𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
11.8K subscribers
564 photos
22 videos
24 files
2.02K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
#Oduu_Gammachiisaa

Kitaabni "#Iccitii_Dhaloota_Qubee " jedhu kan Tarbiyaa Islaamaa irratti xiyyeeffatu, kan Abdii guddaa namatti horu, akkasuma kan haala qabatamaa dhaloonni lafaa dhufaan amma keessa jiruu fii haala yeroo ammaa Biyyoonni Islaamaa keessa jiraniin walgalu, bu'aa bahii hedduu booda maxxanfamee hawaasa isaa bira gahee waan jiruuf irraa fayyadamaan dhaamsa keenya.
Akkasuma Gaafa guyyaa #20_9_2013 /Jum'aa magaalaa Hasaasaa Masjida guddaa Aalimni keenya guddaan H/Yuusuf Ciroo itti barsiisanitti, Hayyootaa fi Ulamaa'ota gurguddoon erga eebbifamee booda Gabayaa irra ni oola.
Bakka Argitanitti Irraa fayyadamaa.

Barreessaan Dargaggoo
#Ibraahim_Eda'oo
(Abulmansuur)
Share👇
@tafak_or
#Guddisa_ijoollee

➫ Ilmi keenya akka nu barbaannu sana ta’ee yoo nuuf hin argamin gammachuu barbaannu sana hin argannu waan ta’eef, ilma keenya jalqabumarraa xiyyeeffannaa keessa galchinee seeraan kunuunsuu qabna.
( A person will not be happy unless his son is as hi wishes , so we must take care of our children ).
Maddi; Kitaaba #Iccitii_Dhaloota_Qubee(Kan Ibraahim Eda'ootiin qophaa’e ).
Join👇
@tafak_or
#EEBBA_KITAABAA
#ICCITII_DHALOOTA_QUBEE

Ilmi Namaa Guyyaa Dhalate Irraa Kaasee Osoo hin Taane , Guyyaa Hojii Qabatamaa Hawaasa Fayyadu Dalage Irraa Kaasee Umrii Lakkaawata .

Namni Hunduu Dandeettii Fi Kennaa Garagaraa Of Keessatti Hammate Dhalata .

Barreessaa Kitaaba Iccitii Dhaloota Qubee Kan Guddisa Ilmaaniif Bu'uura Ta'an Ragaa Qur'aanaa Fi Hadiisaa Akkasuma Yaadota Beektotaa Hedduun Dabalame Kan Barreesse Obboleessa Keessan Ibrahim Eda'oo tiin

Kitaaba Faana Gaarii Abboota Ilmaaniifi Ilmaan Keessatti Hanbisuudha .

Har'aaf Osoo Hin Taane Boruuf Kan Si Jiraachisu , Dhaloota Kan Jijjiiruu dha .

Gumaacha Guddaa Isin Gammachiisuu Qabatee Dhufee Jira.

Kitaaba Ilmaan Kee Hangam Seeraan Guddisaa Akka Jirtu Keessatti Of Madaaltuu dha.

Kitaaba Yeroo Dheeraaf Eeggamaa ture Fedha Rabbiitiin assanbata dhufu eebbaaf geessinee Jira .

#Baga_Gammaddan
Eebbi 22/12/2013 Sanbata Xiqqaa Ganama Sa'aatii 3 - 00 tti wal argan Baalee Roobe Galma Hoteela Sikkoo Mandootti.

@Fursaan_Media
@Alrisala1
@tafak_or

Share waliif godhaa
#Tumsa_Rasuulaa
➛ Dhufaa jirra warri #Tafakkur inshallah.....kitaabaa xiiqiidhaan, xiqqiidhaaf, nama xiiqa'ee beekuuf barraahe.
Barreessaan 👇
abbaa chaanaalii #Tafakkur, abbaa kitaaba #Iccitii_dhaloota_qubee
#Islaamummaan_bar....

🌿 Amantii Rabbiin Aklaaqaa fi Aqiidaadaa tolchee...
🌿 Amantii jireenyi Duniyaa fi Aakiraa ittiin bareedde...
🌿 Amantii keessaa fi duubni keenyas ittiin bareede...
🌿 Amantii Rabbiin nama isa qabatee fi nama isa simate hundaa, dukkana dharaa; xiqqeenyaa fi kufnana boruu; akkasuma karaa dukkanaa irraa ittiin baraare...
🌿 Amantii diriiraa; amantii bareedinna keessatti dorgomaa hin qabne; amantii kaayyoo fi galmi isaa dogoggora hin qabnee ; amantii qajeelfamaa fi qajeellumni isaa nama hun dhibne; amantii xumuraa fi mi'aan firii isaa hin quufamnee bar....
🌿 Haasofni isaa hundi dhugaa; ergaan isaa hundi adii akka waraqaa....
🌿 Amantii murteen isaa haqaa; amanii ijjannoon isaa dhugaa; amantii duubni isaa tolaa fi tola-ooltummaati...
🌿 Amantii sammuu qulqulluudhaan walgalu...
👉 Islaamummaan ajaja dabarsee..." osoo bakki kuni jijjiiramee" jettee hin beektu sammuun.
👉 Islaamummaan gocha wahii irraa seeree..."osoo bakka kana irraa seeruu baatee..!" Jettee hin beektu sammuun...
👉 Islaamummaan Dalagaa takka haraamsitee..."osoo bakka tana halaal gootee" jettee hin beektu sammuun. Akkasuma waan Islaamummaan halaal goote sammuun haraamummaaf yaaltee hin beektu....
🌿 Barnoonni, beekkumsi hanga ammaatti barnootaa fi ittiin bulmaata Islaamummaa shaaru hanga ammaatti hin dhufnes hin dhufus....
🌿 Seerri sirrii; seeraa Rabbii jijjiirus hanga ammaatti hin dhufne yoomuu hin dhufus....
🌿 Amantiin Islaamummaa amantii dhugaa fi karaa diriiraa irratti nama qajeelchuudha...
🌿 Islaamummaan amantii dhugaan mallattoo isaati...
🌿 Amantii wal qixxummaan bu'uura isaati....ykn galma isaati...
🌿 Islaamummaan amantii haqni dhaaba isaati...
🌿 Islaamummaa amantii Rahmataa fi garalaafummaan galma isaati...Rahmatummaan Islaamummaa keessatti akka qilleensa ilma namaatiif....
🌿 Islaamummaan amantii gaariin hundi fira isaati....
🌿 Islaamummaan amantii araaraa fi nageenyi bareedinna fi dalagaa isaati...
🌿 Amantii qajeellumaa fi kallattii sirrii irra deemuun siinqii isaati...
🌿 Islaamummaan jiruu fi jireenya ummata islaamaati...
🌿 #Islaamummaan_bar..... Maal jedhee ibsa jechatu na hanqataa....
🌿 Islaamummaan qabeenya...
Namni Islaamummaa dhiise; namni Islaamummatti dalaguu dhiises bareedinna hangana gahu kuni hunduu fe'atee irraa boqata.....
#Alhamdulillaah baga Islaamummaa qabaadhe...
@Ibro

👉 Dabalataaf....kitaaba
#Iccitii_dhaloota_qubee jedhu qabxii 40 ol kan Islaamummaa adda godhan jedha... irraa dubbisaa
Share👇
https://t.me/tafak_or