𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
9.63K subscribers
549 photos
20 videos
20 files
1.8K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
#Gorsaaf

➫ Namni #Aangoodhaan uf dhaadu #Fir'ownaan haa yaadaatuu.
Namni #qabeenyaan uf dhaadu #Qaaruuniin haa yaadatuu.
Namni #Gosaan uf dhaadu #Abuu_lahbiin haa yaadatuu.

#Firowna Bishaaniin nyaatame,
#Qaaruun dacheen liqimsame,
#Abuu_lahab Reeffi isaa ajaayee gosti isaa hundi irraa dheessitee kabajaa dhabee badhetti gatame.
Join👇
@tafak_or
#Gorsaaf

Jireenya kankee qofa jiraadhu,
afaan namaa yoomuu sirraa gad hin caldhisu,
Arrabni dheeraan yoomuu sirraa hin qooru/hin citu,
Waa'ee kankee kan namni haasawutti hin cinqamin, haasawa namni sirraa haasawuuf bakka hin kennin.
Atuu eennuun akka taate uf beekta waan taateef qeeqa namaa sodaachaa hin jiraatin..!
karama kankee qofa, karaa na baasa jettee itti amante qofa irra jiraadhu.

Iccitiin kufaatii keetii maal akka ta'e beektaa___?
Nama hunda gammachiisuu ykn nama hunda jaalachiisa jettee keessi kee dhiphachuudha....
Namaaf hin jiraatin ok...👉

follow 👇
https://t.me/tafak_or
#Gorsaaf...

Waljaaladhaa walin jibbinaa.... guyyaa addaan baatan hin beektanii... duuti dafxaa namatti dhufti dhiiroo..
Wal gaafadhaa!; Wal iyyaafadhaa!, eennutu beeka bilbilli keessan guyyaa dhumaa ykn walargaan isin wal argitan suni walargaa dhumaa tahuu dandeeasii.... 😢
Wal baadhadhaa!, Wal danda'aa!, waliif obsaa irra waliif taraa... gaafa namni du'e "Ani bade" jechuun Isa bade sana namaan deebiftuu...
Yaadadhaa...:
" Gaafa duune, Isa du'e sana kallacha isaa dhungachuu caala, osoo lubbuun jirru naga gaarii wal gaafachuu wayya... "

Hayyuu beekkamaa
@Aliyyi_Axxanxaawii jedhamuu irraa isiniif erge...

share👇
https://t.me/tafak_or
#Gorsaaf.....

Jireenya Kee keessatti namoota armaan gadii kana dirqama dagachuu hin qabdu. Isaanis;
1) Nama yeroo ati miidhamte; yeroo ati mokkoramte hundaa si moggaa hin dhabamneedha...
2) Namoota yeroo namoonni hunduu si shakkanitti.. shakkii namaa irraa kan ka'e hanga atuu lubbuu tantee uf shakkitu takka kan gahe... namoota yeroo akkanaa kana si dhugoomsaniidha..
3) Namoota faayidaa takka osoo sirraa hin barbaadin si qarqaaraniidha...
4) Namoota jireenyi kee akka jijjiiramuuf gahee guddaa taphataniidha....
yoomuu dagachuu hin qabdu..
@Ibroo


share👇
https://t.me/tafak_or
#Gorsaaf....

Jiruu kiyya keessatti, waan hanga dhiifama Wal gaafachuu fi, sehaa walitti toluu caala jaalalaa; hiriyyummaa fi hariiroo gidduu namaa jiru tursiisaa takka hin argine.

Kanaafuu jaalalli gidduu keessanii akka turu yoo barbaaddan, wal shakkii irraa fahaadhaa. Akkasumas yoo dogoggorri gidduu keessanitti uumame dafaa dhiifama wal gaafadhaa....!

Share 👇
https://t.me/tafak_or
#Gorsaaf....

Seenaa gabaabduu akkaan nama gaddisiistu takka keessaa...
Yeroo Ibidda Jahannam seenu, hiriyyoottan isaa hundaa kan duniyaa gubbatti wajjiin ture uf biraa dhabe... dhumarratti hiriyyoottan koo hoo eessa na biraa deemanii adda koo Ibidda Seenaa jira ? jedhee gaafata.
Achumaa deebiin akkanatti kennamaaf;
" Du'a kee sababeeffattanii hunduu gara Rabbii deebi'anii bar..." jedhamaan... 😢
Irra deddeebiidhaan dubbisaa..

Share👇
@tafak_or
#Gorsaaf....!

Yoo akka tasaa baabura dogoggoraa yaabbatte, station 🚉 jalqabaatti bu'uuf yaali... maaliif beektaa____?
hammuma fagaataa deemtuun, gatiin deebiif kafaltus guddataa deema waan ta'eef...!

#tafak_or
#Gorsaaf.....!!

Memoryn sammuu keetii virus guutee yoo jiraate, dafii keessaa format godhi.. yoo kan akkasitti dhiistu taate deemee sagantaa kankee gaggaarii si jalaa balleessuu waan danda'uuf....;
Maal qaba osoo waan keessa keenya miidhaa; waan miidhaa malee bu'aa nuuf hin qabnee fi waan jireenya keenya keessatti hiika hin qabne, keessa keenyaa haqnee... mee maalumatu nurraa bada..?!
Fakkeenyaaf...;

👉 Mudannoo bira dabarre, kan Akka malee nu madeesse yaadachuu irraa uf qusachuu...!
👉 Miira nama miidhu keessa galuu dhabuu ykn daftee keessaa bahuu...!
👉 Aadaa fokkataa irraa uf fageessuu...!
👉 Waanyoo, jibbaa fi hinaaffaa nun fakkaanne, tan nu keessaa dhangalaatu.. irraa fagaachuu...!
👉 Hiriyyaa gatiin qabne ufirraa hirdhisuu....
👉 Namoota yeroo hedduu -negative yaadan irraa fagaachuu...!
👉 hariiroo miidhaa malee bu'aa hin qabne keessaa bahuu...!
👉 Waan jireenya Kee keessatti si rifachiisuu fi si gaddisiisu hundarraa uf fageessuu....!!

Keessa keenya eeguu fi keessa keenya qulqulleessuun bilbila keenya qulqulleessuu caala nu barbaachisa....!!👇

Waan gaarii lubbuu keetiiif dabarfadhu.... waan jireenya Kee booressaa irraa uf qusadhu...!!
@Ibroo.....

Share👇
https://t.me/tafak_or
#Gorsaaf...!

Duniyaa tantee aakiraadhaan gurguradhu, duniyaa fi aakiraallee milkooftaa...!,
Aakiraa tantee garuu duniyaan hin gurguratin..., lamaanuu hoongoftaa....!!

@tafak_or