kufaatii keef dhimma hin qabu; kanan dhimmu ka'uu keef!

➋. Beenjaamiin Firaankiliin
— Namni obsa qabaachuu danda’u waan barbaadu argachuu danda’a.
— Qophaa 'uu yoo dadhabde kufaatiif qophoofta.
— Yookiin waan dubbifamuuf malu barreessi!
— Yookiin waan barreeffamuuf malu hojjedhu!
— Investimentiin beekumsa irratti ta'u dhala hunda caalu namaaf kaffala.
— Foddaan mana kee fuullee yoo qabaate, ollaa keetti dhagaa hin darbatin!

➌. Guutamaa Budihaa
— Kan nuti taanee jirru bu'aa wanta nuti yaadneeti.
— Namni ogummaadhaan jiraatu du'ayyuu hin sodaatu.
— Yoo waa dubbachuu feete yeroo hundumaa dubbiin sun dhugaa, barbaachisaa fi gaarii ta'uu of gaafadhu!
— Okkoteen copha cophaan guutti!
— Gammachuun keessa keetii dhufa, alaa hin eegiin!
— Rakkoon kee maali seete? Yeroo qaba jettee yaadda.

➍. Maatamaa Gaandii
— Namni dadhabaan dhiifama hin godhu. Dhiifama gochuun amala nama jabaati.
— Gammachuun yeroo waan ati yaaddu, waan ati dubbattuu fi waan ati hojjettu tokko ta'aniidha.
— Namni gaariin michuu uumama hundumaati.
— Namni bu'aa yaadota isaati, waan yaadu ta'a.

➎. Maartiin Luuter Kiing
— Umurii qofaa lakkaa'uu dhaan dheerina yeroon namaa nyaatame caalaa kan nama gaddisiisu hin jiru.
— Humni diina ofi irratti jijjiiruu danda’u tokkichi jaalaladha.
— Namni dhiifama gochuuf humna dhabe, jaalachuuf humna hin qabu.
— Urjoota arguu kan dandeessu dukkana keessatti qofaadha.
— Fincilli sagalee warra hin dhaga'amneeti.

➏. Maazar Tereezaa
— Namootatti kan murteessitu yoo ta'e, isaan jaalachuuf yeroo hin qabaattu.
— Jechoonni gaggaariin gabaaboo fi salphoo ta'uu danda’u, sagaleen isaanii garuu dhuma hin qabu.
— Namoota dhibba nyaachisuu yoo dadhabde tokko qofa nyaachisi!
— Hojiin jaalala hin qabne garbummaadha.
— Jireenyi namoota kaaniif hin jiraatamin jireenya miti. via leadership @segnigudeta @segnigudeta
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Soorata Sammuu

❏ Namni guyyaattis ta'u torbeetti hangam qaamni isaa akka dabale ilaaluuf hangaa fi dheerina isaa ni safara.

Magaalaa keessa yeroo deemtan iddoo hedduutti waan ittiin hanga ofii safaran argattu. Namuu itti goree of ilaala. Keessattuu dargaggeessi hangam akka qaamni isaa dabale ilaaluuf yeroo hedduu hanga isaa safara. Kana biraan immoo boca qaama isaa eeguu fi jabaa ta'ee of arguuf sochii
qaamaa hojjeta.

✪ Kana qofa miti qaama isaa guddisuuf nyaata illee hanga humni isaa dandeessise filatee nyaata.

✪ Xiyyeeffannoon kun hunduu qaamaan guddaa fi boca gaarii qabaatanii guddina barbaadan argachuufi.

➢ Akka saayinsiin jedhutti ilmi namaa guddate (developed) ta'e jechuuf qaama biratti yaadaan, miiraan, hawwaasummaa fi dandeettii sammuun guddachuu qaba jedha. Sirriidha.

➢ Akkuma qaamaaf nyaanni barbaachisu #sammuun dhala namaa barnootaan guddachuu qaba. Barnoonni sirriin soorata sammuuti.

➢ Barnoota sirrii yoo jennu barnoonni dhugaan kan waa'ee dhala namaa, addunyaa, ardiif samii akkasumas kan waa'ee uumamaa fi uumaa dhugaa qabatamaan jiruun barsiisu jechuudha.

➢ Barnoonni sirriin dhugaa qabatamaa lafarra jiru waliin wal simee sammuu dhala namaa misoomsuu qaba.

➢ Sammuun dhala namaa barnoota sirriin gabbatee jiruu fi jireenya namaa jijjiiruu qaba. Kana irraa maqnaan jireenyi dhala namaas milkii irraa maquun, guddinaaf gumaata dhiisee gufuu ta'a.

➢ Maarree guddinni dhala namaa sirrii akka ta'uuf, sammuun barnoota sirriin misoomee dagaaguu qaba.

➢ Hamma kana hin argannetti garuu dhamaatii gatiif hiika hin qabne, jireenya furtuu malee gad dhiisii ta'ee fi yaada hin hogganamneen raafamuudhaaf saaxilamna.

➢ Dandeettii ofii mirkaneessuun, cimina jajjabeessuu fi hanqina ofii irraa barachuun of guddisuuf mala jalqabaa ta'a. @personaldevelopmenforselfgrowh
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Kabajamtoota hordoftoota chaanaalii telegiramii soorata sammuu

Kayyoon Chaanaalii kan.
👉 Barreefamoota Xiin-sammuu
👉 Jechoota kaka'umsaa
👉 Gorsa jireenyaa
👉Jeechoota Onnachiiftuu
👉 Soorata sammuu
👉 Muuxannoo jireenya namoota milkaa'ini irraa argaatu 👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa! Itti fayyadami


https://t.me/sooratasammuuargaachuuf
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Tilmaamaa, Badhaafamaa‼️
#Liverpool VS #Arsenal

#NB. Yaada barreesitan ‘’edit’’ gochuun badhaasa kana hin argamsiisu. @segnigudeta

Namoota dursee tilmaamaan 1ffaa hangaa 5ffaa carraa gaarii hundaaf.

https://t.me/sooratasammuuargaachuuf
#Yeroodhiyooti #telegramlivestreaming irratti Muuxannoo jireenya ishee akka nu qooduuf

#Seenaa koo kanneen yeroon kaasu hiriyoota koof fakkeenya ta'uuf malee of himuuf akka hin taane himuun barbaada. Si'achi jireenya rakkisaa akkasii jiraachuu dhiisuu waanan danda'uuf! #BirqeeGassee


"#Gowwaan of irraa ilaalee bara; #gamni garuu nama biraa irraa ilaalee bara," akka jedhu Oromoon, waantoonni ani olitti barreesse kunneen anaaf #seenaadha, #obboloota baay'ee na duubaan dhufaa jiraniif garuu barnoota, gorsa akkasumas muuxannoo ta'uu danda'a jedhee waanan yaadeefan seenaa jireenyaa koo muraasa isiniif qooduu barbaade.
                
                   ERGAA
Dhalli namaa hundi gaafa dhalatu jireenya addunyaa wal fakkaataatti hin dhalatu. Kanaaf  gaarii haa taatuu hamtuu hunduu hiree hiree isaa jiraachuuf dirqama. Jireenya  mo'atanii milkaa'uun immoo injifannoodha.

https://t.me/sooratasammuua
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
➡️Misooma #sammuu kee irratti hojachuuf Itti gaafatamummaa kan qabu si qofa.

✍️Hojii maneen kee inni guddaan adunyaa kana irra hamma jiraattutti mul'ata dhokataa uuman kee si keessa kaa'e barabaaddee argachuu fi fiixaan bahinsa isaaf irratti hojjeechuu dha.  Mul'ata mataa keetii barabaadee argachuuf fi irratti hojjechuudhaa yoo baatte umurii kee guutuu garba mul'ata nama biroo taatee jiraatta jeechudha. Sammuu kee jijjiiruu yoo dandeesse, Jireenya kee jijjiiruu dandeessa!"
Misooma sammuu kee irratti hojachuuf Itti gaafatamummaa kan qabu si qofa.

✍️Mul'anni kee baay'ee gati jabeessadha
Jireenya kee kessatti mul'anni ati baastee ittin hin hojjenne addunyaaf bu'aa hin qabu. Dhaloota kana fayyadu isa ati baastee ittiin hojjette qofadha.
Kanaafuu, mul'anni keessa kee jiru akkuma jirutti gaaf tokko si waliin akka hin duune, dammaqxee irratti hojachuu si irraa eegama. Isa ta'uuf yaadamtee uumamte akka taatu, rakkoo murta'aa furuuf gara addunyaa kanaa dhuftes kan si taasisu mul'ata keeti.

✍️Umurii lakkooftee qofa akka dabartuuf miti jireenyi kan siif kenname. Galma gahinsa mul'ata keef hojjedhuu jireenya kee Jireenya lakkaa'amu,  jireenya du'a kee boodaa ille dhaloonni yaadatu taasisi. Namoonni milkaa’inoo hojii jaallatu, hojiitti amanus, humna qaban hundaan yeroo qaban hundatti hojii hojjechuudhan beekamu. Iccitiin milkaa’inaa inni guddaan hojii akka ta'e haalaan waan beekaniif, hojii barabaachiisaadha jedhanii itti amanan kamuu ni hojjetu.

✍️Mul'anni kee kunuunsa guddaa barabaada  Namonii baye'een mul'ata akka qaban dubbatu, mul'ata isaaniif kunuunsa waan hin taasisneef garuu mul'anni isaanii hawwii qofa ta'ee hafa!.


https://t.me/sooratasammuuargaachuuf
👍               🗨️         ♂️
𝒍𝒊𝒌𝒆    𝒓𝒆𝒂𝒄𝒕   𝒄𝒐𝒎𝒎𝒆𝒏𝒕  𝒔𝒉𝒂𝒓𝒆