Wabii Sanyii
6.75K subscribers
854 photos
26 videos
55 files
961 links
Namni waan danda'uun nama
gargaaru doqna hin jedhamu
Download Telegram
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Dhaloonni kun hanga garagarummaa #ilaalchaatti hanga hin amanetti eessa iyyuu hinga'u. Waan irratti waliif gallu irratti waliif gallee dabarra. Waan irratti waliif hingalle ammoo akka irratti waliif hingalle waliif gallee ilaalcha walii waliif kabajnee waliin jiraanna! Ilaalchi dhuunfaa kiyya kanuma kiyyaa; keetis akkasuma.

Garuu osoo ani ilaalcha kee siif kabajuu ati kan koo yoo tuffatte ani kan kee nin tuffadha beekii..dursee kan kee siif kabajuun koo garuu kan kee waan naa caaleef osoo hin taanee yaadaafi hubannoon sii amansiisuuf fedhii koo obsaan waan dangeesseef.

Ilaalchi keef kiyya wal dhiibuun anaaf ati wal dhabuu hinta'u. Garuu; "Ilaalcha koo qofaatu sirriidha, waanan dubbadhu qofaatu haqa, akkanatti yaadi, akkanatti jiraadhuu,!....." jedhanii ilaalcha dhuunfaa ofii nama biroo irratti fe'uuf yaaluun wallaalummaadhas, wal garboomsuudha.

"Garaagarummaa ilaalchaa waliif kabajuunis dirqama ta'uu hubannee garaagarummaa ilaalchaa keenya moggaatti dhiisnee wal kabajnee jaalalaan waliin haa jiraannuu!