๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
10.7K subscribers
556 photos
21 videos
22 files
1.89K links
๐šƒ๐™ฐ๐™ต๐™ฐ๐™บ๐™บ๐š„๐š/๐ŸŒ
ู‚ูŽู†ุงุฉูŒ ุชูุนู†ู‰ ุจุฎุฏู…ุฉ ุงู„ุณู†ู‘ุฉ ุงู„ู…ุญู…ู‘ุฏูŠู‘ุฉุŒ ุนู„ู‰ ุตุงุญุจู‡ุง ุฃูุถู„ู ุงู„ุตู‘ู„ุงุฉ ูˆุฃุชู…ู‘ู ุงู„ุณู‘ู„ุงู….
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf๐Ÿ‘‡
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
Namoota Gaaficha irratti hirmaatan 415 keessaa namni deebii argate nama tokko qofa
Maqaan isaa_____Hamiltan Ahmed "Deebii hin qabu" jedhe.

Ajaa'iba yaaliin keessan garuu baay'ee natti tolee jira, garuu deebiin achi keessa hin jiru, nama kana hunda keessaa namni gaafiidhaaf iddoo kenneef nama tokko qofa natti fakkaata, baayโ€™ee galatoomaa, hirmaannaan keesaan baayโ€™ee namatti tola.

#DEEBIIN

#Yatiima jechuun= Nama abbaa hin qabne.
#Laxiima jechuun = Nama haadhaa fi abbaa/lamaanuu hin qabne.
Laqiixa jechuun= nama waa jalaa badan.
#Ajiyyii (ุนุฌูŠ) jechuun= Nama haati irraa duuteen jedhan.
Nagahaan_bulaa.
Join godhaa๐Ÿ‘‡
@tafak_or
https://t.me/tafak_or
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
#Hirmaadhaa 1) Rasuulli (SAW) Hajjii yeroo meeqa hajjan___? 2) Bara kam keessa/waggaa meeqaffaa keessa hajjan__? 3) Hajjiin isaan hajjan Suni maal jechuudhaan meekkamti___? 4) Maaliif maqaa saniin moggaafamte____? 5) Osoo Rasuulli jiran maaliif Abuu Bakriโ€ฆ
#Deebiin...

1) Altokko qofa muslimootaan hajjan...
2) Waggaa 10ffaa keessa hajjan...
3) Hajjatul_Wadaa'i jedhamuudhaan beekkamtii...
4) Hajjii sana irratti maatii fi Sahaabota isaatti nagaa dhaammatan...
ู„ุนู„ูŠ ู„ุง ุฃู„ู‚ุงูƒู… ุจุนุฏ ุนุงู…ูŠ ู‡ุฐุง...
"Baranaa achi Wal arguu dhabuus dandeenya..." jechaa turan.... ๐Ÿ˜ข(Sallallaahu aleyhi wasallam).
5) Hijraa irraa waggaa 9ffaa keessa akka ummataan Hajjii godhuuf... Abuu Bakriin Amiira godhee Hajjii irratti moosise...
Akka ibnu Kasiir Tafsiira isaa keessatti dubbatetti:
Rasuulli akkuma Duula Tabuuk irraa as garagaleen Hajjii deemuuf yaadee ture, garuu Mushrikoonni akkuma Aadaa isaanii asiin dura baratame sana, Qullaa isaanii waan Hajjii dhufaniif, isaaniin walitti laaqamuu jibbee bara sana Abuu Bakriin Amiira godhee hajjiidhaaf erge jedha. akkasuma Akka Mushrikoonni barana malee Hajjii hin dandeenye lallaba Akka dabarsuuf itti himee ture.
ุฃู† ู„ุง ูŠุญุฌ ุจุนุฏ ุงู„ุนุงู… ู…ุดุฑูƒุŒ ูˆู„ุง ูŠุทูˆู ุจุงู„ุจูŠุช ุนุฑูŠุงู†)...
Kanaafuu Akka AbuuBakri bรฉeytii qulqulleessuuf bakka buuse jechuudha....
Galatoomaร ๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
๐Ÿ‘‹ Dubartii tuquun wuduu'a diiga moo hin diigu_____?
#Deebiin.....

โœ Waa'ee dubartii tuquun wuduu'a diiga moo hin diigu jedhu keessatti ulmaa'iin gurguddaan bakka @3tti wal qoodan... hunduu Ragaa qabu.

@1ffaa) Ni diiga warra jedhan... (Abdallaa Ibnu Mas'uud, Abdallaa Ibnu Umar, Zuhriyyiidha.... Akkasuma Mazhaba Shaafi'ii irrattis...)
Ragaan isaanii.... ๐Ÿ‘‡
Aayata qur'aanaa:
{ุฃูˆ ู„ุงู…ุณุชู… ุงู„ู†ุณุงุก....}
{Yoo takkaa dubartii tuqxan..}
Akka lugaa Arabaatti @Lams jechi jedhu harkaan tuquudha malee wajjiin ciisuu miti kan jedhu qabatan.
@2ffaa) Hin diigu warra jedhan...warroonni karaa kanarra jiran sahaabota gurguddaa Akka (Aliyyii, Abdallaa binu Abbaas, fi kanneen akka Axaa'i, Xaawusi... Kun Mazhaba Hanafiidha....)
Ragaan isaanii๐Ÿ‘‡

A) " Nabiyyiin keenya (SAW) garii dubartii isaanii dhungatanii osoo wuduu'a hin goone salaataaf bahan " Hadiisa jedhu...
B) " Luka koo gara qiblaa deebisee, fuuldura Rasuulaa kan rafu ture... yeroo sujuuda bu'u harkaan na tuqa, jalaa ol deebifadheen salaata... " jette haati teenya Aa'ishaan (Radiyallaahu Anhum).
C) Ammas Hadiisuma ishee keessatti... { Guyyaa tokko Rasuula Rabbii manaa dhabnaan, akka malee waan jaalattuuf barbaacha manaa baate.. osoma barbaadaa jirtuu isaanii masjidatti salaataa jiran .. bakka isaan sujuuda godhanitti, koomee isaanii harkaan tuqe...} jetti....
Osoo kan tuquun wuduu'a diigu taatee... silaa salaata San hiikkatu ture....
@3ffaa) Yoo fedhiidhaan tahe ni diiga warra jedhaniidha.... Isaan kunneen immoo warra lamaan dabre walitti araarsuudhaaf.
{Mazhaba Maalikii fi Mazhaba Ahmad....)
karaan kunis karaa sirridha... garuu Aayyanni jalqabaa Suni kan baantu harkaan tuquu osoon taane, walitti dabalamuudha.
๐Ÿ‘‰ Amma gabaabinnumatti Mazhaba afranuu adeemsa isaanii barree jirra (Rabbiin ifaajee isaanii Jannataan haa kffalu)..

garuu kamtu deebiidha ykn kamtu filatamaadha....? akkamitti? Kutaa @2ffaa..... nu eegaa...

Share๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
๐Ÿซต Ibsa gabaabaa waa'ee dubartiin qur'aana laguudhaan osoo jirtu harkaan tuquu dandeessi moo hin dandeessu jedhu irratti .

ุจุณู… ุงู„ู„ู‡ ุงู„ุฑุญู…ู† ุงู„ุฑุญูŠู…
Assalamualaikum warahmatullaahi wabarakaatuh jechaa....
https://t.me/tafak_or
โœ Jalqabas akkuma isiniin jechaa ture... irra deebiidhaanis baga gammaddan ijoolleen shamarranii jechuu barbaada.
๐Ÿ‘‰ Dubartiin islaamaa takka yeroo xuriin laguu irra jirutti qur'aana tuquun ragaa qur'aanaa fi hadiisarraa qabsiifameen dhoorkaa akka hin taane isiniif ibsuu barbaada. Ragaan mataduree kanaan Wal qabatee haraamummaa ibsu Ragaa laafaa tahuu isiniif hima.
โœ Tafsiirri Aayata xahaaraan malee hin tuqan jettuu...
ู„ุง ูŠู…ุณู‡ ุฅู„ุง ุงู„ู…ุทู‡ุฑูˆู†
Tafsiirri inni dhugaa
akkuma Aayata salaatatti hin dhihaatinaa jettuuti...
#1ffaa:.... Qur'aana xahaaraadhaan qara'utu irra filatamaadha waan jedhuun wal qabsiisee...wal dhibdeen takkas hin jirtu... Qur'aana kalaama Rabbiitiinis kan malu xahaaraadhaan dubbisutuu irra bareedaadha...
Akka Rasuula irraa nu dhaqqabetti (Sallallaahu aleyhi wasallam) Rasuulli maqaa Rabbii "Salaam" kan jedhamu xahaaraa malee maqaa dhahuu
didanii jiru....
Rasuulli akkuma fakkeenya qullubbii nyaachuu hin jaalanne, kanas didan... qullubbii nyaachuu diduun isaanii haraamummaaf osoo hin taane.. hafuura saniin Rabbiin maqoo bahuu diddaadhaaf...!!
Kuni Istihbaabaaf... ykn waan jaalatamaa fi filatamaa wahii tahuu isaa ibsa malee waan biraa miti.
#2ffaa: Dubartii laguun jirtuu fi dhiiga dhalaatiin jirtuuf qur'aana harkaan tuquun Haraamaa ?! isa jedhuuf....
#Deebiin...
Haraamaa miti.. qur'aanaa fi hadiisarraa ragaan haraamummaa kennu hin jiru waan ta'eef....
Amma waa'ee qur'aana qara'uu osoo hin taane, harkaan tuquudhaati kan dubbataa jirru...
#3ffaa: Warroota Aayata qur'aanaa
ู„ุง ูŠู…ุณู‡ ุฅู„ุง ุงู„ู…ุทู‡ุฑูˆู†
Jettuun ragaa godhatanii, qur'aana heydiidhaan tuquun dhoorkaadha jedhaniin hoo maal jenna.

#Deebiin....
#1) Aayanni jalqabumarraahuu waa'ee qur'aana gidduu keenya jiruu tuquu fi tuquu dhabuu osoo hin taane... kitaabal-maknuun/ Kitaaba dhokfamaa ykn Rabbiin biratti tikfamaa, samii keessa jiruu sana haasahaa jirti..
ููŠ ูƒุชุงุจ ู…ูƒู†ูˆู†.....ู„ุง ูŠู…ุณู‡ ุฅู„ุง ุงู„ู…ุทู‡ุฑูˆู†
jedhaa jirti....
Kanaafuu aayanni qur'aana Rabbiin bira jiru san irraa haasawaa jirti....
Sahaabaan guddaan Abdallaa binu Abbaasis Kitaaba samii keessa jiru tahuu isaa nuuf hime.
ุนู† ุงุจู† ุนุจุงุณ : ( ู„ุง ูŠู…ุณู‡ ุฅู„ุง ุงู„ู…ุทู‡ุฑูˆู† ) ู‚ุงู„ : ุงู„ูƒุชุงุจ ุงู„ุฐูŠ ููŠ ุงู„ุณู…ุงุก .
#2) Qur'aana keessatti Muxahharuun/ู…ุทู‡ุฑูˆู† jechuun warroota wuduu'a qabanii fi hin qabne jechuu osoo hin taane... ummata qulqulluu #Malaa'ikaa jechuudha...
Kanas warroonni gurguddaan Abdallaa binu Abbaas irraa eegalee hiika kanatti hiikanii jiru..Akkuma sana Anas, Mujaahid, Ikrimaa, Sa'iid binu Jubeyri, Dahaak, Jaabir fi Abdurehmaan binu Zeydi binu Aslam fi fakkaattonni isaanii hedduun akkana jedhanii jiru.
ุนู† ุงุจู† ุนุจุงุณ : ( [ ู„ุง ูŠู…ุณู‡ ] ุฅู„ุง ุงู„ู…ุทู‡ุฑูˆู† ) ูŠุนู†ูŠ : ุงู„ู…ู„ุงุฆูƒุฉ . ูˆูƒุฐุง ู‚ุงู„ ุฃู†ุณ ุŒ ูˆู…ุฌุงู‡ุฏ ุŒ ูˆุนูƒุฑู…ุฉ ุŒ ูˆุณุนูŠุฏ ุจู† ุฌุจูŠุฑ ุŒ ูˆุงู„ุถุญุงูƒ ุŒ ูˆุฃุจูˆ ุงู„ุดุนุซุงุก ุฌุงุจุฑ ุจู† ุฒูŠุฏ ุŒ ูˆุฃุจูˆ ู†ู‡ูŠูƒ ุŒ ูˆุงู„ุณุฏูŠ ุŒ ูˆุนุจุฏ ุงู„ุฑุญู…ู† ุจู† ุฒูŠุฏ ุจู† ุฃุณู„ู… ุŒ ูˆุบูŠุฑู‡ู… .
Kanaafuu Mushafa Lowhal-mahfuuz keessa jiru san malaa'ikoota keessa warroota Rabbitti dhiheenya qaban qofatu tuqa jechuudha...!!
#3) Aayanni tun Kabariyya/ุฎุจุฑูŠุฉ jedhamti... Rabbiin murtee dabarsaa jira osoo hin taane... qabatama haala yeroo keessa jiran irraa haasahaa jira...
Hin tuqinaa jedhee murtee kennee osoo hin taane, ummata qulqulluu San malee namoonni biroo hin tuqanii bar jedhee nutti himaa jira.
hin tuqinaa jechuu miti... nama hedduu akkas itti fakkaatee dogongora keessa seeneera.
๐Ÿ‘‰ Rabbiin Aayata tanatti ilma namaa hin banne walumaagalatti...
Imaamu maalik akka gabaasanitti aayanni tuni akkasuma fakkeenya Aayata Suuraa #Abasaa keessa jirtuudha jedhan...
ูƒู„ุง ุฅู†ู‡ุง ุชุฐูƒุฑุฉ....ูู…ู† ุดุขุก ุฐูƒุฑู‡.....ุจุฃูŠุฏูŠ ุณูุฑุฉ...ูƒุฑุงู… ุจุฑุฑุฉ....
Safaraan bakka kanatti malaa'ikoota qulqulluu sana.. warroota Kitaaba San tuqaniidha jedhe...
@Ibroo

Share๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or