Sanyii Guddataa
195K subscribers
15.6K photos
226 videos
505 files
14.3K links
Download Telegram
Muudannoof Yaadannoo
Yeroon hojii barbaadaa turetti ati ergama siyaasaa qabda naan jedhanii qabanii nareebanii, dararaa hedduu ture.
Dargaggeessaa guddina diingdee dargaggoota Oromoo irratti dhiibbaa guddaa geggeessaa jiru, hojjetaa baankii misooma Itoophiyaa, koree olaanaa fi odiitera dhaabbata tola ooltummaa Gamteessaa Kaasaa fi Abbaa Biizinasii of danda’a
kan ta'e, dargaggoota hoji dhabeeyyiidhaaf beeksisa hojii miidiyaa hawaasaa irratti dhoobuudhaan kan beekamu Sanyii Guddataa waliin turtii bareeda ture


Watch "Hamileessaa Show - Sanyii Guddataa Waliin" on YouTube
https://youtu.be/Bzg6_bYQWq4
#Muudannoof #Yaadannoo
Yeroon hojii barbaadaa turetti ati ergama siyaasaa qabda naan jedhanii qabanii nareebanii, dararaa hedduu ture. Dargaggeessaa guddina diingdee dargaggoota Oromoo irratti dhiibbaa guddaa geggeessaa jiru, hojjetaa baankii misooma Itoophiyaa, koree olaanaa fi odiitera dhaabbata tola ooltummaa Gamteessaa Kaasaa fi Abbaa Biizinasii of danda’a
kan ta'e, dargaggoota hoji dhabeeyyiidhaaf beeksisa hojii miidiyaa hawaasaa irratti dhoobuudhaan kan beekamu Sanyii Guddataa waliin turtii bareeda ture

Kayyoo. Dhaloonni ilaalcha gaarii
akkaa qabu barsiisuu, leenjisuu fi
fakkeenya ta'e jiraachuu dha.

Watch "Hamileessaa Show - Sanyii Guddataa Waliin" on YouTube
https://youtu.be/Bzg6_bYQWq4
Nama jabaa Ebisa Bayissa barsiisaa, barreessa, ogeesa xiin sammuu fi gulaalaadha. Kitaabota 47 ol barreessee fi Afaan oromootti hiikee dubbistootaan ga'ee jiru. Kitaabota isa barabaada dubbisaa.

Kitaaba isa dubbistaan #Comment irratti barreessa. Kara Fuula barruu koo. https://www.facebook.com/100070669717820/posts/pfbid0cG6Aqxk1AHCbdp77fXomcJFcju75m84AuSgoLb5PyBba66m4Qe78L8KVay3tqnubl/?app=fbl
Dargaggeessa hojidhabeessa tokkotu ture. Dargaggeessi kun dinagdeedhaan milkaa’ee nama guddaa ta’uuf waan hawwii qabuuf hayyuun kalaqaa Sooqiraaxos iccitii milkaa’inaa akka itti himu gaafata.
Irra deddeebiin milkaa’uun barbaadaa maaloo iccitii milkaa’inaa natti himi jedhee isa rakkise.

Sooqiraaxosis tole jedhee guyyaa ittaanu qarqara lagaatti akka dhufu; achittis akka isa gorsu itti hime. Dargaggeessichis tole jedhee ganameeffatee gara lagichaa deemee Sooqiraaxos eeguu eegale.

Sooqiraaxosis sa’aatii isa beellametti bakkichaatti qaqqabee uffatakee baasi jedheen. Ofiifis baafate. Dargaggeessichis Sooqiraaxosis baafatan. Harkasaa qabatees gara lagichaatti seenan.

Dargaggeessichis eessa nageessita? jedhee Sooqiraaxos gaafate. Bakka milkaa’inni jirun sigeessa jedhee ammas garuma gidduu lagaatti seensise.

Utuma bishaan jalqaba mogolee, jilba, mudhii, kokkee jedhuu dhumarratti gaafa isa liqimsuuf jedhu maaloo nabaasi, natti haahafu jedhee itti marame. Sooqiraaxosis didee gara handhuura lagaatti galchee keessatti gadi dhiibee (xillikse) ofirraa darbate.

Dargaggeessichis harkasaa facaasaa wixxifachaa bishaan isa liqimse keessaa ba’uuf harkasaa olii gadi raasaa lubbuu ofii baraaruu warraaquufi tattaafachuu eegale.

Gaafa lubbuun itti mi’ooftu Sooqiraaxos ittisiqee harkasaa qabee maal taate jedheen? Maaliif lagatti na darbatte jennaaniin inni deebisee ati maal barbaacha harkakee facaasta? jedhee gaafate.

Dargaggeesichis deebisee maaloo afuurri nacinnaan qilleensa fudhachuufan wixxifadha jedhee deebiseef. Sooqiraaxosis bishaan keessa qilleensi jiraa? jedhee gaafateen.

Maarree yoon wixxifadhe bakkeetti bahee qilleensa argadha. Kunoo wixxifannaan ukkaamsaa keessaa bahee afuura baafadhe jedhee deebiseef.

Sooqiraaxosis, egaa ilmakoo milkaa’inni akkasuma olii gadi fiiganii kufanii ka’anii dhama’anii mul’ata nama keessa jiruun hojjetanii malee taa’anii yoo eegan hindhufu kanuma gorsikoo jedheen. Dargaggeessichis guyyaa sanaa kaasee kufee ka’ee hojjechuun dureessa ta’e. Sooqiraaxosis galateeffate jedhama.

Dubbistootaa, dhaloota ammaa keessaa tokko tokko osoo mul’ata isa keessa jiruun dhama’ee, ifaajee milkaa’uu danda’uu kan baratee itti leenji’een qofa milkaa’uuf carraaqus eeggattummaaf saaxilamaa rakkoo hamaa keessatti dhidhimee dhaabachaa jira

Viv Bariisaa. #Like #Share #Comment

@segnigudeta @wabisegni
https://www.facebook.com/100070669717820/posts/286940407004948/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v


Akka Ogeeyyiin Xiin-sammuu jedhanitti
Sammuu gosa afur qaba: Isaaniis

1) Qooda Sammuu (Intelligence Quotient IQ).
2) Qooda Miiraa (Emotional Quotient EQ).
3) Qooda Hawaasummaa (Social Quotient SQ).
4) Qooda Rakkoo (Adversity Quotient AQ).

Yeroo hedduu waa'ee gahumsa namaa yoo dubbannu kan dursee fuldura keenya dhufu Intelligence Quotient (IQ) - Gahumsa Sammuuti. Iyyoob Maammoo (PhD) Gahumsa sammuu (IQ) hamma beekumsa sammuu fi madaallii dandeettii beekumsa tokkoo hubachuuti jechuudhaan ibsa. Dandeettiin nuti waa ittiin yaadannu, dandeettiin nuti herrega ittiin furru IQ dhaan ibsama. Madaalliin IQ tis Verbal intelligence, Numerical Intelligence, Spatial Intelligence fi Logical intelligence dha.

Saayintistoonni yeroo hedduu IQ qofa waliin dhamahaa turanii dhumarra IQ qofti jireenya namaatiif murteessaa akka hin taane baran! Daniel Goleman qorannoo geggeesseen milkaa'ina jireenya ilma namaatiif IQ wanti jedhamu 20% barbaachisa jedha. Akka Goleman jedhutti 80% tiin dhiibbaa biroo (Other forces) dhani. Dhiibbawwaan kana keessaa inni dhibbeentaa guddaa kan qabu ammoo Emotional Quotient dha. Bilchinni miiraa dandeettii hunda keessaa sadarkaa duraa irratti barbaachisa.

Bilchina miiraa(Emotional Intelligence) jechuun miira keenyas ta'ee kan namoota biroo addaan baasanii beekuu, madaaluufi to'achuu jechuudha. EQ waa shan of keessaa qaba. Miira ofii beekuu (Knowing one's emotion), Miira ofii to'achuu (Managing Emotions), Of jajjabeessuu (Motivating oneself), Miira namoota biroo hubachuu (Recognizing emotions in others) fi walitti dhufeenya namootaa cimsachuu (Handling relationships).

Waa tokko jedheen gabaabsa. Beekumsa hanga barbaadde qabaattee bilchina miiraa hin qabdu taanaan essayyuu hin geessu. Bilchina miiraa qabaadhu!

Namoonni EQ fi SQ ol'aanaa qaban jireenya keessatti warra IQ ol'aanaa qaban garuu EQ fi SQ gadi aanaa qaban caalaa deemuu barbaadu. Manneen barnootaa baay’een isaanii sadarkaa IQ fooyyessuu irratti kaappitaala kan fayyadaman yoo ta’u EQ fi SQ ammoo gadi taphatamu.

Namni IQ ol'aanaa qabu tokko IQ giddu galeessaa qabaatus dhumarratti nama EQ fi SQ ol'aanaa qabuun qacaramuu danda'a.

EQ kee Amala kee bakka bu'a, SQ kee ammoo dandeettii ijaarsa hiriyyummaa kee bakka bu'a. Amala Q sadan kana fooyyessuuf harka kennadhu, keessumaa EQ fi SQ kee.

4. Qooda Rakkoo (AQ): Safartuu dandeettii jireenya kee keessatti bakka rakkisaa keessa darbuu, fi sammuu kee osoo hin dhabin keessaa bahuu.

Yeroo rakkoon isaan mudatu AQ eenyu akka harka kennatu, eenyu akka maatii isaa dhiisu, eenyu akka of ajjeesuu yaadu murteessa.

IQ isaanii, akkasumas EQ, SQ fi AQ isaanii guddisuu. Nama roga hedduu qabuu fi warra isaanii irraa walaba ta’anii waan tokko hojjechuu danda’an ta’uu qabu.

Ijoollee keessaniif karaa hin qopheessinaa. Ijoollee keessan karaadhaaf qopheessaa."

Barreeffama kana %10 kan hincaalletu beeka, %90 immoo hubannoo barruu kanaa hinqabu!

Viv Firaa'ol Abbaa Mo'aa fi kan dubbisee irraa.
Yoo siif galee #Share, #Like, #Comment godhi
t.me/segnigudeta t.me/wabisegni
#WAADAA fi #HIYYEESSA

Halkan baay'ee qorru tokko namichi biliyeenarri tokko utuu galuu naannoo manasaatti jaarsa iyyeessa tokko arge. "Qorra kanaan uffata akkasiidhaan taa'uu mitiitii utuuma waan furdaa uffattee jirta ta'eellee akkamitti dandeessee teessa? sitti in qorruu?" Jedhee gaafatee jaarsi iyyeessi sunis deebisee "Uffata qorraa hin qabu, garuu qorrichatti bareera" jedhee debiseef. Namichi biliyeenarri sunis deebisee "qoy mana koo keessaan uffata qorraa siif fida na eegi" jedhee gara manasaatti sokke.

Jaarsi iyyeessi sunis baayyee gammadee, "ishi sin eega" ittiin jedhe. Soressichis mana isaa gahe. Garuu hojii'tti biizii tahee waahee namicha iyyeessa sanaa tasuma dagate. Ganama isaa akka tasaa waa'e namicha sanaa yaadatee nahee dafee namicha iyyeessa sana barbaaduufmana isaa keessaa ba'e. garuu gaafa dhaqu jaarsa iyyeessa sana qorri ajjeeseera.

Jaarsi sun utu in du'in dura xalayaa akkas jedhu barreesseefii ture..."Amma arraatti utuun uffata qorraa in qabaatin sammuun ittiin qorra kana dandamadhu qaban ture. Garuu at yeroo waadaa naaf seentetti abdiidhaan si eeguu irraa kan kahe jabinan ittiin qorra kana dandamadhun dhabe" kan jedhu ture!

Waan raawwachuu in dandeenye tokko waadaa namaaf in galin. Waanti ati miira keessa galtee akka salphaatti dubbattu tokko nama sanaaf jireenya tahuu dandaha waan taheef. Harri bor miti in jijjiirama! viv simboo

Please add More*

Yoo isinitti tole #Share #Like #Comment

Positive mind find opportunity in everything.

https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0
Abdii kutuun Diina milkaa’inaati

"Abdii kutannaan karaa kufaatiitti geessu
Isa amansiisaadha!" Genaa Showaalter

Wantonni jireenya dhalaa nama jijjiiruu danda'an hedduun galma hin ga'iin kan hafan abdii kutannaa dhala nama irraa kan ka'edha. Namni mo'u abdii hin kutatu, namni abdii kutatu immoo hin mo'u....!

Naannoon keessatti dhalatan kamuu carraa gaarii kan mataa Isa qaba. Rakkoo naannoon kee qabu irratti xiyyeeffattee abdii kutuu manna, carraa gaarii naannoon kee qabuti fayyadamuu irratti xiyyeeffadhu.

Seen~duubee kee ilaltee abdii hin kutiin, dandeettii qabduun sochii eegali, awwaala dhiibbaa seen duubee kee kan gara fuula duraatti akka hin deemne si daangesse keessaa ba'i.

Waan tokko hojjechuu yaaltee itti milkaa'uudha yoo baattee, sun kufaatii otoo hin taane muuxannoo dha
Muuxannoo san irraa waan guddaa tokko baratta. Jireenya kee keessatti abdii kutannoon diina kee isa guddaadha.

Fayyaa guutuu qabaannaan abdii kutachuuf sababa tokko ille hin qabdu. Jireenya kee keessatti sagalee wacaa naannoo kee jiruuf iddoo hin kennin. Qeeqa namoota sodaachuunis kaayyoo kee irraa gara boodaa hin deebi'in. Hojii kamiyyuu yoo hojjettee gaarii ta'u hamaa namonni si qeeqan yeroo hundaa ni jiru either Negative attitude or Positive attitude.

Jireenya kee raawwattee namoota kanniin hin madaaliin. Eenyuu iyyuu hin dorgomiin. Ga'umsa dhokataa keessa kee jiru gadi baastee ittin hojjechuuf qofa of dorgomi. Milkaa’ina Kees ta'e kufaatii kee kan nama kamiitti iyyuu hin dorgomsiisin.

Namni kan ittin madaalamu madaallii sirriin namummaa isa qofa. Sanan ala madaalliiwwaan
jiran hunduu madaalliiwaan dogoggoraati.
Qoramaanni ati qoramtu kan namni qorame hin beekne miti. Haa guddatu haa xiqqaatus namni kam iyyuu rakkoo mataa isaa qaba. Kanafuu haala keessa jirtu ilaaltee abdii hin kutiin.

Kaayyoo dhaabbata malee rakkoo dhaabbata hin jiru! Namoonni yeroo baay’ee maaliif abdii kutu......? Yoo #jaallattan #like #share #comment godha

Positive mind find opportunity in everything. While negative mind find fault in everything

https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0
Bilisummaa Sammuu!

GORSA QAJEELTOO MILKAA'INA JIREENYAA:
1. Eessaan dhufe, Eessattin deema,
Maaliifin uumamee bari.
2. Seera uumaa (natural law) kabaji.
3. Yeroo hunda dhugaa dubbadhu, haqaan hojjedhu.
4. Amala gaarii, namooma, amanamummaa, naamusa kkf qabaadhu.
5. Jibba dhala namaa kamuu ofirraa balleessi.
6. Nama miidhuu irraa fagaadhu
7. Karaa qaxxaamuraa fi daba cubbuu irraa fagaadhu.
8. Amantii qabaadhu, Rabbi kadhachaa sodaadhu
9. Haadhaa fi abbaa, maatii keetiif tola oolii gammachiisi.
10. Hiriyaa gaarii filadhu
11. Mul'ata qabaadhu
12. Baradhu, barreessi, dubbisi, beekkumsa horadhu.
13. Hanga duututti barataa ta'i.
14. Dubbachuu fi hojjechuu dura hubachuu bari.
15. Jaarsolii fi Manguddoo irraa beekkumsa argadhu.
16. Du'a akka hin oolle yaadadhu.
17. Taa'uu hin baay'isin sochoo'i, deemii dalagi.
18. Nama qormaata irra furmaata; Boo'icha irra moo'icha irratti xiyyeeffadhu.
19. Waan dabre yaadachaa hin oolinii dhiisi fuuldura ilaali.
20. Keessummaa ykn nama hayyuu waliin haasa'i irraa baradhu
21. Seenaa namoota gaggaarii fi milkaa'anii dabranii dubbisi.
22. Gufuu si mudatu osoo hin dhiphatin akka carratti fayyadami; kufaatiif harka hin kennin obsi.
23. Oduu dhaggeeffachuu fi Miidiyaa hawaasummaa online baay'isin.
24. Namoota si caalan irraa baradhu malee itti hin hinaafin.
25. Namoota gowwaa, hamaa, jibbaa, hinaafaa, haasida, fakkeessaa, sobaa, abdi kutataa kkf irraa fagaadhu.
26. Hedduu dubbachuu hin baay'isin
27. Waan namni akka siif tahu feetu dursii namaaf tahi.
28. Qorichoota si macheessan dhaabi
29. Halkan yeroon (sa'aa 3 - 4) hirriiba rafi
30. Ganamaan dammaqi
31. Ispoortii hojjedhu
32. Nyaata gosaa (kudraa fi mudraa baay'isi; cooma, soogiddaafi sukkara hir'isi) fi hamma isaa hanga danda’ame madaalii nyaadhu.
33. Namootaaf dhiifama gochuu aadeffadhu, araaramaa fi waliigalaa ta'i.
34. Miira dorgommii fi naman caalaa ofirraa balleessi.
35. Fedhii, hawwii fi miira kee daangeffadhu.
36. Fudhataa osoo hin taane kennataa ta'uun beekkami. Nama rakkataa gargaarii arjaa ta'i.
37. Waan fedhii itti hin qabne hin hojjetin
38. Waan dhala namaa fayyaduu fi yoomuu itti yaadatamtu dalagi.
39. Yoomuu hin boonin, of hin tuulin, fiinxaalessa hin ta'in dhala namaaf jiddugaleessa ta'i.
40. Ofii gaarii ta'ii "Cubbuu fi Irbuu" irraa fagaadhu.

Horaa bulaa deebanaa
Baŕreessaa: Anwar Ahmed
Via Shamil N Mohammed

erga koo

Bilisummaa sammuu keetii; Dabarsitee namaaf hin kenniin.Gaafa bilisummaa sammuu keetii dabarsitee namaaf kennite, Ati nama osoo hin taane,meeshaadha! Qaama biraatiin to'atamta!

Addunyaan kun ilma namaatiif qixa kennamte.Qixaan itti gargaarami.Gatiin kee siin haa madaalamu.Bara jireenyaa kee burjaajiin hin dabarsiin.Of ta'ii jiraadhu.Ati nama guutuu taatee dhalannaan; nama guutuu ta'ii jiraadhu.
Yoo jaallattan #Share #like #Comment
Abdii kutuun Diina milkaa’inaati

"Abdii kutannaan karaa kufaatiitti geessu
Isa amansiisaadha!" Genaa Showaalter
#JackMa the owner #Alibaba Company
Wantonni jireenya dhalaa nama jijjiiruu danda'an hedduun galma hin ga'iin kan hafan abdii kutannaa dhala nama irraa kan ka'edha. Namni mo'u abdii hin kutatu, namni abdii kutatu immoo hin mo'u....!

Naannoon keessatti dhalatan kamuu carraa gaarii kan mataa Isa qaba. Rakkoo naannoon kee qabu irratti xiyyeeffattee abdii kutuu manna, carraa gaarii naannoon kee qabuti fayyadamuu irratti xiyyeeffadhu.

Seen~duubee kee ilaltee abdii hin kutiin, dandeettii qabduun sochii eegali, awwaala dhiibbaa seen duubee kee kan gara fuula duraatti akka hin deemne si daangesse keessaa ba'i.

Waan tokko hojjechuu yaaltee itti milkaa'uudha yoo baattee, sun kufaatii otoo hin taane muuxannoo dha
Muuxannoo san irraa waan guddaa tokko baratta. Jireenya kee keessatti abdii kutannoon diina kee isa guddaadha.

Fayyaa guutuu qabaannaan abdii kutachuuf sababa tokko ille hin qabdu. Jireenya kee keessatti sagalee wacaa naannoo kee jiruuf iddoo hin kennin. Qeeqa namoota sodaachuunis kaayyoo kee irraa gara boodaa hin deebi'in. Hojii kamiyyuu yoo hojjettee gaarii ta'u hamaa namonni si qeeqan yeroo hundaa ni jiru either Negative attitude or Positive attitude.

Jireenya kee raawwattee namoota kanniin hin madaaliin. Eenyuu iyyuu hin dorgomiin. Ga'umsa dhokataa keessa kee jiru gadi baastee ittin hojjechuuf qofa of dorgomi. Milkaa’ina Kees ta'e kufaatii kee kan nama kamiitti iyyuu hin dorgomsiisin.

Namni kan ittin madaalamu madaallii sirriin namummaa isa qofa. Sanan ala madaalliiwwaan
jiran hunduu madaalliiwaan dogoggoraati.
Qoramaanni ati qoramtu kan namni qorame hin beekne miti. Haa guddatu haa xiqqaatus namni kam iyyuu rakkoo mataa isaa qaba. Kanafuu haala keessa jirtu ilaaltee abdii hin kutiin.

Kaayyoo dhaabbata malee rakkoo dhaabbata hin jiru! Namoonni yeroo baay’ee maaliif abdii kutu......?

Yoo #jaallattan #like #share #comment godha

Positive mind find opportunity in everything.
While negative mind find fault in everything

https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0
Loading @segnigudeta
Galatoomaa/ThankYou.

Asummaan Dorgommii badhaasa qabu #Liinkii kana gadi jiruun seenaatii #comment koo #like naaf godhaa 😍🙏


https://www.facebook.com/61550528555126/posts/pfbid0yBW9k5Pv1wto7VLTVQ89BZxWwALFBJ9xbu1KM25uMJq57NULHk76PaErU8woZgp6l/?app=fbl

Galatoomaa/ThankYou.

3ffaa irraa jirra
Waaqa Uumaa Uumaamaa Tokkicha maqaan dhibbaa, Leemmoo Garaan Taliilaa ...kan si uume hin jiru ,kan si malee uumamee hin jiru jedha ... Karaan ittiin Oromoon waaqa galateeffatu tokko Irreecha. "Booruu gannaa baanee, booqaa birraa nu oofkalchi" jedhe waaqa kadhata Galataas jedha.

Dorgommiin #jaalalaa ta'u namoota 145 qofa beeka jeechuudha #Liinkii kana gadi jiruun seenaatii #comment koo #like naaf godhaa 😍🙏


https://www.facebook.com/61550528555126/posts/pfbid0yBW9k5Pv1wto7VLTVQ89BZxWwALFBJ9xbu1KM25uMJq57NULHk76PaErU8woZgp6l/?app=fbl

Galatoomaa/ThankYou.
Waaqa Uumaa Uumaamaa Tokkicha maqaan dhibbaa, Leemmoo Garaan Taliilaa ...kan si uume hin jiru ,kan si malee uumamee hin jiru jedha ... Karaan ittiin Oromoon waaqa galateeffatu tokko Irreecha. "Booruu gannaa baanee, booqaa birraa nu oofkalchi" jedhe waaqa kadhata Galataas jedha.

Namoota Kayyoon Dorgommiin #jaalalaa ta'u isiin gale #Liinkii kana gadi jiruun seenaatii #comment koo #like naaf godhaa 😍🙏


https://www.facebook.com/61550528555126/posts/pfbid0yBW9k5Pv1wto7VLTVQ89BZxWwALFBJ9xbu1KM25uMJq57NULHk76PaErU8woZgp6l/?app=fbl

Galatoomaa/ThankYou.
Seenaa #KoloneelSaandars
irraa maal barannaa?

Ijoollummaa isaatti qormaatni eenyumaanuu injifachuu danda’u isa mudatee ture. Haa ta’uutii, kun hiree kooti jedhee harka maratee hin teenye. Harmeen isaa nuffii malee waan hojjattuuf umrii itti kunuunsiifi jaalalli maatii maluufitti akka nama haadhaa fi abbaa hin qabneetti obboloota isaa kaan tajaajiluun dirqama itti ta’e. Daandii dheeraa, bu’a ba’iin guutuu ta’e keessa darbuu dirqameera.

Haa ta’uutii gootni kun harka hin laatne. Qormaatawwan hedduu waliin wal’aansoo wal qabaa carraa argame maratti fayyadamuurraa hin dhiboofne. Buufatawwan tajaajila hawaasaa marti waltajjii isaa ta'ee, waaddii lukkuu dhamdhama namootaa booji’u tolchuun eegale. Qormaatni jireenya isaarraa hin fagaatne. Abiddi mul’ata isaa jalaa barbadeessus, haleellaan qawwee irratti taasifamus haamileen isaa iddootii hin mixxiqne. Umrii isaa wagga 65tti madda iccitii dhamdhama waaddii lukkuu isaa Keentekii Firaayid Chikin jedhamuun beekamu gurguruun addunyaatti as baase. Wanti mana nyaataa tokkotti eegale gola addunyaa guutuutti tamsa’e. Tuffatamuufi kufaatiin isa mudatan waan wayyu addunyaaf akka gumaachuuf ka’umsa ta’aniif.

Har’aan tana KFC’n aasxaa haamilee guutuun socho’uu fi cimanii dhaabbachuu ta’eera. Manneen nyaataa 22,000 biyyoota 48tti banaman waa’ee Koloneel Saandars iyyanii lallabu- lallabawwan abjuu fi waamichi kamuu galma ga’uuf gaarri hin darbamne fi wanti irra hin aanamne akka hin jirre dubbatan.

Kanaafuu seenaan Koloneel Saandars miciree haamilee ol ba’anii mul’achuuf iddoo hin yaadamne irraa eegaluu akka ta’e isin keessatti facaasa. Yommuu jireenyi qormaataan isin sukkuumu, mul’ataa fi garaa kutannaa Saandars qabaachaa ture yaadaan qabaa! #Like #Share #Comment
"Ani #Oromoof qaaliidha!" akkuma jette, har'as ati nuuf qaaliidha!  Qaalii uummata oromoo! #Gootni seenaa dheeraa malee umurii dheeraa hin qabu. Dhugaadha jechi goota jedhu siif ni xiqqaata!

Dorgommi badhaasaa qabu

#Liinkii kan irraa #Comment koo #like godha #hiryoota keessan #mention godha galatoomaa.


https://www.facebook.com/100016831146881/posts/pfbid0h5yhaKQ7ByZGQVPdEyYmZzSCSZrmtGW3gZqzPyYuj4yaTiENNHwr1A7vfiGEpuSal/?app=fbl
"#Jireenyi yoo qaawa #lilmoo si ta'e, ati immoo #kirrii(fo'aa) ta'ii #hulluuqii keessa darbi!" Qabsoo jireenya...! #Kitaaba dubbisuu barabaadan #Comment godha
Karaan ittiin #Oromoon waaqa galateeffatu tokko #Irreecha. Waaqa Uumaa Uumaamaa Tokkicha maqaan dhibbaa , Leemmoo Garaan Taliilaa ...kan si uume hin jiru ,kan si malee uumamee hin jiru jedha "Booruu gannaa baanee, booqaa birraa nu oofkalchi" jedhe waaqa kadhata Galataas jedha. Baga geessan
 
#Irreecha
#Irreecha_ibsitu_Oromummaa
#Irreecha_ayyaanaa_nagaa_fi_galateeffana

#HUB. Fb irraa #liinkii kanan seena #comment koo #like godha hiryoota keessan #mention godha galatoomaa

https://www.facebook.com/100001579064271/posts/pfbid0VhbCQqqFFZaBPauChqCNsfc3gjYsHRaUAa7YbZrJoTvheNzVDBHCJY2z7JbS572nl/?app=fbl
"Argitee sirra bineensi ni caalaa" jedheen....!

Mootiin ta'e tokkoo Leencota kudhan qaba ture. Hojjetoota qacaree qabu kamiyyuu balleesaa isaaniif jecha yeree adabu leencota kanneenitti dabarsee nyaachisa ture. Guyyaa tokko hojjetoota keessaa namni tokko yaada mootichi dogoggora jedhee yaade tokko kenne.

Mootichis yaada namichaa tasumaa hin jaalanne. Kanaaf, hojjetaan sun gara leencotaatti akka darbatamu ajaje. Hojjetaan sunis, "Waggaa kudhan si tajaajileera, ati immoo akkas na goota? Maaloo leencota sanaatti na darbachuu kee dura guyyaa kudhan naaf kenni!" Jedhee kadhate. Mootichis "tole"jedhee guyyaa kudhan kenneef.

Guyyoota kurnan sana keessatti namichi hojjetaan sun gara waardiyyaa leencota kunuunsu dhaqee guyyoota kurnan itti aananiif leencota tajaajiluu akka barbaadu itti hime.Eegduun tole jedhee, hojjetaan sunis leencota nyaachisuu, qulqulleessuu, dhiquu fi isaaniif kennuu jalqabe. Guyyoonni kurnan sun yommuu xumuraman mootichi namichi sun adabbii isaaf gara leencotaatti akka darbatamu ajaje.

"Tole" jedhanii namicha leencota keessatti darbatan.
Yeroo inni itti darbatamu, leenconni miila hojjetaa sanaa qofa arraabuun dhiisan. Namoonni hunduu kana arguun hedduu ajaa'ibsiifatan! Mootichis waan argaa jiruun burjaaja'ee, "leencota koo maaltu mudate?" Jedhee aare.
* Hojjetaan sunis, "Ani guyyoota kudhan qofaf leencota tajaajileera, isaanis tajaajila koo hin daganne, nas hin nyaanne. ati garuu waggaa kudhan guutuu si tajaajileen oolmaa koo hunda dagatte, dogoggora koo isa jalqabaa irratti du'aaf na laatte. Argitee sirra bineensi ni caalaa" jedheen qoma dhiibee.
Mootichi dogoggora isaa hubatee hojjetaan sun akka bilisa ba'u ajaje.

* Dogoggora sitti hin tollee tokkoof seenaa gaarummaan guutame hin balfin. viv Mesfin Tesfaye

Obbolee Maalii irraa hubatte..? #Comment