Wabii Sanyii
6.84K subscribers
852 photos
24 videos
55 files
959 links
Namni waan danda'uun nama
gargaaru doqna hin jedhamu
Download Telegram
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Viidiyoo kanarraa waa’ee jireenyaa barattu daawwadhaa #Jireenyi yeroo tokko ol ka’u deebi’anii kufuu gaafata kaayyoo qabaannan ammoo waan hundumaa ni baratta jedhen amana. Via Gemeda


Maal irraa Barannaa...?
Galatoomaa/ThankYou
@segnigudeta @segnigudeta
Congratulations/Baga gammaddan

Deemsi itti fufa🏃🏻‍♂️🏃🏻‍♂️🏃🏻‍♂️
Telegiramii t.me/segnigudeta Odeeffannoo beeksisa guyyaa guyyaan bahuu argachuuf hiryoota keessan afferraa galatoomaa
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#DhangaaUbuntuu
"Ani ana kanin ta'e isiin waan isin taataniifi" I am Who I am because of who you are Olmaan guyyaa har'aa dhangaa Ubuntuu Waliin.

Personal development
Entrepreneurship
Leadership skills
Accounting skills
Ewnetu Hailu (PhD)
Hundeessaa fi Hogganaa
Ubuntu school of life
Leenjiin Afaan Oromoo, English, Amharic

"Nama hundumaaf gaarummaa yaadi, garuu hiriyaa filadhu."— (Giriikota)

Ilaalchi gaariin jireenya keessatti utubaa dha! Ilaalcha gaarii qabaachuu (Posative thinker) ta'uun kennaa hunda caaluu dha! Namonni barabaadan #Galmeen ewnetuu@gmail.com
Bilbila 0944116753
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Sammuu kee leenjisi....!

Addunyaan kun garuu, warra sammuun naaffatanii fi warra sammuun hir'uun malee warra qaama miidhamaniin tasumaa hin baddus, hin badaddus.

Hundi keenya kennaa garaagaraa dhuunfaa dhuunfatti nuuf kenname qabna. Addunyaa kana irraa namoonni kennaan isaanii %100 walfakkaataa ta’an hin jirani. Kanaaf ofiikee dhiistee namoota biraa fakkaachuuf yaaluun dogoggora guddaadha. Waa’ee dandeettii keetii, carraawwan jireenyakee keessatti qabduufi eenyummaa dhuunfaakee yaadi malee nama biraa fakkaachuuf hin yaaliin.

Namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti ergama mataa isaa ni qaba. uumaan tokko tokko keenyatti dirqama adda addaa kenneera. dirqama siif kenname namni biraan hojjechuu hin danda'u. kanaaf waanti nurraa eegamu kaayyoo uumamneef adda baafnee beekuufi of taanee jiraachuudha.

Ilaalchi badaafi yaadni moofaan sammuu dhala namaa baay'ee keessatti man'ee ijaarrateera, ati
garuu didi malee man'ee ofirratti hin'ijaarsisiin!

Namni baay'een dargaggummaasaa akka hinmalleefi bakka hinmalletti dabarsee eergii umurii fixee, dugda duubatti deebi'ee dargaggeessa ta'uu hawwe; hawwiin isaa hawwii hawwii ta'ee hafe ta'e!

Dargaggummaan umurii dhala namaa keessaa yeroo baay'ee hawwamaadha. Bara humni jiru, bifa tolan, bara hojjechuuf yeroo qaban, bu'anii ba'uun namaaf salphatuudha. Filannoon jireenyaa kan heddummatu umurii kanatti. Boca jireenya keenya gara duraa kan murteessus sadarkaa kana!

Egaa jireenya keenya gara duraa kan bareechinus ta'e kan balleessinu daangaa umurii dargaggummaa keessatti. Dargaggoonni kaan har'a keessa taa'anii borii isaanii ibsatu, warreen biroon immoo borii isaanii har'a keessatti dukkaneessaa jiraatu. "Youth is the best time to be rich, and best time to be poor" jedhu warri adii!

Dargaggeessi kaayyoo jiraatuuf qabu haala rakkisaa keessa dhabatee galma guddinaa arga. Filannoo argatteef qofa hinfilatu. Maalitti akka goruufi maalirraa akka goru haalaan beeka. Waan isa barbaachisu osoo hintaane, waan caalaatti isa barbaachisu irratti xiyyeeffata.

Jireenyi utuu waan darbu hinfakkaatin darba. Humni har'a qabdu bor ni dhiba. Umuriin namaa dungoodha. Irraa gadi hir'achaa deema. Kana beekanii yeroo hojjechuu qabanitti hojjechuun, yeroo boqonnaan barbaachisutti akka hinjoorre nama oolcha!

Dammaqi! kana dura osoo hinbeekin umurii kee qaalii kana akkasumaan dabarsaa turte ta'a. Amma garuu nama kaayyoof jiraatu ta'uu qabda. "Ogeessicha!"

https://t.me/sooratasammuuargaachuuf
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Kabajamtoota hordoftoota
#Telegiramii koo hundaaf

#Kayyoon koo. #Dhaloonni ilaalcha gaarii akka qabu #barsiisuuf, #leenjisuu fi #fakkeenya ta'e jiraachuu dha

Kayyoon Chaanaalii @segnigudeta #beeksisa wayitawaa guyyaa guyyan bahu maxxansuu, #Odeeffannoo waamicha qormaata fi waamicha af-gaaffii maxxansuu namonni baasii hin tanne osoo hin saaxilamne akka hojii motummaa fi miti motummaa akka dorgomaan gargaaruu waan ta'eef namonni na waliin hojjechuu barabaada beeksisa wayitawaa kamiyyuu yeroo argitaan kara keessa naf erga waliin taane waliif taanaa.

#HUBACHIISA. Namonni beeksisa daldalaa, biizinaasii, omishaa fi tajaajila fkk fakkaata beeksifachuuf yeroo baay’ee na gaafachaa turtanii kanfaltii gidduu galeessa ta'een isiin beeksisu danda'a keessan na dubbisaa.

Galatoomaa/ThankYou
#SanyiiGuddataa
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
4th Year Anniversary Ceremony
Sherton Hotel Finfinnee, Ethiopia
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#DhangaaUbuntuu
Title: Personal Finance Management, Financial Literacy and grow your finance. Irratti leenjii aja'ibaa olmaan guyyaa har'aa dhangaa Ubuntuu Waliin.

Personal development
Entrepreneurship
Leadership skills
Accounting skills
Stock Marketing
Ewnetu Hailu (PhD)
Hundeessaa fi Hogganaa
Ubuntu school of life
Leenjiin Afaan Oromoo, English, Amharic

Ilaalchi gaariin jireenya keessatti utubaa dha! Ilaalcha gaarii qabaachuu (Posative thinker) ta'uun kennaa hunda caaluu dha! Namonni barabaadan #Galmeen ewnetuu@gmail.com
Bilbila 0944116753
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Jireenya
Namoonni carraa qabanitti fayyadamuu dadhaban, yaa anaa jedhanii ofii isanii of komatu. Namoonni carraa itti fayyadaman dhaban immoo yaa carraa koo jeechuun carraa isaanii komatu!.

Egaa atis bor yaa anaa jettee akka ofi komachaa jin jiraaneef carraa qabdutti fayyadamuun bakka gahuun qaba jette yaaddu gahi argami

#Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu #carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhiisuudha. Carraan aduu miti naanna'ee dhufuu dhiisuu danda'a.

#Yeroodhiyooti/Coming Soon
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Qophii Sagalee #Dargaggootaa.
Muudannoo fi Muuxannoo koo.
Carraa hojii fi hojii dhabdummaa.
Of jijjiiruu/Self development
Hojii tuffachuu dhiisuu
Biizinaasii/Business
Ilaalcha/Attitude
Hojiif Biizinaasii
Yeroo seeran fayyadamuu
Gaalii dabalta argachuu
Miidiyaa hawaasaa fayyadamuu


https://youtu.be/NsV9M_QT2Hg?si=tt6efOVDQjZEtoR-