Muka iimaanaa
Muka iimaanaa fakkii irratti mul'atu haala kanaan ibsuu dandeenya:
1.Hiddi mukaa lafa keessatti gadi lixe harkaana iimaanaa qalbii keessa jiruun wal fakkaata. Akkuma hidda mukaa yoo dachii qonne malee ijaan hin argine iimaanni qalbii namoota biroo keessa jiruus nutti hin mul’atu. Harkaana (hundeewwan) iimaanaa jechuun Rabbitti, Malaykoota Isaatti, kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Dhumaatti fi keyriis ta’e sharriis ta’e qadara (wanta murteefametti) amanuudha.
2.Muka irraa fuula dachii irratti wanti mul’atu hojii Musliimni hojjatuun wal fakkaata. Hojiin kuni iimaana qalbii keessatti lixe irraa kan burquudha.
3.Jirmi hidda mukaatin wal-qabate shahaadateyn labsuun wal fakkaata. Sababni isaas, akkuma dameewwan mukaa jirma irratti hirkatan, hojiin Muslimni hojjatu hundii shahaadateyn irratti kan hirkateedha. Shahaadateyn jechuun “Laa ilaah illallah Muhammadan rasuulullah.”Rabbiin malee kan haqaan gabbaramu akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Isaa ta’uu” ragaa bahuudha.
4.Dameewwan gurguddoon muka irra jiran harkaana (hundeewwan) Islaamaa hafanii fi dirqamoota birootin wal fakkaatu. Kanneen akka salaataa, zakaa, sooma fi hajjii.
5.Dameewwan xixxiqoon dameewwan gurguddoo irratti bahanii fi baalli damee irra jiru; murtiwwan biroo, beekumsa, akhlaaqa fi naamusa Islaamatiin wal fakkaatu.
6.Bishaan hidda irraa ka’e hanga baalaa gahu niyyaa Musliimni hojii isaa keessatti qabuun wal fakkaata. Akkuma bishaan qaamolee mukaa guutuu keessa naanna’u, niyyaan Muslimas hojii isaa keessa naanna’a. Niyyaan isaa gaarii yoo taate, iimaanni isaa ni cima.
7.Firiin mukni yeroo hundaa hayyama Rabbitiin kennitu, kaayyoo ykn milkaa’inna Muslimni bira gahuun wal fakkaata. Kaayyoo kanatti amantii, gochaa fi niyyaa isaa qajeelcha. Kaayyoon ykn milkaa’inni kuni Jaalala Rabbii argachuu, Jannata seenu, addunyaa keessatti jireenya tasgabbii jiraachudha. Kuni firii iimaanati
Madda: al-aqiidatul Islaamiyyatu wa ususuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 77-78

Tuqaalee ijoo asirratti itti dabalamuu qaban: (1)Mukni hidda hin qabne muka jedhamu hin danda’u. Haaluma kanaan hojiin namni hojjatu iimaana irratti yoo hin hundaa’in Rabbiin biratti fudhatama hin argatu. Akkasumas, mukni bishaan keessa hin naannofne firii kennu hin danda’u. Haaluma kanaan hojiin namni hojjatu keessatti niyyaan isaa Rabbiif yoo hin ta’in, hojiin isaa firii kennu hin danda’u. (2)Hiddi mukaa albuuda fi nyaata lafa keessaa gara qaamolee mukaatti dabarsa. Ergasii hiddi fi mukni kuni ni guddatu. Akkasumas, damee fi baalli nyaata, aduu fi qalleensa irraa fuudhun gara qaamolee mukaa birootti dabarsu. Haala kanaan mukni ni jabaata, ni guddata.
Haaluma wal fakkaatun, mukni iimaanaa hiddi isaa qalbii keessatti lafa qabate adeemsa fi hojii isaatiif nyaata dabarsa, ni cimsa. Kana jechuun arkaanni iimaana jahan qalbii keessa jiru yoo sirritti qalbii keessatti lafa qabate, namni hojii gaarii hojjatutti ni fiiga.Akkasumas, hojiin gaariin mul’atu muka iimaanaa guutu jabeessa. Namni akkuma hojii gaggaarii iklaasan hojjatu fi beekumsa barbaadun iimaanni qalbii keessa jiru ni cima.

Namni jireenya keessatti gammachuu fi milkaa’inna argachuuf wantoota sadii beeku qaba: 1ffaa-wanta gammachuu fi milkaa’inna isaaf argamsiisu beeku. 2ffaa-Karaa wanta sanitti nama geessu beeku, 3ffaa-Karaa kana keessa deemudha.[1] Wanti hundarra guddaan gammachuu fi milkaa’inna argamsiisu Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) beekuu fi itti amanuudha. Karaan Isatti nama geessu immoo Ibaadadha. Waa’ee ibaada beekanii fi karaa kanarra deemun dhugumatti gammachuu fi milkaa’inna addaan hin cinnetti nama geessa. Kanaafi, Qur’aana keesssatti, Rabbiin ni jedha “Ana gabbaraa, kanatu karaa qajeeladha.” (36:61). Isa qofa gabbaruun karaa qajeela Rabbitti nama geessudha. Ergasii gahuumsa isaanii yoo gahan, gammachuu fi milkaa’inna argatan ni hima: “Namni Rabbitti amanee fi hojii gaggaarii hojjate, [Rabbiin] hamtuwwan isaa isarraa harcaasee Jannata jala ishii laggeen yaa’an isa seensisa; isaan abadii achi keessa jiraatu. Suni Milkaa’inna Guddaadha.” (64:9) Dabalata dubbisuuf https://www.sammubani.com/2019/08/17/maqaalee-rabbii-subhaanahu-kutaa-2-1/#more-11153
Ibsaa Jireenyaa
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 2.1 - Ibsaa Jireenyaa
Ar-RabbNamni jireenya keessatti gammachuu fi milkaa’inna argachuuf wantoota sadii beeku qaba: 1ffaa-wanta gammachuu fi milkaa’inna isaaf argamsiisu beeku. 2ffaa-Karaa wanta sanitti nama geessu beeku, 3ffaa-Karaa kana keessa deemudha.[1] Wanti hundarra guddaan…
Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan haala pdf'tiin https://sammubani.files.wordpress.com/2019/12/amaloota-gabroota-ar-rahmaan.pdf
Khaatimaa (xumura) Badaa nama na argaaf hojjatuu!
Mansuur İbn Ammaar (rahimahullahu) ni jedha: hiriyyaa nafsee ofii irratti daangaa darbee ergasii tawbate tokko qabaan ture. Ibaadaa baay’ee kan hojjatuu fi halkan kan salaatu ta’ee argaa ture. Guyyaa tokko ani isa dhabe. “Inni dhukkubsate jira” nan jedhan.
Anis gara mana isaa dhufe. Intalli isaas natti gadi baatee akkana jette: Eenyuun barbaaddaa?” Anis, “Ebaluun” jedheen. Ishiinis akka mana seenu naaf hayyamte. Anis itti seenee walakkaa manaa keessatti isa arge. Firaasha isaatirra ciisa. Fuulli isaa gurraachate, ijji isaa bulee taate, hidhiin isaa shaakkaroofte. Anis isarraa kan sodaadhu ta’ee akkana isaan jedhe: Yaa obboleessa koo! Laa ilaah illallah jechuu baay’isi.” Innis ija isaa banee gara kiyya ilaale. ni gaggabe. Anis yeroo lammataaf, “Yaa obboleessa koo! Laa ilaah illallah jechuu baay’isi.” Jedheen. Yeroo sadaffas ni jedheen. Ergasii ija isaa lamaan banee akkana jedhe: Yaa obboleessa kiyya Mansuur! Anaa fi jecha tana jidduu dhoowwaan seenee jira. (Jecha tana jechuu hin danda’u.)” Anis, “Laa hawla walaa quwwata illa billahil aliyyul aziim.”
Ergasii, “Yaa obboleessoo! Salaanni, soomni, tahajjunni, halkan dhaabbachuun suni eessa jiruu?” jedheen.
Innis ni jedhe: Suni Rabbiin ala kan biraatiif ture. Tawbaan kiyya kijiba ture. Kan ani san hojjachaa tureef akka waa’een kiyya dubbatamuu fi itti yaadatamuufi. Namoota agarsiifachuuf san hojjachaa ture. Yommuu kophaa kiyya ta’uu, balbala cufee fi maggaarajjaa gadi buusee khamrii (dhugaati nama macheessu) dhuga. Gooftaa kiyya nan faallesse. Haala kana irra yeroo murtaa’ef ni ture. Ergasii dhibeen na tuqe. caafi badii irra gahe.” (Kanaafu, hojii gaggaarii hojjachuu waliin niyyaa qulqulleessuun garmalee barbaachisaadha.)
Mawsuu’atu akhlaaqi wa zuhdi wa raqaa’iq-1/14-15, Yaasir Abdurahmaan

Nuu fi Du’a:
Ilaalcha du’aaf qabnu irratti hundaa’e nuti ilmaan namaa gosa afur:
Gosti tokkoffaan gosa yaada gowwaa walaleessa akkana jedhuu deeggaraniidha:
“Wanti darbe dhumatee, wanti abdatamu hin mul’atu,
Siif sa’aati amma keessa jirtutu jira.”
Wanta darbetti hin yaadu, wanta dhufuufis hin qophaa’u. Kaleessa akka badetti, boru akka hin dhufnetti yaada. Ni jedha: “Wanti darbe dhumatee” Lakki, Rabbiin kakadhe! Hin dhumanne. Garuu gaarii fi badaan isaa kitaaba xiqqaas guddaas galmeessu malee hin dhiisne keessatti nutti hidhame jira. “wanti abdatamu hin mul’atu” Garuu kuni miira namaa irraa dhokatee malee nafsee keessa ni jira, Rabbiin biratti ni argama. Ni dhufa shakkii hin qabu. Gosti kuni gosoota sadan caala badaadha. Inni kuni du’a hin yaadatu, ittis hin xinxallu.
Gosti lammaffaan namoota du’aa yaadataniidha. Garuu akka yaadannoo walaleessaa Faaris Umar Khayyam namoonni soba isaatiin qoramaniiti. Ni jedha: Duuti haqa shakkiin keessa hin jirre, jireenyi gabaabdu turtii hin qabne erga taate, jaalalaan haa guunnu. Wanta jibbamaa fi laalaa irratti tan uumamte erga taatee, gara wayni haa dheessinu, umrii keenya walaloo keessatti haa dabarsinuu… [Akkuma walaleessaan sobaa kuni jedhu, namoonni gosa kanaa du’a haa yaadatanii malee umrii isaanii wanta faaydi hin qabne irratti fixu.]
Gosti sadaffaan immoo namoota du’a wanta uumamaan deddeebi’u fi taatee bu’aa hin qabneetti ilaalaniidha. Walaleessaan Arabaa Abul Ataahiyyah jedhamu waa’ee du’aa walaleessuun kan beekkameedha. Garuu du’aan booda wanta ta’uu hin dubbanne. Akka waan namoota, “Duuti qabrii keessatti hirriba dheeraa malee homaayyu miti.” jedhaniin wali galuuti.
Gosti afraffaan warra haqa hordofan duuti dhuma osoo hin ta’in jalqaba akka taate beekaniidha. Hirribaa miti, kana irra hirriba keessaa dammaquudha. “Namoonni kan rafaniidha, yommuu du’an ni dammaqu.” Du’a duuba jireenyi garmalee dheeraa dhuma hin qabne akka jiru ni beekan. Takkaa qananii turaa takkaa immoo adabbii laalessatu keessa jira. Kuni gosa afraffaati. Gosa mu’mintoota qajeelfamaniidha.
Jireenya Du’aan Boodaa:
Tuni (Jireenyi Aakhirah) jireenya dhugaati. Namni ilaalchi isaa gabaabbate, ishii hin argu. Namni dadhabbinna aqliitiin (sammuutin) qoramus, waa’ee jireenya tanaa ilaalchise wanta dubbatamu hin dhugoomsu. Namni argituu ilaaltu fi sammuu hubattu qabu, jireenyi namaa marsaalee akka qabdu ni arga. Dhugumatti gaafa tokko ofirratti maramee garaa haadha isaa keessa ture. Mar’imaa ishii jidduu jiraate. Osoo gaafa san itti yaade, garaa haadhaa jireenya akka ta’etti yaadaa ture. Ishitti maxxanee dirqamaan malee keessaa hin bahu ture. Osoo kan dubbatu ta’e, garaa haadhaa keessaa bahuun du’aa fi boolloo gadi fagootti awwaalamu akka ta’etti yaadaa ture. Garaa keessaa bahuun dhalachuu fi gara addunyaa bal’aatti darbuu ta’ee osoo jiru, [akka du’aatti yaadaa ture.] Wanti nuti akka du’aa fi addunyaa tana keessaa bahuutti ilaallu, dhugumatti suni dhalachuu fi gara addunyaa daran bal’aa ta’etti ce’uudha. Gara addunyaa barzakhaatti ce’uudha. Barzakhni wanta addunyaa badduu tanaa fi jireenyaa Aakhiraa turtu jidduu jiruudha. (Barzakhaan booda Aakhiraan jazaa guutuu itti argatan ni dhufti.)
Madda: Hiika Wali-galaa Amanti Islaamaa-fuula 110-111

Forwarded from Ibsaa Dhugaa
📚 GORSA HADIISA KEESSA DHUFE. 📚
➡ Nama 3 Kan Rabbiin hin dubbifne
kamfaa dha?
1.Nama huccuu lafarra harkisu
2. Nama kakuu kijibaatiin horii heddummeeffatu.
3. Nama waan kennate deebi’ee himatu.
➡ . Waa lama tan yoon rabbiif jecha of
qaban rabbiin Jannata namaa kennu maal
faa dha?
1. Arrabaa fi
2. Qaama saalaa.
➡ Maali haalli lama kan Mu’uumina keessatti walitti hin qabamne?
1. Dooynummaa (qorqodina)
2. Haala hammaachuu
➡ . Saalaanni yoon nama dabre akka nama
warra ofii dhabee tahan salaata kami?
Salaata Asrii
➡ . Irra caaltuun Sadaqaa tami?
Xiqqoo qabdurraa kennachuu.
➡ Waa sadii tan nama dhoorgachuun hin
taane tami?
1. Bishaan,
2. Citaa fi
3. Ibidda.
➡ Namni soomanu yeroo meeqa
gammada je’ee Rassuulli (SAW)?
Yeroo 2. Isaanis:
1. Yeroo furuu fi
2. Yeroo rabbi isaa qunnamu.
➡ Guyyaa kam yoon soomanan diliin
amata lamaa namarraa buuti je’ee
Rassuulli (SAW)?
Guyyaa Arafaa.
➡ Guyyaa kam yoon soomanan diliin
amata tokkoo namarraa buuti je’ee
Rassuulli (SAW)?
Guyyaa Ashuuraa.
➡ . Masjiida kami kan yoon keessa
salaatan akka nama Umraa godhee tahan?
Masjiidul Quba’a.
➡ Yeroon lama tan hulaan samii banamtu tan du’aa’iin qeebalamtu tami?
1. Azaanaa fi Iqaamaa jidduu
2. Saffii qabsoo keessatti.
➡ Wanni rabbiin namaa hin araaramne
maali?
Haqa namaa.
➡ Namni Rassuulatti (SAW) guyyaa
Qiyaamaa akkaan itti aanu nama kami?
Nama akkaan salaata heddummeessu.
➡ Irra gaariin addunyaa tanaa maali
ja’an Rassuulli (SAW)?
Jaartii gaarii.
➡ . Irra hedduun warra Jannataa warra
kami?
Miskiina
➡ Irra heedduun warra Azaabaa kami?
Dubartii dha.
➡ Rabbiin dura maal uume akka Rassuulli (SAW) je’etti?
Qalama.
➡ Namni nama Khaddamu nama booda
dhuga moo nama dura dhuga?
Nama booda.
➡ Soomanarra erga Ramadaanaati irra
caalaan kami?
Muharram
➡ . Irra caalan salaata kami erga salaata
Waajibaati akka Rassuulli (SAW) je’etti?
Salaata leeylii ti.
➡ Salaanni warra towbaa deddeebi’uu salaata kami?
Salaata Duhaa ti.
➡ Namni yeroo duraatiif khittaannate
eenyu?
Nabiyyullaah Ibraahim
➡ Nabi Ibraahim isaa umrii meeqaa
khittaannate?
Amata 80tti
➡ Nabiyyullah Muhammad (SAW) waa Afur aadaa Jaahilummaati ja’an maal faa dha?
1. Afaaniin nama arrabsuu.
2. Gosaan dhaaddatuu
3. Urjiin rooba barbaaduu.
4. Yeroo namni du’e iyyuu.
➡ . Wanni guyyaa qiyaamaa akkaan
miizaanaa namaaf olkaasa maali?
Haala toluu
➡ Irra caltuun zikrii dhaa maali?
Laa ilaaha illallaah dha
Yaa rabbi kahtima Kenya nuf tolchi yaa
rabbi wora barate wol barsisu nu tasisi
Yero dubbiftee xumurte hiriya ketif sher
gochu hin dagatin

Salaata yoo dhiiste maal dhabdaa?
Salaanni utubaa amantii fi bu'uura jireenyaati. Akkuma beeknu saayinsin bu'uurri jireenya sadii jedha. Isaaniis: nyaata, uffataa fi mana jireenyaati. Bu'uuraa jireenyaatiif kunniin sadan qofti gaha miti. Sababni isaas, ilmi namaa waa lama of keessaa qaba. 1ffaa-qaama mul'atuu, 2ffaan immoo ruuhii ijaan hin mul'anneedha. Jireenyi namaa qaamaa fi ruuhi kan of keessatti hammatteedha. Yommuu ruuhin baatu namni jireenya qaba ni jedhamaa? Kanaafu, nyaanni, uffannii fi manni jireenya qaamaatiif bu'uura. Jireenya ruuhitiif hoo maaltu bu'uuraa? Gaafi kanaaf namni hundu deebii barbaada. Sababni isaas, yoo ruuhin bu'uura jireenyaa sirrii argattee namni tasgabbii argata. Kanaafu, ruuhiif wanti bu'uura ta'e zikrii Rabbiiti. Salaanni zikrii waan ta'eef bu'uura jireenyaati. Yoo salaanni hin jiraatin namni tasgabbii hin argatu. Akkuma qaamni isaa nyaataa fi dhugaatitti hajamu, ruuhin isaas zikriitti hajamti. Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa tasgabbii ruuhi zikrii keessa kaa'e. Kanaafu, wanti guddaan namni salaata dhiise dhabu tasgabbiidha. Kanarraa kan ka'e, jireenya dhiphinnaa fi jeequmsaan guuttamte jiraata. Warri salaata sirnaan salaatan immoo jireenya tasgabbii jiraatu. Namni salaata dhiise wanta isa jala darbeef garmalee gadda, ni gaabba, wanta dhufuuf immoo garmalee sodaata, ni dhiphata. Qur'aana keessatti:
“Namni zikrii Kiyya irraa garagale- dhugumatti jireenya dhiphoo ta’etu isaaf jira. Guyyaa Qiyaamaas jaamaa goonee isa Kaafna” Suuratu Xaahaa 20:124
Namni salaata sirnaan salaatu immoo wanta isa jala darbeef garmalee hin gaddu, hin gaabbu, wanta dhufuufis hin sodaatu, hin dhiphatu. Qur'aana keessatti:
“Dhugumatti, warri amananii, hojii gaggaarii hojjatanii, salaata sirreessanii salaatanii fi zakaas kennan, mindaan isaanii Gooftaa isaanii biraa isaaniif jira. Sodaan isaan irra hin jiru, isaan hin gaddanis.” Suuratu Al-Baqarah 2:277

Yommuu jireenyi namatti dukkanooftu
Dhugumatti yeroo garii yommuu maallaqa dhabdu ykn namni jaallattu si jalaa du'uu ykn sirraa addaan bahu, keessi kee ni jeeqama. Fuundura keetti dukkana malee homaa hin argitu. Asis achis yommuu ilaaltu dukkanni gara hundaan kan si marseedha. Yeroo kanatti abdii kutuu fi miironni babbadoon biroo sitti dhagahamu danda'u. Mee dukkana akkanaa kana keessa teette akkamitti xiyya ifa abdii arguu dandeesaaa?
1ffaa- Gara hojii gaariitti ariifachuu- dukkanni yommuu nama marsuu harka maratanii taa'uu irra wanta dukkanaa fi jeequmsa namarraa oofu hojjachuun karaa abdii ittiin argataniidha. Hojii gaggaarii hojjachuun jeequmsaa fi miira badaa bittineessuun tasgabbii namatti naqa. Fakkeenyaf, nama rakkataa humnaan ykn maallaqaan ykn beekumsaan gargaaruun rakkoo keessa jiran namaaf laaffisa. Salaata sirnaan salaatun jeequmsa namarraa hir'isa. Yommuu ummanni rafuu halkanin dhaabbatanii salaatun guyyaa tasgabbiin akka oolan nama taasisa.
2ffaa-Qormaata keessa yommuu ta'an wanta namarraa barbaadamu yaadachuu- yeroo rakkoon namatti cimtu wanti namarraa barbaadamu "obsa". Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa ni jedha:
“Dhugumatti sodaa fi beela irraa wanta tokkoon, akkasumas qabeenya, lubbuu fi fuduraale irraa hir’isuun isin qorra (mokkorra). Warra obsan gammachiisi. Isaan yeroo balaan isaan tuqe, “Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha.” Jedhaniidha. Isaan warra faaruu fi rahmanni Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudha. Warri suni isaanumatu qajeelfamoodha. ” Suuratu Al-Baqarah 2:155-157
As keessatti akka namoota qoru erga dubbate booda, "warra obsan gammachiisi" jechuun qormaata irraa wanti barbaadamu "obsa" akka ta'e dubbate. Itti aanse yommuu balaan warra obsan kanniinitti buutu maal akka jedhan ni dubbate. "Innaa lillahi wa innaa ileyh raaji'uun (Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, garuma Isaa deebinaas)" jedhu. Dhumarratti mindaa isaanii ni ibse.
Kuni kan agarsiisu namni mindaa guddaa abdachuun balaa ykn rakkoo isa qunnameef obsuu akka qabuudha

Yommuu Rakkoon addunyaa tanaa sitti cimuu waa lama yaadadhu:
1ffaa- Addunyaan tuni iddoo qormaata ta'uu
2ffaa- Namni yeroo rakkoo obse waan gaarii akka argatu yaadadhu
Dhugumatti, Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa addunyaa tana keessatti nama hunda akka qoru beeksise jira: "Isin qormaatuuf hamtuu fi gaariin isin mokkorra. Garuma Keenyatti deebifamtu.” Suuratu Al-Anbiyaa 21:35
Namni hamtuu (waan badaa) qofaan kan qoramu osoo hin ta'in waan gaariinis ni qorama. Waan gaariin yommuu qoramu wanti isarraa eeggamu, Gooftaa isaatiif galata galchuu (shukrii)dha. Waan badaan yommuu qoramu immoo obsatu isarraa eeggama. Kanaafu,yommuu rakkoon sitti buutu, "Wanti narraa eeggamu obsa" jechuun yoo obsite, gara fuunduraatti waan bareedaa fi badhaasa guddaatu si eeggata. Mee ilaali, namoota rakkoo cimaa keessatti obsanii milkaa'an.
like: fb.com/jireenyabadhaatu

Kitaaba kana “Mana kitaaba Al-Tawba” Masjiida Anawaar biratti argamuu keessatti ni argattu. Gara masjiida Anawaar seenuuf yommuu taatan gara mirgaatti yommuu mil’attan mana kitaaba At-Tawba (“አል-ተውባ መጽሐፍ መደብር-Al-Tewba Bookstore” jedhu ni argitu. Namni gara Finfinnee dhufu hin dandeenye warra kitaaba gurguranitti kitaaba kana agarsiisuun akka isaaf fidan gochuu danda’a.
Forwarded from Deleted Account
YouTube
Islaamummaan Kanaa?!
Kun Sagantaa Da'iwaa Afaan Oromootiin Darbuu dha!
Assalamu aleykum warahmatullahi wabarakaatuh. Facebookin waan cufameef karaa kanaan In sha Allah ergaa walii dabarsina. Rakkoo barruulee haala salphaan websaayiti www.sammubani.com irraa buufachuu kunoo amma furmaata argatee. Barruu jalatti bakka gurraacha PDF agarsiisuu tuquun buufachuu dandeessu.
Adabbiin Zanbii irraa hin tawbannee ni tursiifamaa malee akkanumatti hin hafu:
Jecha Imaamu ibn Al-Qayyim keessa koo tuqee keessaa: "Dhimma zanbii (badii) ilaalchisee tuqaa garmalee ijoo namoonni itti dogongorantu jira. Sunis, miidhaa badiin namarraan gahuu ammatti arguu dhabuudha. Miidhaan zanbii tursiifamee dagatamuu danda'a. Namnis haalli kuni hin jijjiramu jedhee yaada. (Yoo ammatti adabbiin zanbii hin dhufin, kana booda hin dhufu jedhee yaaduun badii hojjachuu itti fufa.)
Rabbiin qulqullaa'e! Namoota meeqa tuqaan ijoon tuni balleessitee? Qananii meeqa dhabamsiiftee, adabbii meeqa fiddee. Wallaaltota dhiisitii, beektotaa fi namoota sadarkaa qaban meeqatu tuqaa ijoo tanaan gowwoomee! namni gowwoome kuni kana hin beeku; akkuma summiin dhangala'u, osoo tureellee zanbiinis ni dhangalaa'a (adabbiin isaa namatti rooba). Akkuma madaan uffataan maramee yommuu uffanni irraa hiikamu dhiigni dhangala'u, [yoo hin tawbatin adabbiin badiis akkasuma namatti dhangala'a].
Imaamu Ahmad Abu Dardaa'a irraa akkana jechuun gabaase: Akka waan Isa argitaniitti Rabbiin gabbaraa; warra du'an keessaa of lakkaa'aa. Kana beekaa: wanta baay'ee isin ko'oomsu irra wanta xiqqaa isin quubsutu caala. Ammas kana beekaa: toltuun hin baddu, badiin (zanbiin) hin dagatamtu."
-Jawaabul Kaafi Liman sa'ala ani dawaa'i shaafi-fuula 70, Mana Maxxansa Daar Al-Arqam
(Dhugumatti, namoonni baay'een adabbii badii hojjatanii ammatti waan hin argineef, "Gonkumaa hin adabamnu" jedhanii yaadun badii isaanii itti fufu. Ergasii, guyyaa tokko osoo hin beekin qabaa cimaa qabamu. Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa nama badii hojjatee tawbachuu dide ni tursiisaa malee akkanumatti hin dhiisu. Qur'aana keessatti: “Rabbiin waan miidhaa hojjattoonni (zaalimonni) raawwatan quba kan hin qabne ta'uu hin yaadin. Kan Rabbiin isaan tursiisuuf Guyyaa isa keessa ijji sodaadhan bobaastudha.” Suuratu Ibraahim 14:42
Kanaafu, badii (zanbii) irraa of haa eegnu. Yoo itti kufne dafnee haa tawbannu. Adabbiin waan tureef gowwoomu hin qabnu. Akkuma Rabbiin olta'aan jedhe: “Adabbiin isinitti dhufuun dura gara Gooftaa keessanii deebi’aa, Isaafis harka kennaa. Sana booda hin tumsamtanu.” Suuratu Az-Zumar 39:54
“Sana booda hin tumsamtanu.” Kana jechuun osoo isin hin tawbatin (gara Rabbii hin deebi’inii fi Isaaf hin ajajamiin) adabbiin yoo isinitti dhufe, kan isin gargaaru fi adabbii kana irraa isin baraaru hin jiru.

Dharraa addunyaatiif Daangaa Kaa'uu
Wanti nama macheessu araqee qofa osoo hin ta'in addunyaanis nama macheessiti. Dhugumatti, namni yommuu addunyaa tana garmalee jaallatu ni machaa'a. Kana hubachuuf, yommuu qabeenya baay'ee argatu wanta ta'u ilaali. Yommuu dhabuus wanta isarraa mul'atu ilaali. Yommuu qabeenya argatu, gammachuun machaa'u irraa kan ka'e wanta namni araqeen macha'e hojjatu hojjata. Of wallaala. Rabbii isaa dagata. Tolee, nu hunduu karaa adda addaatin addunyaadhaan ni machoofna. Tarii nama Rabbiin rahmata godheefi iimaanan isa qananiise machiin kuni yeroo gabaabaaf isarra tura. Nama iimaana hin qabne immoo jireenya guutuu isarra tura. Hayyee kaa, addunyaan machoofne osoo gaflaa keessa teenyu yoo duuti nutti dhufte, yeroo san of beekne dammaqna. Erga dammaqne booda wanta nu jala darbee fi kasaaraa keenya ni hubanna. Kanaafu, addunyaan machoofne akka hin kasaarre maal gochuu qabnaa?
1-Yeroo qoqqoodu fi karoorsu- Islaamni addunyaafis Aakhiraafis akka hojjatan ajaja. Qur'aana keessatti: “Wanta Rabbiin siif kenne keessatti ganda Aakhirah ittiin barbaadadhu. Addunyaa irraayis qooda kee hin dagatin. Akkuma Rabbiin tola sitti oole, atis tola ooli.” Suuratu Al-Qasas 28:77
Dhugumatti, kuni ajaja madaalawaa ta'eedha. Namni addunyaa qofatti yoo cite, kasaaraa guddaa kasaara. Addunyaaf hojjachuu dhiisee Aakhiraa qofattis yoo cite, kadhattu ta'a, harka namaa kajeela. Yaanni isaa ni bittinaa'a. Addunyaan geejjiba yaabbatanii Aakhiraa ittiin gahan waan taateef, geejjiba tana yoo dhabe osoo gahuumsa hin gahin karaatti hafuu danda'a. Kanaafu, yeroo addunyaaf hojjatanii fi Aakhiraaf itti hojjatan qoqqoodu fi karoorsun baay'ee barbaachisaadha. Kanaafi, saalihonni guyyaa hojjatata oolu, halkan salaataa bulu. Akkasumas, yeroo guyyaa hojiin ykn daldalli isaanii salaata irraa isaan hin ko'oomsu. Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa akkana jechuun isaan faarse:
“Dhiirota daldallis ta’e gurgurtaan yaadannoo (zikrii) Rabbii irraa, salaata sirnaan salaatu fi zakaa kennuu irraa isaan hin dagneetu (hin garagalchinetu) [masjiidota keessatti Rabbiin faarsa, qulqulleessa]. Isaan Guyyaa isa keessa onnee fi ijji itti gara gaggaltuu sodaatu.” Suuratu An-Nuur 24:37
2-Haqiiqaa addunyaa beeku-addunyaan wanta namni ittiin qoramuudha. Kanaafu, wanti sammuu namaa hatuu fi macheessu kuni qormaata akka ta'ee beekun of too'achuu barbaachisa. Addunyaan qormaata akka taate beekuf, namoota kaleessa dureessa turanii har'a hiyyoomatan mee ilaali. Kaleessa bu'aa buufatanii har'a kasaaran. Yeroo qormaata barataan yeroo garii qabxii gaarii galmeessa, yeroo garii immoo qabxii gaarii dhaba, inumaa zeero argata. Kuni qormaataa miti ree? Addunyaanis akkanuma. Kanaafu, addunyaan qormaata akka taate yaadachuun ishiin sobamu hin qabnu. Akkanatti yaadu dandeenya: Akkuma barataan qormaata kan qoramuuf mindaa ykn qabeenya gaarii argatee jireenya gaarii jiraachuuf ta'ee, nutis addunyaa tana kan barbaannu Aakhiratti mindaa (ajrii) gaarii argannee jireenya qananii jiraachuufi. Namni iimaana qabu addunyaas yoo qabaate, wanta Aakhiratti mindaa gaarii ittiin argatu hojjataa miti ree? Fkn, kaayyoon ykn gahuumsi isaa Aakhirah yoo ta'e, addunyaa tana kan barbaaduuf ibaada irratti humna dabalachuuf, masjiida ijaaruuf, hawaasa Muslima tajaajiluu fi kkf dha. Kanarra darbee addunyaan kaayyoo keenya ol'aanaa ta'uu hin qabdu.

Adabbii zanbii keessaa tokko, zanbiin (cubbuun ykn diliin) adeemsa qalbiin gara Rabbii fi ganda Aakhiraatti taasistu dadhabsiisa ykn ni gufaachiisa ykn adeemsa irraa addaan kuta. Tarkaanfi tokko gara Rabbii akka hin tarkaanfanne taasisa. Zanbiin nama gahuumsa gahee haguuga, nama adeemsa irra jiru imala irraa addaan kuta, nama deemuuf barbaadu duubatti deebisa. Qalbiin gara Rabbii kan deemtu humna ishiitiin. Yoo zanbiidhaan dhukkubsatte humni ishii sochoosu kuni ni dadhaba. Humni kuni guutumatti yoo bade, namni Rabbiin irraa ni cita (ni fagaata).
Zanbiin takkaa qalbii ajjeesa, takkaa ni dhukkubsa, takkaa immoo humna ishii dadhabsiisa. Hanga dadhabsiisuun kuni wantoota saddeettan Nabiyyiin (SAW) irraa maganfatanitti geessutti itti fufa. Wantoonni saddeettan kunniin: dhiphinna, gadda, dadhabinna, ceem'u, dabeessummaa, doy'ummaa, ba'aa liqaa fi dhiirotaan moo'atamu.
Nabiyyin (SAW) akkana jedhan:
اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنَ الْهَمِّ وَالْحَزَنِ، وَالْعَجْزِ وَالْكَسَلِ، وَالْجُبْنِ وَالْبُخْلِ، وَضَلَعِ الدَّيْنِ، وَغَلَبَةِ الرِّجَالِ
"Yaa Rabbii! dhiphinnaa fi gadda, dadhabbinnaa fi ceem'uu, dabeessummaa fi doy'ummaa, ba'aa liqaa fi dhiirotaan moo'atamu irraa Siin eeggama." Sahih al-Bukhaari 6369
Kanneen armaan oli lama lama ta'uun walitti kan hidhamaniidha.
Dhiphinnaa fi gaddi kan walitti hidhamaniidha. Dhimmi jibbamaan gara fuunduraatti dhufu qalbii irratti bu'u dhiphinna uuma. (Namni wanta badaa narratti bu'a jedhe sodaatuuf ni dhiphata). Dhimmi kuni kan darbe yoo ta'e immoo gadda uuma. (Namni wanta isa jala darbeef ykn wanta badaa yeroo darbe isa qunnameef ni gadda.)
Dadhabinnaa fi ceem'uun walitti kan hidhamaniidha. Namni dandeetti waan dhabeef sababoota kheeyri fi milkaa'innaa irraa yoo duubatti hafe, suni dadhabinna. Fedhii waan hin qabneef yoo kheyri fi milkaa'inna irraa duubatti harkifate suni ceem'udha.
Dabeessummaa fi doy'ummaan kan walitti hidhamaniidha. Sababa qaama isaatiin faaydan yoo isarraa argamu baate suni dabeessummaadha, yoo qabeenya isaatiin ta'e immoo doy'ummaadha.
Ulfaatinni liqaa fi dhiironni nama moo'achuun walitti kan hidhamaniidha. Haqaan namni biraa ol'aantummaa yoo namarratti argate, suni liqaadha, haqa malee yoo ta'e immoo suni dhiironni nama moo'achuudha.
Gabaabumatti, zanbiin sababa guddaa wantooota saddeettan kanniin namatti fiduudha.
Madda:Jawaabul kaafi-fuula 92-93 Imaamu Ibn Al-Qayyim
Kanaafu, yeroo hundaa kan gaddinuu fi dhiphannu, dadhabinni kan nutti dhagahamu fi ceem'inuu yoo taane, kuni miidhaa zanbii (cubbuu) akka ta'e beekun, tawbaa fi istighfaara haa baay'isnu.