Wabii Sanyii
6.81K subscribers
852 photos
25 videos
55 files
960 links
Namni waan danda'uun nama
gargaaru doqna hin jedhamu
Download Telegram
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Barreessaan #RoobertKoyaasaakiidha.
Garaagarummaa #hojjetaafi #hojjechiisaa jidduu jiru isa sirrii lafa kaa'a. Sooressi maaliif akka soorome, hiyyeessi maaliif akka hiyyoome suura kaasee namaa ibsa. Maaliif akka galgalli barataa cimaa, yeroo baay'ee, harka barataa isa cimaa hintaaneetti akka kufuuf deebii quubsaa qaba. Itti dhiyaadhaa ilaalaa.

"Abbaa laman qaba!" jechuun eegala, barreessichi karaa kitaaba isaa kanaa (RICH DAD, POOR DAD). 'Ajaa'iba! Abbaa lama irraa dhalatuu?' jechaan dubbisuu itti fufe. Innis hin dhaabne, ittuma fufa. Abbaan isaa inni tokko sooressa, inni biraan immoo hiyyeessa akka ta'etti hima. Abbaan isaa inni tokko baay'ee kan barateefi digirii hedduu of harkaa kan qabudha. Faallaa kanaa, abbaan isaa inni biraan immoo kutaa 8ffaa iyyuu kan hin xumurredha. Lamaanuu hojii isaaniitti cimoofi milkaa'oo ta'uun immoo wal isaan fakkeessa. Garuu inni tokko rakkoo maallaqaan mudatama, inni biraan immoo nama sooressa beekamaa ganda isaaniiti. Inni tokko doolaara miiliyoona kudhan maatii, mana waaqeffannaa isaafi gargaarsa biraaf dhiisee du'e. Inni biraan immoo, waraqaa ittiin liqiin irraa kanfalamu dhiiseefii du'e. Inni kun, isa hiyyummaa dhala isaa dhaalchisee du'edha.

Akkuma sila jenne, lamaanuu jaboofi dhiibbaa uumtotadha. Lamaan isaanii ni gorsuunii; garuu waan wal fakkaataan isa hin gorsani. Namoonni kun lamaanuu haalaan barnootatti amanu. Garuu, kenninsa barnoota wal fakkaataa hin gorsaniin. Inni tokko, "Jabaadhuu baradhu; koolleejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii filatamaatti qacarami!" yoo jedhu, inni biraan immoo, "Jabaadhuu baradhu; koollejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii mataakee horadhu!" jedhaani.

"Osoon abbaa tokko qofaa qabaadheera ta'ee, yaada isaa tokkicha qofaa fudhadha yookaan fudhachuun dhiisa. Abbaa lama qabaachuunkoo filannoo yaada waliif faallaa kanaaf gorsa naa kenna. Haalaan wal bira qabee akkan filadhu na godha!" Akkanaan abbaa lama qabaachuu isaaf waan itti dhagaahamu ibsata. Yaada faallaa qabaachuun abboota isaan lamaan kanaa akkuma itti fufetti. Fakkeenyaaf: Inni tokko, "Jaalalli qarshii hundee jal'inaati!" jedha; inni biraan immoo, "Dhabinsi qarshii madda jal'inaati!" jedha.

●Guutummaa kitaabichaa siniif dhiiseera. Akkuma jara olii kana, gaaffii hedduuf akka deebii argattan hin shakku. Yaadichi mata duree guddaafi dhaloonni irratti xiyyeeffachuu qabu ta'uu eddan hubadhee booda, siniif qooduun filadhe. Dubbisaa!

Viv Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022
@segnigudeta @wabisegni

Dargaggoonni keenya ammayyuu Qabsoo Diinagdee guddaa nu barabaachiisa ilalchaa hojii irratti qaban sirreessuu, ilalchaa biizinaasii irratti qabnu gabbifachuu baay'ee murteessaadha.
                  
Ilamee obbolee koo.

Soorata Sammuu maltuu barabachisaa.?

❏ Namni guyyaattis ta'u torbeetti hangam qaamni isaa akka dabale ilaaluuf hangaa fi dheerina isaa ni safara.
➢ Akkuma qaamaaf nyaanni barbaachisu #sammuun dhala namaa barnootaan guddachuu qaba. Barnoonni sirriin soorata sammuuti.

➢ Barnoota sirrii yoo jennu barnoonni dhugaan kan waa'ee dhala namaa, addunyaa, ardiif samii akkasumas kan waa'ee uumamaa fi uumaa dhugaa qabatamaan jiruun barsiisu jechuudha.

➢ Barnoonni sirriin dhugaa qabatamaa lafarra jiru waliin was simee sammuu dhala namaa misoomsuu qaba.

Sammuun dhala namaa barnoota sirriin gabbatee jiruu fi jireenya namaa jijjiiruu qaba. Kana irraa maqnaan jireenyi dhala namaas milkii irraa maquun, guddinaaf gumaata dhiisee gufuu ta'a.

➢ Maarree guddinni dhala namaa sirrii akka ta'uuf, sammuun barnoota sirriin misoomee dagaaguu qaba.

➢ Hamma kana hin argannetti garuu dhamaatii gatiif hiika hin qabne, jireenya furtuu malee gad dhiisii ta'ee fi yaada hin hogganamneen raafamuudhaaf saaxilamna.

We are in Personal Development Training. Keessan na dubbisaa @segnigudeta
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Sammuun akka iddoo biqiltuuti.

Yoo akka gaariitti misoomsite daraaraa gammachuu fi gammachuutiin ni daraara. Garuu yoo tuffatte margi negaatiivii fi gadadoo bakka isaa ni biqila.

↪️ Yaadni kee akka sanyii ati facaaftu ti. Yaada gaarii yoo facaafte bu’aa gaarii argatta. Garuu yaada gadhee yoo facaafte, waan hamaa qofa haammatta. Filannoon kan keeti.

↪️ Gammachuun waan ari’amuu ykn horachuu danda’u miti. Duraan si keessa jira. Laayiyeroota isa haguugee jiran balleessuu qabda.

↪️ Milkaa’inni dhugaa qabeenya qaama ykn aangoo kuufachuu osoo hin taane jireenya hiika qabu kan namoota biroo fayyadu jiraachuudha.

↪️ Xiinxalli jechuun callisanii taa’uu qofa miti. Innis yaada, miiraa fi miira kee caalaatti hubachuu, fi yeroo sanatti caalaatti argamuun barachuudha.

↪️ Gara laafinni furtuu humna jaalalaa hiikuudha. Haalduree tokko malee warra kaan jaallachuu yommuu barannu, miira gammachuu fi gammachuu dha.
Dhiifama jechuun waan namni sirratti raawwate dagachuu osoo hin taane, dhukkubbii fi aarii miidhaa sana qabachuun fide irraa of hiikuudha.

Gammachuu waaraa argachuuf karaan jiru jireenya kee keessatti waan gaarii fi hamaa hundaaf miira galateeffannaa gadi fagoo horachuu qofa.

↪️ Sodaan fakkeessaa sammuun uume qofa. Sodaa keenya fudhachuu fi mo’uu yommuu barannu, miira bilisummaa fi ofitti amanamummaa haaraa arganne nu mudachuu danda’a.

↪️ Of beekuun guddina dhuunfaa fi jijjiirama dhuunfaaf furtuudha. Yaada, miiraa fi amala keenya caalaatti yommuu hubannu, jireenya keenya irratti jijjiirama gaarii gochuu jalqabuu dandeenya.

Please add More*

Positive mind find opportunity in everything.

https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Sammuun akka iddoo biqiltuuti.!

Mul'ata keessan namoota Ijaarama sammuu guddataa fi qajeelaa qabu qooda malee namoota Sammuu Ego fi ijaarama sammuu dhaabbata qabu hin qoodiin.

Yoo akka gaariitti misoomsite daraaraa gammachuu fi gammachuutiin ni daraara. Garuu yoo tuffatte margi negaatiivii fi gadadoo bakka isaa ni biqila.

↪️ Yaadni kee akka sanyii ati facaaftu ti. Yaada gaarii yoo facaafte bu’aa gaarii argatta. Garuu yaada gadhee yoo facaafte, waan hamaa qofa haammatta. Filannoon kan keeti.

↪️ Gammachuun waan ari’amuu ykn horachuu danda’u miti. Duraan si keessa jira. Laayiyeroota isa haguugee jiran balleessuu qabda.

↪️ Milkaa’inni dhugaa qabeenya qaama ykn aangoo kuufachuu osoo hin taane jireenya hiika qabu kan namoota biroo fayyadu jiraachuudha.

↪️ Of beekuun guddina dhuunfaa fi jijjiirama dhuunfaaf furtuudha. Yaada, miiraa fi amala keenya caalaatti yommuu hubannu, jireenya keenya irratti jijjiirama gaarii gochuu jalqabuu dandeenya.
#Sammuun Akka Iddoo #Biqiltuuti 🪴|

❍ Mul'ata kee namoota Ijaarama sammuu guddataa/#GrowthMindset fi qajeelaa qabaniif qoodi malee namoota sammuu Ego fi ijaarama sammuu dhaabbataa/#FixedMindset qabaniif hin qoodin!

» Yoo akka gaariitti misoomsite daraaraan miidhagaa, namatti kan tolu ija godhachuuf kan daraaru ta'a. Garuu yoo tuffatte margi hin barbaachifnee fi qoraattiin bakka isaa biqiluu danda'a.

» Yaadni kee akka  sanyii ati facaaftu ti. Yaada gaarii yoo facaafte bu’aa gaarii argatta. Garuu yaada gadhee yoo facaafte, waan hamaa qofa haammatta. Filannoon kan keeti.

» Gammachuun waan ari’amu yookiin horachuu danda’an miti. Duraan si keessa jira.

» Milkaa’inni dhugaa, qabeenya yookiin aangoo kuufachuu osoo hin taane, jireenya hiika qabu kan ofis, namoota biroos fayyadu jiraachuudha.

» Of beekuun guddina dhuunfaa fi jijjiirama dhuunfaaf furtuudha. Yaada, miiraa fi amala keenya caalaatti yommuu hubannu, jireenya keenya irratti jijjiirama gaarii gochuu jalqabuu dandeenya.
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Soorata Sammuu

❏ Namni guyyaattis ta'u torbeetti hangam qaamni isaa akka dabale ilaaluuf hangaa fi dheerina isaa ni safara.

Magaalaa keessa yeroo deemtan iddoo hedduutti waan ittiin hanga ofii safaran argattu. Namuu itti goree of ilaala. Keessattuu dargaggeessi hangam akka qaamni isaa dabale ilaaluuf yeroo hedduu hanga isaa safara. Kana biraan immoo boca qaama isaa eeguu fi jabaa ta'ee of arguuf sochii
qaamaa hojjeta.

✪ Kana qofa miti qaama isaa guddisuuf nyaata illee hanga humni isaa dandeessise filatee nyaata.

✪ Xiyyeeffannoon kun hunduu qaamaan guddaa fi boca gaarii qabaatanii guddina barbaadan argachuufi.

➢ Akka saayinsiin jedhutti ilmi namaa guddate (developed) ta'e jechuuf qaama biratti yaadaan, miiraan, hawwaasummaa fi dandeettii sammuun guddachuu qaba jedha. Sirriidha.

➢ Akkuma qaamaaf nyaanni barbaachisu #sammuun dhala namaa barnootaan guddachuu qaba. Barnoonni sirriin soorata sammuuti.

➢ Barnoota sirrii yoo jennu barnoonni dhugaan kan waa'ee dhala namaa, addunyaa, ardiif samii akkasumas kan waa'ee uumamaa fi uumaa dhugaa qabatamaan jiruun barsiisu jechuudha.

➢ Barnoonni sirriin dhugaa qabatamaa lafarra jiru waliin wal simee sammuu dhala namaa misoomsuu qaba.

Sammuun dhala namaa barnoota sirriin gabbatee jiruu fi jireenya namaa jijjiiruu qaba. Kana irraa maqnaan jireenyi dhala namaas milkii irraa maquun, guddinaaf gumaata dhiisee gufuu ta'a.

➢ Maarree guddinni dhala namaa sirrii akka ta'uuf, sammuun barnoota sirriin misoomee dagaaguu qaba.

➢ Hamma kana hin argannetti garuu dhamaatii gatiif hiika hin qabne, jireenya furtuu malee gad dhiisii ta'ee fi yaada hin hogganamneen raafamuudhaaf saaxilamna.

➢ Dandeettii ofii mirkaneessuun, cimina jajjabeessuu fi hanqina ofii irraa barachuun of guddisuuf mala jalqabaa ta'a. @personaldevelopmenforselfgrowh