𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
12.2K subscribers
613 photos
25 videos
32 files
2.11K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
#Haa_aadeffannuu

➛ Nagaa_qabdaa?
كيف_الحال___؟
Deebii👇
Alhamdulillah ani nagaa qaba akkam ati ?
الحمدللِّه......🌹
#Alhamdulillah

#Hubachiisa: Yeroo nageenya walgaafattan, deebiin kana caala namatti bareedaa inuma hin jirre. Maaliif yoo jette? Ati nagaa obboleessa kee sababeeffattee Rabbiin faarfachuun kankee, mindaa guddaa tilmaama hin qabne.

Follow me👇
@tafak_or
https://t.me/tafak_or
#Ija_falfaltu [ Budaa ]

Namni ijaa waa qabu kuni, waan ilaalee argu san keessatti haalota 3 qaba. Isaanis:

1) Waan bareeda nama dinqisiisu wahii ilaalee yoo arge, erga argee booda garama isaa keessatti "wow" jedhee dinqisiifatee, osoo afaan isaatii waa hin bahin yoo deeme, ijji sun waan ilaale sana hin miitu. [Iznii Rabbiitiin)

2) Namtichi ijaa waa qabu kun, beekaas tahu daguudhaan erga argee booda yoo afaaniin waa dubbate, ijji sun iznii Rabbiitiin, waan arge sana miidhuu dandeessi.
#Hubachiisa : Afaaniin dubbachuu jechuun fkn : erga argee booda Mashallah jechuu dhiisee, akkam bareeddi yoo jedhe fi kkf.

3) Yoo akkuma argeen maqaa Rabbii dhahe ykn barakaa kadhateef [Mashallah yoo jedhe ] iznii Rabbiitiin dhiibbaan ijaa suni nama ykn horii inni arge sana miidhuu hin dandeessu.

Follow me👇
https://t.me/tafak_or
#Rajab

3) Akkuma baatiiwwan 3n sanaa, baatiin Rajaba baatii sadarkaa guddaa Rabbiin biratti qabuudha.
Baatii kana keessa, badii garagaraa hojjachuun, daangaa Rabbii dabruun dhoorkaadha.
➛ Akkuma Rabbiin Qur’aana ( suuraa Towbaa:36) keessatti dubbatetti :

{...فَلَا تَظْلِمُوا فِيهِنَّ أَنْفُسَكُمْ ۚ......}
"..Baatiiwwan kanneen keessa lubbuu keessan hin miidhinaa.."
#Hubachiisa: Cubbuu dalaguun baatiiwwan biroo keessas dhoorkamaadha, garuu baatiiwwan hunda keessaa baatiin tuni Rabbiin biratti sadarkaa waan qabduuf baatii tana keessa hamtuu dalaguun, kanneen hafan irra daran cimaadha Rabbiin biratti.... Rabbiin waan fedhe guddisa, waan fedhe xiqqeessa!.
4) Baatii amma keessa jirru kana ummanni Muslimaa guddisuun ykn bakka kennuufiin dirqama. Karaaleen ittiin nuti baatii kana guddisuu dandeenyuun :

Daangaa Rabbiin nuuf kaahe bira kutuu dhabuun,
Waajiba nurra jiru geessuudhaan,
Ibaadaa isaa karaa inni nurraa barbaaduuf, adeemsa inni nurraa jaalatuun geessuu qabna,
Waan Rabbiin dallansiisaa dalaguudhaan lubbuu teenya miidhuu irraa uf qusachuu.
5)
......itti fufa....

Share👇
@tafak_or
#Rajab

5-6) #Hubachiisa : Sadarkaa baatii Rajabaa qofa adda durummaan hadiisni dubbatu hin jiru.
➛"Sadarkaa baatii Rajabiin wal qabatee, waa'ee baatii Rajabaa guutuu soomaan dabarsuu, guyyoota murtaa’e keessaa soomuu fi halkan Rajabaa tokko tokko dhaabbataan dabarsuu ilaalchisee, hadiisni Sahiihni Ragaadhaaf tolu nun geenye". #Ibnu_hajar Imaama Hadiisaa irraa.
➛ Baatii Rajabaa keessa ibaadaan addaa tan sadarkaa qabdi jennee dalagnu hin jirtu. Wantoota akkanaa nama dalagu yoo argitan bid'aa tahuu isaa hin irraanfatinaa!.
➛Shari'aan duubatti nuti yeroo tokko yeroo tokko caalchisnee ibaadaa keessa dalaguu hin dandeenyu. Ibaadaan hadiisaa fi Qur’aana irratti hundaa’a.

Follow me👇
@tafak_or
#Hubachiisa : Namni Ramadaana keessa imala bahuuf murate tokko, hanga imala eegalutti ifxaara niyyachuu hin qabu. Akkasumas hanga biyyaa bahutti yookiin naannoo jireenya isaa irraa fagaatutti Sooma furuus hin qabu.
@tafak_or
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
#Hubachiisa : Namni Ramadaana keessa imala bahuuf murate tokko, hanga imala eegalutti ifxaara niyyachuu hin qabu. Akkasumas hanga biyyaa bahutti yookiin naannoo jireenya isaa irraa fagaatutti Sooma furuus hin qabu. @tafak_or
#Hubachiisa👇

🛬 Sooma dadhabdee fi dandeettee; Soomni sitti jabaatee fi sitti laafeelle; imala eegallaan Sooma furuu/hiikuu Rabbiin siif hayyamee jira.
✓ Kanaafuu yeroo imalaa Sooma furuun dadhabuu fi danda'uun wal hin qabatu. Kuni ittiin bulmaata islaamaati!

follow 👇
@tafak_or
@7ffaa

💫 #Hubachiisa: Zakaan fixriidhaa, nama soomee fi soomee hin beeknes, xiqqaa fi guddaa irrattis, hanga daaimman harma hodhaniin baatutti...inumaa dubartii dhiigni dhalaa baatii guutuu irraa osoo hin cinne, soomni keessaa bahes maaf hin taane, ufirraa baasuun, ykn irraa baasuun dirqama.

Share👇
@tafak_or
@9ffaa

💫 Zakaan fixriidhaa guyyaa seensa aduu xumura Ramadaanaa sanirraa namatti wajjaba.
👉 #Hubachiisa : Namni gadi seensa aduu guyyaa sanaa dura fuudhe; ykn daa'imni dhalateef; ykn osoo aduun galgala sanaa gadi hin seenin Islaamummaa qabate; zakaan fixrii itti wajjabee waan jiruuf ufirraa baasuu qaba/irraa baafamuu qaba. Yoo kunneen hunduu erga aduun seente booda tahe homaa irra hin jiran.

Follow👇
@tafak_or
@tafak_or
#Hirmaadhaa

1) Rasuulli (SAW) Hajjii yeroo meeqa hajjan___?
2) Bara kam keessa/waggaa meeqaffaa keessa hajjan__?
3) Hajjiin isaan hajjan Suni maal jechuudhaan meekkamti___?
4) Maaliif maqaa saniin moggaafamte____?
5) Osoo Rasuulli jiran maaliif Abuu Bakri ummataan hajje____?


#Hubachiisa....
Namni dursee gaafii guutuu deebise... kaardii badhaasa Abbaa 25.....hanga galgala sa'aatii 4 ykn 10tti.... yaaluu dandeessu.
Deebiidhaaf....👇
T.me/Ibrahim_92taf
share👇
https://t.me/tafak_or
#Oduu_gammachiisaa
Maatii Tafakkur hundaaf...

Ethiopia irraa gara #Belarus irraa gara
Germany gara
Poland gara
England deemuu namoonni barbaaddan seeraan if qopheessaa...!
akkasuma Ethiopia irraa gara #Greek Greek irraa
Germany
USA
UK ykn England namoonni guyyaa 10 keessatti deemuu barbaaddan qofti uf qopheessaa...
#Hubachiisa :Kafaltiin isaa erga waa hundi dhumatee biyya sana seente... ykn galgala bararaaf kaatu sana kaffalama...
passport fi Suuraa qofa barbaachisa
#Carraan_yeroo_hunda_hin_deebitu....

Seenaa👇
https://t.me/qube_ee
#Qajeelfama_Islaamaa
👉 Yeroo nyaata nyaattan ;

Suuta nyaadhaa...(maal waatu duubaan isin ari'aa jira moo..!)
Isa afaanii qabdu bulleeradhu,
Hanga kan afaanii qabdu liqimsitutti, kan biraa irraan hin dabalin...
👉 #Hubachiisa :Osoo hin alanshin/bulleessin liqimsuun hidhamuu; gogiinsa garaa fi sooranni daddafee daakkamuu dhabuudhaaf nama saaxila...
(Kutata xiqqeeffadhaa, Alanshaa bulleeffadhaa, jedhan abboonni keenya).
Kitaaba Seenaa keessatti, Rasuulli keenya (SAW) , yeroo nyaata nyaatu ;
Kutata xiqqeeffata,
كان يصغر اللقمة،
Nyaata afaanii qabu seeraan bulleeffata,
ويجيد مضغ الطعام،
Tan afaanii qabu hanga liqimsutti, tan biraa irraan hin kutatu....
ولا يلتقم لقمة إلا بعد بلع ما سبقها...

Kitaaba👇
#الطب_النبوي....
jedhu keessaan furadhee...

share👇
https://t.me/tafak_or
Shamarran qaraate gariin gaafa Abbaa manaatti jallattu..... 😁

1) Sijjamer...! haati manaa abbaa manaa kaddamuun waajibaa miti... !
2) Sijjemar haadha manaa yoo waa balleessite... uleedhaan osoo hin taane siwaakaan(Rigaa ilkaanii) dhahan...
3) Bilbila qabachuun, social media banadhee akka barbaadetti fayyadamuun mirga kooti... abbaan manaa koo na dhoorguu mirga hin qabu...
4) itti fufa...
#Hubachiisa (Sijemmariin) afaan ammaati/ afaan araadaa....😁

Share👇
https://t.me/tafak_or
Yeroo nyaata fayyadamtu wantoota armaan gadii kana akka hin daganne. isaanis;

1) Hanga dandeetteen harka hedduu waliin nyaachuuf yaali..
(Jamaa'aadhaan nyaachuun barakaa waan qabuuf)👇
• قال عليه الصلاة والسلام :
(اجتمِعوا على طعامِكم ، و اذكروا اسمَ اللهِ يُبارَكْ لكم فيه) .
2) Nyaanni siif dhihaate hoo'aa taanaan hanga siif qabbanaahutti itti hin ariifatin... nyaata akkasii sana keessa barakaan heddummmatti.. 👇
•قال عليه الصلاة والسلام :
(إنه أعظم للبركة) .
يعني الطعام الذي ذهب فوره .
3) Nyaata hin qeeqin... yoo sitti tole nyaadhu... yoo jibbite dhiisi... 👇
•فقد كان عليه الصلاة والسلام لا يعيب طعامًا قط ، إذا اشتهاه أكله ، وإن كرهه تركه .
#Hubachiisa; Nyaata tokko keessa, soqiddi dabalee fi hirdhatee namatti himuun nyaata qeequu hin jedhamu...
4) Yeroo nyaata eegaltu Bismillah jechuu hin dagatin.. 👇
•قال عليه الصلاة والسلام :
( إذا أكلَ أحدُكم طعامًا فليقل بسمِ اللهِ فإن نسيَ في أوَّلِه فليقل بسمِ اللهِ في أوَّلِه وآخرِه ) .
👉 Yoo jalqabarratti dagatte.. yeroma yaadattetti "Bismillah fi awwalihii wa'aakirihii" jedhi.
5) Harka mirgaatiin nyaadhu. mirgaan namaaf kenni, mirgaan namarraa fudhadhu.👇
•قال عليه الصلاة والسلام:
( إذا أكل أحدُكم فليأكلْ بيمينِه ، و ليشربْ بيمينِه ، و ليأخذْ بيمينِه ، و لْيُعطِ بيمينِه ، فإنَّ الشيطانَ يأكل بشمالِه ، ويشرب بشمالِه ، و يعطي بشماله) .
6) Saafaa/qorii walakkaa osoo hin taane... bakka sitti aanu irraa eegalii nyaadhu... Barakaan walakkaa qoriitti booti waan taateef.... 👇
•قال عليه الصلاة والسلام :
( كلوا في القصعةِ من جوانِبِها ، ولا تأْكُلُوا مِنْ وسطِها ، فإِنَّ البركَةَ تنزِلُ في وسطِها) .
7) Yeroo waa nyaattu hin irkatin... qajeeltee taa'uun qabda... 👇
قال عليه الصلاة والسلام :
( لا أكل وأنا متكىء ) .
8) Garaa irratti ciistee nyaachuun dhoorkaadha...👇
•عن ابن عمر قال :
(نَهَى عن الجلوسِ على مائدةٍ يُشْرَبُ عليها الخمرُ ، وأن يأكلَ وهو مُنْبَطِحٌ على بطنِه) .
9) Humnaa ol nyaachuu dhabuu... 👇
•قال عليه الصلاة والسلام:
( كلوا ، واشربوا ، وتصدقوا ، والبسوا ، في غير إسراف ولا مخيلة) .
( Nyaadhaa, dhugaa, sadaqadhaa, uffadhaa, garuu israafa hin godhinaa, ittiinis hin booninaa...)
10) Tola Rabbiin sitti oole kanarratti Rabbii kankee galateeffachuu qabda. 👇
• قال عليه الصلاة والسلام :
( إن الله ليرضى عن العبد أن يأكل الأكلة فيحمده عليها ، أو يشرب الشربة فيحمده عليها ) .
11) Nama nyaata si nyaachise sanaaf du'aa'ii akkana jettee kadhachuu qabda.
ليقل : أكل طعامكم الأبرار ، وصلت عليكم الملائكة ) .
Share👇
https://t.me/tafak_or
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
📞Namni tokko Janaabaa dhiqatee, garuu yoo bishaan afaan hin lulluuqatin ykn funyaan keessa ol hin fudhatin, dhiqatee jira moo hin dhiqanne jettu________?
Deebiin....B

Yeroo qaama dhiqattan, afaanis lulluuqattanii... funyaanis bishaan keessa fudhachuu qabdan...
Rabbiin qur'aana keessatti akkana nuun jedhe...;

:{وإن كنتم جنباً فاطهروا}،
"Yoo janaabdan qulqulleeffadhaa....",
Qulqulleeffadhaa jechuun qaama keessan guutuu jechuudha. Funyaan keessaa fi afaan keessis qaamota nuti qulqulleeffachuun dirqamaa keessaa isa tokkoodha...
👉 Kanaafuu Rasuulli keenyas (SAW) yeroo wuduu'a goonu akka afaan lulluuqannuu fi funyaan keessa bishaan ol fudhannus nu ajajan....!
👇
{فاغسلوا وجوهكم.....}
Fuulli keenya wantoota hadasa guddaa fi xiqqaa keessattis qulqulleessuun nurratti dirqamaati....

#Hubachiisa: Kanaafuu Yeroo qaama dhiqannu lulluuqachuu fi bishaan funyaan keessa ol fudhachuunis waajiba jechuudha.
Sheek Muhammad Saalih Al-Useymiin... (Rahimahullaah).

Share 👇
https://t.me/tafak_or
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
#Zakaa_Fixrii 1) Ibaadaa Rabbitti dhihaataniin keessaa ishee tokkoodha..! 2) Zakaan fixrii sadaqaa sooma furuudhaan namatti wajjabduudha... 3) Zakaan fixrii Sababa lamaaf karaa godhamte/ dhufte. isaanis: 1ffaa: nama soome ibaadaa isaa qulqulleessuuf... 2ffaa:…
#Zakaa_fixrii (#7ffaa.....12ffaa)

7) Soomee, soomuu baatus, xiqqaa tahee nama guddaa taatus; hanga daa'ima araashiin baatutti... osoo dubartii baatii guutuu sooma malee dhiiga dhalaatiin baatellee taatee Zakaan fixrii irratti waajiba.
8) Ulfa garaa jiru irraa Zakaa baasuun dirqamaa miti... garuu yoo baasan homaa rakkoon qabu.
9) Galgala gaafa aduun xumura Ramadaanaa gadi seente sanirraa kaasee namarratti wajjaba.
#Hubachiisa: Namni seensa aduu Ramadaanaa dura fuudhe yookiin Islaamummaa qabate yookiin daa'ima argate... Zakaa kennuu qaba ykn irraa baafama.
Seensa aduu booda taanaan garuu homaa irra hin jiran.
10) Namni osoo yeroon waajibummaa zakaa isa hin dhaqqabin dura du'e Zakaan irra hin jirtu...
Kan erga yeroon seenee du'e immoo qabeenya isaa irraa kafalama...!
11) Zakaan fixrii akka Zakaa kaanii sana hanga hin qabu. kana jechuun:
Waan nyaattu qabaannaan, akkasuma waan oolmaa guyyaa iidaatiif malu kan sii fi maatii keetiif gahu manaa qabaannaan, waan Sanaa olii irraa Zakaa kennuu qabda.
12) Namni muslimaa tokko nama qallabni isaa irra jiru hundarraahuu ni baasa.ufirraa fi haadha manaa isaa irraallee-yoo isiin qabeenya qabaatte-irraa baasa.
Ijoolleen isaas hiyyeeyyii yoo tahanii fi haadhaa fi abbaan isaas hiyyeeyyii taanaan irraa baasuun qaba.
Mucattii isaas tan heerumtee garuu jaarsaan walitti hin dabalamnes irraa baasuun qaba.
13) Ilmi isaa dureessa taanaan irraa baasuun dirqamaa miti.
14) Jaartii isaa tan takka qofa ykn lama qofaan xalaaqes irraa baasuu qaba. yoo tan sadihiin xalaaqamte taate irraa hin baasu.
#15ffaa....itti fufa

Share 👇
https://t.me/tafak_or
#Hubachiisa : Zakaan waan nyaatamu irraa baafama... mallaqarraa Zakaa fixrii baasuun hin tahu.
Gammachuu bakka itti argatte hundattuu hatuu qabda.... 😁


#Hubachiisa: hatii gammadii osoon taane gammachuu hatiidha, Akka na jalaa hin dogongorre...!!
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Dubartoota Armaan gadii tanneen hin fuudhinaa... 1) Mannaanaa, 2) Annaanaa, 3) Hannaanaa, 4) Haddaaqaa, 5) Barraaqaa, 6)Shaddaaqaa, 7) Ushbatud-daar jedhaman..... Isiniif galee? haa hiikkamuu ?😁 https://t.me/tafak_or
Hin_fuudhinaa.....👇


3ffaan: #Hannaanaa,
Hannaanaa jechuun tan warra isii malee gadi hin dhaabanne...
Tuni dubartii mana ufii hin beekne, dubartii heeruma jechuun mana ishee sirritti qabuu akka tahe isiif hin galleedha.
Ganama warra deemtee, guyyaa deemtee... galgala galti.
guyyatti yeroo lamaa ol mana maatii ishee deemti.
#Hubachiisa: Kana yoo jennu mana maatii hin dhaqinaa osoo hin taane, erga mana maatii keetii baatee... manni kee inni hundeedhaa... Jaarsaa fi ijoollee tantee wajjiin mana keetitti booharuudha.
4ffaa; #Haddaaqaa...
Haddaaqaa jechuun: dubartii ija gogeettii jechuudha... dubartii economically lafaan si geettu jechuudha...
Akka tasaa waan addaa wahii mana nama biraatti ykn harka dubartoota biraatti yoo agarte... hanga ati waan sana bittutti gadi sin teessiftu.
Dubartii waan haaraa argite hundaa nama bichisiiftu... dubartiin akkanaa yoomuu hin quuftu, waan mana namaatti argite hundaa isheedhaaf bituun dirqama..... tanas isin haa baasu... 😁

4ffaa 5ffaan..... uuuuuuuu 😁
Nu haa baraaru....
👇
https://t.me/tafak_or
إِنَّمَا الصَّدَقَاتُ لِلْفُقَرَاءِ والمساكين…
Garaagarummaa Faqiiraa/فقير fi Miskiinaa/مسكين gidduu jiru:

Lamaanuu hiyyeeyyiidha…garuu xiqqoo walirra jiru….
✍️ Faqiira jechuun hiyyeessa tahee kan homaan qabneedhaan jedhama.
Miskiina jechuun Ni qabaa garuu haajaa isaa guutuufii hin dandeessu…kanaafuu Faqiiratu irra hiyyeessa jechuudha…
#Hubachiisa: Faqiiraa fi miskiinni iddoo tokkotti Yoo dubbataman hiika garagaraa qabu, iddoo garagaraatti Yoo dubbataman garuu hiika takkuma qabu….!!
Garuu akka warra Mazhaba Hanafiyyaatti miskiinatu irra hiyyeessa jedhu…

Rabbiin nu haa duroomsu…!
👇🏻
https://t.me/tafak_or