𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
9.63K subscribers
549 photos
20 videos
20 files
1.8K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Suuraan Kuni maal Ibsa.... nama dursee argate.... kaardii Abbaa 50 badhaasaan...
Daqiiqaa 30 qofa qabdan... achiin boodatti namni deebise..... sadaqaa jaariyaa siif taati malee... kaardiin Akka nama Udhiyyaa salaata dura qaleeti....
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Suuraan Kuni maal Ibsa.... nama dursee argate.... kaardii Abbaa 50 badhaasaan...
Hanga ammaa warri yaaltan hunduu baay'ee galatoomaa...deebiin isin yaaltan hedduun sirritti itti qajeela... garuu kan nuti barbaanne deebii qofa osoo hin taane... The best answerdha...



Deebiin isaa...... 👇

Obsaan na eegaa... badhaafamtoonnis yoo jiraatan... isiniif himaa
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Suuraan Kuni maal Ibsa.... nama dursee argate.... kaardii Abbaa 50 badhaasaan...
Deebiin #Hama/Wal hamachuu

Kan muka Jala ciisu sun sihi ... mukni Marge Kun immoo dalagaa tanteeti... dalagaa ati ifaajjee... keeyrii ati dalagatte.



Firii isaa situ nyaachuu qaba ture... garuu toltuu ati dalagatte, warra ati isaan hamataa oolte santu sirraa guurata guyyaa qiyaamaa...
ni ifaajja...kan ifaajju ammoo nama biraatiif....


walumaagalatti Suuraan waan hedduu ibsa, Suuraan Kuni Kitaaba guddaadha... hundi keessanuu akka keessanitti argattanii jirtu.... garuu sirritti kan inni ibsu... hama/nama hamachuu ibsa.

Family Tafakkur baay'ee galatoomaa... garuu nama tokko qofatu yaada kiyya kanatti dhihaate....

Share👇

https://t.me/tafak_or
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Dubartoota Armaan gadii tanneen hin fuudhinaa... 1) Mannaanaa, 2) Annaanaa, 3) Hannaanaa, 4) Haddaaqaa, 5) Barraaqaa, 6)Shaddaaqaa, 7) Ushbatud-daar jedhaman..... Isiniif galee? haa hiikkamuu ?😁 https://t.me/tafak_or
5ffaan: #Barraaqaa
Barraaqaa jechuun... dubartii dibata heddummeessitu, dubartii garmalee uf babbareechisuu yaaltu....
Bareedinni ishee sun Abbaa manaa ishee gammachiisuuf osoo hin taane, namoota biraa gowwoomsuuf ykn Bareedinna ishee sana ummatatti mukdhifachuuf... hanga namni hundi waa'ee ishee haasahu takka kan uf bareechitu jechuudha...
tana hin fuudhinaa walumaagalatti.....
6ffaa: #Shaddaaqaa/Odeessituu...
Shaddaaqaa jechuun: dubartii yeroo hundaa iyyitu; ta oduu addaan hin kunne; tan haasaa ishee keessatti kijiba heddummattu...
Tan oduu bu'aa hin qabne hanga namni ishee hifatutti haasoftu jechuudha....
Beekkamaadha oduun ishee qiletti akka si gatu.... irraa fagaadhu....
7ffaa: Rabbuu ittiin isin hin mokkorin..... 7ffaan😁

Share👇
https://t.me/tafak_or
📮 #حقيقة

Dhiirtis intala yeroo inni laafe isa hin kaddamtu; yaala isaatiif tan hirriba dhabdu; hanga gaafa inni fayyee lafaa ol jedhutti, akka haadha isaatti tan isa kunuunsitu yoo hin fuunee... maal fuudhe jedhamaree....!

Dubartiinis nama yeroo isheen dhibamte rifatuuf; yaala isheetiif ganamaaf galgala nama yaadu; hamma danda'uun akkuma haati finna ufii kunuunsitu nama ishee kunuunsu yoo hin argannee... heerumte hin jedhamtu...!

Yeroo hundaa Rahmata Rabbiin gidduu keessan kaahe yaadadhaa... waliif Rahmata oolaa....
‏ "وجَعلَ بينَكُم مودَّةً ورحمَة".

Share👇
https://t.me/tafak_or
Rabbiin Subhaanahu wata'ala Maqoota 99 qaba... Mee amma kamtu sammuu kee keessa dursee si dhufe....?!

Comment jalatti barreessi ajrii warra dubbisee argattaa.... 👇
👉 Waa hojjachuu qofaa miti, waan hojjatan sana bareechanii hojjachutu akka dhiiroo.....!

Nama hedduu biratti beekkamtii argachuuf jecha waan hin danda'amne wahii dalaguun sirraa hin eeggamu.... homa jaalattu tokko bifa addaatiin bareechitee yoo dalagde, osoo nama tokko qofallee taatee namni si beeku yoomuu sin dagatu....

Share👇
https://t.me/tafak_or
Baatii Ramadaanaattu caala moo.... kurnyan Zul-Hijjaa tanatu caala...?!




waan amanuun isinitti ulfaatu tokko isinitti himuu Mee ?!
Ani waan arge hunda hin barreessu... garuu waanan beeku sana bifa addaatiin akka barreessu uf beeka.... uf jajuu kootii miti..... waan Rabbiin naaf kenne himadhe Alhamdulillaah...




waan ajaa'iba takka isiniif himuuf deema inshallah.... waan na ajaa'ibeef.....
#Kana_beektuu_laata...!

1) Rabbiin Ramadana qur'aana keessatti yeroo takka qofa dubbate, garuu kurnyan Zul-Hijjaa tana yeroo afurii ol dubbate....
A) Suuraa fajrii jalqabarratti,
B) Suuraa A'araaf... keeyyata 142,
C) Suuraa Hajjii keeyyata 28,
D) Suuraa Buruuj....
2) Rabbiin waa'ee Ramadaanaa irraa osoo hin dubbatin dura waggaa 13/14n dursee waa'ee kurnyan Zul-Hijjaa dubbateera.
Aayanni waa'ee kurnyan Zul-Hijjaa haasoftu aayatoota yeroo jalqabaa buufaman keessaa tokko.
Rabbiin sahaabaa Rasuulaa osoo Randaanaan hin laanjisin kurnyan Zul-Hijjaa tanaan leenjise....!
3) Kurnyan Zul-Hijjaa jechuun guyyoota ka'abaan 🕋 keessa ijaaramte....
4) kurnyan Zul-Hijjaa Guyyoota Rabbiin Nabiyyallaahi Ismaa'iliin lubbuu isaa keessa baraare....
5) Guyyoota Rabbiin lowhii Nabiyyallaahi Muusaadhaaf keessa barreesse...!
6) Guyyoonni kunneen guyyoota Rabbiin Nabiyyallaahi Muusaa keessa dubbiseen....!
7) Guyyoonni kunneen guyyoota Nabiyyallaahi Muusaan Aleyhissalaam Nyaataa fi dhugaati tokko malee halkaniif guyyaa walitti dhaabee ibaadaa keessa dalagaa tureedha.
8) Guyyaa Aayanni Islaamummaan guuttamuu ilaalchisee dubbattu keessa buufamteedha...
اليوم أكملت لكم دينكم........!
9) Inumaa Hadiisa garii keessatti akka dubbatametti guyyoonni kunneen guyyoota Rabbiin Nabiyyallaahi Daawudiif Aleyhissalaam keessa araaramedha....
فغفرنا له......!

Guyyoota salphaa nutti fakkaata... Irra hedduun keenya hanga yeroo Ramadaanaa zahmaa goonu guyyoota kana quba hin qabnu..
akkamitti Irra caaltuu guyyoota addunyaa tanaa taate jettee uf gaafattee beektaa... !?

Dhugaa hin fakkaatu mitii... !!
https://t.me/tafak_or
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Tafakkur jechuun ana... ana jechuun Tafakkur....

Maatii jaalalaa... warra hanga hardhaa Mucaa qaldhaa kana hin beekneef.... 🙏
Zul-Hijjaa guyyaan hardhaa guyyaa 8ffaati... Guyyaa #Tarwiyaa jedhama.... guyyaa Hujjaajonni Rabbii Ibaadaa keessa eegalan...
Guyyaan boruu ammoo guyyaa 9ffaati.... guyyaa Arafaa.... guyyaa guddaadha....

Rabbiin guyyoota kanarraa warra milkaahu nu haa taasisu... 🤲
Hoo'a kanaan Wal qabatee dargaggeessi qunxaadhaan🩳 salaattan uf eeggadhaa... mogolee teessan dhoksaa.... Mogoleen owraa irraahi....!

https://t.me/tafak_or
#Arafaa.....

Rabbii koo badiin koo guddaadha... garuu Rahmanni kee badii kankoo caala guddata....
Irra naaf tari...... 🤲